Tuesday, 14 July 2015

Itti’aanaan Pirezidantii Ameerikaa Itoophiyaa Seenan.OMN:Oduu Adol.13,2015 Itti’aanaan Pirezidantii Ameerikaa Joe Biden Yaa’ii addunyaa 3ffaa Faayinaansiin Misoomaaf jedhamu Itoophiyaan keessummessitu irraa hirmaachuuf Itoophiyaa seenan. Gama biraatiin barreessaan dhaabbbata Mootumoota Gamtomanii Baankiimoon yaa’icha irraa hirmaachuf Fininnee seenanii jiru.

Itti’aanaan Pirezidantii Ameerikaa Itoophiyaa Seenan.

          

OMN:Oduu Adol.13,2015 Itti’aanaan Pirezidantii Ameerikaa Joe Biden Yaa’ii addunyaa 3ffaa Faayinaansiin Misoomaaf jedhamu Itoophiyaan keessummessitu irraa hirmaachuuf Itoophiyaa seenan.
Gama biraatiin barreessaan dhaabbbata Mootumoota Gamtomanii Baankiimoon yaa’icha irraa hirmaachuf Fininnee seenanii jiru.
Biyyonni duroomanii fi guddaachaa jiran karoora misoomaa gara fuula duraa irratti mari’achuuf yaa’ii guyyoota afuriif turu irratti hirmaachuuf Itoophiyaatti walgahanii jiru.
Walgayii kana irratttti barreesssaan dhaabbabta mootummoota gamtoomanii Baankiimoon prezdantii itii aanann Ameerikaa Joe Biden fi Ministironni muummee Xaaliyaanii ,fi Swiiidiin akkasumas qondaaltoota biyyota garagaraa akka hirmaatan beekameera.
Yaa’ii 3ffaa faayinaansiin misoomaaf jedhamu kun biyyoota Meeksiikoo ko Qaataar tti aanee Ardii Afriikaa keesattti yeroo jalqabaaf ta’ama.
Barreessaan Dhaabbata Mootmoota gamatomanii Baankiimoon garee dhaabbatichaa hoogganuun magaala Finfinnee seenanii jiru.
Akka gabaasa kanaatti Marii Wiixata irraa eegaluun hanga Kamisaatti guyaa 4 ta’amu kana irratti Hoogantoonni Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maalaqa Addunyaa IMF akka irratti hirmaatanis beekameera.
Yaa’iin 3ffaa Fayinaansiin Misoomaaf jedhamu amma Magaalaa Finfinneetti taa’amaa jiru kun waggoota 15 itti aanan keesaattii misooma itti fufiinsa qabu fiduun haala danada’amu irratti xiyyeeffachuun kan mari’atu dha.
Haa ta’u malee bara 2002 yeroo yaa’iin dhimmaa maallaqaa irratti (Monterey Consensus) jedhamuun beekamu taa’ame biyyonni durooman galii waliigalaa biyaalleessaa Gross National Income irraa biyyoota guddachaa jiraniif// dhibeentaa 0.7 gummaachuuf waadaa seenanii turan. Ingliz irra kan hafe kan waadaa isaanii raawwwatan garuu hin jiran.
Japaan Marii kana irratti bu’uuraalee misoomaa qulqullina qaban fi Investmentii mataa duree jedhu akka mariif dhiheesitu beeksiftee jirti.
Yaa’iin 3ffaan Faayinaansiin Misoomaaf jedhu guyya afuriif taa’amu irratti guutuu addunyaa irraa hirmaatonni kuma shan akka hirmaatan beekameera jechuun The Reporter gabaasee jira.
Gabaasaan Alamaayyoo Qannaa ti

No comments:

Post a Comment