Friday, 12 June 2015

Itoophiyaatti Daa'imni Mataa Lamaafi Mormaa Lama Qabdu Dhalate

Finfinneetti Daa’imni Mataa Lamaafi Morma Lama Qabu Dhalate

 Magaalaa Finfinneetti  Haati takka Daa’ima mataa lamaafi morma lama qabu deesse.
Daa’imni kun kan dhalate Hospitaala Xirunash Beejingitti wal’aansa tarsaasuun hodhuutiin akka ta’e beekameera.
Dubartiin naannawa Saariis jiraattuufi umuriin waggaa 36ffaa lakkoofsifte Daa’ima kana wal’aansa tarsaasanii hodhuu daqiiqqaa 25  fixeen da’uu dandesse jedhameera.
Daa’imni kun erga haala kanaan dhalatee booda lubbuun turuu kan danda’e daqiqaa 40 qofaaf akka ta’es himameera.
Haati hordoffii fayyaatiif gara dhaabbata fayyaa wayita deemtu ogeeyyoonni fayyaa Altiraasaawindiin ilaalan haalli uumama Daa’imaa sirrii ta’ee waan itti hin mul’anneef qulqulleessuuf gara Hospitaala Xirunash Beejingitti riifarii barreessaniif.
Achittis  Gadameessi Altiraasaawundiin yammuu ilaalamu haalli uumama Daa’imaa sirrii akka hin taane waan mirkanaa’eefidha Daa’imni wal’aansa tasraasanii hodhuutiin akka dhalatu kan taasifame jedhameera.
Speeshaalistiin wal’aansa tasrsaasanii hodhuu gadameessaa Dr.Alaazaar Abajja akka himanitti Daa’imni kun Mataafi mormsaatiin ala iddoo biraa hunda qaama Namaa qabachuun uumame.
Lubbuun Daa’ima kanaa battalatti kan darbes Dugda isaarra qaawwi waan jiruuf akka ta’e dubbataniiru.
Mudannoon akka kanaa Itiyoophiyaa keessatti yoo mul’atu yeroo jalqabaatiif akka ta’es Dr.Alaazaar beeksisianiiru.Adaana Araggaatu gabaase.

No comments:

Post a Comment