Saturday, 11 July 2015

Alshabaab waamicha walitti dabalamuu finxaleeyyii ISIS irraa dhihaateef fudhate. OMN:Oduu Adol.11,2015 Alshabaabii fi ISIS’n biyyoota baha Afrikaa jiran keessumattuu soomaaliyaa, Keeniyaa, Itoophiyaa fi Tanzaaniyatti jihaada labsuun mootmmaa Islaamaa hundeessuuf dhaadachuun isaanii ‘daily mail’ gabaaseera.

  Alshabaab waamicha walitti dabalamuu finxaleeyyii ISIS irraa     dhihaateef fudhate.

OMN:Oduu Adol.11,2015 Alshabaabii fi ISIS’n biyyoota baha Afrikaa jiran keessumattuu soomaaliyaa, Keeniyaa, Itoophiyaa fi Tanzaaniyatti jihaada labsuun mootmmaa Islaamaa hundeessuuf dhaadachuun isaanii ‘daily mail’ gabaaseera.

      

Gareen hidhatootta finxaaleyyii Alshabaab waamicha walitti dabalamuu ISIS irraa dhihaateef simamachuun biyyoota baha Afrikaa, keessumattuu soomaaliyaa, Keeniyaa, Itoophiyaa fi Tanzaaniyatti jihaada labsuun mootummaa Islaamaa hundeessuuf dhaadachuun isaanii ‘daily mail Online’ gabaasasaa kaleessaatiin himeera.
Akka gabaasa kanaatti, gareen finxaaleyyii Alshabaab kun, walitti dhufeenyaa duraan Alqaa’idaa waliin qabaachaa ture akka addaan kuteefi, garee finxaaleyyii ISIS-Islamic State in Syrian and Levant tti of akka dabale gabaafameera. ISIS’n viidiyoo piroopagandaa Bitootessa dabre gadi dhiiseen, gareen Jihaadistoota Afrikaa akka isaanitti dabalamaniif waamicha dhiheessuun cinatti, biyyoota baha Afrikaa keessumattuu biyyoota akka Keeniyaa, Itoophiyaafi Taanzaaniyaa keessatti jihaada labsanii mootummaa Islaamaa hundeessuuf dhaadachuu isaanii ‘Daily Mail Online’ addeesseera.
Miseensonni Alshabaafi maddi keessoo loltoota Somaliyaa yaada kennaniin, Alshaabaab waamicha dhihaateef ni simataa jedhan. Maddi odeeffannoo kun dabaluun akka himetti, gareen fixaalessitoota kun waamicha ISIS simachuun jihaadaa Baha Afrikaa dhugoomsanii mootummaa Islaamaa hundeessuuf lolotoota gara 9,000 akka ajajan barameera. Yeroo hongantootni garee finxaalessitoota naannootiifi biyya alaa haleellaa tasaa kumaandootiifi xiyyaraatiin ajjeefamaniifi naannoleen garee kanaan to’atanmanii turan yeroo harka isaaniitii bahanitti labsiin kun akka dabrelle himameera.
Haleellaan loltoota gamtaa Afrikaafi xiyaaraa nama maleeyyittin garee finxaalessitoota Alshabaab irratti gaggeefamaa jiraatulle, Alshaabaab Somaaliyaa keessatti naannoolee hedduu akka to’atee jiruufi ji’a Waxabajjii dabree qofa keessatti loltoota mootummaa Somaali 150 akka ajjeeselle gabaafameera. Gareen finxaalessitoota Alshaab kun, daangaa Keeniyaa ce’uudhaan haleellaa tasaa gaggeesseen Hulungho fi Mandera tti nageyaa eedoota 50 takkatti haleeleera.
Oduma walfakkaatuun, Jimaata kaleessaa Haleellaa boombii Finxaalessitoonni Alshabaab magaalaa gudditti Somaaliyaa Moqdishoo keessatti hootela tokkorratti raawwataniin yoo xiqqate namoonni nagaa shan akka ajjeefamaniifi hedduun akka mada’anille madda tika nageenyaa Somaaliyaa wabeeffachuun ‘World Bulletin’ gabaaseera.
Wal-waraansi loltoota mootummaa Somaaliyaatiifi garee finxaaleyyii Alshabaab jiddutti banelle akka itti fufee jirulle dubbatameera. Gareen finxaaleyyii Alshabaab kunneen yeroo gara garaatti, haleellaa boombii hedduu Moqdishoo keessatti dhaqqabsiisaa akka turannille ni yaadatama.
Danii’eel Bariisoo Areeriitu gabaase.

No comments:

Post a Comment