Monday, 25 May 2015

Barattooti Oromoo Yuniversitii Bulee Horaa,Filannoo Kijibaa Mormuun Kaabinoota Wayyaanee Ari'uun Korojoo Filatnoo Bittinsaan.

Caamsaa/May 25, 2015


 BuleHora2015_3
FDG Yuuniversitiilee keessatti jabaatee itti fufeera.Caamsaa 24,2015  akkuma gabaafame Bulee Horaa irratti sabboontoni Oromoo tarkaanfii hanga qaama mootummaa irratti fudhatuun fincila kaasan haala uummata boonsuun diddaan eegale waraana mootummaa bakka sochoosee korojoo sobaa wayyaanee ibiddaan gubuu fi ciruudhaan ergamtoota wayyaanee mooricha keessaa ariyanii baasan, mufii
guddaadhaan Wayyaaneen humni waraana isaa barattoota irratti dhukaasa akka banuu taasise,halkan edaa mooraan yuuniversitii Bulee Horaa dirre qabsoo taatee bulte, uummata keessaa FDG irratti kan hirmaatan barattoota waliin kan dhaabbatan uummata jiraattota naanno Yuuniversiti irrattis akkasuma dhukaasni baname rasaasni akka bokkaa uummataa fi barataa irrattis roobus keenya dhumiinsi baranuma
bilisummaanis baranuma jechaa dhaadannoo fi kutannoodhaan barattotni Yuuniversitii Bulee Horaa waraana mootummaa dura dhaabbatanii jiru.
Madda Walaabuu yuuniversitii keessattis barattootni kaleessa fincila kaasaniin filannoon isaanii lakkoofsa sagalee malee hafe, korojoon
isaaniis halkan edaa bakkka eegamu jeequmsa barattootni kaasaniin gatii dhabsiisan. Har’a namootni baayeen bakka garagara irraa
qabamanii fe’amaa jiru gara Finfinneetti, shawaa kabaa onoolta garagaraa keessatti halkan edaa mootummaa wayyaanee kana booda aangoo
irratti feenu jechuudhaan uummanni gadi bahee FDG kaasee jira daandiin garagaraas cufamanii jiru, tarkaanfiin hidhattootaa fi milishoota
gandaa irrattis uumataan fuhatamaa jira keessattuu aanaa Kuyyuu, Gabra Gurraachaa fi Sulultaa keessatti hidhattootni uummata waliin
dhaabbatee mirga isaa hin falmanne uummataan tarkaanfiin fudhatamaa jira,kaan hidhatootni uummata waliin dhaabbatanii mootummaa wayyaanee dura dhaabbataa fincila gaaffiin uummata oromoo haa kabajamu, ilannoo kijibaan hin gowomfamnu, bilisummaa barbaanna, gabummaan nugahu, saamamamuun haa dhaabbatu, nu gaheera nugaheera.. jechuudhaan uummata mirga isaa falmachuudhaaf rafee hin bulle, hanga ammaa FDG godina kana keessattis itti fufeetu jira.

No comments:

Post a Comment