Sodaa Guddaa Keessa Jirra – Baqataa Oromoo
Jimaata darbee haleellaa shoroorkeessonni magaalaa Paariis Kan
Faransaayi keessatti dhaqqabsiisaniin kan ka’e addunyaan ilaalchi
godaantootaaaf qabdu jijjiira sodaan jedhu jira. Prezidaantiin
Faransaayii Fraanswaa Hollande nageenya biyya isaaniif akkasumas
shoroorkeessoota waliin kan wal qabatee taanaan lammiwwan biyya alaa
kanneen hidhata qaban hatattamaan biyyaa baafna, barbaachisaa ta’ee
aragamnaan heerri biyyattiis akka jijjiramuuf yaada dhiiyeessan.
Kanneen haleellaa kana dhaqqabsiisan keessaa tokko paasportii Siriyaa
kan qabu ta’uun daran haala godaantootaa rakkoo irra buusa yaaddoo
jedhuu uumuu isaa baqatoonni ni dubbatu.
No comments:
Post a Comment