Ibsa bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin kenname
Finfinnee Muddee 07,2008(FBC) Waajjirra piroojektii karoora qindaa’aa misooma waliinii bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee ilaalchisee ibsa bulchiinsi magaalaa Finfinnee baase.
Bulchiinsa magaalaa Finfinneefi magaalota godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee jiran guddina waliiniitiif jecha hojiilee bu’uura misoomaatiin walitti hidhuufi misooma hawaas-dinagdee cimaa uumuuf jedhamee karoorfamuun isaa ni yaadatama.
Karoorichis sadarkaa wixineerra kan jiruufi gara hojiittis kan hin galamneedha. Karoora qindawaa’aa misooma waliinii kana ilaalchisee ummanni gaaffilee adda addaa ifoominaafi hubannoo barbaadu yeroo adda addaatti kaasaa akka jiru ni beekama.
Bulchiinsi mootummaa Naannoo Oromiyaas karoora qindaawaa misooma waliinii kana ilaalchisee ‘‘ummata biratti amma fudhatama hin argatinitti raawwatee hojiirra hin oolu’’ jechuun irra deddeebi’ee ibsaa akka ture ni yaadatama. Ejjennoon bulchiinsi magaalaa Finfinnees ejjennoo mootummaa naannoo Oromiyaarraa adda waan hin taaneefi waajjirri pirojektichaas bara 2006 irraa eegalee hojii isaa akka dhaabu taasifameera.
Kun akkuma jirutti ta’ee, ogeessonni waajjira porojekitichaati ofiin jedhan waajjirri pirjekichaa akka waan hojiirra jiruutti fakkeessuun yeroo adda addaa miidiyaalee maxxansaan ibsaafi beeksisa qacarrii hojii baasaa jiraachuu isaanii bira geenyeerra.
Waajjira pirojekichaan odeeffannoowwan darbaa jiran bulchiinsa magaalaa keenyaas ta’ee bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa kan bakka hin buuneefi hin ilaallanne ta’uu isaa bisaa, kana booda maqaa waajjira pirojekitichaan odeeffannoowan ba’aan yoo jiraatan fudhatama kan hin qabne ta’uusaa cimsinee ni akeekkachiifna.
Karoora qindaa’aa misooma waliinii bulchiinsa magaalaa Finfinneefi magaalota Oromiyaa naannawaa Finfinnee ilaalchisee bulchiinsi magaalaa Finfinnee ejjennoo bulchiinsa mootummaa nannoo Oromiyaan qaburraa adda kan hin taaneefi waajjirri pirojektichaas hojii isaa kan dhaabe ta’uu isaa ibsaa, waajjiricha bakka bu’uudhaan beeksisa hojiifi ibsa adda addaa qaamni kennu yoo jiraate bulchiinsi magaalichaa tarkaanfii seeraa ni fudhata.
No comments:
Post a Comment