Gamtichi seera dhimma baqattootaa irratti mari’achuuf akka jiru himame
Finfinnee Caamsaa 03,2007(FBC) Gamtaan Awurooppaa wixinee seeraa haarawaa baqattoonni haala danaga’een ardittii keessa akka jiraataniif hayyamu irratti mari’achuufi.
Seerri baatii waxabajjii dhufurra komishinichaaf dhiyaatu kun biyyaaleen miseensi gamtichaa yoo deeggaraniin baayi’na ummataa qabaniin milkaa’ina diinagdeefi lakkoofsa baqattoota simatanii ka’uumsa taasisuun akka simataniif kan taasisudha jedhameera.
Wixineen seeraa kun adeemsa seera qabeessa uumuun baqattoota seeraan alaa karaa Meeditiraaniin gara Awurooppaa galan dhaabuuf gargaaras jedhameera.
Waggaa darbe qofa gaaffii koolu galtummaa baqattoota kuma 200 ga’anii kan fudhatte Jarman seerri haarawaan hatattaamaan hojiirra akka ooluuf eejjennooshee ifoomsitee jirti.
Biriitaaniyaan garuu labsii wixinee kana deeggaruuraa akka of qusatte himameera.
Gabaasi dhaabbata mootummoota gamtoomanii waggaa kana qofa baqattoonni kuma 60 ga’an galaan ce’anii gara Awurooppaa galuuf akka yaalan ifoomseera.BBCtu gabaase.
No comments:
Post a Comment