Akka mootummaan Itoophiyaa Midiyaalee adda addaaf ibseeti baqattootni Biyya dachaan kan hirite jedha. Dhugaan jiru garuu baqattootni Itoophiyaa yeroo gara yerooti lubbuun isaani bineensafi galanaan akka dhumaan Dhabbaannii Godaansa Baqattoota Addunyaa, Mirgi dhala namaafi Aministii Internationalin Beeksisaa turuun isaa ni yaadatama.
Gabaasi Weeb Saayitii Quwaatiz Afriikaa Itiyoophiyaan yeroo tokko baqattootaa hedduu kan qabdu akka turte yaadachiisa.
A.L.A 1990 irratti baqattoonni Itiyoophiyaa miliyoona 2.34 Afriikaa, Ameerikaa fi Yuuroop keessa turani. Gabaasi kun lammileen Itiyoophiyaa wayita sana qe’eesaanii gadhiisanii akka baqatan kan taasise Sirna Dargii waggoota 17’f turee fi beela 1974 mudate akka ta’e himeera. Amma garuu, bifa kana waggoota 20’n darbanitti jijjiiruu danda’uushee gabaasi kun ni-eera.
Guddinni dinagdee Itiyoophiyaan waggoota 20’n darbanitti galmeessifte ajaa’iba kan jedhe gabaasi kun, lammileeshee biyya keessa tursuurra dabartee, biyyoota adda addaarra bittinaa’anii kan turan sassaabaa kan jirtu ta’uu eereera.
Gabaasi kun kufaatii sirna dargii booda lakkoofsi baqattootaa hagam hir’ataa akka dhufe Chaartiin deggere agarsiiseera.
Guddinni dinagdee biyyattiin galmeessisaa dhufte baranas 11% ta’ee akka galmaa’u raagamuu kaasuun, isa duraan beelaa fi waraana waliiniin beekamtu amma jijjiiruushee barreesseera.
Daayireektara Afriikaa Faawundeeshinii Biil fi Miilindaa kan haasofsiise weeb saayitiin kun, waggoota murtaa’an darban keessatti Itiyoophiyaatti yeroon namni tokko lubbuun turu 50% dabaluusaa Daayireektarittii wabeeffatee ibseera.
Yeroon raawwii Karoora Misooma Barkumee osoo hinxumuraminis dursitee du’a daa’immanii fi haadholii 67% hir’isuun biyya milkooftedha jedheera.
Waraana waliinii fi beela ishee rukuteen lammileenshee qe’eesaanii baqataa kan turan Itiyoophiyaan, har’a Afriikaarra godoo baqattootaa adda-duree ta’uuf geesseetti jechuuni kan gabaase.
Madda: http://qz.com
No comments:
Post a Comment