Saturday, 11 July 2015

OMN Oromiyaa midiyaa neetorkiin qamaa bu’uura ilmaan Oromootti. Qamnii bu’uura akkuma dalagaa isaa waliin wal tumsee rawwaatuu OMN ummataa keenyaaf riqichaa gudda tahee jira. Funyaan ta’ee rakkoo hawasaa keessa jiruu funannee adduunyaf ibsa. Ijaa tahee ilaala, Guraa ta’ee dhaggeeffata! Afaan tahee uummataa isaaf dubbaata.

   OMN
Oromiyaa midiyaa neetorkiin qamaa bu’uura ilmaan Oromootti. Qamnii bu’uura akkuma dalagaa isaa waliin wal tumsee rawwaatuu OMN ummataa keenyaaf riqichaa gudda tahee jira. Funyaan ta’ee rakkoo hawasaa keessa jiruu funannee adduunyaf ibsa. Ijaa tahee ilaala, Guraa ta’ee dhaggeeffata! Afaan tahee uummataa isaaf dubbaata. Midiyaan kun qamaa keenya  jechu dandeenya. Haa ta’u malee Dinni ilmaan Oromoo akkuma kaleessa ummataa keenya hundeen balleessu yaadani hin milkoofne haaraas hin yadu garu hin milka’aani.Kan boode jiru isaanif abjuudha. Sagaleen uummata keenya yommiyyuu hin uukafamu.!!

         

Walaloo OMN

Midiyaa oromiyaa
Abbaa saba bal’aa
Qixeeti ilaalta
Sabaakeef hojjeta
Lammii keef dubbata
Kabaaf kibba deemte
Bahaaf lixaan gorte
Oromiyaa dawwate
Oromiyaa midayaa
Baga nu dhalate!!
Dinnii haa dhamatu
Atii nuuf jiradhu

Ijaaf guraa taate
Lammii kee ilaalte
Afaan taate dubaate
Rakkoo saba keenya
Biraa deemte hubate
Kan dhokaate jiru
Barbaade argite
Ragaan qindeesite
Addunyaaf ibsaate
OPDOf waayyannee
Hojiidhan salphifte.

Badi kee laalabuu
Harkaa olkaasani
Yaali godhu malee
Yommuu   milka’aani!
Dinni ilmaan Oromoo
 Ijaa maali qabu
Kan ittin hubaatu
Mee of haa gaafatuu?
Eenyuuf akka hojjetuu?
  
Oromiyaa midiya
Saba  keetif  hojjedhu
Riqichaa immoo taa’i
Isaa kan barsisii
Dofaa hubaachisi
Abbaa garaa qanneessi
Waayyaanne immoo salphisi
Dhugaa saba himi
Addunya dhageessisi.

Warrii abbaa soba
Dimookirasii jedhu
Ol fudhaanni farsuu
Saba itti gowwomsu
Lubbuu namaa baasu

Isaa kan hin hidhu.
Namoota hin jennuu
Sarree namaa nyaatu

By: Bonsa Chalchisa

No comments:

Post a Comment