WASHINGTON, DC —
Hoogganoonni paartii mormituu, ka Koongiresa Federaalawa Oromoo, akka jedhanitti, hiriirawwan Kamisa , Mudde 10, bara 20015 geggeessame irratti qofa magaalaalee adda addaa keessatti yoo xiqqaate namoonni digdama ta’an humnoota poolsii mootummaan ajjeesaman.
Shawaa Lixaa, aanaa Calliyaa keessatti kanneen argaman magaalaalee Geedduu fi Baabbicha keessatti walumaa-galatti namoota toorba tu ajjeesame, jedhu, ka duraan aanicha bakka-bu’uun miseensa paarlaamaa turan – Obbo Dejenee Xaafaa.
Wallagga Lixaa, aanaa Laaloo Asaabii keessatti, Arsii, magaalaa Dodolaa keessattii fi Shawaa Kaaba-Lixaa, magaalaa Walisoo keessatti illee akkasuma lubbuun namaa dhabamuu fi hedduun ka biroon madaa’uu jiraattonnii fi hoogganoonni paartii mormituu kun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Magaalaalee akka Waliisoo, Baakkoo, Geedoo, Doddolaa fi Laaloo Asaabii keessatti uummatni barattoota waliin hiriira ba’uudhaan, mormiin Maaster Plaanii Finfinnee ka barattoonni karaa nagaa dhiheessan akka deebii karaa nagaa argatu gaafataa turan, jedhu. Magaalaalee ka biroo akka Kuyyuu, Aboomsaa, Laaloo Qilee, Kiiramuu, Eebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Naqamte, Baatuu, Dandii, Sandaafaa fi Beddellee keessatti hiriirri geggeessamuu illee Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran
http://av.voanews.com/clips/VAO/2015/12/10/6bcf1cc7-738e-43ae-94d8-68c2aaf56368.mp3?download=1
No comments:
Post a Comment