Ijipt namoota ja’a du’aan adabde
Ijipt namoota mokonninoota waraanaakoo lama ajjeesaniiru jette 6 kaleessa du’aan adabde.
Namoonni ja’an kunniin miseensota Ansaar Albeeyitii Almaaqdiisii wayita ammaa Isteetii Islaamikiitti makameeti jedhameera.
Namoonni kunniin balaa Gammoojjii Siinaaytti poolisoota biyyattii irratti irra deddeebi’amee qaqqabsiifame keessatis hirmaatota akka turan himameera.
Bakki kun Mohaammad Mursiin aangoorraa erga bu’anii booda hojjattoota nageenyaa Ijipt irratti dhiibbaa guddaa bakka uumame yammuu ta’u, ji’ootaan dura loltoonni biyyattii hedduun kutaa biyyattii kanatti ajjeeffamaniiru.
Namoonni ja’an kunneen du’aan kan adabamanis borumtaa Pireezdaantii biyyattii Duraanii Mohaammad Mursiirratti adabbiin du’aa murtaa’etti.
Madda: BBC
No comments:
Post a Comment