Monday, 8 June 2015

Wantoonni namoonni Facebook Irratti Gadilakkisan Amala Isaanii Calaqqisa, Jedhu Qorattoonni

Wantoonni namoonni Facebook Irratti Gadi lakkisan Amala Isaanii Calaqqisa, Jedhu Qorattoonni

Wanti Gadi Lakkisnu Amala keenya Ibsa
Qorattoonni Facebook irratti qorannoo adda addaa godhaati kan turan. Qorannoon haarofni tibbana ifa ta’e ammoo kan xiyyeefate wolitti hidhata amala namoota Facebook fayyadamaniifi wontoota isaan Facebook irratti gadi lakkisan baruu irratti. Wonti nuti yeroo heddu Facebook irratti gadi lakkifnu, itti yaadnees ta’ee tasa nu harkaa bayee, waa’ee eenyummaa keenyaa irraa waan ibsu ykn dubbatu heddu qaba. Qorattoonni Yunivarsiitii Brunel UK kan tibbana ifa godhan isuma kana qajeelatti mirkaneesse. Dhuguma waan namoonni Facebook irratti gadi lakkisan hordofuun amala namootaa irraa waa jechuun nidanda’amaa?
Qorattootaaf deebiin gaafii kanaa  ‘eeyyen’ isa jedhuudha.  Afaan guuttatanii eeyyen akka jedhan kan qorattoota Yunivarsiitii Brunel dandeessise qorannoo fayyadamtoota Facebook 555 irratti geggeessaniidha.   Saayinsistoonni walitti hidhata amala namootaafi dhimmota isaan Facebook irratti gadi lakkisan baruuf amaloota namaa gurguddoo jedhaman shan irratti kan xiyyeefatan. Amaloonni namootaa gurguddoon kunniinis fayfayyo (extroversion), iftooma (openness), anamalee (narcissism),dhiphina (neuroticism) fi  dammaqiinsa (conscientiousness).
Akka qorattoota Yunivarsiitii Brunel kanatti namoonni amala fayfayyo (extroversion) qaban Facebook irratti kan gadi lakkisan irra jireessatti waa’ee qophii hawaasaati. Namoonni kunniin miidiyaa hawaasatti dhimma kan bayaniif ergaa akkasii dabarsuufi ykn labsuuf.
Namoonni yeroo hedduu waa’eema isaanii Facebook irratti, keessattuu waa’ee waahila, hiriyyaa dhalaa ykn haadha manaa isaanii gadi lakkisan, kanniin, xiqqaatee guddatee, dhiphina ykn rakkoo sammuu wajjiin wal’aansoo bayaa jiraniidha. Kana kan godhaniif, akka qorattoonni kunniin jedhanitti, mirkanaafi fudhatama namoota irraa argachuuf. Bifuma wal fakkaatuun, namoonni sadarkaan ofitti amaniinsa isaanii laga dhaqes si’a heddu kan Facebook irratti maxxansan waa’ee dhuunfaa isaaniiti: jaalala isaanii namatti faarsuu, mul’isuufi agarsiisuu carraaqan. Qorannoon kuni itti dabalees kan ifa godhe namoonni yeroo heddu, keessattuu, waa’ee jaalala isaanii gara Facebookittiin kan fiigan yeroo dubbiin nagaafi gaarii ta’e qofaa miti. Gaafa dubbiin gamteefi gammachuun dhabamte namoonni waa’ee jaalala isaanii Facebook irratti baasu, facaasu- nagaafi tasgabbiin jiraachuu argisiisuuf yalii taasisu.
Namoonni iftooma (openness) ykn ofitti amaniinsa qaban irra hedduun isaanii waa’ee isaanii Facebook irratti gadi lakkisuu hin heddummeessan, akka qorannoon Yunivarsiitii Brunel ifa godhetti. Namoonni sadarkaan ofitti amaniisa isaanii guddaa ta’e wa’ee qophii hawaasaa, bu’aa qorannoo addaa addaatiifi ilaacha siyaasa isaanii Facebook irratti gadi lakkisuuu aadeffatu. Akka qorannoo kanaatti isa kanniin mallattoon isaan hawaasa Facebook kanniin biroon gargara ba'aanii ittiin beekaman. Warri dammaqiinsa (conscientiousness) qaban Facebook irratti irra deddeebi’aa kan firaafi hiriyyoota isaanii biraan gayuuf carraaqan irra jireessatti wa’ee ijoollee isaaniiti.
Gama birootiin namoonni amala anamalee (narcissism) kan biroo hinjiru waan jedhuun dhuunfataman Facebook kan fayyadamaniif gabaa facebook irraa xiyyeeffannaafi mirkan argachuuf.  Wantoonni namoonni amala na argaa qaban yeroo hedduu Facebook irratti gadi lakkisan waa’ee hojiifi sochii isaaniiti.
Qorannoon kuni itti dabalee kan ifa godhe Like Facebook yeroo hunda Like dhugaa ta’uu dhabuu isiiti. Firriifi hiriyyaan waan nurraa hin jaalanneefi itti hin amannes, isuma waa Faceboook irratti gadi lakkise gammachiisuuf jecha yeroon  ‘likattii’ rukutanis heddu ta’uu isaati kan ifa taasisan. Heddumini Like waan goonu irratti nu sobuu hinqabu jechuudha.
Walumaagalatti, akka qorannoo kanaatti, amala namootaa irraa waan isaan gadi lakkisan beekuun ykn tilmaamuun ni danda’ama. Waan namoonni gadi lakkisan irraas eenyummaa isaanii tilmaamuun kana booda waan rakkisaa miti.Wanta hanga ammaa osoo hin beekne godhaa turtaniin akka gaaritti eenyumaa keessan ibsuu dandeettu. Kana boodas wanti hedduu jijiiruu qabdan heddu hinjiru. Sababni isaasa, ufta’anii jiraachuu irraa garri baqatan hin jiru waan ta’eef.
Amalli hiriyyoonni keessan qaban waan isaan Facebook irratti gadi lakkisaniin walitti hidhannoo qabaa? Wanti isin yeroo heddu Facebook irratti gadi lakkistan, daawitii qorannoo kana keessaan yoo ufilaaltan, eessatti isin ramada? Amaloota shanan kana keessa isa kam isinitti agarsiisa, mul’isa?Mee qorannoo kanaa kana keessattii akka nama dawwiitti ykn of ilaalee fudhatee of ilaalutti of haa ilaalu.

No comments:

Post a Comment