Uummata Oromoo Keessattti Sabonumma
Akkamittin jabeessuun Danda’amaa?
Sabonummaa uummata oromoo keessatti jabeessuun baayee
barbaachisadha. Sabonummaan kun Karalee adda addaan adeemsifama ture .
Qabsoonis godhamee lubbuun beektotaafi Gootota hedduu darbeera. Isaan haa
bu’uureessaan malee nuti immoo dhaloota amaa akkamittin sabonumma jabeessu
qabnaa? Gaafin gaafi namoota hundumaa yoo ta’u yaada garagaraa kaasun ni mala.
Haa ta’u malee namni kammiyyu hangaa hubannoo isaa yoo dubbate cubbuu hin qabu.
Sabonummaa uumata keenya keessatti jabeessuf mana irra jalqaba. Inni dura
Eenyummafi Afaan ofi barsisuudha. Kuni hangaa tokko godhama jira garuu, hanga
barbaadamu kan
gahuu miti. Sababii isaa haala yeroon walqabsisnee wal hubaachisuun
barbaachisadha. Yeroo amma kana hubannoodhan haa ta’u hubannoo malee namoonni xiyyeeffanno kan itti kennani da’immaan barsisaan eenyummaa isaani osoo hin ta’iin
Amantidhadha. Kana jechuun dogoggoora jechu koo osoo hin taane wal biraa
qabaani barsisuun filatamaadha ykn Eenyumma dursuun dirqamaadha. Da’imnii
keenya wa’ee eenyummaafi aadaa isaani hin bariin dhimma amanti qofarraati
xiyyeeffachuun guddacha adeemu yoo ta’ee waa’ee Eenyummaa isaanifi saba isaani
ni dagaatu. Amantiin kammiyyu ergaa
eenyummaa ofi baraani qofa malee dura miti. Amantifi eenyummaan wanti walitti
fidu hin jiru. Garuu Aadaafi Eenyummaan wal qabaatadha. Addaa baasani ilaaluun
eenyummaa ofi keessa ba’uu ta’a. Kanaaf, gara fuldurraati dhimmoonni kun
xiyyeeffannoo keessa hin galee yoo ta’ee qabsoon of bilisoomsuu hafee qabsoo
amantii qofaaf ta’aa. Da’immaan keenya akkumma dhimma amantii keenyaa
xiyyeeffannoo itti kennine barsifnu waa’ee aadaa, sabummaafi eenyummaa
barsisuun dirqamaa keenya.
A) Akkuma dhimma amantii manaa keessafi lafa kadhannaatti
barsisnuu waa’ee eenyumma, bilisummaafi aadaa isaani barsisuun gaaridha.
B) Mana barumsaa keessatti akka sagantaa tokkootti
barsisuufi namoota dandeetti lamummaa barsisuu danda’aan hafeerun barsisuu.
C) Amantii kam keessatti namni eenyummaa isaafi adaa isaa
akka baruuf dangeeffamu hin qabaan. Sababiin isaa Aadaan ofi agarsisaa
eenyummaa ofitti. Aadaan saba tokko maal akka fakkatu jireenya hawasummaa
keessati kan
ittin madalamudhaa.
Waluma galaatti, sabonummaa dhaloota keessatti
jabeessuun beektootafi qabsa’oota keenyarraa ni egama.Sabooummaan hawaasa
keessatti hin jabannee yoo ta’e qabsoos ta’e bilisummaan takkumma argamuun ni
ulfata. Akkasummaas ilaalcha gandummaa, amantiin wal qoodufi dhaabboota maqaa
oromoon guyya guyyatti ijaara oluun dhimoota xiyyeeffannoo keessa galanidha.
Boonsa
Caalchisa
No comments:
Post a Comment