Tuesday, 30 June 2015

Sabboontoti Oromoo Oromummaa Isaaniitiin Yakkaman Waggaa Torbaan Booda Hikamaan

Oromooti Sagal Hidhaa Hiikaman




Waxabajjii 30, 2015 | Oromedia

Sabboontoti Oromoo Oromummaa isaaniitiin yakkamanii wagoota turban darbaniif manneen hidhaa Itoophiyaa keessatti gidirfamaa bahan sagal hidhaa waggaa torbaa booda hiikaman.

Raadiyoon Sagalee Oromoo (OVR) akka gabaasetti, hidhamtooti siyaasaa Oromoo salgan kunneen bara 2008 keessa sababa Oromummaa isaaniitiin yakkamaniii hidhaatti kanneen guuraman turan.
Akka odeessa nu gaheetti, sabboontoti hiikaman kunneen kanneen galmee Ob. Tasfaahuun Camadaa fa’aa jalatti himatamnii turanii murtiin dabaa irratti darbee ture ta’uun beekameera.
Kanneen yeroo amma hiikaman saglan,

1. Ob. Isheetuu Kitil
2. Ob. Kabbadaa Booranaa
3. Ob. Baqqalaa Nagarii
4. Aad. Abarraash Yaadataa
5. Ob. Waabee Hajii
6. Ob. Roobaa Gaddafaa
7. Ob. Baayisaa Huseen
8. Ob. Olaanii Jabeesaa
9. Ob. Haayiluu Dalasaa ti.

Hidhamtoota kunneen waliin hiikamuun kan irra ture Ob. Dajanee Dhaabaa garuu haga yoonaatti mana hidhaa Zuwaay irraa akka hiikamne beekameera. Hidhamaan murtiin umurii guutuu irratti darbe Ob. Masfin Abbabaa Abdiisaas hidhaa hidhaa umurii guutuu baatee gidiraa argaa jira.

Akka yaadatamu, Ob. Tasfaahuun Camadaa wagga tokko dura mana hidhaa keessatti ajjeefamuun isaa kan beekmuudha.

Aad. Lalisee Wadaajoo manni murtii waliigalaa bilisa wana gadhiiseef dursitee baate.

Ob. Baqqalaa Jiraataa fi Ob. Dajanee Booranaa immoo otuu wabiin jiranii murtiin dura biyyaa waan bahaniif bakka hin jirretti murtiin itti dabrbee jira.
———- 

Qabiyyee mirga namaa Itiyoopiyaa fi addunyaa ilaalchisee gabaasa ministriin dhimma alaa Amerikaa baase



Qabiyyee mirga namaa Itiyoopiyaa fi addunyaa ilaalchisee gabaasa ministriin dhimma alaa Amerikaa baase






Mootummaan Itiyoopiyaa fi angawoonni isaa bara 2014 keessa dhiitamiinsa mirga namaa hedduu raawwachuu isaanii ministeerri dhimma alaa US beeksisee jira. Yeroo hedduu dhiittaan mirga namaa kun kan raawwatamu qajeelfamni heera irra taa’an hedduun irra daddarbamuun ta’uu gabaasi ministeera dhimma alaa kun beeksiseera.
Ijaarsa gandeenii ilaalchisee dhiittaa mirga namaa ragaaleen mirkaneessan kan hin dhiyaanne ta’uu isaa, garuu uummata qubsiisameef waadaan seename hin guutamin hafuu isaa ykn immoo boodatti harkifachuu kun ta’uu baatus caasaaleen misooma bu’uuraa utuu hin diriirsamin namoonni qubsiisamuu isaanii gabaasi kun ibsee jira. Namoonni callisanii hidhamuu fi akkaataa hidhamtoonni itti qabaman akkasumas adeemsi seeraa jal’achuu ilaalchisee kutaa jalqabaa har’a dhiyeessina.  Ministeerri dhimma alaa Us Johan Keryyn gabaasa qabiyyee mirga namaa addunyaa kan waajjirri isaanii barana baase irratti yaada kennaniin seenaa dhala namaa keessatti qabsoon kabajaaf geggeessamu humna gara fuula duraatti nu tarkaanfachiisu jedhan.
Gara sanatti kan oofu immoo qabeenyaa keenya walii galaaf galma nuti bira ga’uuf hiixanno ykn fedhii nuti qabnu.Jireenyatti jiraachuun, walabummaa fi gammachuu barbaaduun daangaa keenya kan biyyoolessaa fi andaara galaanaan daangeffamuu kan hin dandeenye galma keenya itti gala ti jedhan.
Ministeerichi dhimma alaa gabaasa kan irratti akka tuqanitti naannoo addunyaa irratti mootummootaa fi gareelee shororkeessotaa kan mootummaa hin taaneen waggaa darbe dhala namaa irratti dararaa fi dhiphina hedduun raawwatamuu isaa ibsaniiru.
Mootummoonni China, Masrii, Ertraa, Itiyoopiyaa, Iraan, Raashiyaa fi Saaud Arabiyaa akkasumas kanneen biroon gaazexeessota, kanneen marsariiti irratti barreessan kanneen utuu jeequmsa hin kaasin isaan qeean hidhauu, midiyaalee walabaa fi ifa ta’an ukkaamsuu fi hawaasaaleen sivikii akka hin babal’anne hacuucuu itti fufaniiru jedhan Johan Keryn.
Haalawwan kun martinuu utuma jiranii garuu dhalli namaa walabummaa isaa kan siyaasaa, bulchiinsa haqaa fi dararaa irraan hin geenye argachuuf qabsoo inni geggeessuuf fedhiin isaa kun amma iyyuu cimaa dha jedhaniiru.
Akka ministrii dhimma alaatti naannoo addunyaa irra ennaan naanna’u mirgoonni dhala namaa eegamuu isaani mirkaneessuuf guyyaa guyyaatti gootota jireenya isaanii balaaf saaxilan yeroo yerootti argeen jira, kana kan godhan haleellaan akka isaan irra ga’u utuu beekanii, akeekkachiisi utuu itti kennamuu sagalee isaanii ukkaamsuuf mootummoonni utuma isaan doorsisanii ti jedhan Kerryn.
Waajjirri ministrii dhimma alaa US motummoonni walabummaa dhala namaa akka kabajan dhiibbaa gochuu akka itti fufu ministeerichi dhimma alaa Keeryn yaadachiisanii hawaasa siiviliif sagalee ta’anii falmuu eegumsa dhala namaa maraaf immoo iyyuu kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.
Gabaasii waggoota 39f walitti aansuun ba’e kun kan qophaa’e waajjirri ministrii dhimma alaa mana maree bakka bu’oota uummataa Ameearikaa biraa hojii itti kennameen ta’uu kan tuqan Kerryn, US imaammata ishee alaa yeroo qopheessitu gabaasa akka qajeelfamaatti tti itti gargaaramtu illee mana marii bakka bu’ootaaf dhiyeessuu isaanii illee beeksisaniiru.
Keeryn ibsa gabaasa Sanaa irratti akka tuqanitti president Barack Obaman jalqaba waggaa kanaa gumii walii gala 69ffaa kan TM irratti haasaa dhageessisan keessaas haga tokko tuqanii jiru.
Mootummoonni gurguddoo ta’an xixiqqoon qajeelfamoota sadarkaa addunyaa hojii irra oolchuuf itti gaafatama keenya ba’uu qabna. Waa’ee mirga namaaf kan jiru qajeelfama jechoota abdii of keessaa qabu kan sadarkaa addunyaa jalaa boodatti hin jennu. Addunyaan akka ta’uun irra jiraatu akka ta’utti hojjechuu filannoo godhanneera jedhan.
Bara 2014 keessa gabaasi mirga dhala namaa ministrii dhimma alaa US kan kuta Itiyoopiyaa ilaallatu gabaasa qabiyyee mirga namaa biyyattii gamaaggamu kan baase, namoota callisanii hidhuu, akkaataa hidhamtoonni itti qabaman, murtiin haqaa dhabamuu, ergaa dhuunfaa fi, akka maatiitti daddarbu saaxilamuu fi walabummaa presii akkasumas qeeqa irra ga’u ukkaamsuuf mootummaan seera maqaa balleessuu ilaalchisee jiru akka meeshaatti itti gargaaramuu isaa, walabummaa interneetii, walabummaa sirna barnootaa, waltajjiiwwan aadaa, nagana wal ga’uu, walabummaa ijaaramuu, malaammaltummaa mootummaa keessa jiru, ifa ta’uun dhabamuu isaa, paartilee polotiikaa fi hirmaannaa polotiikaa mata duree jedhanitti addaan qoodamee jira.
Heerrii fi seerri biyyattii namoota callisanii hidhuu kan dhowwu ta’us mootummaan garuu qajeelfamoota kana yeroo hedduu hin kabaju jechuu dhaan gabaasi ministrii dhimma alaa kun gamaaggama isaa kan Itiyoopiyaa kan eegalu. Guutummaa biyyattii keessatti poolisii fi humnootii naga eegumsaan namoota callisanii hidhuun akka raawwatamu kan ibsan gabaasaleen jiraachuu isaanii tuquu dhaan  
Addaan baasee immoo naannoo Somalia keessatti namoota callisanii hidhaatti naquu, dhiitamiinsi mirga namaa akka geggeessamu siivilonni naannoo sana keessaa hojjetaniif sosso’an dhaaboliin sadarkaa addunyaa kan mootummaa hin ta’in akkasumas waaltaaleen gargaarsaa kanneen biroon gabaasuu isaanii ibsee jira.
Gama biraan immoo kanneen hidhamanii jiran sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaatanii himannaan akka irratti dhiyaatu heerri ajajus angawoonni garuu ajaja kana akka hin kabajine gabaasichi ibsee jira.
Uummanni bakka seeraan beekameen ala akka hin hidhamne seerri ajajus hidhattoonni naannoo jiran qaamotiin seera eegsisan mul’inatti beekamanis beekamuu baatanis waaltaalee hidhaa mul’inaan beekaman kanneen kudhanii ol ta’an keessatti kan nama hidhan ta’uu gabaasichi ministrii dhimma alaa Ameerikaa kun beeksiseera.
Sirni hojii irra ooluu qabu kan wabiin gad dhiifamuu jiraatus akkaataan hojii kun garuu shororkaa uumuu, ajjeechaa, mootummaa irratti fincila kaasuuf shiruu fi namoota malaammaltummaan himatamaniif kan hin hojjenne ta’uu isaaf, kanneen mirgi wabii eegamuufis qarshii 500-10000tti waan isaan barbaachisuuf kun immoo humna namoota hedduutiin oli ta’uu babaasichi tuqee jira.
Namoonni hidhaa keessa jiran hagi tokko gorsa seeraa akka hin argamne ta’uu isaa fi waa’ee fayyummaa isaanii ilaalchisee raga guutuun waan akka hin jiraatin, maatiin isaanii akka isaan hin gaafanne dhorkamuu isaanii kan ibsan gabaasaaleen jiraachuun isaanii ni dubbatama.
Angawoonni yeroo hedduu namoota ajaja hidhaa malee to’annaa jala akka oolchan kan ibsu gabaasi kun fakkeenyaaf Ebla 22 magaalaa Finfinnee keessatti angawoonni naga eegumsaa dura taa’aa paartii tokkummaa dimokraasii fi haqaa kan damee Finfinnee Zekariyaas Yemane Berhan fi gaazexeessaa gaazexaa Finote-Selam Nebiyu Haaiyluu dadammaqiinsa kennuuf daangaa dabartan ittiin jechuu dhaan hidhanii Caamsaa 4 himannaa utuu irratti hin dhiyeessin gad dhiisamuu isaanii tuqeera.
Himannaan utuu irratti hin dhiyaatin  waggoota hedduuf hidhaa keessa jiraachuu isaanii kan dubbatan hidhamtoonni hagi tokko jiraachuus gabaasichi ibseera. Adeemsi seeraa lafa irra harkifachuun yeroo hedduu kan mudatu adeemsaawwan murtii yeroon dheerachuu, lakkoobsi namoota hidhamanii hedduu ta’uu, dandeettiin qaama murtii kennuu hanqachuu fi sabaaa hanqina humna namaa ta’uu beeksiseera.
Seerri, qaami murtii kennu walaba akka ta’u ajaja kan jedhu gabaasi kun, dhaddachi yakka ilaalu garuu dadhabaa ta’ee itti fufuun dhimmootii humna isaa ol ta’e ilaaluu fi dhiibbaa siyaasaaf saaxilamuu isaa tarreessee jira.  
Seerri, ajaja mana murtii malee qabeenyaan nama dhuunfaa akka hin sakatta’amne ajajus angawoonni yeroo hedduu seera kan hin kabajneef manneen murtiis ragaalee ajaja malee walitti qabaman fudhatama hin dhabiisan jedha gabaasi kun.
Waggaa guutuu poolisiin manneen jireenyaa musliimota Finfinnee keessa jiraatan halkan akka tasaa seenuu dhaan ragaa namoota shororkeessummaan himatee fudhachuu isaa ibsuu dhaan mootummaan garuu poolisiin ragaa qaba jedhuu dubbachuu isaa tuqee jira.
Gabaasa isa itti aanu irratti hoogganoota mormitootaa irratti yakka raawwatame jedhamee fi adeemsa ijaarsa gadeenii, walabummaa presii, malaammaltummaa mootummaa fi ifaa fi walaba ta’uun hanqachuu akkasumas paartilee siyaasaa fi hirmaannaa isaanii kan siyaasaa kan ilaallate kutaa gabaasichaa fi deebii mootummaa Ethiopia qabannee dhiyaanna

Wednesday, 24 June 2015

Amnesty International Asks Ethiopia to Investigate Suspicious Murders and Human Rights Violations

Amnesty International Asks Ethiopia to Investigate Suspicious Murders and Human Rights Violations


The suspicious murder of opposition leaders and wide-spread human rights violations against opposition party members over the past few weeks raises questions about Ethiopia’s elections, said Amnesty International as the parliamentary poll results were announced yesterday.
The organization has also expressed concerns about the failure of the Africa Union Elections Observer Mission (AUEOM) and the National Elections Board of Ethiopia (NEBE) to properly monitor and report on allegations of widespread abuses before, during and after the election.
“Amnesty International has received a number of reports concerning the deaths of political opposition figures in suspicious circumstances, as well as of a pattern of human rights violations against political opposition parties throughout the election period. These reports must be investigated and perpetrators brought to justice,” said Michelle Kagari, Amnesty International’s deputy regional director for Eastern, Horn of Africa and the Great Lakes.
“It is unacceptable that these violations barely warranted a mention in reports released by official observers, including the Africa Union Elections Observer Mission and the National Elections Board of Ethiopia.”
In the run-up to the elections, more than 500 members of the Ethiopian Federal Democratic Unity Forum (EFDUF)/ Medrek - a coalition of opposition parties, including the Oromo Federalist Congress (OFC) were arrested at polling stations in Oromia region. Forty-six people were beaten and injured by security officers while six people sustained gunshot injuries and two were shot and killed. Gidila Chemeda of the Oromo Federalist Congress (OFC/Medrek) was shot and killed by police in Western Shewa zone, Dima Kege Woreda, Gelam Gunge Kebele of the Oromia region.
On June 15, 2015, the body of 27-year-old Samuel Aweke, a candidate with the Samayawi (Blue) party was found in one of the main streets of Dembre-Markos at around 7 p.m. Blue party officials believe his murder was politically motivated. A few days before his murder, Aweke published an article in his political party’s newspaper Negere Ethiopia criticizing the behavior of local authorities, the police and other security officials. His political party claims he received threats from security officers after the article was published. Witnesses at the scene where his body was found said his body had visible stab wounds and appeared to have been beaten with a blunt object.
A member of the Arena/Medrek political opposition party reported that its leader for Western Tigrai zone, Tadesse Abraha, 48, was accosted while on his way home on June 16, 2015 by three unknown people who attempted to strangle him. Abraha managed to escape, but collapsed and died shortly after reaching his home. According to his political party, Abraha had reported being threatened by local security officials shortly before his death.
On June 19, 2015, another member of Medrek was found dead 24 hours after he was arrested at his home by two police officers. Berhanu Erabu’s battered body was found near a river in Hadiya Zone, Soro Woreda (district) of Southern Ethiopia.
Amnesty International has documented these killings and is now calling on the Ethiopian Ministry of Justice, Federal Police Commission and the Ethiopian Human Rights Commission to investigate these apparent targeted killings of opposition political party leaders and ensure those responsible are brought to justice
Background:
Amnesty International sent a letter with preliminary recommendations to the AUEOM on May 21, 2015.
Amnesty International expressed its concerns about the state of human rights in Ethiopia and the impact the human rights context was having on the ability of Ethiopians to participate in the electoral process. The organization urged the AUEOM to monitor and report on human rights violations throughout the election period in its assessment of the conduct of the elections.
The ruling political party, the Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front (EPRDF) has been declared the winner of the elections.

Monday, 15 June 2015

Hogganaan Olaanaa Alqaayidaa - Muktaar Bel Muktaar ajjeefamuunsaa himame

Hogganaan Olaanaa Alqaayidaa - Muktaar Bel

 Muktaar ajjeefamuunsaa himame

Hogganaan Olaanaa Alqaayidaa - Muktaar Bel Muktaar ajjeefamuunsaa himame
Afriikaa Kaabaatti Hogganaa Alqaayidaa olaanaa ta’uusaatiin kan beekamuu fi Ameerikaadhaan erga waggoota 10’tii barbaadamaa kan ture Muktaar Bel Muktaar ajjeefamuunsaa himamaa jira.
Muktaar bara 2013 Aljeeriyaa naannoo boba’aan ba’uutti balaa qaqqabsiiseen namoonni 40 kan du’an yammuu ta’u, isaan keessa sadii lammilee Ameerikaa turani.
Nama bakka Muktaar jiru eerumsa kenneef Ameerikaan Doolaara Miliyoona 5 akka kennitu waadaa seenuushee kan yaadachiise gabaasi BBC, namni kun halleella xiyyaaraa Ameerikaan bakka inni jiraataa ture Liibiyaa keessatti raawwatteen ajjeefamuusaa eereera.
Mootummaan Liibiyaa hogganaan garee shororkeessichaa kun ajjeefamuusaa ifoomsus, Ameerikaan haleellaa xiyyaaraa milkaa’aa akka ture ibsuun garasitti ajjeefamuusaa hinmirkaneessine.
Kanaan duras odeeffannoowwan ajjeefamuusaa ibsan yeroo gara-garaatti ba’aa akka turan gabaasichi eereera.

Friday, 12 June 2015

SBO: "Waldhaga’uu dadhabne malee, Wayyaaneen filannoodhaan aangoo akka hin gadhiisne walitti himnee turre," Dr. Geetaachoo Jigii SBO irratti


SBO: Waxabajjii 7, 2015 – Oduu, “Waldhaga’uu dadhabne malee, Wayyaaneen filannoodhaan aangoo akka hin gadhiisne walitti himnee turre,” Dr. Geetaachoo Jigii SBO irratti, Waldaa Hawaasa Oromoo Amerikaa Kaabaa ijaaruuf sochii godhamaa jiru irratti gaaffii fi deebii Obbo Abrahaam Jarman Itti Aanaa Dura Taa’aa Waldichaa waliin geggeeffamee fi qophii biroo

Itoophiyaatti Daa'imni Mataa Lamaafi Mormaa Lama Qabdu Dhalate

Finfinneetti Daa’imni Mataa Lamaafi Morma Lama Qabu Dhalate

 Magaalaa Finfinneetti  Haati takka Daa’ima mataa lamaafi morma lama qabu deesse.
Daa’imni kun kan dhalate Hospitaala Xirunash Beejingitti wal’aansa tarsaasuun hodhuutiin akka ta’e beekameera.
Dubartiin naannawa Saariis jiraattuufi umuriin waggaa 36ffaa lakkoofsifte Daa’ima kana wal’aansa tarsaasanii hodhuu daqiiqqaa 25  fixeen da’uu dandesse jedhameera.
Daa’imni kun erga haala kanaan dhalatee booda lubbuun turuu kan danda’e daqiqaa 40 qofaaf akka ta’es himameera.
Haati hordoffii fayyaatiif gara dhaabbata fayyaa wayita deemtu ogeeyyoonni fayyaa Altiraasaawindiin ilaalan haalli uumama Daa’imaa sirrii ta’ee waan itti hin mul’anneef qulqulleessuuf gara Hospitaala Xirunash Beejingitti riifarii barreessaniif.
Achittis  Gadameessi Altiraasaawundiin yammuu ilaalamu haalli uumama Daa’imaa sirrii akka hin taane waan mirkanaa’eefidha Daa’imni wal’aansa tasraasanii hodhuutiin akka dhalatu kan taasifame jedhameera.
Speeshaalistiin wal’aansa tasrsaasanii hodhuu gadameessaa Dr.Alaazaar Abajja akka himanitti Daa’imni kun Mataafi mormsaatiin ala iddoo biraa hunda qaama Namaa qabachuun uumame.
Lubbuun Daa’ima kanaa battalatti kan darbes Dugda isaarra qaawwi waan jiruuf akka ta’e dubbataniiru.
Mudannoon akka kanaa Itiyoophiyaa keessatti yoo mul’atu yeroo jalqabaatiif akka ta’es Dr.Alaazaar beeksisianiiru.Adaana Araggaatu gabaase.

Thursday, 11 June 2015

Ani gaabbee new oromo comdey music abbaa shumbee fi haadha shumbee

   Ani Gaabbee "New Oromo Comdey Music "   Abbaa Shumbee fi Haadha

     Shumbee


   

Itiyoophiyaa,Ijipitifi Suudaan mana maree waliinii hundeessuuf waliigalan

Itiyoophiyaa,Ijipitifi Suudaan mana maree waliinii hundeessuuf waliigalan

Itiyoophiyaa,Ijipitifi Suudaan mana maree waliinii hundeessuuf waliigalan
Finfinnee Waxabajjii 04,2007 Mootummaan Itiyoophiyaa kan Ijipitiifi Suudaan mana maree waliin wajjinii hundeessuuf waliigalaniiru.
Waliigalteen kun kaleessa Ijipit Shaarm al -Sheekitti kan raawwatame akka ta’e beekameera.
Waligaltee kana kan taasisiaan ministira muummicha Hayilamaariyaam Dassaalany pireezidaatii Ijipit Abdyulfattaah Eel sii siifi pireezidaantii Suudaan Omaar Hasan al-Bashir akka ta’an eerameera.
Manni maree biyyaalee sadeen hirmaachisu hundeeffamuun biyyaaleen sadeen damee siyaasaafi diinagdeetiin walitti dhiyaatanii akka hojjetaniif gargaara jedhameera.
Waligalteen kun keessumattuu wal shakkii dhimma hidha haaromsaarratti jiru hanbisuun daran waliigalanii akka hojjetaniif gargaara jedhameera.

Lammiin Nayijeriyaa Mohammed Bello Abubaka Baayinaa Ijoolleefi Haadha Manaatin Beekame

 Obboo Mohammed  Bello Abubaka Haadha Mana 86 fi Ijoollee 170  Godhaachuun  Addunyaan Aja'ibsifate.


                            

Mohammed lammii Naajeriyaa kan ta'ee namaa umuriin isaa 84 yoo tahu haadha mana 86 fudhuudhaan ijoollee 170 kan godhaate yoo tahu namnii kun  hordoofa amantii musilimaa kan taheefi barsiisa amntii akka tahee maddii odeeffannoo keenya ni ibsa.

Tuesday, 9 June 2015

Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Ganda Dubar Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Daran Jabaachaa Jira,Milishooti Gandaas Uummata Adamsanii Hidhuu Itti Fufan

Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Ganda Dubar Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Daran Jabaachaa Jira,Milishooti Gandaas Uummata Adamsanii Hidhuu Itti Fufan

Waxabajjii 9,2015 Dubar

10337748_485378124959861_4832524584612908307_n
Loltooti Wayyaanee Ganda Dubar Keessaa Uummata Yeroo Hidhaatti Guuran
Naannawa Shaggar aanaa sulultaa ganda Dubar keessatti sochiin qeerroo daran jabaatee itti fufuun Wayyaanee fi jaleewwan sirnichaa  raafama keessa buuse jira. Filannoo dharaa fi fakkeessii mootummaan abbaa irree Wayyaanee gaggeesseen booda nu filachuu diddan sababa jedhuun gandoota hedduu irraa ifaa, bishaanii fi network guutumatti balleessuun uummata dararaa kan jirtu yoo tahu, kanumaan walqabatee Qeerroon Oromoo aanaa Sulultaa ganda Dubar guyyaa 06/06/2015 galgala irraa eegalee diddaa guddaa dhageessisaa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.
Filanoo dharaa fi fakkeessiin bitamuu hin qabnu, mirgi abbaa biyyummaa haa kabajamu, ajjeechaan reebichii fi hidhaa nurraa haa dhaabatu, dhimmi master planii finfinnee yaa haqamu jechuun sagalee dhageessisaa sirboota qabsoo garagaraa sirbaa kan bulanii fi basaasaa wayyaanee kan yeroo garagaraatti sabboontota ilmaan oromoo sobaan yakkaa ture fi bulchaa ganda Dubar kan tahe Nama Xilahuun Kebebew jedhamu manni isaa dhakaachaan tumamee jira. Jaleewwan Wayyaanee diddaa Qeerroo kana dura dhaabachuuf yaaltus yeroo sanatti dhaamsuu kan hin dandeenyee fi tikoota poolisii Wayyaanee aanaa irraa akka ergamuu taasisuun guyyaa har’aa uummata keessa naana’uun doorsisaa jiru.

List of districts in the Oromia Region


List of districts in the Oromia Region


This is a list of the woredas, or districts, in the Oromia Region of Ethiopia, compiled from material on the Central Statistical Agency website.
                Contents

·                                 1 List of districts by zone
o                                        1.1 Defunct districts/woredas
o                                        1.2 Arsi Zone
o                                        1.3 Bale Zone
o                                        1.4 Borena Zone
o                                        1.5 East Hararghe Zone
o                                        1.6 East Shewa Zone
o                                        1.7 East Welega Zone
o                                        1.8 Guji Zone
o                                        1.9 Horo Gudru Welega Zone
o                                        1.10 Illubabor Zone
o                                        1.11 Jimma Zone
o                                        1.12 Kelem Welega Zone
o                                        1.13 North Shewa Zone
o                                        1.14 South West Shewa Zone
o                                        1.15 West Arsi Zone
o                                        1.16 West Hararghe Zone
o                                        1.17 West Shewa Zone
o                                        1.18 West Welega Zone
o                                        1.19 Adama Special Zone
o                                        1.20 Jimma Special Zone
o                                        1.21 Oromia Special Zone Surrounding Finfinne
·                                 















List of districts by zone


Defunct districts/woredas

·                    Ada'a Chukala
·                    Adolana Wadera
·                    Amuru Jarte
·                    Ayra Guliso
·                    Bekoji (woreda)
·                    Berehna Aleltu
·                    Bila Seyo
·                    Boji
·                    Chiro (woreda)
·                    Dale Lalo
·                    Dodotana Sire
·                    Dugda Bora
·                    Gaserana Gololcha
·                    Gawo Dale
·                    Gola Odana Meyumuluke
·                    Hagere Mariam
·                    Hawa Welele
·                    Jimma Gidami
·                    Jimma Horo <East Welega>
·                    Mennana Harena Buluk
·                    Mulona Sululta
·                    Sinanana Dinsho
·                    Walisona Goro
·                    Wama Bonaya
·                    Wuchalena Jido
·                    Yaya Gulelena Debre Liban

Arsi Zone[edit]

·                    Amigna
·                    Aseko (woreda)
·                    Asella
·                    Bale Gasegar
·                    Chole (woreda)
·                    Digeluna Tijo
·                    Diksis
·                    Dodota
·                    Enkelo Wabe
·                    Gololcha
·                    Guna (woreda)
·                    Hitosa
·                    Jeju (woreda)
·                    Limuna Bilbilo
·                    Lude Hitosa
·                    Merti
·                    Munesa
·                    Robe (woreda)
·                    Seru (woreda)
·                    Sire
·                    Sherka
·                    Sude
·                    Tena (woreda)
·                    Tiyo (woreda)
·                    Ziway Dugda

Bale Zone[edit]

·                    Agarfa (woreda)
·                    Berbere (woreda)
·                    Dawe Kachen
·                    Dawe Serara
·                    Delo Menna
·                    Dinsho (woreda)
·                    Gasera
·                    Ginir (woreda)
·                    Goba (woreda)
·                    Goba (town)
·                    Gololcha
·                    Goro
·                    Guradamole
·                    Harena Buluk
·                    Legehida
·                    Meda Welabu
·                    Raytu
·                    Robe (town)
·                    Seweyna
·                    Sinana

Borena Zone

·                    Abaya
·                    Arero
·                    Bule Hora
·                    Dire (woreda)
·                    Dugda Dawa
·                    Gelana
·                    Miyu (woreda)
·                    Moyale
·                    Teltele (woreda)
·                    Yabelo (woreda)

East Hararghe Zone[edit]

·                    Babille
·                    Bedeno (woreda)
·                    Chinaksen (woreda)
·                    Deder (woreda)
·                    Fedis
·                    Girawa (woreda)
·                    Gola Oda
·                    Goro Gutu
·                    Gursum
·                    Haro Maya (woreda)
·                    Jarso (Hararge)
·                    Kersa
·                    Kombolcha (woreda)
·                    Kurfa Chele (woreda)
·                    Malka Balo
·                    Meta (woreda)
·                    Meyumuluke
·                    Midega Tola

East Shewa Zone

·                    Ada'a
·                    Adama Zuria
·                    Adami Tullu and Jido Kombolcha
·                    Bishoftu (town)
·                    Bora (woreda)
·                    Dugda (woreda)
·                    Boset
·                    Fentale
·                    Gimbichu
·                    Liben
·                    Lome (woreda)
·                    Ziway (town)

East Welega Zone

·                    Bonaya Boshe
·                    Diga
·                    Gida Kiremu
·                    Gobu Seyo
·                    Gudeya Bila
·                    Guto Gida
·                    Haro Limmu
·                    Leka Dulecha
·                    Ibantu
·                    Jimma Arjo
·                    Limmu (woreda)
·                    Nekemte (town)
·                    Nunu Kumba
·                    Sasiga
·                    Sibu Sire
·                    Wama Hagalo
·                    Wayu Tuka

Guji Zone

·                    Adola
·                    Ana Sora
·                    Bore (woreda)
·                    Dima (woreda)
·                    Girja
·                    Hambela Wamena
·                    Harenfema
·                    Kebri Mangest (town)
·                    Kercha
·                    Liben
·                    Negele Borana (town)
·                    Odo Shakiso
·                    Uraga (woreda)
·                    Wadera (woreda)

Horo Gudru Welega Zone

·                    Abay Chomen
·                    Abe Dongoro
·                    Amuru (woreda)
·                    Guduru (woreda)
·                    Hababo Guduru
·                    Horo (woreda)
·                    Jardega Jarte
·                    Jimma Genete
·                    Jimma Rare
·                    Shambu (town)

Illubabor Zone

·                    Ale (woreda)
·                    Alge Sache
·                    Bedele (town)
·                    Bedele Zuria
·                    Bicho (woreda)
·                    Bilo Nopha
·                    Borecha
·                    Bure
·                    Chewaka
·                    Chora (woreda)
·                    Dabo Hana
·                    Darimu
·                    Dega (woreda)
·                    Didessa (woreda)
·                    Didu (woreda)
·                    Doreni
·                    Gechi (woreda)
·                    Hurumu
·                    Mako (woreda)
·                    Metu Zuria
·                    Metu (town)
·                    Nono Sele
·                    Supena Sodo
·                    Yayu (woreda)

Jimma Zone

·                    Agaro (town)
·                    Chora Botor
·                    Dedo
·                    Gera (woreda)
·                    Gomma (woreda)
·                    Gumay (woreda)
·                    Kersa
·                    Limmu Kosa
·                    Limmu Sakka
·                    Mana (woreda)
·                    Omo Nada
·                    Seka Chekorsa (woreda)
·                    Setema
·                    Shebe Senbo
·                    Sigmo (woreda)
·                    Sokoru (woreda)
·                    Tiro Afeta

Kelem Welega Zone

·                    Anfillo (woreda)
·                    Dale Sedi
·                    Dale Wabera
·                    Dembidolo (town)
·                    Gawo Kebe
·                    Gidami (woreda)
·                    Hawa Gelan
·                    Jimma Horo <Kelem Welega>
·                    Lalo Kile
·                    Sayo
·                    Yemalogi Welele

North Shewa Zone

·                    Abichuna Gne'a
·                    Aleltu
·                    Debre Libanos (woreda)
·                    Degem
·                    Dera
·                    Fiche (town)
·                    Gerar Jarso
·                    Hidabu Abote
·                    Jido
·                    Kembibit
·                    Kuyu
·                    Sendafa (town)
·                    Wara Jarso
·                    Wuchale
·                    Yaya Gulele

South West Shewa Zone

·                    Amaya (woreda)
·                    Becho
·                    Dawo
·                    Elu (woreda)
·                    Goro
·                    Kersana Malima
·                    Seden Sodo 
·                    Sodo Dacha
·                    Tole
·                    Waliso (woreda)
·                    Waliso (town)
·                    Wonchi

West Arsi  Zone

·                    Adaba (woreda)
·                    Arsi Negele (woreda)
·                    Dodola (woreda)
·                    Gedeb Asasa
·                    Kofele (woreda)
·                    Kokosa (woreda)
·                    Kore (woreda)
·                    Nensebo (woreda)
·                    Seraro
·                    Shala (woreda)
·                    Shashamene (town)
·                    Shashamene Zuria

West Hararghe Zone

·                    Anchar
·                    Badessa (town)
·                    Boke (woreda)
·                    Chiro (town)
·                    Chiro Zuria
·                    Gemechis
·                    Darolebu
·                    Doba (woreda)
·                    Guba Koricha
·                    Habro
·                    Kuni (woreda)
·                    Mesela (woreda)
·                    Mieso
·                    Tulo

West Shewa Zone

·                    Abuna Ginde Beret
·                    Adda Berga
·                    Ambo (town)
·                    Ambo (woreda)
·                    Bako Tibe
·                    Cheliya
·                    Dano (woreda)
·                    Dendi (woreda)
·                    Ejerie (sometimes known as Addis Alem)
·                    Elfata
·                    Ginde Beret
·                    Jeldu
·                    Jibat
·                    Meta Robi
·                    Midakegn
·                    Nono (Shewa)
·                    Tikur Enchini
·                    Toke Kutaye

West Welega Zone

·                    Ayra (woreda)
·                    Babo Gambela
·                    Begi
·                    Boji Chokorsa
·                    Boji Dirmaji
·                    Genji (woreda)
·                    Gimbi (woreda)
·                    Gimbi (town)
·                    Guliso
·                    Haru (woreda)
·                    Homa (woreda)
·                    Jarso (Welega)
·                    Kondala
·                    Kiltu Kara (woreda)
·                    Lalo Asabi
·                    Mana Sibu
·                    Nejo (woreda)
·                    Nole Kaba
·                    Sayo Nole
·                    Yubdo (woreda)

Adama Special Zone

·                    Adama

Jimma Special Zone

·                    Jimma

Oromia Special Zone Surrounding Finfinne

·                    Akaki
·                    Bereh
·                    Burayu (town)
·                    Holeta Genet (town)
·                    Mulo (woreda)
·                    Sebeta Hawas (formerly known asAlem Gena)
·                    Sebeta (town)
·                    Sendafa (town)
·                    Walmara