Cininsuu
Maaltu immoo dhalataa?
Hunduu cininsifataa
Akkaa waan ulfa’ee
Baayeetu mixaxxaa
Dhalachuu hin oluu
Guyyaasa egaataa
Kunnoo guyyaan ga’ee
Meeqatu ulfa’ee
Da’uumsaaf qopha’ee?
Maal dhaluuf jiraa?
Eeenyun qoraatamee?
Maalif cinisiifatu?
Maaf abdii kutaatu
Wantii fagoo jiru
Dhi’aachuu hin hafu
Ga’ee guyyaan da’umsa
Guyyaan bilisummaa
Garbummaan ulfa’ee
Dhiraa cininsifaata
Waggoota lakka’ee
Mirgasaa sarbame
Bilisummaa Gonfataa.
Harkaasa filatee
Garbummaa dhiqata
OPDOf waayyaanne
Warraa ulfaa soba
Abdii keessan kuta
Cininsudhaan du’a.
Nuti ilmaan oromoo
Lamuu cininssifanu
Garbummaattis kufnee
Dinaan hin dhitamnu
Cinsuun ga’eera
Guyyaan nu dhufeera.
OPDOn kufee
Waayyaanneen du’eera
Hundumtuu akka hin hafne
Gataa sin waamneera.
By: Bonsa Chalchisa
By: Bonsa Chalchisa
No comments:
Post a Comment