Sunday, 17 May 2015

Gareen Shororkeessaa ISIS Baqattoota Fakkaachuun Gara Awurooppaatti Ce'uun Bira Ga'ame.

Miseensoonni garee shoroorkeessaa IS baqattoota seeraan alaatti makamuun Liiibiyaadhaa gara Awurooppaatti ce’aa akka jiran gorsaan mootummaa Liibiyaa beeksisan.
Imala Bidiruudhaan taasifamu irratti Daldaaallonni  baqattoota seeraan alaatti makuudhaan miseensoota garee shoroorkeessaa ISf haala mijeessaa akka jiran gorsaan mootummaa biyyattii Abdulbaasiix Haarn dubbataniiru.
Kanaan duras ta’u qondaaltoonni Xaaliyaaniifi Ijipit hidhattoonni garee IS Bidiruuwwan kanatti fayyadamuu akka danda’an yaaddoo qaban himaa akka turan eerameera.
Haa ta’uutii ogeeyyoonni damee kanaa Is filmaata kanatti fayyadamuu akka hin dandeenye himanii turan jedhameera.
Gorsaan mootummaa Libiyaa garuu Daldaaloota Afrikaa kaabaatti qabaman irraa ragaan kun akka argame  himaniiru.
IS abbootii Bidiruutiif maallaqa ol’aanaa kennuun gochasaanii seeraan alaa akka itti fufaniif jajjabeessaa jiru jedhamuus BBCn gabaaseera.

No comments:

Post a Comment