Oduu Ammee/Breaking News
(Sagalee Bilisummaa Oromoo - Caamsaa 23,2015)
Waraanni Mootummaa Wayyaanee Sadarkaa Tokkoffaatti Akka Qophaa’u Ajajame. Humna Qilleensaafis Ajaji Fakkaataan Laatame.
Wayta filannoon fakkeessii fi kijibaa wayyaanee geggeeffamuuf guyyaan tokko qofti hafee jiru kanatti, mootummaan wayyaanee fincillii fi diddaan ummataa na irratti ka’uu danda’a kan jedhuun sodaa hamaan liqimfamee jiraachuun isaa wayta mirkanaa’u, yaaddooma kana irraa ka’uudhaan waraana kaaba biyyattii jiru dabalatee humni ittisa wayyaanee hundi sadarkaa tokkoffaatti qophaa’ee ajaja akka eeggatu qajeelfamni darbeefii jiraachuun hubatameera.
Waraana qofas osoo hin taane, humni qilleensaa biyyattii qophiin akka taa’uu qabu ajaji fakkaataan darbeefii jiraachuun gabaafameera.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee guyyaa tokkoof illee deggersaa fi tumsa ummatootaa hin qabaannee fi humna afaan qawween aangoo irra jiraataa jiru, filannoo kanaan walqabatee fincillii fi diddaan ummatootaa, addatti fincilli ummata Oromoo Oromiyaa keessatti na irratti dhohuu danda’a kan jedhuun humna waraanaan dhaamsuuf murteeffachuu isaa ajaja “Qophaa’ii Argami!” jedhu waraana isaa walii galaaf dabarsee jiru kanuma kan mul’isu akka ta’e ibsameera.

Diddaan ykn fincilli ummataa kun yo dhohe humni qilleensaa waraana gargaaruun ummata meesha-maleeyyii irra naanna’uun akka sodaachisuuf qajeelfamni kan darbee jiru ta’uunis bira gahameera.
Mootummichi akka mootummaatti yeroo ammaa kana keessatti sodaa fincila ummataan haalaan muddamsuu seenee jiraachuu isaa kan mirkaneessan maddeen keenya, xiqqaa fi guddaa osoo adda hin baasin ilmaan Oromoo ukkaamsee manneen hidhaa hin beekamnetti naqaa jiraachuun isaa kanuma dhugoomsa jedhaniiru.
Kana malees wayta ammaa kanatti guutummaa Oromiyaa keessatti waraanni, poolisootnii fi tikootni sirna abbaa irree wayyaanee heddumminaan bobbaafamanii jiran kanniisa hin filattan taanaan ni hidhamtu, ni ajjeefamtu, jechuun ummata doorsisuu, hidhuu fi sodaachisuu hojii duraa godhatanii itti bobba’anii akka jiran mirkanaa’eera.
Muddamsi siyaasaa Oromiyaa keessaa mul’atu sadarkaa olaanaatti tarkaanfatuu kan hubachiisan maddeen, filannichi kan hin abdatamne, ummatni mirga isaa kabajsiifachuuf socho’uun dandii filmaata biraa hin qabne akka ta’e addeessu.
No comments:
Post a Comment