Kaayyoon Koo Inni Guddaan Oddeeffannoo kennuufi Wantoota Barnootaaf Ta'aan Maaxansuudha.
Thursday, 21 May 2015
Pirezdantiin ADO/ODF Obbo Leenco Lata fi Obbo Daraaraa Maatii haasaan mootummaa waliin itti turame gara xumuraatti dhihaachuu isaa ibsu
RBO – Radiyoo Bilisummaa Oromoo) – Sagantaa RBO Caamsaa 20 bara 2015 darbe kana keessatti Walghaii Miseensonni KHR ADO/ODF gaggeessanii fi filmaata biyyoolessaa Ethiopia sanabata kana gaggeeffamuuf jiru ilaalchisee gaaffii fi deebii Pirezdantii dhaabichaa Obbo Leenco Lataa waliin gaggeeffame qabatee jirta. Jila ADO/ODF dhiheenya gara Oromiyaatti imalee ture keessaas tokko kan ta’anii fi miseensi KHR fi gaafatamaan Damee beeksisaa dhaabichaa Obbo Daraaraa Maatii ADO/ODF waggaa lama keessatti biyyatti galchuu jechuun maal akka ta’e ibsu. Itti dabalees imala Jila ADO/ODF biyyatti taasifamee tureen wal qabatee olola adda addaa deemaa turee fi jiruufis deebisa kennu. Obbo Leenco Latas, Erga biyya ga’anii deebi’ani booda haasaan ADO/ODF fi Mootummaa amma biyya bulchaa jiru waliin itti fufee jiraachuu isaa fi ji’oota muraasa gidduutti gara biyyaatti akka deebi’uuf jiran ibsu. Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa caqasaa.
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment