Kaayyoon Koo Inni Guddaan Oddeeffannoo kennuufi Wantoota Barnootaaf Ta'aan Maaxansuudha.
Sunday, 31 May 2015
Farreen Qabsoo Bilisummaa Oromoo gara Kibba Oromiyaa fi Keeniyaa-Naayroobiitti Bobbaafaman
Posted: Ebla/April 9, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
Sochii diddaa gabrummaa qeerroo/barattoota Oromoo fi QBOtiin raafamarra kan jiru mootummaan Wayyaanee, sirna isaa kufaatiirraa baraaruuf ergamtoota bobbaafatee duula adda addaa gaggeessaa akka jiru, yaaliin karaa OPDO fi garaaf-bultootaan biyya keessaa fi biyyoota alaa adda addaatti taasisaa jiru ni agarsiisa. Ummata Oromoo yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa isaa jabeeffatee fi cichoominaan ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa gaafataa jiran akkasumas gooticha Oromoo WBO goleelee Oromiyaa adda addaatti diinarratti tarkaanfilee fudhataa jiru cinaa dhaabbachuun sochiin taasisaa jiru akkasumas jabinni jaarmayaa hawaasa Oromoo biyyoota alaa gartuu faashistii Wayyaanee dhiphuu ulfaataa keessa galchuurraa, qondaalota OPDO ol’aanoo sirnichaaf amanamoo dha jedhaman kan akka Abbaa Duulaa dhamaasaa jira.
Ergamtoonni qondaalota OPDO ti ofiin jedhan kunneenis fedhii gooftolii isaanii Daddabiit keessatti isaan dhodhoobanii guutuuf umrii gabrummaa Oromootti dheeressuuf Oromiyaa fi biyyoota alaa adda addaa keessa fiiguu fi fakkaattota isaanii fiigsuutti jiru. Kanaanis biyya keessaa humnoota hidhattootaa fi basaasota akkasumas farreen harka mirgaa Wayyaanee tahan irratti tarkaanfii adabbii fudhachaa kan jiru WBO sochii isaa danquuf, danda’an ugguruuf amanamtoota isaanii fi farreen QBO leenjifatanii bobbaafataa jiru. Akkasuma biyya ollaatii ammoo ilmaan Oromoo hiraara sirnichaa jalaa dheessanii baqattummaan jiraatan keessa humnoota ergama farrummaa itti laatan kana loosanii seensisuudhaan akka isaan sochii QBO cinaa hin dhaabbannee; gartuu Wayyaanee deeggaran gochuuf sossohaa jiru. Kanaafis WBO Zoonii Kibbaatti akka duulanii sochii isaa basaasanii fi sochii isaa daquurratti akka hojjetaniif akkasumas biyya ollaa Keeniyaattis baqattoota Oromoo QBO irraa deebsisuu fi hiraarsuuf akka hojjetaniif lukkeelee ergamticha gameessa Wayyaanee Abbaa Duulaa Gammadaatiin kaadhimamanii magaalaa Adaamaatti leenjiin basaasummaa kennamaafii jiru akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Ragaan arganne akka ifa godhutti, ergamtoonni qochuma isaanii guuttachuudhaan hawwii Wayyaanee-OPDO galiin gahuuf sossohan kunneen QBO laamshessuu fi WBO Zoonii Kibbaa sochii isaa danquuf hojii basaasummaa irratti geggeessuu kan jedhuun akeeka diinaa galiin gahuuf akka hojjetantu barame.
Ergamtoota Lameen kun leenjii farrummaa Wayyaanedhaan magaalaa Adaamaatti kennameef erga xumuratanii booda bobbaafamuuf jiran keessaa Hasan Sheek Bashiir Ykn Hasan Sheekaa kan jedhamu isa tokko. Umriidhaan nama waggaa torbaatamootaa keessa kan jiru lukkeen kun, QBOtti shiruu fi sochii WBO danquu kan jedhuun amanamaa Wayyaanee Abbaa Duulaa Gammadaa irraa kallattiidhaan ergamni kan itti kenname dha. Abbaa maatii hedduu tahuu fi maatiin isaa biyya Ameerikaa akka jiran odeeffannoon argame kan ibsu yoo tahu, ergama kana galiin gahuudhaafis Abbaa Duulaatiin Birriin Itoophiyaa 500,000 kennamuufii, yoo ergamicha galiin gahe ammoo magaalaa Adaamaatti lafti mana irratti ijaarratu tola akka kennamuuf waadaan seenamuufiitu saaxilame.
Ergamaan umrii manguddummaa silaa waan biyyaa fi sabaaf tolu itti dalaganitti hojii qaanii fi salphinaatti bobbahe Hasan Sheek Bashir YKN Hasan Sheekaa jedhamu kun, maqaa baqattummaatiin Keeniyaatti eeyyama baqattummaatiin (Maandeeta UNHCRn) Naayroobii keessa jiraataa akka ture baruun danda’ameera.
Lukkeen qondaalota OPDOtiin dirqama Wayyaanummaa itti kenname akka galiin gahuuf Adaamaatti leenjii fudhataa jiru biraan ammoo, Irree Buusisoo nama jedhamu dha. Akka ragaan harka keenya gahe ibsutti, ergamaan diinaa duraan waraana Dargii ture kun QBO keessa erga seenee booda dalagaa farra-qabsoo hojjetaa tureen qabsicha keessaa tufamuudhaan sochii QBO danquuf, tokkummaa sabaa fi qabsaawota Oromoo diigudhaaf hojjechaa ture. Lukkeen diinaa akeeka dhoksaatiin sossohaa ture kun bara 2005 gara dhumaatti magaalaa Naayroobii irraa karaa Imbaasii Wayyaanetiin dirqamni addaa itti kennamee Oromiyaatti deebi’uun Kibba Oromiyaa magaalaa Nageellee Booranaa keessa naanna’uudhaan sabboontota Oromoo diinaaf saaxilee gidiraa ulfaataaf afeeraa ture.
Fedhii diinaa galiin gahuudhaaf biyya keessaa fi alattis hojii farrummaa itti fufiinsaan hojjechuu kan akeeka taasifate ergamaan Irree Buusisoo jedhamu kun, wayta dirqama farrummaa Oromiyaatti raawwataa bahe xumuratu ammas biyya ollaa Keeniyaatti deebi’uudhaan lammiilee Oromoo shira adda addaa xaxee gargar qoqqooduudhaan akka walshakkanii fi wal irratti duulan taasisee irree tokkummaa isaanii laaffisuu fi QBO irraa deebisuuf hojii diinummaa raawwataa akka ture ragaan arganne ni addeessa. Sochii farrummaa raawwateen milkaayee gooftolii isaa gammachiisuu kan dadhabe jaleen Wayyaanee kun, maatii isaa fudhatee mooraa baqattootaa Dhadhaab erga seenee booda, Abbaa Duulaa Gammadaatiin waamicha taasifameef fudhatee ergaa diinummaa biraatiif kaadhimame.
Haaluma kanaanis akkaataa QBO duubatti deebisanii fi deeggarsa dhabsiisan akkasuma sochii WBO Zoonii Kibbaa danqan irratti Adaamaatti leenjiin erga kennameefii booda, akkuma ergamticha Hasan Sheek Bashir, innis Birriin Itoophiyaa Walakkaan Miliyoonaa (500,000) laatameefii, lafti mana irratti ijaarratu akka kennamuuf waadaan seenameefii karaa Imbaasii Wayyaanee Naayroobii jiruutiin mirga baqattoota Oromoo sarbuu fi dirqamaan biyyatti akka galaniif shira xaxuuf sossohaa jira.
Ergamtoonni Hasan Sheekaa fi Irree Buusisoo jedhaman kunneen biyya ollaa Keeniyaarraa gara Oromiyaatti waamamanii ergama Wayyaanee akka galiin gahaniif magaalaa Adaamaatti leenjiin kennamaafii jira. Akkuma leenjii diinummaa kana fixataniinis gara Naayroobiitti deebi’uudhaan akkuma duraanii baqattoota fakkeessanii of dhiyeessudhaan ummata keessa naanna’anii sochii siyaasaa Baha Afrikaa addatti ammoo falmaa mirgaa ummatni Oromoo wayta ammaa kana gaggeessaa jiruu fi sochii WBO Zoonii Kibbaa qoratu.
Kanaanis baqattoota ilmaan Oromoo Keeniyaa-Naayroobii fi naannoo isiitti argaman hunda akka isaan hin beeknetti itti dhihaatanii dubbisuudhaan akka waan rakkoo isaanii qooddataniif fakkaatanii dhiyaachuuf maallaqa ergama diinummaa akka galmaan gayaniif itti kenname akka waan baqattootaaf nahaniitti laachuufiin ittiin sossobachuuf dhama’uun akeeka farreen diinni qopheeffataa jiru kanaa ti.
Baqattoota Oromoo sossobbii fi gowwoomsaa isaaniif jilbeenfatanis Kominitii Itoophiyaa jalatti ijaaruudhaan warreen baqattummaadhaan seeraan galmaa’anii jiran waraqaa Maandeetaa kan UNHCR harkaa akka fuudhamu tattaafachuun Imbaasii Itoophiyaa harka galchuun mirga baqattummaa isaanii akka balaaf saaxilan gochuudhaan magaalaa Adaamaatti leenjiin Wayyaanedhaan kennamaafii jira.
Ergamtootni ergama diinaa adda durummaan fudhatanii shira Oromoo irratti dalaguuf murteeffatan kunneen baqattoota Oromoo Naayroobii keessa jiran karaa isaan hin beekneen golgaa adda addaa tolfatanii itti dhihaachuun keessaafuu rakkoo dinadgee baqattootni qabaniin dahachuudhaan ilmaan Oromoo QBO irraa deebisuu fi Wayyaanee cinaa hiriirsuuf akkasumas dhimma (gaaffii baqattumaa) ilmaan Oromoo UNHCRtti dhiyeeffatan busheessanii dhiyeessuun akka fudhatama dhabanii fi dirqamaan biyyatti deebifaman gochuudhaaf tattaafatu.
Leenjiin ergamtoota lameen gara Naayroobiitti bobbaafamuudhaan hawaasa Oromoo Keeniyaa jiru akkasumas WBO Kibba Oromiyaa jiru irratti akka hojii basaasummaa geggeessaniif kennamaafii jiru isaan qofa odoo hin taane, lukkeelee ergama diinummaa fakkaataa baadhatuudhaan kallattii adda addaatiin bobbaafamaniifis kennamaa akka jiru maddeen keenya gabaasaniiru. Duulli basaasota ergama farrummaa itti kennanii Oromiyaa keessaa fi biyya ollaatti bobbaasuu sirna Wayyaanetiin gaggeeffamaa jiru kun, qaamuma duula sirnicha kufaatii jalaa baraaruuf OPDO qabatamee gaggeeffamaa jiruu ti kan jedhan maddeen keenya, lammiileen Oromoo kana hubachuudhaan of eeggannoo feesisu akka taasisan dhaaman.
Walumaagalatti ummatni Oromoo fi baqattootni Oromoo biyya Keeniyaa magaalaa Naayroobii fi naannoo ishee jiraatan duula Wayyaaneen basaasota leenjiseen irratti gaggeessuuf saganteeffate kana dursanii itti dammaquudhaan akka irraa of tiksan akkasumas gochaa cubbamaa fi faallaa QBO tahe kana fashalsuuf tokkummaan akka dura dhaabbatan dhaamameera.
Warreen maqaa manguddummaatiin fedhii fi hawwii Ummta Oromoo ukkaamsuun akeeka diinaa fi ergamtoota akka OPDO dhugoomsuuf maallaqaa fi dantaa adda addaan iji isaanii jaamee dunuunfatanii fiigaa jiran dalagaa qaanfachiisaa fi yakka seenaan dhiifama hin goone kanarraa hatattamaan akka deebi’an, tahuu baanaan salphinaa fi balaa irra gahuuf kan gaafatama fudhatu isaanuma tahuu sabboontonni akeekkachiisaniiru.
Yuuniversitiilee Gara Garaa Keessatti Ka’e Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoon Itti Fufe.
Yuuniversitiilee Gara Garaa Keessatti Ka’e Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoon Itti Fufe.
Caamsaa 30,2015 Adaamaa
Yuuniversitii saayinsii fi teknoloojii Adaamaa keessatti Caamsaa gaafa 27/2015 barattootni waraqaa garagaraa mooraa keessatti facaasuun
kan dhagayame YEROO BILISUMMAAN KEENYA DHIYAATE KANATTI HIN CALLISNU YAA BARATTOOTA OROMOO KA’AA kan jedhu barattootni waraqaa balaliituu bittimsuun eegduwwan mootummaa Wayyaanee bakkaa kan sochoose tahee jira, akkasuma yuuniversitii Bulee Horaa, Madda Walaabu fi Haromayyaa keessatti walleewwan qabsoo dhageessisuu, mootummaa Wayyaanee hin barbaannu, bulchiinsi Wayyaanee nugaheera jechuu fi barumsa dhaabuun gara FDG olkaasuun uummata dhageesisuu fi hirmaachisaa jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.
kan dhagayame YEROO BILISUMMAAN KEENYA DHIYAATE KANATTI HIN CALLISNU YAA BARATTOOTA OROMOO KA’AA kan jedhu barattootni waraqaa balaliituu bittimsuun eegduwwan mootummaa Wayyaanee bakkaa kan sochoose tahee jira, akkasuma yuuniversitii Bulee Horaa, Madda Walaabu fi Haromayyaa keessatti walleewwan qabsoo dhageessisuu, mootummaa Wayyaanee hin barbaannu, bulchiinsi Wayyaanee nugaheera jechuu fi barumsa dhaabuun gara FDG olkaasuun uummata dhageesisuu fi hirmaachisaa jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.
Gaafa Caamsa 29/2015 barattootni mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessaa qabamanii bahan yeroof maqaa isaanii argachuu baannus ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii fi kijibni mootummaa Wayyaanee wayita kana aangoo isaa itti fufee jiraachuuf karoorfate kun yoomiyyuu cal kan nama hin jechiisne tahuu barattootni diddaa gaggeessanii fi kanneen fincila kaasuuf adda dureedha jedhamanii shakkaman tikoota wayyaaneen qabamanii mooraadhaa bahuus gabaasni Qeerroo nugahe hubachiisa. FDG ammas haaluma wal irraa hin cinneen itti fufee jiruudha.
Saturday, 30 May 2015
BREAKING NEWS | Oduu Amma Nu Gahe | OMN/SBO – Gootichi WBO Zoonii Kibbaa Mooraa Waraana Wayyaanee Magaalaa Moyyaalee Haleeluun 17 Ol Hojiin Ala Gochuun Injifannoo Galmeesse
BREAKING NEWS | Oduu Amma Nu Gahe | OMN/SBO – Gootichi WBO Zoonii Kibbaa Mooraa Waraana Wayyaanee Magaalaa Moyyaalee Haleeluun 17 Ol Hojiin Ala Gochuun Injifannoo Galmeesse
(Sagalee Bilisummaa Oromoo/SBO – Caamsaa 30, 2015) – Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibba Oromiyaa keessa sossohu haleellaa humna diinaa irratti fudhatu jabeessee itti fufuun Caamsaa 30, 2015tti bari’u magaalaa Moyyaalee ganda 02 keessatti kan argamu mooraa Gumrukaa bakka waraanni Wayyaanee maadheffatee jiru haleeluun yo xiqqaate loltoota diinaa 17 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa beeksiseera.
Tarkaanfii kanaan loltootni Wayyaanee 7 oggaa ajjeefaman, 10 ol ammoo madoo taasifamuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa ifa godheera.
Meeshaaleen adda addaas diina irraa fudhatamuun dantaa QBOf akka oolfaman hubachuun danda’ameera.
Waraanni faashistii mootummaa Wayyaanee akkuma amala isaa tarkaanfii WBOn irratti fudhataa jirutti aare ummata meesha maleeyyiitti roorrisuu fi daangaa biyya ollaa cabsee seenuun maqaa WBOn ummata nagaa ajjeesaa fi goolaa jira.
Haaluma kanaan loltootni Wayyaanee barii kana daangaa Keenyaa cabsanii seenuun ollaa ummata Soomarre jedhamutti maanguddoo tokko akka ajjeesan gabaafameera.
WBOn Zoonii Kibbaa Caamsaa 24, 2015 magaalaa Moyyaalee keessatti mooraa poolisii federaa Wayyaanee irratti tarkaanfii fudhateen 5 ol hojiin ala akka godhee fi guyyuma kana Ona Miyoo ganda Goomoo fi magaalaa Iddii Lolaa keessatti haleellaa geggeesseen hidhattoota diinaa 9 ol hojiin ala gochuun isaa kan yaadatamuu dha.
Seenaa Gabaabaa Gootittii Oromoo Barattuu Tigist Maammoo Simaa
Seenaa Gabaabaa Gootittii Oromoo Barattuu Tigist Maammoo Simaa
Barattoota Oromoo kan Yuuiversitoota garagaraat osoo karaa nagaan hiriira bahani dhimma abba biyummaa isaanii falmata jiranuu lubbuun isaanii waraana mootummaa Wayyaanen darbite keessaa seenaa gabaabaa barattuu Tigist Maammoo Simaa isiniif qooda.Tigist Abbaa ishee Obbo Maammoo Simaa fi Haadha ishee Aaddee Ayeetuu Maammoo irraa bara 1992 akka lakkoofsa Oromootti Biyya Oromiyaa Godina Kibba lixa Shawaa Aanaa sadeen Sooddoo Ganda Saaririti jedhamutti dhalattee.Mana barnoota sadarkaa 1ffaa kan barattee 1_8 mana barnoota Calalaqa kan jedhamu miilan deemsa sa’a lama deemte barattee.sadarkaa 2ffaa 9_12 mana barnoota Harbuu Cululleetti baratte.Akkasuma qabxii gaarii fiduun Yuuniversitii Maddaa Walaabutti waggaa 1ffaa barata osoo jirtuu FDGf n gaaffii mirgaa baratooti Oromoo Ebla 28,2014 kaasaniin wal qabatee rasaasa diinaan wareega lubbuu saba Oromoof jecdha kafalte.
Gootittiin Oromoo Tigist Maammoo dhalattee ganna 22ti gootummaan uumata Oromoof wareega kafalete. Qabasaawan yoo kufe illee Qabsoon itti fufee kaayyoo isaanii bakkaan ni gaha.
-
Friday, 29 May 2015
Hambaan Sanyii ilma Namaa haarawaan umurii waggoota miliyoona 3 caalu qabu argame
Hambaan Sanyii ilma Namaa haarawaan umurii waggoota miliyoona 3 caalu qabu argame
Finfinnee Caamsaa 20,2007(FBC) Hambaan Sanyii ilma Namaa umurii waggaa miliyoona 3.5fi mliyoona 3.5 qabu argameera.
BBCn akka gabaasetti hambaan sanyii ilma Namaa haarawaan kun kan argame qorannoo saayintiistoonni Itiyoophiyaa Naannoo Affaaritti taasisaniinidha.
Akkaatuma kanaan qorattoonni lafee awoo naannawa Afaaniifi ilkaan umurii waggoota miliyoona 3fi kuma 300fi mliyoona 3fi kuma 500 qabu argameera
Hambaan Sanyii ilma namaa haarawaan kun moggaasa maqaa Awustiraaloo piitikas deeyremeedaa(Australopithecus deyiremeda) jedhu kan argate akka ta’es gabaasichaan eeramee
Paartiin Cuquliisaa qaphxii filannoo ba’e hin-fudhadhu jedhe
Paartiin Cuquliisaa qaphxii filannoo ba’e hin-fudhadhu jedhe
Paartiin Cuquliisaa har’a waajjirasaatti dhaabbilee sab-quunamtii biyya keessaa fi alaaf ibsa kenneen, Filannoo Waliigalaa 5ffaa Dilbata darbe geggeeffame adeemsasaas ta’e qaphxiisaa akka hin-fudhanne ibse.
Paartichi ibsasaatiin ‘filannuchi hojimaata seeraan-alaa kan qabuu fi madaallii kamiinuu amansiisaa, bilisaa fi haqa-qabeessa waan hi-turreef adeemsa filannuchaa fi qaphxicha hin-fudhadhu’ jedheera.
Rakkoolee adeemsa filannoo keessa namudataniiru jedhe garuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti dhiheessuuf dhiisuusaa waan ibse hin-qabu.
Haata’u malee, lammilee paarticha filatan wayita kana galateeffateera.
Gareen Taajjabdootaa Gamtaa Afriikaa - Filannoon Dilbata darbee tasgabbaa’aa, nagawaa fi amansiisaa akka ture gabaasa taajjabbii yeroo baaseen beeksisuunsaa kan dagatamu miti.
Thursday, 28 May 2015
SBO: Caamsaa 27, 2015 – Oduu, Filannoo kijibaa Wayyaaneen walqabatee FDG Oromiyaa keessatti deemaa jiru irratti gabaasa bal’aa
SBO: Caamsaa 27, 2015 – Oduu, Filannoo kijibaa Wayyaaneen walqabatee FDG Oromiyaa keessatti deemaa jiru irratti gabaasa bal’aa …
Filannoo Itiyoopiyaa Fakkeessuf gaggeefame IHAGDEGtu Injifate jedhe Boordiin Filannoo
Ba’ii filannoo jabn bara 2007 ifa kan taasisan dura taa’aan boordiin filannoo professor Merga Baqqaanaa raga hanga ammaatti argameen paartiin biyya bulchu IHADEG fi partileen isa jala jiran injifachuu isaa beeksisaniiru. Paarlaamaan Itiyoopiyaa barchuma 547 kan qabu si’a ta’u barcumni kan qabamu namoota naannolee filannoo 547 irraa injifatanii dhufaniin ta’a.
Professor margaan akka jedhanitti naannolee filannoo 547 kana keessaa ba’iin hanga ammaa boordicha dhaqqabe kan 442 ti mara iyyuu IHADEG fi paartileen michoota isaa ta’aninjifachuu tuqaniiru. Akkuma kanaan Finfinnee, naannolee Oromiyaa, Amaaraa, uummattotoa kibbaa, Tirgary fi kanneen biroo keessaa ba’ii ifa ta’een IHADEG guutummaatti injifachuu isaa ba’iin prefesor margaa Baqaanaan dubbifame ibsee jira.
Magaalaan Finfinnee barcuma mana maree bakka bu’ota uummataaf qabdu 23 keessaa digdamii sadanuu IHADEG injifatee jira. Naannoon Oromiyaa kan qabu barcuma mana maree bakka bu’ootaa 178 keessaa ba’iin kan 150 ga’ee jira. 150nu OPDOtu injifate. Kana malees naannoon Amaaraa mana maree bakka bu’otaa keessaa kan qabu barcuma 138 keessaa ba’iin 107 beekamee jira. Mara iyyuu BAIDEN IHADEG injifatee jira jedha ibsi boordii filannoo.
Naannoon uummattoota kibbaa paarlaamaa keessaa kan qabu barcuma 123 keessaa kan 95 ifa ta’eefa. Sagaltamii shananuu DEHIDEN IHADEGtu injifate. Naannoo Tigraay keessaa filatamanii paarlaamaa kanneen seenan 38.kanneen 31 ta’an kan har’a beeksisame keessa jiru. IHWEHAT/IHADEG mara injifate jedha. Naannolee dhaabota michoota ihadegn hoogganaman keessas ba’ii wal fakkaataan galmeessameera. Ba’iin filannoo naannolee 105 eegamaa kan jiru ta’uu isaaf fuula duratti beeksiamuuf jira jedhameera.
Barcuma kana keessaa mormitoonni injifatan yoo ta’e dura taa’aan boordichaa gaafatamanii deebii kenneen ba’iin isaa gutummaatti ennaa dhiyaatu beekama jedhan.Gareeleen mormituu hagi tokko filannoon sun dhiibbaa fi hiraarfamuun geggeessame dha jechuun komee isaanii dhageesisaa jiran. Boordiin filannoo Itiyoopiyaa garuu adeemsa milkaa’aa ture jechuun faarsee jira. Dura taa’aan boordichaa professor Margaa Baqwqaanaa kun akka milkaa’uuf kanneen qooda qabaatan jedhan galateeffataniiru.
Filannoon walii gala kan bara 2007 biyya keenya keessatti geggeessame haala tasgabbaa’aa dhaan xumurameera. Milkaa’ina kanaafis sadarkaa duraatti galateeffamu kan qaban uummata keenya dammaqinaan irratti hirmaate kan naamusa qabuu fi murannoo inni dimokraasiif qabu kan ajaa’isiisamu ta’uu isaa fi , kanas obboloota isaa Afriikaatiif mirkaneesseera.
Paartileen mormitootaa irra hedduun filannoo irratti hirmaatanis guyyaa filannoof isa booda haala tasgabbii qabuun ba’ii isaa eegaa waan jiraniif galata guddaa qabu. Manni maree bakka bu’ota uummataa deggersa guddaa inni nuu godheef hedduu galateeffanna. Mootummoonni naannoo fi ka Federaalaas nagaa fi milkaa’inaan akka geggeessamu deggersa guddaa nuu godhaniiru. Dhaabbati sabaa himaa itiyoopiyaa fi sabaa himaaleen martinuu ragaan dhugaa uummaticha akka dhaqqabu, filannoon sun kan nagaa, walabaa fi kan haqaa ta’ee akka xumuramuuf ga’ee gama isaanii gumaachaniriu jedhan Ba’iin filannoo xumuraa ifa kan taasisamu Waxabajjii 15 bara 2007 ta’uu boordichi beeksisee jira.
Goototni Qeerroon, Barattootni Oromoo Yuniversitii MATTUU Warraaqsaa FDG Jabeessuun Itti Fufan, Mootummaan Wayyaanee Humna Waraanaa Guddaa Mooraa Yuunivarsiitiitti Olgalchee Barattoota Reebaa Jira.
Goototni Qeerroon, Barattootni Oromoo Yuniversitii MATTUU Warraaqsaa FDG Jabeessuun Itti Fufan, Mootummaan Wayyaanee Humna Waraanaa Guddaa Mooraa Yuunivarsiitiitti Olgalchee Barattoota Reebaa Jira.
Caamsaa 27,2015 Mattuu
Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu Warraqsaa FDG jabeessuun itti fufan, Waraannii mootummaa Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Mattuu seenee barattoota goolaa jira. Barattootni Mooraa Yuunibarsiitii gadi lakkisuun gara uummaata magaalaa Mattuu fi naannawaa Yuunivarsiitii mattuutti makaman, Waraannii guddaan mootummaan Wayyaanee barattoota irratti bobbaase mooraa Yuunibarsiitii mattuu irratti waraana banuun dhukaasa gurguddatu dhaga’ama jira. meeshaa gaazii summaa’aa nama boosisuu barattoota irratti dhukaasuun barattoota hedduu ukkamsuun hidhaatti guuraa jiru, barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa fi dimookiraasii waan gaafataniif hedduun reebamani, hedduun hidhaatti ukkanfamaa jiru.
Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu guyyaa har’aa kanas warraaqsaa FDG kaleessa galgala eegalaan jabeessuun waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Waranni Wayyaanee baay’ina barattoota Yuunivarsiitii Mattuu ol ta’uu mooraa Yuunibarsiitichaa waan seeneef barattootni iyya guddaa kaasuun mooraa gadhiisanii gara uummata Magaalaa Mattuu fi naannoo Yuunibarsiitii Mattuutti makatan. Waranni Wayyaanee immoo mooraa Yuunibarsiitii to’achuun mooraa Yuunibarsiitii mattuu dirree liinjii waraanaa fakkeesse goolii uumee jira.
Wednesday, 27 May 2015
Ibsoota Tokkummaa Jaarmayoolee fi Gurmuulee ABO, fi ABO-Jijjiramaa
Ibsoota Tokkummaa Jaarmayoolee fi Gurmuulee ABO, fi ABO-Jijjiramaa
Ibsa ABO-Jijjiramaa
Qabsoo roga hundaan jabeessuu fi tokkummaan dhaabbachuun bilisummaa Oromiyaaf wabii dha
Ibsa ABO Jijjiramaa haala yeroo irratti.
Ilmaan Oromiyaa bilisummaa sabaa fi abbaa biyyummaa isaanii goonfachuuf qabsoo hadhooftuu fi haarsaa guddaa gaafachaa jiru yeroo dheeraaf gaggeessaa jiru. Qabsoon bilisummaa fi mirga dimokraasii goonfachuuf taasifamaa jiru, yeroo kamuu caala muldhataa fi danboobaa ta’ee qarqara injifannoo isa mahii gahaa jira. Keessumaa dhalooti qubee qabsoo kaleessa abbootiin keenya kumaatamaan itti wareegamanii sadarkaa amma irra jirruun nuga’an, abbummaan ofitti fuudhatee qabsoon finiinsaa jiru abdii Oromiyaa boruu ta’ee jira.
Mirgaa fi bilisummaa Oromiyaaf jaarmiyaaleen siyaasaa Oromiyaa gara garaa bifaa fi amala qabsoo gara garaa qabu ka’umsa godhatanii ummata Oromoo ijaaruu fi dammaqsuun isaanii diinni amma fedhe iyyuu Oromoo fi Oromiyaa irratti roorrisusi dhabamuun isaa kan hin oolle ta’uun mirkanii dha. Qabsoon bilisummaaf taasifamu biyya keessaa fi biyya ambaatti ilmaan Oromiyaa ijaarsa gara garaa jalatti taasisaa jiran dammaqiinsaa fi guddina siyaasa Oromoo muldhisa.
Sirni abbaa irree Wayyaaneen guddina qabsoo Oromoo keessumaa dhaloota qubee irraa sodaan inni qabu boqonnaa isa dhoowwee jira. Aadaan qoqqoodanii bituu sirna Wayyaanee yeroo kamuu caala harkatti fashalee jira. Kanaaf jecha tokkummaa saba keenyaa fi qabsa’otaa laaffisuuf jecha jaarmiyaalee Oromiyaa maqaa gara garaa itti moggaasuun dhaaba kami akka Oromoof ta’u, akeekuufii dhama’a. Maqaa shororkeessaa fi yaada hin qabne jedhuun, ummata Oromoof jaarmiyaa isaaf malu akeekuu yaala. Akka kana duraa jala deemtuu fi ergamtuu isaa kan taate OPDOn yeroo kamuu caala ergama isaanii Oromiyaa keessatti raawwachiisuu dadhabanii jiru. Kun kan ta’eef sabboontotiin ilmaan Oromiyaa qabsoo roga hundaan taasisanii fi ilmaan Oromoo miindaaf jecha miseensa OPDO ta’an mooraa qabsoo sabaatti waanta makamuu jalqabaniifi. Kun sirna Wayyaaneetti mataa dhukkubbii guddaa itti ta’ee jira.
Filannoo fakkeessii Caamsaa 24, 2015 taasifamaa jiru kana ilmaan Oromoo Wayyaanee irraa, milkii fi bu’a qabseessummaa hin eegan. Wayyaaneen bifa kamiinuu sirna bicuu ta’ee otoo jiruu saba Oromoo Wayyabaaf mirga isaa eegsisuu hin danda’u. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO Jijjiramaa) filannoon Wayyaaneen itti jirtu kun akkuma kana duraa fakkeessii fi aangoorra bubbuluu sirna TPLF mijeessuun ala Oromoof fayidaa tokko hin qabu jedhee amana. Haata’uu garuu dhaabbileen siyaasaa Oromoo gara garaa ilmaan Oromiyaa mirgaa fi bilisummaa isaaniif akka falmatan haala rakkisaa keessatti ummata Oromoo dammaqsuu fi ijaaruudhaan danbalii Jijjiramaa Oromiyaa keessatti dhalchuu isaanii ni dinqisifannaa.
Aadaa fi amala TPLF irraa ka’uudhaan filannoo fakkeessii irraa bu’aan akka hin argamne ABOn ijjannoo jabaa qaba. Kanaaf jecha jaarmiyaaleen Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiran akkasuma, caasaan hawaasa Oromoo gara garaa dhimma bilisummaa saba keenyaa fi abbaa biyyummaa Oromoo irratti tokkummaan dhaabbachuun fardii dha. Diinni keenya kan nurra bubbule tokkummaa dhabiinsa hoogganoota jaarmiyaa siyaasa Oromoo fi caasaa hawaasa Oromoo akka ta’e hubachuun murteessaa dha. Kanaan booda garaagarummaa xixiqqaan sochii ummata keenyaatti gufuu ta’uun dhaabbachuu qaba. Hunda dura tokkummaan dhaabbannee dheebuu bilisummaa ummati keenya bara dheeraa ilmaan Oromoo itti wareegaman baasuu qabna.
Kanaaf jecha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO Jjjiramaa) dhaabbilee siyaasaa fi caasaa hawaasaa gara garagaraaf tokkummaan dhaabbannee injifannoo Oromoo akka dhugoomsinu waamicha taasisa. ABOn dhaabni siyaasaa Oromoo kamuu bilisummaa fi mirga dimokraasii Oromoo dhugoomsuuf, toftaa fi amala qabsoo kamuu hordofuuf mirga qabu jedhee amana. Kanaaf jecha dhimmoota tokkummaan waloon hojachuu qabnu irratti xiyyeefachuun mooraa qabsoo Oromoo tokkoomuu qaba kan jedhu ijjannoo jabaa qaba. Dhaaba siyaasaa Oromoo kamuu kan jaarmiyaa kiyya malee dhaabbileen siyaasaa biraa mirgaa fi bilisummaa Oromoof falmuu hin danda’an jedhanii fi qoollifattoota tokkummaa qabsoo Oromoo ta’an, hundaaf akka aadaan akkasii kun yeroon irra darbee fi qabsa’aa kamuu biratti fudhatama kan hin qabne ta’uu hubachuun akka gara tokkummaa dhugaatti deebitan waamicha godha.
Dhuma irratti ilmaan Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jirtan qabsoo keenya qarqara injifannoo geessee jirtu kana galii isaan gahuuf tokkummaan dhaabbannee bilisummaa Oromoo fi abbaa biyyummaa keenya akka dhugoomsinu waamicha taasisa. Filannoon Wayyaanee bifa kamiinuu itti bahi isaa sirna bicuu TPLF aangorra tursiisuun ala fayidaa irraa argannu kan hin jirre ta’uu isaa beeknee danbalii bilisummaa yeroo ammaa roga hundaan uumamee jiru daran jabeeffachuudhaan tokkummaan akka falmannu waamicha goona.
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO Jijjiramaa)
Injifannoon ummata Oromoof!
Caamsaa 22, 2015
Ibsa Tokkummaa Jaarmayoolee fi Gurmuulee ABO
Bilisummaa fi Abbaa Biyyummaa Oromoo Dhugoomsuuf Tokkummaan Dhaabbilee Siyaasa Oromoo Murteessaa dha.
Qabsoon hadhooftuu bara dheeraa dhaloota irraa dhalootatti darbaa turte, wareegama qaqqaalii gaafatus, Ummanni Oromoo akka Oromootti, biyyi isaa Oromiyaan akka Biyyaattii sadarkaa dubaatti deebi’uu hin dandeenye irra gayamee jira. Gootota fi hayyonni mul'atoon ilmaan Oromoo lubbuu jijjiirraa hin qabne kafalaniin Oromoo akka Sabaatti, Oromiyaa akka Biyyaatti, akkasuma eenyummaa isaa wajjin balleessuuf jaarraa tokkoo ol itti duulame fashalsanii jiru. Kabajaa fi ulfinni bara baraan wareegamtoota ilmaan Oromoo kaffalaniif, Ummata Oromoo biratti yeroo hunda kan yaadatamuu dha.
Diinni Oromoo dhufaa darbaan tooftaa bittaa fi gabrummaa isaa jijjirachuudhaan duula dhuma hin qabne ilmaan Oromiyaa irratti banuudhaan, ajjeechaan, qabeenya isaa saamuun, dhabamsiisuun, mana hidhaatti guuruun haadhaa fi abbaa ilmaan maleeyyii taasisuun itti roorrisuu fi tuffachuun toftaa bittaa isaanii ti. Haata’uu malee gochaa ilma namaaf hin malle sirni kaleessa turee fi kan amma aangoorra jiru tooftaa wal fakkaataan Oromiyaa cabsanii qabatanis, qabsoo isaa bifa kamiinuu dhaamsuu hin dandeenye.
Qabsoon Oromoo yeroo kamuu caala, jabaataa fi ofi haaromsaa dhaloota bilisummaa goonfachuu fi mul'ata tokko qabu geessifatee jira. Kanaaf sochiin qabsoo Oromoo yeroo kamuu caala, diina Oromiyaa shororkaa fi abdii kutannaa keessa galchee jira. Faallaa kanaa ammoo mooraan qabsoo Oromoo jabaachaa fi dhaloonni qubee, falmii bilisummaa fi abbaa biyyummaa isaa jabeessee gola diinaa hunda keessatti finiinsee jira. Kun injifannoo isa guddaadha.
Qabsoon roga hundaan ilmaan Oromiyaa gaggeessaa jiran injifannoolee dhaloonni haarawaan itti boonuu fi riqicha galma qabsoo keenyaa ittiin gahuu dandeenyu nugonfachiisee jira. Diinni keenya hamma yoonaa kan nurra bubbuleef tooftaa qoqqodanii bituu ilmaan Oromoo gidduutti dhalcheen ta’uun isaa wal nama hin gaafachiisu. Tokkummaa dhaabilee Oromoo akka hin dhugoomnee halkanii guyyaa hojachuudhaan, aangoo gabroomfataa isaa turfatuu danda’ee jira. Ilmaan Oromoo tooftaa diinaa kana cabsuuf qabsoo guddaa taasisanii jiru.
Yeroo ammaa tooftaan qoqqodanii bituu diinaa kun akka bakka hin qabne dhaloonni amma jiru sirnaan hubatee jira. Tokkummaa dhabuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mumuldhachaa turuun isaa diinni keenya akka nurra bubbulu taasisee jira. Galii keenya isa maayyii gahuuf falli tokkichi mooraa qabsoo Oromoo tasgabbeessuu fi tokkoomsuudha.
Kanaaf, nuti jaarmiyooleen fi gurmuuleen siyaasaa Oromoo maqaan keenna jalatti tarreefame qabsoo bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuuf qabsa’aa jirru, waamicha ummata Oromoof awwaachuudhaan mooraa Oromoo tokkoomsuuf murteessinee jirra. Ardha irraa kaasnee humna, qabeenyaa fi beekumsa qabnu wolitti- qindeessuudhaan galii qabsoo keenyaa milkeessuuf murteessinee jirra.
Murtiin walii galtee keenyaa:
1. Mirga fi Bilisummaa Lammii Oromiyaa fi Ollaa Oromiyaa osoo hin tuqin, Biyya Oromoo Oromiyaa ijaarachuu fi bilisummaa Oromoo dhugoomsuu akka dandeenyu, kanaafis akka qabsoofnuu fi kanaaf kan malan tarsiimoo fi toftaa galma gahiinsa kanaaf waadaa waloo qabaachuu keenya ijjannoo fudhannee jirra.
2. Hiree ofiin murteeffannaa ummata Oromoo karaa bilisa ta’een taasifatu milkeessuu fi murtee hiree murteeffannaa Oromoo alduree tokko malee hojiirra akka ooluu fi dhugoomu ijjannoo fudhannee irratti waliif gallee jirra.
3. Masakamni keenya sirna bulchisa Gadaa, dimokraasii fi dandeettii qabsoo Sabaa tarkaanfachiisuu danda’uu irratti kan hutubamuu ta’uu akka qabu ijjannoo tokkoon irratti waliif gallee jirra.
4. Giddu galli qabsoo keenyaa Oromoo humneessuu, hidhachiisuu, dammaqsuu, dirree qabsoo dachee Oromiyaa keessatti gadi dhaabatte baballisuu, waraana bilisummaa Oromiyaa bifa harawaan ijaaruu irratti ijjannoo tokko fudhannee jirra.
5. Sagantaa siyaasaa: Hanga Korri Sabaa taa'utti, sagantaa siyaasaa waloon qabnu kan dhaabilee kuni marti gargar bahuu dura Kora ABO bara 2004 irratti ragggaasifameen masakamna.
6. Maqaan Dhaabilee Oromiyaa tokkoomnee Adda Bilisummaa Oromooti (ABO). Alabaan dhaabbilee Oromiyaa tokkoomnee Alaabaa ABOn jalqabaa hanga arraa itti qabsaaweeti.
7. Kora Sabaa guyyaa walii galtee kana dhuguumsinee kaafnee, waggaa tokko keessatti akka waamamuu fi koreen qopheessituu kora Sabaa ammumaa kaasee akka hojii isaa jalqabu waliif gallee jirra.
8. Miseensaa, qabeenyaa fi caasaa jaarmayoolee kana dura turan bifuma waliigalle kanaan bakka tokkotti fiduudhaan hoogganaa fi caasaa dhaabaa tokko jalatti akka masakamu waliif gallee jirra, caasaa hoogana hanga kora geenyutti nu hooganuus tolfanne jirra.
9. Amma korri sabaa ta'utti hooggana waloo tokkoon hoogganamuudhaann jaarmiyaalee waliif galle hundaa ka ammate koree hojii gaggeessituu fi caasalee dhaabaa hojiif malaan waloon hutubachuuf wolii gallee jirra.
10. Hoggannoonni yeroof dhaaba tokkoome hoogganu:
– Jaal Abbaa Nagayaa Jaarraa, Hayyuu Duree,
– Brigadier General Hayiluu Gonfaa, Itti-Aanaa Hayyuu Duree, yoo ta’aani ramaddiin hooggannoota hafaanillee ka itti fuufu ta’a.
– Jaal Abbaa Nagayaa Jaarraa, Hayyuu Duree,
– Brigadier General Hayiluu Gonfaa, Itti-Aanaa Hayyuu Duree, yoo ta’aani ramaddiin hooggannoota hafaanillee ka itti fuufu ta’a.
Waamicha
Hunda dura abbaa qabsoo kan taate ummati Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiraachaa jirtu, qabsoo bara dheeraa fi aarsaan guddaan itti kaffalame, galii isaan gahuuf akkuma kana duraa taasisaa turtan, qabsoo bilisummaa jabeessuuf hirmaannaa roga hundaa akka gootu waamicha goona. Keessumaa dhalooti harawaan itti gaafatama seenaa sirra jiru bahuuf ijaarsa bifa hundaa keessatti hirmaachuu fi caasessuun akka QBO galii isaan geessu waamicha addaa siif goona. Qabsoo bilisummaa fi abbaa biyyummaa dhugoomsuuf dhaabni kee ABOn bifa harawaan hooggansa qabsoon gaafatu kennuuf qophii ta’uu isaa siif dhugoomsa.
Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, gurmuulee fi qabsaawota namtokkee bifa gara garaan ijaaramtanii QBO gaggeessaa jirtan yeroo kamuu caala tokkummaan qabsa’otaa murteessaa ta’ee jira. Kanaaf, filannoo woyyaanneen wagga shan shaaniin fakkeesittu irraa bilisummaa eeguu dhiifnee qabsoo Oromoo galii isaan gahuuf walirratti xiyyeefachuun dhiifamee akka diina keenya waloo humna taanee irra aannu waamicha goona. Keessumaa kaayyoo fi akeeka siyaasaa tokko dhaabbileen qabnu halduree tokko malee akka mooraa tokkummaa kana wajjin jabeeffannu waamicha goona.
Dhuma irratti mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa aangoo qabachuudhaan ilmaan Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf duula bifa hundaa Oromiyaa irratti banee jiru oolee bulee itti gaafatama jalaa akka isa hin baafne beekee badii irratti badii dabalchuu irraa akka dhaabbatu akeekkachiifna.
Ilmaan Oromoo beekas ta’ee, otoo hin beekiin sirna gabroomfataa Wayyaanee tajaajilaa jirtan itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf jecha diinaaf tumsa taatanii jirtan keessaa baatanii akka mooraa qabsoo Oromiyaati dabalamtan waamicha Oromummaa isiniif taasifna. Waamicha ilmaan Oromoo isiniif godhaa jiru dhagahuu diddaan badii irratti badii dabalachaa kan deemtan yoo ta’e, bifa kamiinuu murtii ummata Oromoo jalaa kan hin miliqine ta’uu keessan akka beektan isin hubachiifna. Kanaaf jecha yeroon otoo hin darbiin akka mooraa qabsoo Oromoo keessatti qooda fudhatan waamicha isiniif taasifna.
Leelliftoonni sirna kaleessaa ammas seenaa irraa barachuu irra, humna itti qabaachuu baatanis bifa hawwiin yakka kaleessa ilmaan Oromoo irratti dalagaa turan irraa barachaa hin jiran. ABOn leelliftoota sirna kaleessaaf dhaamsi qabu, yeroo humna guutuu iyyuu itti qabdan qabsoo Oromoo yeroo dhumaaf hukkaamsuu akka hin dandeenyee fi haqni ummataa cunqurfame akka injifatu gochaa keessan kaleessaa irraa baradhaa jenna. Sana irra darbee ammas abjuu bifa kamiinuu Oromoo deebisanii bifa jibbisiisaa kaleessaa jala galchuuf hin danda’amne irraa akka of qusattan akeekkachiifna.
Ilmaan cunqurfamaa empayera Itiyoophiyaa keessa jiran diina waloo kan ta’e Wayyaanee fi leelliftoota sirna kaleessaa waloon ofi irraa kaasuuf akka mirgaa fi haqa walii beeknee, diina keenya duwwaa irratti waloon xiyyeeffannu waamicha isiniif goona.
1. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jijjiramaa;
2. Adda Bilisummmaa Oromiyaa (ABO);
3. Gurmuu Qabsaa’otaa fi miseensta Adda Bilisummaa Oromoo (GQM-ABO);
4. Miseensota Koree Yeroo Adda Bilisummaa Oromoo (KY-ABO), fi
5. Miseensota fi Hoogganoota ABO durii namtokkee fi qabsaawota matayyaa
2. Adda Bilisummmaa Oromiyaa (ABO);
3. Gurmuu Qabsaa’otaa fi miseensta Adda Bilisummaa Oromoo (GQM-ABO);
4. Miseensota Koree Yeroo Adda Bilisummaa Oromoo (KY-ABO), fi
5. Miseensota fi Hoogganoota ABO durii namtokkee fi qabsaawota matayyaa
Injifannoon Ummata Oromoof!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Caamsaa 27, 2015
Mootummaan Korojoo Filannoo Saametti Akka Taajjabdoonni Mallatteessan Humnaan Dirqsiisa, Jedhu Mormitoonni
Oduu
Mootummaan Korojoo Filannoo Saametti Akka Taajjabdoonni Mallatteessan Humnaan Dirqsiisa, Jedhu Mormitoonni
Filannoo Amboo
Namoo Daandii
26.05.2015 23:59
WASHINTON,DC—
Aanaalee Filannoo Oromiyaa hedduu keessatti humnoonni hidhattootaa Mootummaa akka taajjabdoonni korojoo humnaan harkaa fudhatamee fi irraa hariyatamnitti mallatteessanii fi seera-qabeessa fakkeessan doorsia, hidhaa, miidhaa haga rasaasaan rukkutuu ga’u irratti geggeessaa jiru, ka jedhan – barreessaa Kongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa ti.
Qellem Wallaggaa keessatti sababaa kanaan namoonni sadii sababaa kanaan walitti-bu’insa uumameen namoonni sadii rasaasaan haleelamuu isaanii, Arsii Lixaa fi bakkawwan hedduu ka biroo keessatti immoo taajjabdoonni hidhamuu dubbatu. Aanaa Gadab Asaasaatti namni Mederekiif dorgomanii fi Shawaa Lixaa keessatti taajjabduun filannoo amma hidhaa baqadheen dhokadhee jira, jedhanis himannaadhuma wal-fakkaataa qaban.
Subscribe to:
Posts (Atom)