Monday, 4 May 2015

Sirni wayyaanee qaanii hin beekne, har’as jijjiramuu jireenya uummataa irra, teesuma waajira isaa tolfataa jira.

Sirni mootummaa wayyaanee guyyaa aangootti ol dhufe irraa jijjiramuu jireenya uummataaf xiyyeeffannaa kennuu irra, jireenya qondaaltotaa jijjiruu fi teesuma waajira isaa tolfatuu irratti kan xiyyeeffate har’as uummanni Oromoo bakkoota garaagaraatti rakkoowwan ibsaa, bishaan, karaa fi manni jireenya isaa itti jijjigee otoo jiruu, qondaalonni wayyaanee addatti OPDOn uummata Oromoof dhaabbadha jedhu bakkoota garaagaraatti teessuma waajira isaa jijjiruu fi guddisuu irratti xiyyeeffatee jira. Akka kanaan bulchiinsa magaalaa Burraayyuu kan ofiin jedhu Dhaabaa Jilfeessaa jireenya uummata Oromoo Burraayyuu jiraatuu gadadoo hamtuutti dabruun waajira abbaa gamoo G+6 ijaarratuun teesuma isaa tolfatee har’a Caamsaa 4 bara 2015 bakka qondaaltonni OPDO argamanitti eebbisiifatee jira. Eebba kanaaniis wal qabatee qophii affeeraa guddaa taasifatuun ittiin sirbaa akka oolanii fi qabeenyi uummataas qisaasamaa akka oole odeessi Koree Sochii Fincila Oromoo (KSFO) qaqqabe gabaasa. Uummanni Oromoo qabeenya isaa saammamee ittiin sirbamuu fi teesumni gita bittootaa mijeeffamu ija mufii fi taajjabbiin ilaaluu irra dabree gugungummii uummata keessatti dhalaa akka jiruus dhagahameera.

No comments:

Post a Comment