Ibsoota Tokkummaa Jaarmayoolee fi Gurmuulee ABO, fi ABO-Jijjiramaa
Ibsa ABO-Jijjiramaa
Qabsoo roga hundaan jabeessuu fi tokkummaan dhaabbachuun bilisummaa Oromiyaaf wabii dha
Ibsa ABO Jijjiramaa haala yeroo irratti.
Ilmaan Oromiyaa bilisummaa sabaa fi abbaa biyyummaa isaanii goonfachuuf qabsoo hadhooftuu fi haarsaa guddaa gaafachaa jiru yeroo dheeraaf gaggeessaa jiru. Qabsoon bilisummaa fi mirga dimokraasii goonfachuuf taasifamaa jiru, yeroo kamuu caala muldhataa fi danboobaa ta’ee qarqara injifannoo isa mahii gahaa jira. Keessumaa dhalooti qubee qabsoo kaleessa abbootiin keenya kumaatamaan itti wareegamanii sadarkaa amma irra jirruun nuga’an, abbummaan ofitti fuudhatee qabsoon finiinsaa jiru abdii Oromiyaa boruu ta’ee jira.
Mirgaa fi bilisummaa Oromiyaaf jaarmiyaaleen siyaasaa Oromiyaa gara garaa bifaa fi amala qabsoo gara garaa qabu ka’umsa godhatanii ummata Oromoo ijaaruu fi dammaqsuun isaanii diinni amma fedhe iyyuu Oromoo fi Oromiyaa irratti roorrisusi dhabamuun isaa kan hin oolle ta’uun mirkanii dha. Qabsoon bilisummaaf taasifamu biyya keessaa fi biyya ambaatti ilmaan Oromiyaa ijaarsa gara garaa jalatti taasisaa jiran dammaqiinsaa fi guddina siyaasa Oromoo muldhisa.
Sirni abbaa irree Wayyaaneen guddina qabsoo Oromoo keessumaa dhaloota qubee irraa sodaan inni qabu boqonnaa isa dhoowwee jira. Aadaan qoqqoodanii bituu sirna Wayyaanee yeroo kamuu caala harkatti fashalee jira. Kanaaf jecha tokkummaa saba keenyaa fi qabsa’otaa laaffisuuf jecha jaarmiyaalee Oromiyaa maqaa gara garaa itti moggaasuun dhaaba kami akka Oromoof ta’u, akeekuufii dhama’a. Maqaa shororkeessaa fi yaada hin qabne jedhuun, ummata Oromoof jaarmiyaa isaaf malu akeekuu yaala. Akka kana duraa jala deemtuu fi ergamtuu isaa kan taate OPDOn yeroo kamuu caala ergama isaanii Oromiyaa keessatti raawwachiisuu dadhabanii jiru. Kun kan ta’eef sabboontotiin ilmaan Oromiyaa qabsoo roga hundaan taasisanii fi ilmaan Oromoo miindaaf jecha miseensa OPDO ta’an mooraa qabsoo sabaatti waanta makamuu jalqabaniifi. Kun sirna Wayyaaneetti mataa dhukkubbii guddaa itti ta’ee jira.
Filannoo fakkeessii Caamsaa 24, 2015 taasifamaa jiru kana ilmaan Oromoo Wayyaanee irraa, milkii fi bu’a qabseessummaa hin eegan. Wayyaaneen bifa kamiinuu sirna bicuu ta’ee otoo jiruu saba Oromoo Wayyabaaf mirga isaa eegsisuu hin danda’u. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO Jijjiramaa) filannoon Wayyaaneen itti jirtu kun akkuma kana duraa fakkeessii fi aangoorra bubbuluu sirna TPLF mijeessuun ala Oromoof fayidaa tokko hin qabu jedhee amana. Haata’uu garuu dhaabbileen siyaasaa Oromoo gara garaa ilmaan Oromiyaa mirgaa fi bilisummaa isaaniif akka falmatan haala rakkisaa keessatti ummata Oromoo dammaqsuu fi ijaaruudhaan danbalii Jijjiramaa Oromiyaa keessatti dhalchuu isaanii ni dinqisifannaa.
Aadaa fi amala TPLF irraa ka’uudhaan filannoo fakkeessii irraa bu’aan akka hin argamne ABOn ijjannoo jabaa qaba. Kanaaf jecha jaarmiyaaleen Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiran akkasuma, caasaan hawaasa Oromoo gara garaa dhimma bilisummaa saba keenyaa fi abbaa biyyummaa Oromoo irratti tokkummaan dhaabbachuun fardii dha. Diinni keenya kan nurra bubbule tokkummaa dhabiinsa hoogganoota jaarmiyaa siyaasa Oromoo fi caasaa hawaasa Oromoo akka ta’e hubachuun murteessaa dha. Kanaan booda garaagarummaa xixiqqaan sochii ummata keenyaatti gufuu ta’uun dhaabbachuu qaba. Hunda dura tokkummaan dhaabbannee dheebuu bilisummaa ummati keenya bara dheeraa ilmaan Oromoo itti wareegaman baasuu qabna.
Kanaaf jecha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO Jjjiramaa) dhaabbilee siyaasaa fi caasaa hawaasaa gara garagaraaf tokkummaan dhaabbannee injifannoo Oromoo akka dhugoomsinu waamicha taasisa. ABOn dhaabni siyaasaa Oromoo kamuu bilisummaa fi mirga dimokraasii Oromoo dhugoomsuuf, toftaa fi amala qabsoo kamuu hordofuuf mirga qabu jedhee amana. Kanaaf jecha dhimmoota tokkummaan waloon hojachuu qabnu irratti xiyyeefachuun mooraa qabsoo Oromoo tokkoomuu qaba kan jedhu ijjannoo jabaa qaba. Dhaaba siyaasaa Oromoo kamuu kan jaarmiyaa kiyya malee dhaabbileen siyaasaa biraa mirgaa fi bilisummaa Oromoof falmuu hin danda’an jedhanii fi qoollifattoota tokkummaa qabsoo Oromoo ta’an, hundaaf akka aadaan akkasii kun yeroon irra darbee fi qabsa’aa kamuu biratti fudhatama kan hin qabne ta’uu hubachuun akka gara tokkummaa dhugaatti deebitan waamicha godha.
Dhuma irratti ilmaan Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jirtan qabsoo keenya qarqara injifannoo geessee jirtu kana galii isaan gahuuf tokkummaan dhaabbannee bilisummaa Oromoo fi abbaa biyyummaa keenya akka dhugoomsinu waamicha taasisa. Filannoon Wayyaanee bifa kamiinuu itti bahi isaa sirna bicuu TPLF aangorra tursiisuun ala fayidaa irraa argannu kan hin jirre ta’uu isaa beeknee danbalii bilisummaa yeroo ammaa roga hundaan uumamee jiru daran jabeeffachuudhaan tokkummaan akka falmannu waamicha goona.
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO Jijjiramaa)
Injifannoon ummata Oromoof!
Caamsaa 22, 2015
Ibsa Tokkummaa Jaarmayoolee fi Gurmuulee ABO
Bilisummaa fi Abbaa Biyyummaa Oromoo Dhugoomsuuf Tokkummaan Dhaabbilee Siyaasa Oromoo Murteessaa dha.
Qabsoon hadhooftuu bara dheeraa dhaloota irraa dhalootatti darbaa turte, wareegama qaqqaalii gaafatus, Ummanni Oromoo akka Oromootti, biyyi isaa Oromiyaan akka Biyyaattii sadarkaa dubaatti deebi’uu hin dandeenye irra gayamee jira. Gootota fi hayyonni mul'atoon ilmaan Oromoo lubbuu jijjiirraa hin qabne kafalaniin Oromoo akka Sabaatti, Oromiyaa akka Biyyaatti, akkasuma eenyummaa isaa wajjin balleessuuf jaarraa tokkoo ol itti duulame fashalsanii jiru. Kabajaa fi ulfinni bara baraan wareegamtoota ilmaan Oromoo kaffalaniif, Ummata Oromoo biratti yeroo hunda kan yaadatamuu dha.
Diinni Oromoo dhufaa darbaan tooftaa bittaa fi gabrummaa isaa jijjirachuudhaan duula dhuma hin qabne ilmaan Oromiyaa irratti banuudhaan, ajjeechaan, qabeenya isaa saamuun, dhabamsiisuun, mana hidhaatti guuruun haadhaa fi abbaa ilmaan maleeyyii taasisuun itti roorrisuu fi tuffachuun toftaa bittaa isaanii ti. Haata’uu malee gochaa ilma namaaf hin malle sirni kaleessa turee fi kan amma aangoorra jiru tooftaa wal fakkaataan Oromiyaa cabsanii qabatanis, qabsoo isaa bifa kamiinuu dhaamsuu hin dandeenye.
Qabsoon Oromoo yeroo kamuu caala, jabaataa fi ofi haaromsaa dhaloota bilisummaa goonfachuu fi mul'ata tokko qabu geessifatee jira. Kanaaf sochiin qabsoo Oromoo yeroo kamuu caala, diina Oromiyaa shororkaa fi abdii kutannaa keessa galchee jira. Faallaa kanaa ammoo mooraan qabsoo Oromoo jabaachaa fi dhaloonni qubee, falmii bilisummaa fi abbaa biyyummaa isaa jabeessee gola diinaa hunda keessatti finiinsee jira. Kun injifannoo isa guddaadha.
Qabsoon roga hundaan ilmaan Oromiyaa gaggeessaa jiran injifannoolee dhaloonni haarawaan itti boonuu fi riqicha galma qabsoo keenyaa ittiin gahuu dandeenyu nugonfachiisee jira. Diinni keenya hamma yoonaa kan nurra bubbuleef tooftaa qoqqodanii bituu ilmaan Oromoo gidduutti dhalcheen ta’uun isaa wal nama hin gaafachiisu. Tokkummaa dhaabilee Oromoo akka hin dhugoomnee halkanii guyyaa hojachuudhaan, aangoo gabroomfataa isaa turfatuu danda’ee jira. Ilmaan Oromoo tooftaa diinaa kana cabsuuf qabsoo guddaa taasisanii jiru.
Yeroo ammaa tooftaan qoqqodanii bituu diinaa kun akka bakka hin qabne dhaloonni amma jiru sirnaan hubatee jira. Tokkummaa dhabuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mumuldhachaa turuun isaa diinni keenya akka nurra bubbulu taasisee jira. Galii keenya isa maayyii gahuuf falli tokkichi mooraa qabsoo Oromoo tasgabbeessuu fi tokkoomsuudha.
Kanaaf, nuti jaarmiyooleen fi gurmuuleen siyaasaa Oromoo maqaan keenna jalatti tarreefame qabsoo bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuuf qabsa’aa jirru, waamicha ummata Oromoof awwaachuudhaan mooraa Oromoo tokkoomsuuf murteessinee jirra. Ardha irraa kaasnee humna, qabeenyaa fi beekumsa qabnu wolitti- qindeessuudhaan galii qabsoo keenyaa milkeessuuf murteessinee jirra.
Murtiin walii galtee keenyaa:
1. Mirga fi Bilisummaa Lammii Oromiyaa fi Ollaa Oromiyaa osoo hin tuqin, Biyya Oromoo Oromiyaa ijaarachuu fi bilisummaa Oromoo dhugoomsuu akka dandeenyu, kanaafis akka qabsoofnuu fi kanaaf kan malan tarsiimoo fi toftaa galma gahiinsa kanaaf waadaa waloo qabaachuu keenya ijjannoo fudhannee jirra.
2. Hiree ofiin murteeffannaa ummata Oromoo karaa bilisa ta’een taasifatu milkeessuu fi murtee hiree murteeffannaa Oromoo alduree tokko malee hojiirra akka ooluu fi dhugoomu ijjannoo fudhannee irratti waliif gallee jirra.
3. Masakamni keenya sirna bulchisa Gadaa, dimokraasii fi dandeettii qabsoo Sabaa tarkaanfachiisuu danda’uu irratti kan hutubamuu ta’uu akka qabu ijjannoo tokkoon irratti waliif gallee jirra.
4. Giddu galli qabsoo keenyaa Oromoo humneessuu, hidhachiisuu, dammaqsuu, dirree qabsoo dachee Oromiyaa keessatti gadi dhaabatte baballisuu, waraana bilisummaa Oromiyaa bifa harawaan ijaaruu irratti ijjannoo tokko fudhannee jirra.
5. Sagantaa siyaasaa: Hanga Korri Sabaa taa'utti, sagantaa siyaasaa waloon qabnu kan dhaabilee kuni marti gargar bahuu dura Kora ABO bara 2004 irratti ragggaasifameen masakamna.
6. Maqaan Dhaabilee Oromiyaa tokkoomnee Adda Bilisummaa Oromooti (ABO). Alabaan dhaabbilee Oromiyaa tokkoomnee Alaabaa ABOn jalqabaa hanga arraa itti qabsaaweeti.
7. Kora Sabaa guyyaa walii galtee kana dhuguumsinee kaafnee, waggaa tokko keessatti akka waamamuu fi koreen qopheessituu kora Sabaa ammumaa kaasee akka hojii isaa jalqabu waliif gallee jirra.
8. Miseensaa, qabeenyaa fi caasaa jaarmayoolee kana dura turan bifuma waliigalle kanaan bakka tokkotti fiduudhaan hoogganaa fi caasaa dhaabaa tokko jalatti akka masakamu waliif gallee jirra, caasaa hoogana hanga kora geenyutti nu hooganuus tolfanne jirra.
9. Amma korri sabaa ta'utti hooggana waloo tokkoon hoogganamuudhaann jaarmiyaalee waliif galle hundaa ka ammate koree hojii gaggeessituu fi caasalee dhaabaa hojiif malaan waloon hutubachuuf wolii gallee jirra.
10. Hoggannoonni yeroof dhaaba tokkoome hoogganu:
– Jaal Abbaa Nagayaa Jaarraa, Hayyuu Duree,
– Brigadier General Hayiluu Gonfaa, Itti-Aanaa Hayyuu Duree, yoo ta’aani ramaddiin hooggannoota hafaanillee ka itti fuufu ta’a.
– Jaal Abbaa Nagayaa Jaarraa, Hayyuu Duree,
– Brigadier General Hayiluu Gonfaa, Itti-Aanaa Hayyuu Duree, yoo ta’aani ramaddiin hooggannoota hafaanillee ka itti fuufu ta’a.
Waamicha
Hunda dura abbaa qabsoo kan taate ummati Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiraachaa jirtu, qabsoo bara dheeraa fi aarsaan guddaan itti kaffalame, galii isaan gahuuf akkuma kana duraa taasisaa turtan, qabsoo bilisummaa jabeessuuf hirmaannaa roga hundaa akka gootu waamicha goona. Keessumaa dhalooti harawaan itti gaafatama seenaa sirra jiru bahuuf ijaarsa bifa hundaa keessatti hirmaachuu fi caasessuun akka QBO galii isaan geessu waamicha addaa siif goona. Qabsoo bilisummaa fi abbaa biyyummaa dhugoomsuuf dhaabni kee ABOn bifa harawaan hooggansa qabsoon gaafatu kennuuf qophii ta’uu isaa siif dhugoomsa.
Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, gurmuulee fi qabsaawota namtokkee bifa gara garaan ijaaramtanii QBO gaggeessaa jirtan yeroo kamuu caala tokkummaan qabsa’otaa murteessaa ta’ee jira. Kanaaf, filannoo woyyaanneen wagga shan shaaniin fakkeesittu irraa bilisummaa eeguu dhiifnee qabsoo Oromoo galii isaan gahuuf walirratti xiyyeefachuun dhiifamee akka diina keenya waloo humna taanee irra aannu waamicha goona. Keessumaa kaayyoo fi akeeka siyaasaa tokko dhaabbileen qabnu halduree tokko malee akka mooraa tokkummaa kana wajjin jabeeffannu waamicha goona.
Dhuma irratti mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa aangoo qabachuudhaan ilmaan Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf duula bifa hundaa Oromiyaa irratti banee jiru oolee bulee itti gaafatama jalaa akka isa hin baafne beekee badii irratti badii dabalchuu irraa akka dhaabbatu akeekkachiifna.
Ilmaan Oromoo beekas ta’ee, otoo hin beekiin sirna gabroomfataa Wayyaanee tajaajilaa jirtan itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf jecha diinaaf tumsa taatanii jirtan keessaa baatanii akka mooraa qabsoo Oromiyaati dabalamtan waamicha Oromummaa isiniif taasifna. Waamicha ilmaan Oromoo isiniif godhaa jiru dhagahuu diddaan badii irratti badii dabalachaa kan deemtan yoo ta’e, bifa kamiinuu murtii ummata Oromoo jalaa kan hin miliqine ta’uu keessan akka beektan isin hubachiifna. Kanaaf jecha yeroon otoo hin darbiin akka mooraa qabsoo Oromoo keessatti qooda fudhatan waamicha isiniif taasifna.
Leelliftoonni sirna kaleessaa ammas seenaa irraa barachuu irra, humna itti qabaachuu baatanis bifa hawwiin yakka kaleessa ilmaan Oromoo irratti dalagaa turan irraa barachaa hin jiran. ABOn leelliftoota sirna kaleessaaf dhaamsi qabu, yeroo humna guutuu iyyuu itti qabdan qabsoo Oromoo yeroo dhumaaf hukkaamsuu akka hin dandeenyee fi haqni ummataa cunqurfame akka injifatu gochaa keessan kaleessaa irraa baradhaa jenna. Sana irra darbee ammas abjuu bifa kamiinuu Oromoo deebisanii bifa jibbisiisaa kaleessaa jala galchuuf hin danda’amne irraa akka of qusattan akeekkachiifna.
Ilmaan cunqurfamaa empayera Itiyoophiyaa keessa jiran diina waloo kan ta’e Wayyaanee fi leelliftoota sirna kaleessaa waloon ofi irraa kaasuuf akka mirgaa fi haqa walii beeknee, diina keenya duwwaa irratti waloon xiyyeeffannu waamicha isiniif goona.
1. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jijjiramaa;
2. Adda Bilisummmaa Oromiyaa (ABO);
3. Gurmuu Qabsaa’otaa fi miseensta Adda Bilisummaa Oromoo (GQM-ABO);
4. Miseensota Koree Yeroo Adda Bilisummaa Oromoo (KY-ABO), fi
5. Miseensota fi Hoogganoota ABO durii namtokkee fi qabsaawota matayyaa
2. Adda Bilisummmaa Oromiyaa (ABO);
3. Gurmuu Qabsaa’otaa fi miseensta Adda Bilisummaa Oromoo (GQM-ABO);
4. Miseensota Koree Yeroo Adda Bilisummaa Oromoo (KY-ABO), fi
5. Miseensota fi Hoogganoota ABO durii namtokkee fi qabsaawota matayyaa
Injifannoon Ummata Oromoof!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Caamsaa 27, 2015
No comments:
Post a Comment