Ameerikaan Nama hoggantoota shoroorkeessitootaa eereef Doolaara Ameerikaa miliyoona 20 nan badhaasa jette
Ameerikaan hooggantoota garee shoroorkeessaa IS arfaan Nama eereef Doolaara Ameerikaa miliyoona 20 akka kennitu himte.
Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Joon Keeriin akka ifoomsanitti washingitan hooggantoota garee shoroorkeessaa IS kan ta’an Abuu Mahaammad Al Adinaaniifi miiltootasaa sadeen Nama eereef maallaqni kun ni kaffalama.
Ameerikaan kanaan duras hoogganaa garee IS Abuubakar Albaagidaadii du’aafi jireenya jidduu jiru Nama eereef Doolaara miliyoona kennuuf akka ifoomsite ni yaadatama.
Biyyattiin bara 2011 Osaamaa Biinlaadan erga ajjeeffamee booda hoogganaa ta’uun kan muudame Ayimaan Alzawaarii Nama eereef badhaasa Doolaara Ameerikaa miliyoona 25 akka kennite ni beekama.
Aljaziiraan gabaasasaatiin Namoonni kun gocha suukaneessaa gareen shoroorkeessaan raawwachaa jiruuf itti gaafatmtootadha jedheera.
Duulli farra garee IS hooggansa Waashingtaniin adeemsifamaa jiru qabiyyeewwan garee kanaa Sooriyaafi Iraaq jiran irrati haleellaa raawwachaa jirti.
No comments:
Post a Comment