Dhamsa Lamummaa Dhaabbaa OPDOfi Deegartoota Isaa Hundaaf
Ilmaan Oromoo taatani jireenyaaf jecha waayyaannee jalaafi OPDO keessa kan hojjeetaan hunduumti kessaan dhamsa isiinif qabu dargaggoonni, barattootni, hawaasnifi Beektootni oromoo.Irraa caalaati dhamsii kun kan ilaalatu:
• Mootummaa Naannoo Oromiyaa
• Polisoota Naannoo Oromiyaa
• Bakka bu’aa Dhaabbaata OPDO
• Bakka Bu’oota mana mare Oromiyaa.
A) Jalqabaa Dawwitti ykn of ilaallee mana hin qabdaan yoo ta’ee mallaqaa keessanin gabaa deema bitaadha. Mee of ilaala ofiti midhaagduu lataa? Yeroo yeroon of waan of hin ilaaleef qulqullinaa hin qabdaani. Kana jechuun waa’ee angoo keessani meeqan keessantu midhamaa uumata Oromoo ilaala jiraa? Enyuu bakka buutani hojjechaa jirtu? Waayyaannee ykn TPLF dhaaf ergamtuu taatani uumata gudda xiqqeessa jirtu.
B) ‘Teessoofi Ulfinaa abbaatu of jalaa butaa” jedha oromoon kabajaa isiin qabdaan xiqqa ta’u isaa isiinumtu mirkanneeffatanitu. Ummaanni yeroon sin filaatu akka hojjeetanif malee akka garboonfatani lafa gurgurtaani barataa ajjeeftaanif miti.
C) “Mormii mataa abbaa hin baane cite haa baduu” OPDO bakka bu’aa uummataa Oromoo ta’ee tajajjilaa ergaa jedhee waggaa shaan ta’e jira. Waggoota kana keessatti uumata keessaan akka seerafi heerati bulchuu hin dandeenye. Mirgaa keessanis ta’ee kan uumataa Oromoo kabaachisuu hin dandeenye. Kana immoo isinuu beektu akka of hin dandeessani hin duubane. Walaltaani osoo hin ta’iin garaa keessaanif , dhimmaa dhunfaa keessanif bitamuu keessan ta’u hin dagaatina.
Dhuma irratti dhaabbaanni Dimookiraasi Ummaata oromoo Ummataa Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenya isaa duri caalaati bara kana keessa mirkanneeffachu dandeessu. Osoo uumataaf hojjetu ta’e
A) Qabeenya Oromiyaan qabdu hormaaf dabarsitaani hin laataan
B) Lafa Oromiyaa bahaaf dhihaan kabaaf kibbaan waayyaanneef hin hirtaan
C) Gaaffii barattotaaf hawaasa ilaaf ilaameen ilaaltaani deebistu. Garuu, ajjeechaaf hidhaati jijjiirtaani.
D) Naannoo Oromiyaa irraatti eenyuu osoo hin ta’iin mootumma Naannoo oromiyaatu dhimma kamirratu karoora baafata malee hormii sinirra darbee lafa Oromiyaa hiraachuuf hin karoorfaatu.
Walumaa galatti yeroo gababduu keessati yaada keessan jijjiirtaani gara uumatati hin deebinee yoo ta’ee isiin farraa ummata Oromoo ta’uu keessaan mirkanneeffadha. Akkasumaas, afaan qawee barattoota irra gara dinnaa ilmaan oromoo Mootumaa wayyaanneeti hin hagamnee yoo ta’e jiraati du’uu keessaan Mirkanneeffadha.
Galatooma
Boonsaa Caalchisaa
Email: abdiko398@gmail.com
Blooger: http://abdiioromiyaa.blogspot.com.eg
No comments:
Post a Comment