Tuesday, 8 December 2015

Oromiyaa Keessaatti Hidhaafi Ajjeechaan Mootummaa Waayyaanneen Itti Fufee Jira

HIDHAAFI AJJEECHAAN ITTI FUFEE JIRA JEDHA ODDUUN

Bloody Crackdown On Protesters In Oromia ethiopia.NGO

Odduun gara www.AllAfrica.com jedhuu NGO waabeefatee ammas akka wagaa darbee hidhaafii ajjeechaan itti fufee jira jedha. Itti aansuudhanisi suuraalleen namoota reebamaniifi namoota akka malee madaa'anii miidiiyya hawwassa dhiphiisee jira jedha odduun kun.Gabaasinnii isa armaan gadii kana.

Bloody Crackdown On Protesters in Ethiopia - NGO

:Student protests are spreading throughout the Oromia region, as people demonstrate against the possibility that Oromo farmers and residents living near the capital could be evicted from their lands without appropriate - or possibly any - compensation, writes Human Rights Watch.
Student protests are spreading throughout Ethiopia's Oromia region, as people demonstrate against the possibility that Oromo farmers and residents living near the capital, Addis Ababa, could be evicted from their lands without appropriate - or possibly any - compensation.
Social media is filled with images of bloodied protesters; there are credible reports of injuries and arrests in a number of towns; and local police have publicly acknowledged that three students have died so far. 
The current protests echo the bloody events of April and May 2014, when federal forces fired into groups of largely peaceful Oromo protesters, killing dozens. At least hundreds more students were arrested, and many remain behind bars.
Both then and today, the demonstrators are ostensibly protesting the expansion of Addis Ababa's municipal boundary into the surrounding Oromia region, which protesters fear will displace Oromo farmers from their land. But these protests are about much more: Many Oromos have felt marginalized and discriminated against by successive Ethiopian governments and have often felt unable to voice their concerns over government policies. 
Of the student protesters detained in 2014, some have been released. Those I spoke with told me about the torture they endured as part of interrogations. But countless others remain in detention.
Some have been charged under Ethiopia's draconian counterterrorism law for their role in the protests; others languish without charge in unknown detention centers and military camps throughout Oromia. This week, five students were convicted of terrorism-related offenses for their role in the protests. 
There has been no government investigation into the use of live ammunition and excessive force by security personnel last year.
Ethiopia's tight restrictions on civil society and media make it difficult to corroborate the current, mounting allegations and the exact details of the ongoing protests emerging from towns like Haramaya, Jarso, Walliso, and Robe. 
The government may think this strategy of silencing bad news is succeeding. But while the fear of threats and harassment means it is often months before victims and witnesses come forward to reveal what happened in their communities, they eventually do, and the truth will emerge.
The government should ensure that the use of excessive force by its security personnel stops immediately. It should then support an independent and impartial inquiry into the conduct of security forces in the current protests - and last year's as well.
Those responsible for serious abuses should be fairly prosecuted. This would be the best way for the Ethiopian government to show its concern about the deaths and injuries inflicted on the students, that it does not condone the use of live ammunition against peaceful protesters, and that those who break the law are appropriately punished.

Wednesday, 25 November 2015

Ambo Gara Galigalaa Lafaa Gagaallaaggaallaa Kan Jedhan Egale Jira

Ambo Gara Galigalaa Lafaa Gagaallaaggaallaa Kan Jedhan Egalee Jira.

Ambo on November 25, 2015
Ambo on November 25, 2015
     
Amboo Gabaasa Qeerroo
Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo FDG MORMII MASTER Plan Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa irratti dabarfame fi gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun fincila dhoosuun Daandii konkolaataa gara dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsu cufuun waraanaa wayyaanee waliin wal dura dhaabbachuun FDG dhoosan.
         
Guyyaa har’a ganama sa”aa 1:30 irraa eegaluun Magaalaa Amboo keessatti goototni barattootni Oromoo M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B Liibaan Maccaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi M/B Carii Amboo sadarkaa 1ffaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo walitti dhufuun magaalaa Amboo utuu waraanaa wayyaanee guddaan eegamaa jirtuu FDG dhoosuun daandii Konkolaataa Finfinnee gara Dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsuu cufuun hiriira mormii akkuma eegalanitti Waraana wayyaanee nafxanyaa hamma funyaanitti hidhate waliin wal dura dhaabbachuun Mormii guddaan itti fufee jira.
Goototni Barattootni fi Dargaggootni Oromoo lubbuun wareegamna malee, hidhatti ukkanfamna malee Oromiyaan kan uummata Oromooti, jechuun Karoorrii Master Plan Finfinnee fi Magaalota oromiyaa irratti xiyyeeffatee karooraa guddaa kan Oromoo lafarraa balleessuu ”DUULA GENOCIDE” jechuun goototni barattootnii fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo FDGtti seenan. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master plan Finfinnee bara 2014 dhiyeeffanneef deebiin nuuf kennamuu qaba, sabaaba karaa nagaa gaaffii mirgaa fi mormii Master Plan Finfinnee dura dhaabbatneef ilmaan Oromoo 80tti jumlaan Amboo keessatti fi Oromiyaa keessatti ajjeefamaniif Mootummaan itti gaafatamuu qaba, kanneen jumlaan ukkanfamanii hidhaman hiikamuu qabu,
ambo-uniMasterplaniin Finfinnee Haqamuu qaba, gaaffiin barattoota Oromoo Giincii gaaffii keenya deebii argachuu qaba, kanneen giincii irraa dheengadda hidhaman hiikamuu qabu jedhuu fi Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf kan bilisummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba gaaffii jedhu dhiyeeffachuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo fincila dhoosan.
Yeroo amma kanatti daandiin konkolaataa Finfinnee Gara dhihaa Oromiyaatti dabarsuu fi Wallaggatti geessuu magaalaa Amboo keessatti yeroof cufamee jira, Waraanni Wayyaanee hiriiraa mormii dargaggoota barattoota Oromoo dura dhaabbachuuf daandii cufuun hiriiruun gaazii summaa’aa barattoota irratti dhukaasuu eegalan, Sochiin mormii warraaqsaa kun itti fufee jira.. Gabaasaa guutuu waraabbii sagaalee dhaadannoo fi suuraa qabanne walitti deebina…. FDG golee Oromiyaa
cufa keessatti itti fufa!!

Ambo Gara Galigalaa Laffaa Gagaallaaggaallaa Kan Jedhan Egallaa Jira

Mootumaan Wayyane(TPLF) goototaa ummata ilmaan Ambooti raafammaa jirti.Magaala Ambo keessa loltoonii wayyaneeti marffamitee jirti. Ammaafi manneen barnootaa cufamaniruu. Barattoonni sadarkaa tokkoffaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa'inaa dabalatee M/B akka seenaniin hundumtuu barumsa didaanii yahuun mormii mormii isaanii itti fufaniiru. Ammas hiidhaa fi ajjeechaan duubatti nu hindeebisu jedhu.
ambo
Mootumaan wayyane ABOn magaala kana keessa qubatee jira kan jedhuu shakkii qaba.Kanumaan kan ka'ee magaalii Ambo humina waraanaatin weraaramitee jirti. Namoonii kara irrati hin argamanii.
Namoonii karaa irrati argamanii qabamanii mana hidhaa keessati darbammamaa jiru.
Ha ta'uu malee fincilii kuns wagaa darbeen wal qabisiiseefi labissii magaalotaa Oromia waliin walqabata gaafii mirga Abba biyyummaa argannutti duubatti hin deebinu jechuun dargaggoota Oromoof akkasumaas qonnaan bultoota Oromoofi warreen hojjattoota Mootummaa taataanii diinaa jalaa jirtaan maraaf waamichaa keenya isiniif dabarsiinnerra jedhu.
- See more at: http://www.caboowanci.com/2015/11/25/ambo-gara-galigalaa-laffaa-gagaallaaggaallaa-kan-jedhan-egallaa-jira/#sthash.yHciPK3L.zrW33pe4.dpuf

Thursday, 19 November 2015

Qindeessaan Balaa Shoroorkaa Paariis Akka Aajjeefame Ibsame.

Qindeessaan balaa shoroorkaa Paariis akka ajjeefame mirkanaa’eera

Qindeessaan balaa shoroorkaa Paariis Abdulhaamiid Baawuud akka ajjeefame mirkanaa’eera.
Reeffi shoroorkeessaa kanaa Paariis Kaabaatti akka argame mirkanaa’eera.
Lammiin Beeljiyam umuriin waggaa 27ffaa lakkoofsiseera jedhame kun isa akka ta’e ashaaraa qubaatiin mirkanaa’eera.
Dargaggoon kun balaa Jimaataa darbe Faransaay Paarisitti mudate itti gaafatama guutuu fudhachuudhaan kan qindeesse akka ta’e eerameera.
Abdulhamiid Baawuud kan ajjeefame sakatta’a kaleessa Naannawa qulqulluu Deesnii Paariis kaabaatti taasifameen akka ta’e BBCn gabaaseera.

Wednesday, 18 November 2015

Abdii Oromiyaa: Dhaabni OPDO Uumaata Oromoof Qabsa'ee moo Uumaata ...

Abdii Oromiyaa: Dhaabni OPDO Uumaata Oromoof Qabsa'ee moo Uumaata ...: Jireenyi OPDO waayyannee umurii dheeresse                               Dhaabbaanni OPDO jedhamu Uummata oromoof bakka bu’een ho...

Sodaa Guddaa Keessa Jirra – Baqataa Oromoo

Sodaa Guddaa Keessa Jirra – Baqataa Oromoo

  • Jaallannee Gammadaa

Haleellaa Paaris
Jimaata darbee haleellaa shoroorkeessonni magaalaa Paariis Kan Faransaayi keessatti dhaqqabsiisaniin kan ka’e addunyaan ilaalchi godaantootaaaf qabdu jijjiira sodaan jedhu jira. Prezidaantiin Faransaayii Fraanswaa Hollande nageenya biyya isaaniif akkasumas shoroorkeessoota waliin kan wal qabatee taanaan lammiwwan biyya alaa kanneen hidhata qaban hatattamaan biyyaa baafna, barbaachisaa ta’ee aragamnaan heerri biyyattiis akka jijjiramuuf yaada dhiiyeessan.
Kanneen haleellaa kana dhaqqabsiisan keessaa tokko paasportii Siriyaa kan qabu ta’uun daran haala godaantootaa rakkoo irra buusa yaaddoo jedhuu uumuu isaa baqatoonni ni dubbatu.

Sunday, 15 November 2015

Haleellaa shoroorkeessitootaa halkan edaa Faransaay Paarisitti raawwatameen Namoonni 120 ga’an ajjeefaman

 Balaa dhooyinsa boombii Shoroorkeessitoonni halkan edaa Magaaalaa Faransaay Paarisitti geessisaniin Namoonni 120 caalan aka du’an mirknaa’eera.

Balaan dhoyinsa boombii lama  koonsartii muuziqaa dhiyeenya Staadiyamii biyyattiitti argamutti qophaa’erratti raawwatame jedhameera.
Qophii muuziqaa galma keessatti qophaa’e kana keesa seenudhaan hidhattoonni Namoota baa’yee akka danqanis eerameera.
Battala balaan kun mudatetti gareewwan biyyaalessaa kubbaa miilaa Faransaayifi Jarman tapha michummaa taasisaa turan jedhameera.
Hidhattoonni galma seenan dhukaasuun Namoota 80 kan ajjeesan yammuu ta’u lakkoofsi Namoota du’aani 120 akka caale himamaa jira.
Pireezidaantiin biyyattii Firaansuwaa  Oolaan sababa balaa kanaatiin biyyattiitit labsii yeroo ariifachisaa labsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Paarisis haalli jiru hanga tasaggbbaa’utti jiraattoonni Magaalaa manuma isaanii keessa akka turaniif dhaamaniiru.
Pireezidaantii Ameerikaa Baaraak Obaamaa dabalatee hoogantoonni biyyaalee Addunyaa qaama balaa kana keessise balaaleeffachuun duulli shoroorkeessitoota irratti taasifamu daran cimuudhaan itti fufuu akka qabu hubachiisaa jiru.

Monday, 2 November 2015

Xiyaara Ruusiyaa gammoojji Sinaayitti caccabeen lubbuun Namaa akka Darbee Ibsame.

Xiyaara Ruusiyaa gammoojji Sinaayitti caccabeen lubbuun Namaa akka Darbee Ibsame

туристический онлайн-справочник
Лучшие Андроид планшеXiyaarri Ruusiyaa ‘air bus A-321’ jedhamu iddoo bashannanaa Shaarmaal Sheek  jedhamu irraa ka’uudhaan  gara Ruusiyaa Piitisbargitti balali’aa ture.
Hojjettoonni yeroo balaa Ijipit iddootti argamuudhaan lubbuu baraaruuf carraaqqii taasisanis  lubbuun Imaltoota hundaa akka darbe mirkanaa’eera.
Caccacbaan xiyaarichaa iddoo Haasaanaa jedhamutti akka argame kan beeksisan qondaaltoonni Ijipit reeffi  imaltootaas akka walitti qabame himaniiru.
Sababii balaa kanaa qulqulleesuuf ni gargaara kan jedhame saanduqni gurraachi xiyaarichaa caccabaa xiyaarichaa keessatti akka argame eerameera.
Qondaaltoonni biyyattii akka jedhanitti Namoota  224 xiyaarichaan imalaa turan keessaa 214 lammiiwwan Ruusiyaa yammuu ta’an 3 ammoo lammiiwwan yuukireen akka ta’an beekameera.
Mudannoo balaa kanaa booda pireezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Puutiin Dilbanni boruu guyyaa gaddaa ta’ee akka ooluuf labsaniiru.
Gareen dhimma balaa kanaa qulqulleesus hatattamaan hundeefafmee gara naanichaatti akka ergamuuf pireezidaantichi ajajaniiru.
Kana boodas gareen qulqulleessaan ministira geejibaa Ruusiyaa Maaksiim Sooklooviin hoogganame gara Ijipititti kan imale yammuu ta’u Daandii xiyaaraa irratti himannaan yakkaa akka dhiyaate tajaajilli oduu Itiyoophiyaa beeksiseera.
Xiyaarichi balali’aaf erga ka’ee booda as buuteen isaa dhabameera jedhamee himamaa tureera.
Qondaaltoonni Ijipit xiyaarichi balali’aaf ka’ee daqiiqaa 23 booda quunnamtiin  too’annoo qilleensaa Qophiroos wajjin quunnamtiin qabu akka addaan cite himaniiru.
Odeeffannoowwan turanii tamsa’aniin gareen shoroorkeessaan IS gammoojjii Siinaay keessa socho’u xiyaaricha anatu lafaan dhaye,itti gaafatmas nan fudhadha jechuun ibsa kenneera.
Qondaaltoonni Ijipit gamasaaniitiin kun sobadha,xiyaarichi kufee kan caccabee rakkoo teekinikaa isa mudateeni jedhaniiru.BBCtu gabaase.

Friday, 30 October 2015

Tokkummaa Farsuufi Hawuun Qofti Bilisummaa Fiduu hin danda'u.

TOKKUUMMAA HAWUUN QOFTII BILISUMMAA FIDUU HIN DANDA’UU.

 1975085_684316171610350_1206316349_n
Tokkummaan jabina, humna, qabeenya wali galteedha jaalallaaf riqicha. Kallattii ittiin tokkummaan dhufufi tokkoo tahuun bilisummaan dhufaa malee hawiin fidu hin danda’uu.Kanaaf iddoo jiruutii tokkummaa uummuun dinoota keenyaafi dinoota saba keenyaa fulduurraa dhabbaachuu qabnaa.”Mari’chuun gowwumma miti” Yeroo amma kanaa biyya keenya keessatti dhiraafi dhalaan osoo wal hin qoodin tokkummaan waliin socho’aa jira. Haa ta’u maalee biyyoota alaa keessatti iddoo tokko tokkootti tokkummaan hin mul’aatu. Kun immoo dinaaf karaa saquun isaa namaa hin shakkisisuu. Osoo uummaannii keessafi alaa iddoo jiruuti tokkummaa qabaate dinaa hin qabnu ture. sababii tokkummaa hin qabneef dini ilmaan Oromoo giddu galee akka wal hin hubannee godha. Kanaaf namnii afaan tokko dubbaatu sabaan tokko ta’ee maalif tokko hin taanee? Gaaffi kana eenyumti keenya iyyuu of gaafachu qabnaa deebiisaas namaaf osoo hin ta’iin ofummaaf ofi deebisunun nurraa jira
                                                                                  BY: Raabbiirraa

Wednesday, 28 October 2015

‘Kan Nageenya Didee Humna Waraanaa fi Qawwee Filate Motummaa dha’ Jedhu Dura-taa’aan ABO

‘Kan Nageenya Didee Humna Waraanaa fi Qawwee Filate Motummaa dha’ Jedhu Dura-taa’aan ABO

Muummichi-ministaraa Itiiyoophiyaa Obbo Hayile-maariyaam Desaaleyi, Wixata, Onkoloolessa 27 Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaatti gaaffiilee miseensota irraa dhihaataniif dhaabota mormitootaa “humnaan mootummaa gargalchuuf hojjetaa jiru” jedhan ilaalchisee ennaa dubbatan, “qabsoo hidhannootiin mootummaa garagalchuu yaaluun, waan faayidaa qabu miti” jechuun, gara karaa nagaatti deebi’an gaafachuun isaanii ni yaadatama. Dhaabota Obbo Haiyle Mariyaam maqaa dhahan keessaa tokko Adda Bilisummaa Oromoo yoo tahu, dhaabonni akkanaa qabsoo uummatni fi mootummaan waliin geggeesseen dadhabsiifamanii jiran.
Kanaaf ka deebii kennan dura-taa’aan Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa, “dhaabni keenyaa fi dhaabonni mormitootaa qabsoo hidhannoo geggeessan ka biroon, kanneen waggaa digdamii shan dura ennaa paartiin Itiyoophiyaa amma taayitaa dhuunfatee jiru gara aangootti dhufu mootummaa cehumsaatti waliin hirmaachuudhaan, fala karaa nagaa barbaachaa turan. Garuu, mootummichi karaa nagaa itti cufuudhaan waraanaa fi qawweedhaan waan itti bobba’eef jecha, qabsoo hidhannootti deebi’uuf dirqaman,” jedhan. Mariin nageenyaa dhugaan gareelee Itiyoophiyaa keessaa mara hirmaachisee fi mirga uummatootaa wal-qixa eegsisuutti fuuleffate ka geggeessamu taanaan dhaabni isaanii akka filannoo duraatti kan qooda fudhatu ta’uu dubbatan.
“Ka dhiheenya kana dhaabota ka biroo afur waliin hundeessine Tumsi Uummatoota ka Bilisummaa fi Dimookiraasiif jedhames, waamicha nagaa dhiheessee jira. Mootummaan kana ifatti simachuu qaba” jedhu.
Addi Bilisummaa Oromoo, Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogandenii fi dhaabonni hidhannoon mooutmmaa gargalchuuf hojjetan dadhabsiifaman, jechuun ka Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa dubbatanis, “dhugaa haaluun amala aangawoota mootummaa Itidyoophiyaa ti” jedhan.

Tuesday, 27 October 2015

Itiyoophiyaa Keessaatti Garee IS tti Makamuuf Yaalan jechuun himatamaan.

Lammiiwwan Itiyoophiyaa 20n garee 'IS’tti makamuuf yaalaniiru jedhaman himataman

Lammiiwwan Itiyoophiyaa 20n garee 'IS’tti makamuuf yaalaniiru jedhaman himataman
Finfinnee Onkololeessa 16,2008(FBC) Abbaan alangee Federaalaa dhaabbata shoroorkeessaa idila Addunyaa  garee ‘IS’(mootummaa Islaamaummaa) jedhuun of waamutti makamuuf wayita socha’an argeeraani kan jedheen lammaaiiwwn Itiyoophiyaa 20 irratti  himannaa yakka shoroorkeessitummaa dhiyeesse.
Namoonni 20n galmee Abdulawahib Abdallaafa’iin  himataman kunniin tokkoon tokkoon isaanii barsiisa kaawaarijaa jechuun sochii amantaa taasisaa turan jedheera himannaam dhiyaate.
Gochi shoroorkeessitummaa isaanii dhabama mallaqaatiin akka jalaa hin gufanneef naannawa Jimmaatti konkolaataa dhaabbsisuudhaan konkolaachisaa ajjeesuun maallaqaafi qabeenya saamuun galii akka argatanis himannaan abbaa alangee mul’iseera.
Himatamtoonni kun-
1.Abdulwahib Abadallaa
2.Naasir Dagguu
3.Redwaan Taa’ii
4.Sheek Indiriis Hasan
5.Abduu Mahammad
6.Zaayid Naasir
7. Niizaamuu sheek Abdulkariim
8.Ahimad Abdulahamiid
9.Tamaam Makonnin
10.Eeliyaas Yaasiin
11.Hamdee Yimaam
12.Shariif Baluudee
13.Indiriis Mahaammad
14.Hasan Huseen
15.Asiraar Hasan
16.Sheek Miiftaah Abbaa Raayyaa
17.Sheek Mahammad Abbaa warquu
18.Sheek Mahaammad Saalaah
19.Mahaammad Indiriisfi
20.Sa’iid Alii jedhamuudhaan beekamu.
Himatamtoonni kun jiraattoota Finfinnee kutaa magaalaa kolfee qaraanyoo,Jimma,Wallagga,Shawaa roobiit Kamisee,Sanbateefi magaalaa Jijjigaa akka ta’e eerameera.
Abbaan alangee himatamtoota hundumaa yakka shoroorkeessitummaa hoogganiiniru,karoorfataniiru,deeggaraniiru jechuun seera farra shoroorkaa keewwata 3(1),3(2)fi keewwata 4 akkasumas 7(1) wabeefafchuun himateen.
Himatamtoionni kun Itiyoophiyaatti mootummaa Islaamummaa hundeessuuf sochii gara garaa akka taasisanis himannaan abbaa alangee mul’iseera.
Barsiisa Kaawaarijaa isaan hordofaniin ala barsifanni amantaa kamiyyuu Itiyoophiyaa keessa jiraachuu hin qabu jechuun fagoo deemaniiru kan jedhe himannaan kun kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf ammoo Magaala Finfinnee teessoo gareee shoroorkeessaa taasisanii fayyadamuun Naannoo Oromiyaa Kibba,Amaaraa Sumaaleefi Naannolee biroottis caasaa shoroorkeessitummaa akka diriirfatan mul’iseeraa.
Mootummaa qabsoo hidhannootiin jigsuuf murteessuudhaan meeshaalee waraanaa bituun,iddoo leenjii filuun,kaayyoo kana galmaan ga’uufis adeemsa madda maallaqaa barbaaduurra akka turanis galmee himannaatiin eermeera.
Kaayyoon keenya dhaabbilee shoroorkieessitoota idila Addunya akka ta’an kan himamuuf al-Shabaabiifi IS wajjin tokkodha,waliin hojjechuu qabna jechuun akka socho’anis himameera.Himatmaan 1ffaan Abdulwahid Abdallaa amma yeroof kan hin qabamne hoogganaa garee shoroorkeessaa Jilaaloo Abdallaa bara 1999 miseesnsummaadhaan akka foo’ate himannaa dhiyaate kanaan eerameera.
Himatamaan kun bara 1999 hanga bara 2007 Magalaa Finfinnee kutaa magaalaa kolfee qaraaniyoo mana jireenyaa isaa naannawa loomii jedhamutti argamutti miseensoota garee shororkaa walitti qabuudhaan akka mari’achaa ture himannaa kanaan mul’ifameera.Abbaan alangee kanneeniifi gochawwan yakkaa kanneen biroos eeruudhaan himannaawwan sadi dhaddacha yakka 19ffaa mana murtee ol’aanaa Federaalaatti dhiyeesseera.
Himatamtoonni dhaddachicha duratti dhiyaachuun eenyummaan isaanii kan mirknaa’e yammuu ta’u turjumaana qopheessuun himannaa dubbisuuf Onkololeessa 18 bara 2008tti beellamameera.Xilaahuun Kaasaatu gabaase.

Sunday, 25 October 2015

Dhaabni OPDO Uumaata Oromoof Qabsa'ee moo Uumaata Oromoo Irraattii Qabsa'ee?

Jireenyi OPDO waayyannee umurii dheeresse

Dhaabbaanni OPDO jedhamu Uummata oromoof bakka bu’een hojjedhaa kan jedhu maqaaf malee lubbuu hin qabu. Kana immoo uummatnii Oromoo ragaadha. Maqaa uummataan jiraacha uummataa Oromoofi lafa Oromoo waayyanneeti dabarsee gurguraachuun ofi garboomee Uummata oromoo garboomsuuf hojechaa jiraachuun isaa wal nama hin gaafachisu. Haa tahuu malee dhigaa barattoota Oromoo beektoota fi uummata Oromootif itti gaafatamummaa jala kan hin baanefi seenan kan isaa hin daganeedha. Biyya keenya keessati heerifi seeri jiru waraqaarra malee hojjiin kan hin jireedha. Waayyannees ta’ee OPDOn ofi tufaani ofumaa kan arabaan! kana jechuun seerrii isaan baasani addunyaatti of beeksisaanif kan isaan ittin hojettaan wal hin argu. Garuu, uummaanni keenya hanga yoomitti gowwoonfama? Maalif sobamaa? Bu’aa xiqqoon uummaanni keenya maalif midhamaa? Keessuma hojettootni OPDO Oromoo ta’aan maal ofiin jedhuu? Akkamitti of hubatuu? Kana of gaafachuun dirqamaa lamummaa isaani ba’uu qabu. Akka fakkeenyati yoo fudhaane dandiin uummataaf kan hojjettamuu yeroo filannoon ji’oota muraasati galtee? Ibsaan, bishaan dhugaati kan kana fakkaataan filannoo yeroo filannoo qofaa? Kan namaa dhibuu mootummaan Itoophiyaa jecha da’immaa dubbatee. Anii “Dandiin Finfinnee gara wallagaa namaa geessuu tokko tahuufi magaalaa Amboo keessatti dandiin dhiphaa akkasi jiraachuun isaa anaafu haaraadha” jedhee. Hin fakkaataree? kun moo wal gowwomsudhaa? Kan kaleessa hin yaadamiin buufata xayyaara isiinif ijaara jedhee dhagaa ka’uun hoo? Akka kootis ta’ee dhugaan addunyaa kanarra jiru dheerina umuriifi sammichaa qabeenya uummaata oromoof kan kaayyeeffate fakkaata. Kanarraatti olaantuma gudda kan qabu ummata keenya. Uumurii waayyannee gabaabsuuf yeroo isa amma.
OPDO dhaabbaa ilmaan oromoof dhaabbatee osoo hin ta’iin dhaabbata ilmaan Oromoo gurguruf kaayyeeffatedha. Haaraa guyya gara guyyaati ilmaan Oromoo mootumma abbaa hireetin hidhama, ajeefamafi reebama jiru. OPDOn erga uummataf dhaabbate maal eega jira? Maqaaf malee dubbachu danda’aa? Kan uummataa miti ofi isaanif dhimaa mirga isaani dubbachuu danda’uu? Erga hawaasa kana bulchuufi gaggeessu hin dandeenyee maalif waayyannee umurii dheeressu?
Dhimmoota kanaan wal qabatee yaadoota heddu kaasun hin danda’aama. Garuu, haaraa maaltu beektoota, barattootafi ummata keenyarra egamaa?
A) Beektoota ilmaan oromootif : Beektootni ilmaan oromoo ummata oromoof ijaadha yoo hawaasa keessanif quqamtaanif. Boruu seenan isiin gaafata yoo osoo beektani, argitaani lammiin keessan osoo mirgaasaf falmaatu hidhamu, ajeeffamufi biyyarra baqatee bineensaan nyaatamu. Kanaaf ogummaa qabdaanif waan gochuu dandeessanif ummata keessanif kallaatidhanis haa ta’u al kallattidhaan gargaraa. Ummaanni keenya human qabeenya qaba qindeessuun gahee keessan akka ta’ee beeka.
B) Barattoota Oromoof: Barattootni Oromoo abdii uummata Oromooti. Boruu biyyittin amma bilisummaa dhabdee akka bishaan gachaana raafamtu kun isiintu bulchaa. Akka haaraa dhitama ajeefamafi hidhaama jirtaan osoo hin taane aduun bilisummaa hin baati. Kun immoo yeroon ishee dhihoodha. Yeroo ishee gabaabsuuf immoo tokkummaan barattoota oromoo murteessadha. Kanaaf lafa jirtaanniti, hawaasa keessaan gorsuufi cimsuun akka eenyumma isaanitti boonan gochuun gahee keessani. Akkasumaas, isaa rafee damaqsa.
C) Uummata Oromoof: yoo qabeenya keenyati gargaraamne abbaan hangoo hawaasa. Kanaa jechuun abbaa barbaadee filachuu kan isaaf hin taane fonqolchuuf mirga guutu qabu. Tolaanis, lolaan of buusuf olaantummaan kan uummataati. Uummanni keenya waan xiqqoof gowwoomfamu hin qabnu. Xiqqoof jenne gudda hin baalleessinu itti yaadu qabna. Uummata keenya keessa oromoon lama tahuun isaa yommiiyyu hin dagataamu. Maalif yoo jettaan tokko abbaa garaa inni biro abbaa sabaati. Ati kam akka taatee situ beeka. Keessumma warrii ergamtoota waayyaannee taatani saba keenya baasasuufi gurguruu, ajeessuu irratti argamtaan abba garaa ta’uu keessan nama hin shakkisisu. Kanaaf kabajoomtootni uummatni keenya dhimma isaaf ta’uu irratti xiyyeeffannoo kennu qaba. Yeroo filannoo qofa sobamuu hin qabu. Dhagaa ka’uun biqiltuu dhabuu miti. Dhagaatu dhagaa dhabaa! guddina kan hin fene.
Waluma galati filannoo bara kana uummaanni keenya eenyuu akka filaatu ni beeka. Yoo sagaleen isaa hatamees addunyaaf ibsu qaba. Ga’e keenya ba’uun mirga keenya kabaachifachuun nurra eegama.
                                       
                                             Bonsaa Caalchisa
                    Email: abdiko398@gmail.com

Friday, 16 October 2015

Turkiin Xiyyuura(DRONE) Abbaa Hin Beenne, Seera Malee Biyya Seene Jette Dhooftee Buufte.

Turkiin Xiyyara(DRONE) Abbaa Hin Beenne, Seera Malee Biyya Seene Jette Dhooftee Buufte.

A Turkish Air Force fighter plane flies over the Incirlik Air Base, in Adana, southern Turkey(FILE)
Akka gabaasa Turkiitti xiyyarii kun marsa sadii hajaja ‘of eegadhuu’ xiyyara Turkii irraa fudhachuu dideef dhahaanii buusan. Xiyyarii hajaja kompuuteraatiin deemu paayleettiin keessa hin jirre kun daarii Tukrii Siiriyaatti dhiyaattu keessatti dhahanii buusan. Bulchoota Amerikaa keessaa tokkoo xiyyarii kun  kan Raashiyaa, (DRONE) jedhan.
Raashiyaan ammoo dharaa  dhugaa dubbii Kanaa hin mirkansine.Turkiin asiin duraati illee jeeti fi helekopeterii Siiriyaa seera malee daarii keenya seenan jettee dhooftee bubuufte. Turkii fi Raashiyaa lola Siiriyaa irratti wal dhabuutti jiran.Turkiin milishoota ISIS Siiriyaa keessatti hadhuutti jirtii,Raashiyaan ammoo mootummaa perzdaantii Siiriyaa Bashaar Al-Asaad gargaarti. 

Thursday, 15 October 2015

Uummanni Oromoo dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee irratti bahee akka mari’atuuf KFO’n Waamicha dabarse.

Uummanni Oromoo dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee irratti bahee akka mari’atuuf KFO’n Waamicha dabarse.

Qophiilee Ebla 9, 2014

Uummanni Oromoo dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee irratti bahee akka mari’atuuf KFO’n Waamicha dabarse.

OMN:Oduu Onk 14,2015 Paartiin Kongiressii Federaalistii Oromoo Dilbata dhufu dhimma Master pilaanii Finfinnee irratti marii Uummataa gaggeessuuf akka jiru dura taa’aan paartii kanaa Dr. Maraa Guddinaa OMN tti himan.
Paartiin Kongiressii Federaalistii Oromoo dhimma saamicha lafaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru fi Labsii Magaalota Oromiyaa jechuun Caffeen Oromiyaa baase irratti Ummata Mariisuuf sanbata guddaa dhufu waajjira isaanii Magaalaa Finfinnee Nannoo 6 kiiloo jirutti akka waame Hoogannaan paarichaa Dr Mararaa Guddinaa himan.
Dhimma Magaalota Oromiyaa ilaalchisuun labsiin caffeen jerjertiidhaan baase erga biraa akka qabu kan himan Dr Mararaan ummanni kana ciminaan akka hordofuu qabu himaniiru.
Caffeen Oromiyaa guyyaadhuma jalqabaatiin murtii mormii guddaa qabu fi ummata Oromoon mormame murteessuun saaminsaa lafaaf karaa akka saaqe Doktor Mararaa Guddinaa himaniiru.
Miseensota caffichaa haaraa Caffee seenaniif dhimmi kun utuu mariif hin dhihaatin murtiin akka darbuuf ajajani akka itti kennamee ture fi manneen hedduun seeraan ala jedhamnii akka diigaman kan godhamaa jiru qaama tarkaanfii haara fudhatamaa jiruu akka ta’e illee himaniiru.
Caffeen Oromiyaa bara hojii isa xumuruun deeme dhimma Master Pilaanii murteessuu hin dandeenye sababni isa immoo mormii bal’aa ummata irra ka’eef deebii kennuu waan dadhabaniif akka turee fi amma yeroo eegatanii warri utuu ummanni hin filatin filataman murteessaniiru jedhu.
Murtiin amma lafa Oromiyaa irratti kennamaa jiruAdeemsa sirna gita bitta nafxanyaa wagga 100 oliif humnaan lafa Oromoo saama turtu maqaa Misoomaa fi Investmentii jedhu jijjiratee hojii irra oola jiras jedhaniiru.

Tuesday, 13 October 2015

Biyyoonni miseensa gamtaa Awrooppaa baqattoota kuma 160tti tilmaaman qubsiisuuf walii galan.

Biyyoonni miseensa gamtaa Awrooppaa baqattoota kuma 160tti tilmaaman qubsiisuuf walii galan.

Biyyoonni Awrooppaa andaara galaana Mediteranian jiran keessumaa Xaaliyaanii fi Girikiin erga waraana addunyaa lammaffoo qabee namoonni hedduun qe’ee ofii irraa buqqa’anii fi godaanan yeroo rakkoon addunyaa mudatu biyyoota simannaa godhan kan jalqabaa ti.Kanaaf jecha biyyoonni miseensota gamtaa Awrooppaa 28 godaantota kuma 160tti tilmaaman biyyoota miseensa ta’an keessa qubsiisuuf walii galaniiru. Waggoota lamaan itti aanan keessa Girikii fi Xaaliyaanii keessa kan turan baqattoonni fi godaantonni kan dhimmi isaanii fudhatama argatee fi kanneen dahata siyaasaa gaafatan ta’a.Biyyoota andaara galaanaa jiran kana irraa godaantonni fi baqattoonni biyyoota ka biroo keessa akka qubatan gochuuf biyyoonni miseena gamtaa Awrooppaa waliin ta’uun itti gaafatama isaanii akka ba’an tattaaffiin jalqabamee jira. Jarmayaa baqattoota kan tokkummaa mootummootaatti dubbi himaan Awropa gama kibbaa Karlaataa Saamii baqattootaa fi godaantota kana qubsiisuuf karoorri jiru baatii dhiyoo keessa simannaa kan argate ta’uu beeksisaniiru. 

Tuesday, 6 October 2015

Muummichi Ministera Itoophiyaa, Haylamaaraam Dassaalenyi, Kaabinee miseensota 30 Of Keessaa Qabu Ifa Godhe. Kabineewwaan Mudamaan Keessa OPDO Namoota 8tu Argama.

Muummichi Ministera Itoophiyaa, Haylamaaraam Dassaalenyi, kaabinee miseensota 30 o fkeessaa qabu ifa godhe. Kabineewwaan mudamaan keessa OPDO  nama 8tu argama. Namoonnii kuni namoota hojiif ta'aan osaa hin taanee maqaaf kan ta'aanidha.

Guyyaa kalessaa Muummichi Ministeraa marsaa lammaffaaf biyyattii akka bulchu, itti aanaa   isaa Dammaqaa  Mokkoniniin  kaadhimamee sagalee paarlaamaa guutuun filameera.  Ob. Haylamaaram Dassaalenyi waggoottan shanan dhufaniif mataa mootummaa Itoophiyaa ta’ee tura. Bifuma wal fakkaatuun, Obboo  Abbaaduulaa Gammadaa, si’a lammaffaaf Afyaa’ii mana maree Itoophiyaa ta’uudhaan filatameera.
A. Maqaa ministerootaa:
1. Demeke Mekonnen (Amaara), itti-aanaa Muummicha Minsteraa fi itti gaafatamaa dhimmoota hawaasumama;
2. Debretsion G. Michael (Tigraay), itti-aanaa Muummicha Minsteraa fi ministera Odeeffannoo Teknolojii;
3. Aster Mamo (Oromoo), itti-aantuu Muummicha Minsteraa fi minister of tajaajila hawaasaa;
4. Sirag Fergessa (Silxee), ministera Ittisaa;
5. Tewodros Adhanom (Tigraay), ministera Haajaa Biyya-alaa;
6. Kassa T. Brehan (Agaawu), ministera Dhimmoota Federaalaa;
7. Getachew Ambaye (Amaaraa), ministera Haqaaa;
8. Abdulaziz Mohammed (Oromoo), ministera Maallaqaafi Diinagdee;
9. Tefera Derebew (Amaara), ministera Qonnaafi misooma Qabeeya uumaa;
10. Shiferaw Shigute (Sidaamaa), ministera Barnootaa;
11. Abiy Ahmed (Oromoo); ministera Saayinsiifi Teknolojii;
12. Ambachew Mekonnen (Amaaraa), ministera Ijaarsaa;
13. Ahmed Abetew (Amaaraa), ministera Industirii;
14. Worqneh Gebeyehu (Oromoo), ministera Geejjibaa;
15. Damitu Hambissa (Oromoo), ministera Worshaalee Mootummaa;
16. Yacob Yalla (Gaamoo), ministera Daldalaa;
17. Tollosa Shagi (Oromoo), ministera Albuudaa, Anniisaafi Boba’aa;
18. Sileshi Getaneh (Oromoo), ministera Misooma Horiifi Qurxummii;
19. Kesetebrehan Admasu (Guraagee), ministera Fayyaa;
20. Abdulfetah Abdulahi (Somaalee), ministera Hujiifi Dhimma Hawaasummaa;
21. Mekuria Haile (Guraagee), ministera Misooma Manaafi Magaalotaa;
22. Motuma Meqassa (Oromoo), ministera Bishaan, Jallisiifi Eletiriikii;
23. Aisha Moussa (Afaar), ministera Aadaafi Turizimii;
24. Shiferaw T. Mariam (Hadiyyaa), ministera Tika Naannooofi Bosonaa;
25. Zenebu Taddese, ministera Ijoolleefi Dubartii;
26. Redwan Hussien (Silxee), ministera Dargaggootaafi Ispoortii;

B. Daayireektaroota sadarkaa ministeraatti tajaajilan:
1.Beker Shalle (Oromoo), daayireektara Abbaa Taayitaa Galiiwwan Itoophiyaa
2. Getachew Reda (Tigraay), daayireektara dhimmoota Wolqunnamtii Mootummaa;
3. Yinager Dessie (Amaaraa), Komishinar Komishiinii karoora Biyyoolessaa;
4. Asmelash W. Sellasie (Tigraay), mataa Naamumsa Mootummaa.

Thursday, 1 October 2015

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman
Yaa’iin 2ffaan Caffee Oromiyaa obbo Muktaar Kadir Abbaa Bulguu bara hojii caffee itti aanutti akka tajaajilaniif sagalee guutuudhaan filateera.
Obbo Muktaar Kadir yeroo haaromsaa irraa eegalee sadarkaa hojii adda addaa irratti ummata tajaajilaa akka turan bakka bu’aan mootummaa obbo Dhaabaa Dabalee  wayita seenaafi bara tajaajilaa obbo Muktaar dhiyeessanitti dubbataniiru.
Obbo Muktaar  sadarkaa hooggansaa adda addaa irra kan turan yammuu ta’u waggaa tokkoofi walakkaaf pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.
Dura taa’aa dhaabbata Demookratawa Ummata Oromoo ta’uun dhiyeeya kana filataman obbo Muktaar Kadir sadarkaa baruumsaatiiniitiin Yuuniivarstii Siiviil Sarvisiifi yuuniivarstii biyya Ameerikaa tokko irraa digirii lammaffaa akka qabanis eerameera.
Pireezidaant Obbo Muktaar sagalee guutuu hirmaattoota yaa’ichaatiin erga filatamanii booda pireezidaantii mana murtee waliigalaa Oromiyaa obbo Damoozee Maammeetin waadaa galaniiru.
Pireezidaant Muktaar waadaa erga galanii booda haasawa dhageessiisaniin Imaanaa Ummata Naannoo Oromiyaatiin natti kenname ga'uumsaan ba'uuf kutannoodhaanan hojjedha jedhaniiru.
Caffichi muudama itti aanaa pireezidaantiifi hoogganaa biiroo siivil sarvisiifi bulchiinsa gaarii Oromiyaa hooggantoota biirooleefi ejensii akkasumas abbootii taayitaa gara garaa pireezidaant Muktaariin dhiyaataniifis raggaasiseera.
Akkaatuma kanaan:
1.obbo Isheetuu Dasee itti aanaa pireezidaantiifi hoogganaa biiroo siiviil sarvisiifi bulchiinsa gaarii 
2.Obbo Dhaabaa Dabalee sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti- itti waamamaa mootummaa
3.obbo Zalaalam Jamaanah sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti hoogganaa biiroo qonnaa
4.Obbo Umar Huseensadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti- hoogganaa biiroo Induusstiriifi mismma Magaalaa
5.Obbo Salamoon Kuchuu- hoogganaa biiroo bulchiinsaafi Nageenyaa
6.Obbo Shaalloo Dhaabaa-hooggnaa biiroo eegumsa fayyaa
7.Addee Aziizaa Abdii-hooggantoo biiroo dhimma Dargaggootaafi Ispoortii
8.Obbo Fiqaaduu Tasammaa hoogganaa biiroo dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa
9.Addee Loomii Badhoo-hooggantuu biiroo Daldalaafi misooma gabaa
10. Addee Mahaabuubaa Adam-hooggantoo Biiroo Haqaa
11.Adde Hiruut Biraasaa-hooggantuu biiroo dhimma Dubartootaafi Daa’imanii
12.Obbo Daanyaachaw Shifarraaw hoogganaa ejensii babal’ina waldaalee hojii gamtaa 
13 Obbo Dirribuu Jamaal-hoogganaa biiroo lafa baadiyaafi eegumsa naannoo
14.Obbo Wardii Hashim-hoogganaa biiroo Bishaan albuudaafi anniisaa
15.Obbo Eelamaa Qaammee-hoogganaa biiroo maallaqaafi misooma diinagdee
16.Obbo Geetuu Wayyeessaa-hoogganaa biiroo aadaafi turiizmii
17.Obbo Margaa Fayyisaa-hoogganaa Biiroo Barnootaa
18.Obbo Mahaammad Jiloo-hoogganaa biiroo dhimma hojjetaafi hawaasummaa
19.Dr.Saahiluu Muluu-hoogganaa biiroo  misooma beelladaafi qurxummii
20.Obbo Milkeessaa Jaagamaa hoogganaa ejensii intarpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa
21.Obbo Abarraa Ol’aanaa-koomishinara koomishiinii teeknikaafi baruumsa ogummaa
22.Obbo Jamaal Abbaasoo hoogganaa Abbaa taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa
23.Obbo Yohaannis Dinqaayyoo-hoogganaa Abbaa taayitaa galiiwwanii
24.Obbo Musxafa Kadir-hoogganaa Abbaa taayitaa geejibaa
25.Obbo Gutaa Laanchooree hooggnaa waajjira pireezidaantii Oromiyaa ta’uun sagalee guutuudhaan muudamaniiru