Obbo Baqqalaa Garbaa,Keessumaa kabajaa WQO/ OSA / ta’uun affeeraman.
OMN:Oduu 10,2015 Waldaan Qorannoo Oromoo yaa’ii waggaa 29ffaa Hagayya 12 bara 2015 Washington DC tti taa’u irratti barsiisaa Yunivarsittii Finfinnee duraanii fi falmaa mirga dhala namaa Obbo Baqqalaa Garbaa keessummaa kabajaa gochuun affeere.
Obbo Baqalaa Garbaa Viisa argatanii gara Ameerikaatti imaluuf qophiirra akka jiran, prezdantiin Waldaa Qorannoo Oromoo Obbo Jawaar Mohammad OMN tti himaniiru.
Prezdantiin Waldaa Qorannoo Oromoo obbo Jawaar Mohammad itti dabaluun, yaa’iin waldichaa bara kanaa dameewwan hanga ammatti qoarannoon bal’aan irratti hin qoratamne kanneen akka Aartii irratti xiyyeeffachuun mari’ata jedhan.
Yaa’ii Waldaa Qorannoo Oromoo bara kana irratti, barsiisa Yunivarstii Finfinnee kan turan fi waggoota arfan darban mana hidhaa Itoophiyaa keessatti rakkachaa erga turanii booda, dhiheenya kana kan gadilakkifaman obbo Baqqaa Garbaa fi Piroofeesser John Marka-kis barreeffama Qorannoo isaanii akka dhiheesan Obbo Jawaar himaniiru.
Waldaan Qorannoo Oromoo waggoota 29 n darban, qorannoowwaan taasiseen dhimmonni hawwaasummaa, diinaagdee fi Siyaasaa Ummata Oromoo akka ifa bahu akkasumas hawwaasni Addunyaa akka dhimma Oromoo beekuuf gahee guddaa bahuu isaa obbo Jawar dabalanii ibsaniiru.
Yaa’ii bara kanaa irratti dhimmoonni aartii fi Muuziqaa oromoo, kanaan dura xiyeeffannaan itti hin kennamne akka dhihaatan fi dargaggonni fi shammaran Oromoo bal’inaan kan irratti hirmaatan ta’uun,yaa’icha adda godha jedhaniiru.
Hawwaasni Oromoo biyyoota ala jiraatan, yaa’ii kana irratti hirmaachuun ogummaa fi muuxannoo hayyoota Oromoo fi kanneen biroo akka qoodataniif pirezidantiin Waldaa Qorannoo Oromoo Obbo Jawaar Mohammed waamicha godhaniiru.
Gabaasaan Alamaayyoo Qannaa ti
No comments:
Post a Comment