Hogganaan Olaanaa Alqaayidaa - Muktaar Bel
Muktaar ajjeefamuunsaa himame
Afriikaa Kaabaatti Hogganaa Alqaayidaa olaanaa ta’uusaatiin kan beekamuu fi Ameerikaadhaan erga waggoota 10’tii barbaadamaa kan ture Muktaar Bel Muktaar ajjeefamuunsaa himamaa jira.
Muktaar bara 2013 Aljeeriyaa naannoo boba’aan ba’uutti balaa qaqqabsiiseen namoonni 40 kan du’an yammuu ta’u, isaan keessa sadii lammilee Ameerikaa turani.
Nama bakka Muktaar jiru eerumsa kenneef Ameerikaan Doolaara Miliyoona 5 akka kennitu waadaa seenuushee kan yaadachiise gabaasi BBC, namni kun halleella xiyyaaraa Ameerikaan bakka inni jiraataa ture Liibiyaa keessatti raawwatteen ajjeefamuusaa eereera.
Mootummaan Liibiyaa hogganaan garee shororkeessichaa kun ajjeefamuusaa ifoomsus, Ameerikaan haleellaa xiyyaaraa milkaa’aa akka ture ibsuun garasitti ajjeefamuusaa hinmirkaneessine.
Kanaan duras odeeffannoowwan ajjeefamuusaa ibsan yeroo gara-garaatti ba’aa akka turan gabaasichi eereera.
No comments:
Post a Comment