Monday, 25 May 2015

Ilmaan Saboota Kibba Impaayera Xoophiyaa waraana Wayyaanee keessa jiran, yeroo isaan qawwee Tigree ummata isaanii irraa kaasanii gara ajajoota waraana wayyaanee Tigree ta’anitti deebisan amma


Dhuma jaarraa 19ffaatti, biyyooti saboota Kibba Impaayera xoophiyaa kanneen akka: Affaar, Iissaa, Ogaaden, Oromoo, Sidaamaa, Koonsoo, Kaffichoo, Walaayitaa, Kambaataa, Majangir, Hadiyyaa, Nuweerii, Anywaa, Beenishaangul, Gumuz fi kkf afaan qawweetiin gabrummaa Xoophiyaa jalatti eerga kufanii booda sirni: cunqursaa siyaasaa, hacuuccaa: aadaa, afanii fi seenaa, saamicha diinagdee, dhiitama mirga dhala namoomaa, hiyyummaa, wal’aalummaa, dhukkubaa, walumaagalatti, salphinaa fi tuffiin saboota kana irratti fe’ame, mootummaa wayyaanee Tigrootaan hoogganamu jalatti illee sadarkaa hamaatti itti fufee argama.
Sabooti Kibba Impaayera Ixoophiyaa, afaan qawweetiin jilbeenfamanii sirni nama nyaataan irratti fe’ame kun, sirna kana of irraa fonqolchanii, sirna: walabummaa, bilisummaa, haqaa, dimookraasii, nagaa, badhaadhinaa fi gammachuu utubatuuf yeroo itti qabsoo dhaaban hin qaban.
Walabummaa biyyoota isaaniif qabsoo ummatni kun geggeeysaa jiran, akka fedhii fi hawwii saboota kanaatti galii isaa akka hin geenye kanneen gufuu guddaa ta’an keessaa tokko ilmaan saboota kanaa waraana wayyaanee keessatti hirmaatuudhaan qabsaawota bilisummaa ummattoota kanaa dhabamsiisuun sirna: nama nyaataa, abbaa irraa fi saamtuu Tigree saboota kana irratti tiksanii dha.
Ajajooti waraana Ixoophiyaa yeroo amma kana harki sagaltammi Tigroota oggaa ta’an, isaan kun, akeeka: cunqursaa, saamichaa, dhiitama mirga dhala namoomaa, hidhaa, ajjeechaa, salphinaa fi tuffii hoogganooti TPLF qaban saboota kana irratti afaan qawweetiin fe’uu fi baachisuuf amanamanii kanneen hoogganoota TPLF’n ramadamanii dha .Akeeka cubbuu fi yakkaa hoogganooti siyaasaa TPLF karaa nagaa fi dimookraasii bakkaan gahatuuu dadhaban irree waranaatiin Saboota Kibba Impaayera Xoophiyaa irratti fe’uu fi tiksuuf kanneen hojjetan ajajooti waraana Xoophiyaa Tigroota ta’an kun, qabeenyaa saboota kana saamuu fi saamsisuun hoogganoota TPLF waliin jireenya: duroomaa, quufaa fi qananii jiraatu. Ajajooti waraana kanaa guutummaatti, hoogganoota fi qoondaalota TPLF ta’aniis waan hojjetaniif, sirna TPLF saboota kana irratti diriirsuu fi tiksuuf karoora baafatanii  afaan qawweetiin bakkaan gahuuf : waraana kaadhimuu, leenjisuu, ijaaruu, hidhachiisuu fi  ajaja kenanii ajjeesuu fi ajjeesisuuf kanneen aangoo qabanii. dha. Kanneen sirna TPLF dura dhaabbatuun saboota isaanii walaboomsuuf  qabsaawan dhabamsiisuuf fedhii hoogganoti TPLF qaban irratti hundaahuun kanneen: ajjeechaa, saamicha, hidhaa, gudeeddii raawwatan ajajooti waraanaa  Xoophiyaa kun, farra walabummaa Saboota Kibba Impaayera Xoophiyaa ti .
Mootummaa gabroomfataa Xoophiyaa saboota kana irratti tiksuun ittiin saboota kana saaman, ilmaan isaanii itti fufanii akka saamaniif, ajajooti waraanaa fi siyaasaa Xoophiyaa TIgroota ta’an, qabeenyaa saboota kana irraa saamaniin, manneetii barnootaa fi Yunibarsitiilee bebeekamoo fi gurguddoo kanneen akka: Naayiroobii, Kampaalaa, Kaayiroo, Abuujaa, Baajiing, Tookiyoo, Faransaa, Beerilin, Room, London, Newyork, Washington, fi kkf keessatti ilmaan isaanii qananii guddaan oggaa barsiifatan haadhoti manaa fi firoottan isaaniifis qabeenyaa saboota kana irraa saamaniin: baankilee, hootelota, Butique, Export-Import gurguddaan banameefii magaalota kana keessaa ilmaan isaanii waliin jiraatuun, itti fufiinsa sirna gabroomfattummaa isaaniitiif qabeenyaa kuufachaa jiru.
Waan kana ta’eef: aangoon, qabeenyaan, quufii fi qananiin ajajooti waraana Xoophiyaa Tigree ta’anii, hoogganoti  TPLF aangoo siyaasaa Xoophiyaa irra turuu qofaan umurii akka dheeratu; hogganoti TPLF ammo, aagnoo Impaayera Xoophiyaa irra turuun qabeenyaa saboota kana saamuu, firoottanii isaanii fi Tigroota miseensa TPLF ta’an saamsisuu kan danda’an ajajoota waraana Xoophiyaa Tigree ta’an dhimma bahuudhaan walabummaa biyyoota isaaniif qabsoo sabooti geggeessan yoo dhabamsiisan qofa waan ta’eeef, hoogganoti siyaasaa fi waraanaa Xoophiyaa Tigree ta’an kun jireenya fi dantaa walii fi maatii isaanii tiksuuf hojjetu. Hoogganoti siyaasaa fi waraanaa Tigree ta’an kun, sirni isaan amma irratti olaantummaa qaban kun yoo kufe lubbuu qabsaawota sabootaa Kibba Impaayera Ixoophiyaa hedduun kan itti gaafataman waan ta’eef sirna kana waliin tiksuuf kanneen walii kakatanii hojjetanii dha.
Herrega siyaasaa fi waraanaa Tigrootaa kanaa keessatti, kan sadarkaa duraatti fayyadamaa jiruu fi itti fufee fayyadamu, hoogganoota siyaasaa fi waraanaa TPLF fi maatii isaanii oggaa ta’u: du’ee, qaamaa itti hir’atee, beela’ee, dhukkubsatee, maatii fi ilmaan isaa beela fi hiyyummaa keessatti dhiisee, aduu, rooba, qabbana fi rakkinoota hedduun dararamee hoogganota siyaasaa fi waraanaa Xoophiyaa Tigroota ta’an kan: aangoo, qabeenyaa, quufa fi qananiin machaawanii miilla saboota cunqurfamoo irratti akka hooqqisan ykn balaqqaman  godhaa jiru ilmaan saboota cunqurfamoo Kibba Impaayera Xoophiyaa waraana Xoophiyaa Tigrootaan hoogganamu keessatti: human ittisa biyyaa, poolisa fi milishaa ta’anii hirmaachaa jiranii dha.
Ilmaan, haadhotiin manaa fi firoottan hoogganoota TPLF fi ajajoota waraana Xoophiyaa Tigree ta’an, qabeenya saboota kanaa saamameen quufaa fi qabaniin magaalota gurguddoo kanneen akka: Afriikaa, Ameerikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa, fi Awustiraaliyaa keessatti oggaa bashananan, ilmaan saboota cunqurfamoo Kibba Impaayera Xoophiyaa waraana Xoophiyaa/wayyaanee keessa jiran ammoo: Of, maatii fi saboota isaanii rakkina sirni wayyaanee itti fide kana keessatti dhiisanii qabsaawota walabummaa saboota kanaa irratti lola Tigrooti geggeessan keessatti: du’aa, qaamaa hir’ataa, beela’aa, daaraa, dhukkubstaa fi abdii fuulduraa malee jiraatu.  Kana qofa osoo hin taane, hoogganoti siyaasaa fi waraanaa IxoophiyaaTigroota ta’an, doolara miliyoona hedduu fudhatuun lola faranjooti loluu barbaadaniif ilmaan saboota kanaa waraana Xoophiyaa keessa jiran kiraayessuun: lubbuu, lafee fi dhiiga isaaniitiin  faranjoota irraa doolara walitti qabachuutti jiru. Kan nama ajaa’ibu, ilmaan saboota kanaa lola kana keessatti du’an, ajajooti waraanaa Tigree ta’an miindaa isaanii fudhatanii oggaa ittiin bashananan, kanneen qaama hir’atan ammoo beenyaa homaatuu malee maatii fi firoottan isaanii irratti qatamu. Sirna saamichaa fi ajjeechaa Tigrootaa saboota kana irratti tiksuuf gammoojjii fi baddaa biyyoota saboota kanaa keessatti oguu ilmaan kun dararaman, ajajooti waraana Xoophiyaa Tigree ta’an magaalaa keessa taa’anii miindaa ilmaan kanaatiin daldala gurguddaa geggeessanii qabeenyaa kuufatuun ofii fi maatii isaanii jireenya guufaa fi qananii keessa jiraachisan.
Ilmaan saboota Kibba Impaayera Xoophiyaa waraana Xoophiyaa keessa jiran irratti cunqursaa fi saamichi geggeeffamu kana qofa miti. Bakkoota miinoodhaan hidhaman lubbuu isaaniitiin akka qulqulleessaniif ajajooti Tigree ta’an duubaan qawwee itti qabanii ilmaan saboota kanaa itti oofu. Carraan barnootaa fi guddina sadarkaa waraana Xoophiyaa keessatti jalqaba Tigrootaaf kennama. Tigrooti qofaatti teessuma godhatuun dantaa siyaasaa Tigrootaa irratti marihachuuf oggaa mirga qabaatan, ilmaan saboota kanaa, hariiroo: sabummaa fi hawaasummaa kan hin qabne qofa osoo hin taane afaan ofii illee yoo haasa’an ija shakkiitiin ilaalamanii hordofamu. Firoottan, maatilee fi ilmaan isaaniitiif yoo xalayaa barreessuu barbaadan, afaan Amaaraatiin akka barreessanii fi dursa Tigrooti akka dubbisan eerga taasifamee booda Tigrootaan ergamaafi. Tigrooti raadiyoo fedhan akka dhaggeeffataniif kan hayamamuuf ta’ee, ilmaan saboota cunqurfamoo kanaa ammoo raadiyoo TPLF fi dhaabota ergamtuu isaanii qofa akka dhaggeeffataniif dirqamu. Ilmaan saboota cunqurfamoo kanaa fi Tigrooti badii walfakkaataa yoo hojjetan illee adabi Tigrootaaf kennamu salphaa ta’ee kan ilmaan saboota kanaaf kennamu ammoo ni ulfaata. Tigreen ajajaan ilmaan saboota kanaa jala jiru, isa dhiisee Tigree bakka biro jiru irraa ajaja fudhata.  Ilmaan TIgrootaa malee ilmaan saboota kanaa ragaa bahuu hin dandan’an.
Saboota Kibba Impaayera Xoophiyaa waraana Xoophiyaa keessa jiran irratti: cunqursaan, saamichi, dhiitammi seeraa, to’annaan, tuffii fi salphinni ajajoota waraana Xoophiyaa Tigree ta’aniin raawwatu kana qofa osoo hin taane hedduu dha.
Kanaaf, ilmaan: Walaayitaa, Kaffichoo, Kambataa, Hadiyyaa, Oromoo, Somaalee, Sidaamaa, Majangir, Anywaa, Niweerii, Beeniishaangul, Gumuz, Affaar, Iissaa fi kkf waraana Ixoophiyaa keessa jiran, ofii fi sabooti isaanii du’anii, qaama hir’atanii, carraa barnootaa fi guddinaa dhabanii, jiraanya abdii fi bilisummaan keessa hin jirree jiraatanii, tuffatamanii, salphifamanii, maatii fi ofii hiyyummaan jiraatanii Tigroota hoogganota siyaasaa fi waraana Xoophiyaa ta’an aangoo irratti tiksuu dhiisanii qawwee isaanii gara hoogganota siyaasaa fi waraana Xoophiyaa Tigree ta’an irratti naannessuun: gabroomfattoota, saamtota fi yakkamtoota harki isaanii dhiiga ilmaan saboota Kibba Impaayera Ixoophiyaatiin dhiqame kana  seeratti dhiyeessuu qaban .
Qawwee isaanii, hoogganoota siyaasaa fi waraanaa TIgree ta’an irratti naannessanii ba’aa: gabrummaa, ajjeechaa, hidhaa, saamichaa, hiyyummaa, gaddaa, abdii dhabiinsaa, tuffii fi salphinaa sabooti kun keessatti darbaman jalaa isaan baasuun jireenya: walaba, bilisa, dimookraatawaa, haqaa, nagaa, tokkummaa, badhaadhinaa, jaalalaa fi gammachuu saboota kana badhaasuun dirqama: seenaa, lamummaa, gootummaa fi sabboonummaa yeroo ilmaan saboota Kibba Impaayera Xoophiyaa waraana Xoophiyaa keessa jiran itti bakkaan gahan har’a .
Ilmaan Saboota Cunqurfamoo Waraana Wayyaanee keessa jiranii, meeshaa Tigrootaa osoo hin taane meeshaa saboota cunqurfamoo  ni ta’u !
Ayenehu Iwinetu
Humna Ittisaa Xoophiyaa
Ajaja Giddu Galeessaa irraa

No comments:

Post a Comment