Saturday, 23 May 2015

Soba Dhugaan Himuuf Gaazexessitoota 2060 Eeyyama Argataan Midiyaan Waayyaannee.



Filannoo Gabaasuuf Gaazexeessitoonni 2,060 Eeyyama Argataniiru jedhu.

Filannucha gabaasuuf gaazexeessitoonni 2,060 eeyyama argataniiru
Filannoo Waliigalaa Marsaa 5ffaa Dilbata dhufu geggeeffamu gabaasuuf gaazexeessitoonni biyya alaa fi keessaa 2,060 eyyama fudhachuusaanii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.
Eyyamni kan kennameef kanneen keessaa 60 gaazexeessitoota biyya alaa yammuu ta’an, kannneen hafan dhaabbilee sab-quunamtii hawaasaa fi dhuunfaa biyya keessaarraati.
Daayireektarri Sab-quunamtii boordichaa Obbo Damissaw Bantii akka ibsanitti, baajiin boordichaan qophaa’e gaazexeessitoota kanneen hundaaf kennamaa jira.
Gabaasa filannoo kanaarratti gaazexeessitoota biyya alaa dabalatee gaazexeessitoonni miidiyaa dhunfaa fi hawaasummaa biyya keessaa hedduun irratti nihirmaatu.
Kana dura boordichi gabaasa filannuchaa ilaalchisee walitti aansaan leenjii kennuusaa yaadachiisanii, haaluma kanaan hundumtuu naamusa filannoo itti-gabaasanii fi seera biyyatti kabajanii gabaasuu akka qaban hubachiisaniiru.
Danbiin Naamusaa Gabaasa Filannoo Dhaabbilee Sab-quunamtii Lakkofsi 6/2002 akka ajajutti dhaabbanni sab-quunamtii yookaan gaazexeessaan kamiyyuu heera mootummaa fi seerota biyyattii kaan kabajuu qaba.
Gaazexeessaan kamiyyuu gabaasa wal-caalsisuu irraa bilisa ta’e - madaalli eege - dhiheessuu fi kaadhimamtoota dorgoman gidduutti wal komachuu fi wal-himachuun wayita uumamu haala yaada garee lachanuu haammateen dhiheessuun irraa eegama.
Gaazexeessitoonni boordicharraa eyyama argatan itti-gaafatamummaan danbii naamusaa kana kabajanii adeemsa filannuchaa hordofanii odeeffannoo uummata biraan ga’uu irra jira.
Qaama ijaarsa sirna dimookraatawaa kan ta’e adeemsa filannoo keessatti gaazexeessitoonni naamusa ogummaa eeganii gabaasuun itti-gaafatamummaasaanii sirritti ba’achuu akka qaban himamuusaa kan gabaase

No comments:

Post a Comment