Gootichi WBO Tarkaanfilee Diina Irratti Fudhatu Jabeessee Itti Fufuun, Godinoota Harargee fi Baalee Keessatti Loltoota Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhatee30 Ol Ta’an Hojiin Ala Godhe.n Kanneen
Abdii fi Gaachanni ummata Oromoo WBOn, Godina Bahaa keessa sossohu, akkasumas Godina Baalee keessattis waraana wayyaanee maqaa sakattaa jedhuun bakkoota gara garaatti bobba’uun ummata goolaa fi saamaa ture irratti tarkaanfilee adda addaa fudhateen 12 ajjeesee, 28 ol madoo taasisuu oduun tarkaanfii waraanaa Ajajoota WBO Godinoota kanneenii waabeffachuun SBO dhaqqabe addeessee jira.
Haaluma kanaan Caamsaa 02,2015 WBOn Godina Baalee Ona Beeltoo bakka araddaa Gaara-Jaarsaa jedhamutti waraana wayyaanee kan WBO sakatta’uuf bobba’ee fi ummata nagaa goolaa ture irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen 5 ajjeesee 7 ol madeessuu oduun tarkaanfii waraanaa SBO dhaqqabe hubachiisee jira. Tarkaanfii kanaan qabeenyi adda addaa diina irraa kan fudhatame ta’uunis ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun WBOn Godina Bahaa Caamsaa 05,2015 Baha Harargee naannoo Mayyuu-Muluqqee keessaa bakka Gaara-Walloo bira iddoo Gobeentii jedhamutti loltoota wayyaanee hojii gooltummaaf bobbaa irra turanitti haxii hidhuudhaan haleelee 7 yeroo irraa ajjeesu, 11n ol ammoo madoo taasisuu fi qabeenya gara garaas diina irraa dhuunfatuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksisee jira. Waraanni wayyaanee haleelame kun baqaan kan dheesse oggaa ta’u, ummata duratti qaanii akka haguggates ibsameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Godina Dhiha Oromiyaa Caamsaa 05,2015 naannoo Dambi Doolloo ganda Meexxii jedhamu keessatti lukkeelee, hidhattootaa fi poolisoota sirna wayyaanee ummata goolaa turan irratti tarkaanfii fudhateen garii isaanii to’atnaa jala oolchuu gabaasuun keenya kan yaadatamuu dha.
Akkasumas Humni Addaa WBO kan Godina Bahaa Ebla 25 bara 2015 magaalaa Dirree Dhaawaa iddoo Gaggabaa jedhamuttii gaafatamaa dhimma nageenyaa kan Zoonii naannoo sanii ummata goolaa ture Chuuchuu jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen ajjeesuu isaa gabaasneerra.
Hanga Abbaan Biyyummaa Oromoo mirkanaa’uu fi mirgi Oromoo guutuutti kabajamutti WBOn hidhannoo isaa kan hin laaffifne, tarkaanfilee waraana diinaa fi kanneen gufuu QBO ta’an irratti fudhatu jabeessee kan itti fufu ta’uu WBOn mirkaneessuun, ummatni Oromoo kan keessaa fi alaa waan danda’ee fi karaa isaaf maleen WBO karaa hundaan jabeessuuf dirmatnaa isaa jabeessee akka itti fufu dhaamee jira.
No comments:
Post a Comment