OPDOn waayyannee umurii dheeresse
Dhaabbaanni
OPDO jedhamu Uummata oromoof bakka bu’een hojjedhaa kan jedhu maqaaf malee lubbuu hin qabu. Kana
immoo uummatnii Oromoo ragaadha. Maqaa uummataan jiraacha uummataa Oromoofi
lafa Oromoo waayyanneeti dabarsee gurguraachuun ofi garboomee Uummata oromoo
garboomsuuf hojechaa jiraachuun isaa wal nama hin gaafachisu. Haa tahuu malee
dhigaa barattoota Oromoo beektoota fi uummata
Oromootif itti gaafatamummaa jala kan hin
baanefi seenan kan
isaa hin daganeedha. Biyya keenya keessati heerifi seeri jiru waraqaarra malee
hojjiin kan
hin jireedha. Waayyannees ta’ee OPDOn
ofi tufaani ofumaa kan
arabaan! kana jechuun seerrii isaan baasani addunyaatti of beeksisaanif kan isaan ittin
hojettaan wal hin argu. Garuu, uummaanni keenya hanga yoomitti gowwoonfama?
Maalif sobamaa? Bu’aa xiqqoon uummaanni
keenya maalif midhamaa? Keessuma hojettootni OPDO Oromoo ta’aan maal ofiin
jedhuu? Akkamitti of hubatuu? Kana of gaafachuun dirqamaa lamummaa isaani ba’uu
qabu. Akka fakkeenyati yoo fudhaane dandiin
uummataaf kan
hojjettamuu yeroo filannoon ji’oota muraasati galtee? Ibsaan, bishaan dhugaati kan kana fakkaataan
filannoo yeroo filannoo qofaa? Kan namaa dhibuu
mootummaan Itoophiyaa jecha da’immaa dubbatee. Anii “Dandiin Finfinnee gara wallagaa
namaa geessuu tokko tahuufi magaalaa Amboo keessatti dandiin dhiphaa akkasi
jiraachuun isaa anaafu haaraadha” jedhee. Hin fakkaataree? kun moo wal
gowwomsudhaa? Kan
kaleessa hin yaadamiin buufata xayyaara isiinif ijaara jedhee dhagaa ka’uun
hoo? Akka kootis ta’ee dhugaan addunyaa kanarra jiru dheerina umuriifi
sammichaa qabeenya uummaata oromoof kan
kaayyeeffate fakkaata. Kanarraatti olaantuma gudda kan qabu ummata keenya. Uumurii waayyannee
gabaabsuuf yeroo isa amma.
OPDO
dhaabbaa ilmaan oromoof dhaabbatee osoo
hin ta’iin dhaabbata ilmaan
Oromoo gurguruf kaayyeeffatedha. Haaraa guyya gara guyyaati ilmaan Oromoo
mootumma abbaa hireetin hidhama,
ajeefamafi reebama jiru. OPDOn erga uummataf dhaabbate maal eega jira? Maqaaf
malee dubbachu danda’aa? Kan
uummataa miti ofi isaanif dhimaa mirga isaani dubbachuu danda’uu? Erga hawaasa
kana bulchuufi gaggeessu hin dandeenyee maalif waayyannee umurii dheeressu?
Dhimmoota
kanaan wal qabatee yaadoota heddu kaasun hin danda’aama. Garuu, haaraa maaltu
beektoota, barattootafi ummata keenyarra egamaa?
A) Beektoota
ilmaan oromootif : Beektootni ilmaan
oromoo ummata oromoof ijaadha yoo hawaasa keessanif quqamtaanif. Boruu seenan
isiin gaafata yoo osoo beektani, argitaani lammiin keessan osoo mirgaasaf
falmaatu hidhamu, ajeeffamufi biyyarra baqatee bineensaan nyaatamu. Kanaaf
ogummaa qabdaanif waan gochuu dandeessanif ummata keessanif kallaatidhanis haa
ta’u al kallattidhaan gargaraa. Ummaanni keenya human qabeenya qaba qindeessuun
gahee keessan akka ta’ee beeka.
B) Barattoota Oromoof: Barattootni Oromoo
abdii uummata Oromooti. Boruu biyyittin amma bilisummaa dhabdee akka bishaan
gachaana raafamtu kun isiintu bulchaa. Akka haaraa dhitama ajeefamafi hidhaama
jirtaan osoo hin taane aduun bilisummaa hin baati. Kun immoo yeroon ishee
dhihoodha. Yeroo ishee gabaabsuuf immoo tokkummaan barattoota oromoo
murteessadha. Kanaaf lafa jirtaanniti, hawaasa keessaan gorsuufi cimsuun akka
eenyumma isaanitti boonan gochuun gahee keessani. Akkasumaas, isaa rafee
damaqsa.
C) Uummata
Oromoof: yoo qabeenya keenyati
gargaraamne abbaan hangoo hawaasa. Kanaa jechuun abbaa barbaadee filachuu kan isaaf hin taane
fonqolchuuf mirga guutu qabu. Tolaanis, lolaan of buusuf olaantummaan kan uummataati. Uummanni
keenya waan xiqqoof gowwoomfamu hin qabnu. Xiqqoof jenne gudda hin baalleessinu
itti yaadu qabna. Uummata keenya keessa oromoon lama tahuun isaa yommiiyyu hin
dagataamu. Maalif yoo jettaan tokko abbaa garaa inni biro abbaa sabaati. Ati
kam akka taatee situ beeka. Keessumma warrii ergamtoota waayyaannee taatani
saba keenya baasasuufi gurguruu, ajeessuu irratti argamtaan abba garaa ta’uu
keessan nama hin shakkisisu. Kanaaf kabajoomtootni uummatni keenya dhimma isaaf
ta’uu irratti xiyyeeffannoo kennu qaba. Yeroo filannoo qofa sobamuu hin qabu.
Dhagaa ka’uun biqiltuu dhabuu miti. Dhagaatu dhagaa dhabaa! guddina kan hin fene.
Waluma
galati filannoo
bara kana uummaanni keenya eenyuu akka filaatu ni beeka. Yoo sagaleen isaa
hatamees addunyaaf ibsu qaba. Ga’e keenya ba’uun mirga keenya kabaachifachuun
nurra eegama.
Galatooma!
Boonsa Chalchisa
No comments:
Post a Comment