Friday, 18 December 2015

The United States Concerned By Clashes in Oromia, Ethiopia


The United States Concerned By Clashes in Oromia, Ethiopia


The United States is deeply concerned by the recent clashes in the Oromia region of Ethiopia that reportedly have resulted in the deaths of numerous protestors. We greatly regret the deaths that have occurred and express our condolences to the families of those who have lost their lives.
We urge the government of Ethiopia to permit peaceful protest and commit to a constructive dialogue to address legitimate grievances. We also urge those protesting to refrain from violence and to be open to dialogue. The government of Ethiopia has stated publicly that the disputed development plans will not be implemented without further public consultation. We support the government of Ethiopia’s stated commitment to those consultations and urge it to convene stakeholders to engage in dialogue as soon as possible.

Thursday, 17 December 2015

Abdii Oromiyaa: Ibsa Bulchinsa Magaalaa Finfinneetiin Kenname

Abdii Oromiyaa: Ibsa Bulchinsa Magaalaa Finfinneetiin Kenname: Ibsa bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin kenname Finfinnee  Muddee 07,2008(FBC) Waajjirra piroojektii karoora qindaa’aa misooma w...

Ibsa Bulchinsa Magaalaa Finfinneetiin Kenname

Ibsa bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin kenname

Ibsa bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin kenname
Finfinnee  Muddee 07,2008(FBC) Waajjirra piroojektii karoora qindaa’aa misooma waliinii bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee ilaalchisee ibsa bulchiinsi magaalaa Finfinnee baase.
Bulchiinsa magaalaa Finfinneefi magaalota godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee jiran guddina waliiniitiif jecha hojiilee bu’uura misoomaatiin walitti hidhuufi misooma hawaas-dinagdee cimaa uumuuf jedhamee karoorfamuun isaa ni yaadatama.
Karoorichis sadarkaa wixineerra kan jiruufi gara hojiittis kan hin galamneedha. Karoora qindawaa’aa misooma waliinii kana ilaalchisee ummanni gaaffilee adda addaa ifoominaafi hubannoo barbaadu yeroo adda addaatti kaasaa akka jiru ni beekama.
Bulchiinsi mootummaa Naannoo Oromiyaas karoora qindaawaa misooma waliinii kana ilaalchisee ‘‘ummata biratti amma fudhatama hin argatinitti raawwatee hojiirra hin oolu’’ jechuun irra deddeebi’ee ibsaa akka ture ni yaadatama. Ejjennoon bulchiinsi magaalaa Finfinnees ejjennoo mootummaa naannoo Oromiyaarraa adda waan hin taaneefi waajjirri pirojektichaas bara 2006 irraa eegalee hojii isaa akka dhaabu taasifameera.
Kun akkuma jirutti ta’ee, ogeessonni waajjira porojekitichaati ofiin jedhan waajjirri pirjekichaa akka waan hojiirra jiruutti fakkeessuun yeroo adda addaa miidiyaalee maxxansaan ibsaafi beeksisa qacarrii hojii baasaa jiraachuu isaanii bira geenyeerra.
Waajjira pirojekichaan odeeffannoowwan darbaa jiran bulchiinsa magaalaa keenyaas ta’ee bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa kan bakka hin buuneefi hin ilaallanne ta’uu isaa bisaa, kana booda maqaa waajjira pirojekitichaan odeeffannoowan ba’aan yoo jiraatan fudhatama kan hin qabne ta’uusaa cimsinee ni akeekkachiifna.
Karoora qindaa’aa misooma waliinii bulchiinsa magaalaa Finfinneefi magaalota Oromiyaa naannawaa Finfinnee ilaalchisee bulchiinsi magaalaa Finfinnee ejjennoo bulchiinsa mootummaa nannoo Oromiyaan qaburraa adda kan hin taaneefi waajjirri pirojektichaas hojii isaa kan dhaabe ta’uu isaa ibsaa, waajjiricha bakka bu’uudhaan beeksisa hojiifi ibsa adda addaa qaamni kennu yoo jiraate bulchiinsi magaalichaa tarkaanfii seeraa ni fudhata.

Garreen Farra Shorokeessummaa Itiyoopiyaa Akeekkachiisa Kenne


  


Qaamotii ergaa shorokeessummaa qaban kan ittiin jedhe qabeenyaa mootumma fi dhuunfaa barbadeessuu irra darbanii miseensota poolisii fi humnootii ittisaa ajjeesan jechuu dhaan gareen farra shorokeessummaa Itiyoopiyaa beeksiseera.
Gareen kun nageenya uummataa fi sirni heeraa akka itti fufu gochuuf tarkaanfii seeraa fi madaalawaa ta’e kan fudhatu ta’uu ibsee jira.
Kaleessa galgala sa’a lama irrati ibsa TV Itiyoopiyaan kennameen gareen farra shorokeessummaa Itiyoopiyaa jeequmsa naannoo Oromiyaa keessatti uumame to’annaa jala oolchuuf uummatichi humnootii nagaa eegsisan waliin gochaa jiran jedhe cimsee akka itti fufu yaadachiise.
Dhimma nageenya naannoo Oromiyaa irratti ibsa kenne jedhamuun oduu darbe irratti akka tuqametti baatii sadaasa bara 2008 mootummaa naannoo Oromiyaa jalatti kanneen argaman manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa haga tokko keessatti barattoota Oromoo xiqqoo dhaan jalqabame kan jedhame sochii farra master plaanii Finfinnee har’a babal’achuu isaa ibsee jira.
Ibsi kun akka jedhutti barattoonni fuula duraan master plaanii Finfinnee mormuu dhaan dudduubaan garuu nageenyaa fi guddina biyyattii kanneen gufachiisan gareelee shororkeesotaa ta’uu isaanii ifatti kanneen ragaa ba’an irraa humnoota ajaja fudhatan waliin hariiroo akka qaban dubbata ibsi kun.
Kanaanis hookkarri kun gara magaalaalee fi mootummoota naannoo ka biroo akkasumas waaltaalee dhuunfaatti akka daddarban gochuu dhaan qabeenyaa mootummaa, kan abboota qabeenya dhuunfaa fi qonnaan bulaa hiyyeeyyii ta’an akka manca’u godhaniiru jedha.
Kana malees nagaa fi tasgabbii hawaasichaa eeguuf kanneen bobba’an miseensota Federaalaa fi Oromiyaa fi humnootii ittisaa irratti balaa du’aa fi qaamaa hir’achuu geessisan jedha ibsi kun.
Gareen farra shorokeessummaa Itiyoopiyaa humnootii hookkaraa fi shororkaa kan ittiin jedhe irratti tarkaanfii seeraa fi madaalawaa fudhachuu dhaan sirna heeraa biyyattii fi jireenya nageenyaa kan uummatichaa akka itti fufu kan godhu ta’uu ibseera.
Oduu dhuma wal fakkaatuun mootummaan naannoo Oromiyaa haala yeroo ka naannoo kanaa irratti ejjennoo inni qabu jechuu dhaan ibsa kennameen mootummaan gocha humnootii sirna dimokraasii diiguuf godhan kana dhaabsisuuf ol aantummaa seeraa mirkaneessuuf itti gaafatama heerri itti kenne bu’uura godhachuu dhaan kanneen hookkara kana adda durummaan qindeessan irratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu akeekkachiiseera jedha ibsichi.
Naannoo Amaaraa Kaaba Gondar, Cilgaa fi Metemaa keessatti humnootiin farree ngeenyaa jeeqama uumaniin qabeenyaa fi nama irra miidhaan ga’uu isaa bulchaan naannoo Amaaraa obbo Gedduu Andaargaachew tuuta oduuf ibsa kennaniin ibsuu isaanii oduu kaleessa galgala TV Ityoopiyaa irratti dubbatameera.
Jeeqama uumame jedhame kana maal akka ta’e oduu sana keessatti hin ibsaminuu malee hariiroo uummata Amaaraa fi Qimaant jedhaman gidduu jiru irratti dhiibbaa uumuun isaa tuqameera.
Bulchaan naannoo Sanaa obbo Gidduu Andaargaachew humnootii farreen nageenyaa ittiin jedhan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsaniiru. Humnootiin Federaalaa fi kan mootummaa Naannoo humnoota uummata gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu dubbii tuqatan irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu ajajameera.
Akkuma Kanaan naannoo naannoo keessatti walitti bu’iinsa uummata gidduutti akka uumamu karoorfame kana qaamotiin hammeessan irraa of qusachuu qabu. Kanneen gocha akkasii keessatti hirmaatanis seera duratti dhiyeessuu dhaan tarkaanfiin barbaachisu ni fudhatama.
Naannoo Oromiyaa keessatti lubbuu poolisii fi humnootii ittisaa akaksumas qabeenyaa irra miidhaan ga’e ilaalchisuun ibsi sun bal’inaan waan jedhe hin qabu.

Tuesday, 15 December 2015

Jawar Mohammed: LOLLI WAYYAANEEN OROMORRATTI LABSE FASHALUU QABA! (Waliif Dabarsaa)

Jawar Mohammed35 mins   LOLLI WAYYAANEEN OROMORRATTI LABSE FASHALUU QABA!
(Waliif Dabarsaa)
 
Akkuma hordofaa jirtan mootummaa Wayyaanee gaafii lafa ofii Oromoon gama nagayaatin gaafachaa jiru humnaan cabsuuf murteessee jira. Ibsa galgala kana gara miidiyaa isaanitiin facaasaniin, hoogganoonni jaarmaya TPLF mormii ummataa ‘ sochii shorokeessummaa jechuun’ waamanii jiran. I Kana jechuun ummata nagayaan mormii dhageessisaa jiru kana tarkaanfii shoororkeessaa irratti fudhatamu mara irratti fudhachuun sirridha jedhanii jiru. Humna barbaachise hundaan mormii nagayaaf haqa qabeesa kana akka cabsu humna waraanaatiif tika biyyatitiif aangoof qajeelfama kennee jira. Qajeelfama kanas guyya lama dura irraa kaasee waraana Shawaa Kibbaafi Kibba Lixaatti duulchisuun qonnaan bulaa Oromoofi ilmaan isaa lafarraa duguugaa jiran.

Tarkaanfiin kun godinoota biroottis akka cehu karoorii baafame hojii irra oolaa jira. Fakkeenyaaf har’a Godina Harargee Bahaa dhuunfachuudhaaf waraanni guddaan daangaa Soomaliyaatirraa socho’ee jira. Akeeka sanyii duguuginsa Oromorratti ifatti labsamee guyyaa adii hojirra oolaa jiru kanarraa of baraaruuf Oromoon bakka hundaa tokkummaafi bifa qindaa’een socho’uun dirqama waaytawaadha. Ifatti lola labsuun kun rifaatuufi na’uu sirnichaa waan agarsiisuuf duula ammaa kana jalaa fashalsinaan takkaa adabattee gaafii ummataa deebisa ykn babbaqayxee addaan facaati.
Kanaafuu tarkaanfilee fudhatamuu qaban keessaa:
1) Mormiin bifa walitti bu’iinsa hin qabne (low risk) kanneen akka gadda agarsiisuu, iccitii baasuu, gurraacha offachuu, muufachuu, nyaata diduu kkf manneen barnootaa, hospitaalota, warshaaleefi waajjiroota keessatti godhamaa jiran bal’inaan itti fufuu feesisa.
2) Wanti dinni Oromoo ajjeesaa jiruuf qabeenya Oromiyaa waan ta’eef bakka isaan dhukkubdu rukutuun barbaachisaadha. Kanaafuu kubbaniyyaalee Wayyaanee addaan baafachuun irraa bituu dhabuu, warshaaleen isaanii bifa milkaayeen akka hin calleesine gufachiisuufi callaan isaanii nagayaan Oromiyaa keessa akka hin qaxxamurre ugguruun barbaachisaa.Waliigalatti sochii diinaggee TPLF Oromiyaa keessaa qabduu tarkaanfii barbaachisaa kamiinuu fudhachuun yeroo gabaabaa keessatti cufsiisuu qabna. Maqaafi eddoo kubbaniyyaalee kana walitti qabamaa waan jirruuf gara marsaalee hawaasaatin isiniif ergina isinis kan beektan nuuf dabarsaa.
3) Waraanni isaani Oromiyaa keessa akka feedhe akka hin sochoofne taarkaanfiin karaa cufuu itti fufuu qaba. Keessattuu karaaleen gurguddaa godinoota geessan tooftaa adda addaatin danquun hudhanii qabuu feesisa.
4) Biyya alaatti hiriirri deeggarsaa godhamaa jiru itti dabalee deemuu qaba. Hojii diplomaasiifi daladalaa Wayyaaneen biyyota alaa keessati qabdu hordofuun hoongessurratti fuulleffanna. ( Tarkaanfilee fudhatamuu qaban gara keessaatin waliif dabarsina). Dhiibbaan miidiyaalee garagaraa irratti godhamaa jirus jabaatee itti fufuu qaba. Ummata keenya madaayaa jiruufi gargaarsa adda addaatiif kan ta’u maallaqa saffisaan walitti qabuun barbaachisaadha
5) Amma booda diinis ummanni Oromoos bakka ji’a takka dura turetti hin deebi’u. kanaafuu mooraan qabsoo Oromoo saffisaan itituun humna gama maraan cimsachuun tarkaanfii dhumaatif of qopheessuu barbaachiisa.
Ji’a tokkoof ummanni keenyaa sodaa moo’atee, tokkummaa cimsatee, diina naasisee jira. Har’as kana darna injifannoo goonfachuu qaba, ni danda’as. Namuu bakka jiruu waan danda’uun diinarratti duuluu qaba. Tana booda of duuba deebi’uun kopha kophatti qalamuu qofaafi. Kanaaf alaaf keessaan, xiqqaa guddaan, baddaa gammajjiin walqabannee injifannoodhaan keessaa bahu qabna.
Dhugaa qabna, tokkummaan falmanna, ni moo’anna!

Abdii Oromiyaa: Oduu : Iyyata Dhiyeessaa Turreef Mootummaan Deebii...

Abdii Oromiyaa: Oduu : Iyyata Dhiyeessaa Turreef Mootummaan Deebii...: Oduu Iyyata Dhiyeessaa Turreef Mootummaan Deebii Kennaa Hin Jiru Jedhu Mormitoonni Print Yaada (50) Hirmaadhu Obbo Baqqala...

Oduu : Iyyata Dhiyeessaa Turreef Mootummaan Deebii Kennaa Hin Jiru Jedhu Mormitoonni

Oduu

Iyyata Dhiyeessaa Turreef Mootummaan Deebii Kennaa Hin Jiru Jedhu Mormitoonni

Obbo Baqqalaa Nagaa
Obbo Baqqalaa Nagaa
Jaallannee Gammadaa
Kongresiin Federaalistii Oromoo har’a ibsa qabxii 10 of keessaa qabu baaasee jira. Iyyata isaa kanas mootummaatti dhiyeessuun isaa gabaafamee jira. Maastar Plaaniin Finfinnee lafa Oromiyaa waan dhiibbatuuf hojii irra ooluu hin qabu, barattoota mirga qaban fayyadamuun karaa nagaan hiriiran irratti humnootiin mootummaa tarkaanfii humnaa fudhaachuun haa dhaabatuu, qonnaan bultoota sababaa invastmentii Misoomaa jedhuun manaa fi qe’ee irraa godaansisuun haa dhaabatuu akkasumas qabxilee kanneen biroo kan of keessaa qabu ta’uu Obbo Baqqalaa Nagaa ibsanii jiru.
Rakkoo guddaan jiru Bulchitoota Oromiyaa kan sadarkaa adda addaaan wanni dubbatamuu fi kan aangawoonni mootummaa Federaalaa jedhan kan wal faalleessu ta’uu isaa ti kan jedhan Obba Baqqalaan kanneen Oromiyaa bulchan waa murteessuuf aboo hin qaban jedhu. Hidhaa fi ajjechaa Oromiyaa keessatti uumamaa jiruuf mootummaan Itiyoophiyaa  itti gaafatamaa ta’uus ibsi kun hubachisee jira.

Monday, 14 December 2015

OPDON DHIMMA MAASTAR PILAANII IRRATTI HOJII MANAA ITTI KENNAME WAAN HIN HOJJANNEEF, QORAAMATA KUFUUN DHAGAYAME.

OPDO Qormaata Maastara Plaanii Kufe.

Mudde 14, 2014 | Oromedia, Finfinne

OPDON DHIMMA MAASTAR PILAANII IRRATTI HOJII MANAA ITTI KENNAME WAAN HIN HOJJANNEEF, QORAAMATA KUFUUN DHAGAYAME.

Dhimma maastar pilaanii irratti hubannoon gahaan utuu hin uumamin turuun jeeqamsaaf karra akka bane himame
Diddaa fi mormii manneen barnootaa Oromiyaa garaa gara keessatti mudateef OPDOn akka itit gaafatamu hogganooti TPLF murteessan.
Oduun Finfinnee irraa nu gahe akka hubachiisutti, walgahii EPRDF/TPLF irratti OPDON gaaraa haga dakaatti ummata amansiisuu dadhabuu isaatiif diddaan kun akk baba’atetti amansiisaa jiran.
Mariin karaa Raadiyoo Faanaa biyya keessatti darbaa jirus, diddaa fi mormii ummataa Magaaloota Oromiyaa gara garaatti mudate irratti olola guddaa deemsisaa jira.

Marii Faanaa kana irratti itti gaafatamaan wajjira koree jiddu galeessaa Dhaabbata Demokraatawaa Ummata Oromoo obbo Dhaabaa Dabalee, kantiibaan bulchinsa Magaalaa Finfinnee obbo Dirribaa kumaafi ministirri itti gaafatamaan waajjira dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa obbo Getaachaw Raddaa hirmaatuun dubbii OPDO qeequu fi doorsisuu kana belbelchaa jiran.
Obbo Getaachoon humnoonni dhiphoonni bu’aa Naannoo Oromiyaa keessatti galmeeffamaa tureen Dhaabbata Demookraatwa Ummata Oromootiif beekkamtii kennuu diduudhaan kaayyoosaanii milkeeefafchuuf socho’anis hin milkaa’uuf jedhaniiru.
Obbo Getaachoo Raddaa akka jedhanitti "gaaffiin seera qabeessi ummanni kaase faayidaa humnoota farra Nagaatiif akka hin oolleef hojjetamuu qaba," jedhaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira koree jiddu galeessaa Dh.D.U.O obbo Dhaabaa Dabalee gamasaaniitiin "humnoonni dhiphoonniifi of tuultoonni dhimma maastar pilaanii da’oo taasifachuudhaan socho’aa jiru, jechuun akka TPLF dafee dhaqqabuuf waamicha dabarfate.
Itti dabaluunis, Oromiyaan dheebuu bulchiinsa gaariitiin dararamaa akak jirtu yeroo ibsu, "Naannoo Oromiyaatti bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf qophiin gahaan taasifamaa jira," jedhee akka aangoo irra turfamuuf gaafatate.
Dhimma maastar pilaanii qindaawaa irratti immoo, "ummata wajjin mari’achuuf qophiin taasifamaa wayita jirutti,"nutti ddulan jechuun qeeqaa fi duula EPRDF/TPLF ofirraa qabuuf yaale.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Diriibaa Kumaa, gama isaatiin, "bu’aa maastar pilaaniin argamsisu irratti hojiin hubannoo uumuu hin hojjatamne," jechuun ergama isaa bahachuuf yaale. Akka inni jedhutti, kun kan hanqateef, "sababa hojiiwwan adda addaatiin duubatti harkifate", jedhe.

Karoora Maaster pilaanii Finffinnee laalchisee gaafileen ummataa deebii odoo hin arggatin gara hojiitti akka hin seenamne angaa’onni mootummaa naannoo Oromiyaa dubbachumatti jiran


Bareessan Federaalistii Oromoo Obboo Baqqalaa Nagaa garuu dubbii isaanii keessa wannii haaraan hin jiru jedhan.
Afyaa’ii mana maree Itoophiyaa, Obboo Abbaa-Duulaa Gammadaa ibsa TV Itoophiyaa irratti kennaniin, ummanni hin fudhadhu jennaan hin hafa, na fayyada jedhee yoo amane immoo hojiirra oola jechuun mirkansanii dubbatan.
“Amalli mootumma fi dhaaba keenyas kanuma agarsiisa, waan guddaa akka master pilaanii ummatii na hin fayyady jedhee mormaa jiru kana dhiisitoo waanuma kaan faayidaa umaataf ta’u hundi kan hojiirra oluu yoo umati itti amanee qofa. Dhimmi maasteer pilaanii kun hojjii baayyen kan isa hafuufi waan taheef yaa bulu jedhame. Ajandaa waan ta’eef garuu ummata irratti mari’achiisuun itti fufa.”
Karaa biraatiin, Iskindir Firewu Finffinnee irraa gabaasa ergeen, perezidaantiin motumma naannoo Oromiyaa,Obboo Muktaar ergaa mormiin tibbana kana ka’ee yeroo duraatiif gaazexeessitota biyya keessaaf ibsa kennaniin ummata wajjiin waliigalteerra odoo hin gahin master pilaaniin kun hojiirra akka hin oolu jedhan jedha.“Karooraa fi qabiyyee isaa irratti akka waliigalaatti walii galteerra odoo hin gahin gara hojjiitti hin seenamu, Mootumman naannoo Oromiyaas odoo gaafii ummataa arguu akka hin agarree utaalee hojjitti waan seenus miti. Kana ummata keenyaaf ifa gochuu barbaadna. Dhimma kanaratti ibsaa fi mariin yeroon godhamuu dhabuusa itti ammana. Kun immoo dhaabilee farra ummataa ta’aniif karaa baneera.”
Barreesaan Kongireesii Federaalistii Oromoo Obboo Baqalaa Nagaa ammoo ibsa angga’onni lamaan kennaniin akkana jechuun Meleskaachoo Ammahaaf deebii kennaniin:
“Marii ummata wajjiin gochuu yaadan kun gaari ta’ee, eenyu akka mariisisan garuu ifa ta’u qaba. Ummata pilaaniin kun lafa isaa irraa buqqisuu fi beektota mari’achiisuu qabu. Amansiisuu jedhanii dubbatu. Amansiisuun kun maali? Eenyu amansiisan? Miseensota dhaaba isaanii qofa miidiyaa irratti dhiheessuun bu’aa hin fidu.Namoonni waan kana duuba jiran namoota lafa kana barbaadaani fi hojiirra akka oluus bareengaddaa dubbachaa turani. Isaan bahanii ummatatti dubbatan malee Abbaa-Duulaa fi Muktaar jedhaniidhaaf hojiirra akka hin olle ummanni Itoophiyaas, ummanni Oromoos in beeka.”
Angaa’onni mootummaa Oromiyaa kana dura dhimma kana laalchisee ibsa kennaniin mormii fi jeequmsa Oromiyaa keessatti ka’e kanaaf kan itti gaafatamu dhaabbillee akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Ginbot 7 jedhan.
Mormii kana irratti lubbuun namootaa baduu fi namii hedduun madaahuun beekamaa.



Oduu Amaa Naa Ga'ee: Aanaa Jalduu Keessaatti warraanna mootummaafi Qonaan bultoota waliin godhameen lubbuun namoota darbe.

                 
 


Guyyaa haaraa  warani wayyanee Agaziin 5 yoo ajjeffamaan  afur(4)  madawaniiru.qotee bultoota  keessaa 15 yoo madawaan 2 lubbuun darbeera. Namoota lubbuun isaani isaani darbee keessa  Durbee Caltuu Taressaafi Dajanee  Bayisaa yoo ta'aan  Taammiruu Lataa Jaldu irraa Girmaa Bayeessaa Olonkomii irraa waraana humnoota badii Mootummaa Wayyaaneetiin rukutamanii yeroo ammaa kana hospitaala phaawulositti kan yaalamaa jiran yoo ta'u dhiigni isaanii dhangala'e bilisummaa uummata oromoof jechaa

Saturday, 12 December 2015

Dhamsa Lamummaa Dhaabbaa OPDOfi Deegartoota Isaa Hundaaf. Ilmaan Oromoo taatani jireenyaaf jecha waayyaannee jalaafi OPDO keessa kan hojjeetaan hunduumti kessaan dhamsa isiinif qabu dargaggoonni, barattootni, hawaasnifi Beektootni oromoo.

Dhamsa Lamummaa Dhaabbaa OPDOfi Deegartoota Isaa Hundaaf

Ilmaan Oromoo taatani jireenyaaf jecha waayyaannee jalaafi OPDO keessa kan hojjeetaan hunduumti kessaan dhamsa isiinif qabu dargaggoonni, barattootni, hawaasnifi Beektootni oromoo.
Irraa caalaati dhamsii kun kan ilaalatu:
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Polisoota  Naannoo Oromiyaa
Bakka bu’aa Dhaabbaata OPDO
Bakka Bu’oota mana mare Oromiyaa.
A) Jalqabaa Dawwitti ykn of ilaallee mana hin qabdaan yoo ta’ee mallaqaa keessanin gabaa deema bitaadha. Mee of ilaala ofiti midhaagduu lataa? Yeroo yeroon of waan of hin ilaaleef qulqullinaa hin qabdaani. Kana jechuun waa’ee angoo keessani meeqan keessantu midhamaa uumata Oromoo ilaala jiraa? Enyuu bakka buutani hojjechaa jirtu? Waayyaannee ykn TPLF dhaaf ergamtuu taatani uumata gudda xiqqeessa jirtu.
B) ‘Teessoofi Ulfinaa abbaatu of jalaa butaa” jedha oromoon kabajaa isiin qabdaan xiqqa ta’u isaa isiinumtu mirkanneeffatanitu. Ummaanni yeroon sin filaatu akka hojjeetanif malee akka garboonfatani lafa gurgurtaani barataa ajjeeftaanif miti.
C) “Mormii mataa abbaa hin baane cite haa baduu” OPDO bakka bu’aa uummataa Oromoo ta’ee tajajjilaa ergaa jedhee waggaa shaan ta’e jira. Waggoota kana keessatti uumata keessaan akka seerafi heerati bulchuu hin dandeenye. Mirgaa keessanis ta’ee kan uumataa Oromoo kabaachisuu hin dandeenye. Kana immoo isinuu beektu akka of hin dandeessani hin duubane. Walaltaani osoo hin ta’iin garaa keessaanif , dhimmaa dhunfaa keessanif bitamuu keessan ta’u hin dagaatina.
Dhuma irratti dhaabbaanni Dimookiraasi Ummaata oromoo Ummataa Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenya isaa duri caalaati bara kana keessa mirkanneeffachu dandeessu. Osoo uumataaf hojjetu ta’e
A) Qabeenya Oromiyaan qabdu hormaaf dabarsitaani hin laataan
B) Lafa Oromiyaa bahaaf dhihaan kabaaf kibbaan waayyaanneef hin hirtaan
C) Gaaffii barattotaaf hawaasa ilaaf ilaameen ilaaltaani deebistu. Garuu, ajjeechaaf hidhaati jijjiirtaani.
D) Naannoo Oromiyaa irraatti eenyuu osoo hin ta’iin mootumma Naannoo oromiyaatu dhimma kamirratu karoora baafata malee hormii sinirra darbee lafa Oromiyaa hiraachuuf hin karoorfaatu.
Walumaa galatti yeroo gababduu keessati yaada keessan jijjiirtaani gara uumatati hin deebinee yoo ta’ee isiin farraa ummata Oromoo ta’uu keessaan mirkanneeffadha. Akkasumaas, afaan qawee barattoota irra gara dinnaa ilmaan oromoo Mootumaa wayyaanneeti hin hagamnee yoo ta’e jiraati du’uu keessaan Mirkanneeffadha.

                                    Galatooma
                               Boonsaa Caalchisaa

                   Email: abdiko398@gmail.com

              Blooger:     http://abdiioromiyaa.blogspot.com.eg

Dhamsa Lamummaa Dhaabbaa OPDOfi Deegartoota Isaa Hundaaf Ilmaan Oromoo taatani jireenyaaf jecha waayyaannee jalaafi OPDO keessa kan hojjeetaan hunduumti kessaan dhamsa isiinif qabu dargaggoonni, barattootni, hawaasnifi Beektootni oromoo. Irraa caalaati dhamsii kun kan ilaalatu:

Dhamsa Lamummaa Dhaabbaa OPDOfi Deegartoota Isaa Hundaaf

Ilmaan Oromoo taatani jireenyaaf jecha waayyaannee jalaafi OPDO keessa kan hojjeetaan hunduumti kessaan dhamsa isiinif qabu dargaggoonni, barattootni, hawaasnifi Beektootni oromoo.
Irraa caalaati dhamsii kun kan ilaalatu:
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Polisoota  Naannoo Oromiyaa
Bakka bu’aa Dhaabbaata OPDO
Bakka Bu’oota mana mare Oromiyaa.
A) Jalqabaa Dawwitti ykn of ilaallee mana hin qabdaan yoo ta’ee mallaqaa keessanin gabaa deema bitaadha. Mee of ilaala ofiti midhaagduu lataa? Yeroo yeroon of waan of hin ilaaleef qulqullinaa hin qabdaani. Kana jechuun waa’ee angoo keessani meeqan keessantu midhamaa uumata Oromoo ilaala jiraa? Enyuu bakka buutani hojjechaa jirtu? Waayyaannee ykn TPLF dhaaf ergamtuu taatani uumata gudda xiqqeessa jirtu.
B) ‘Teessoofi Ulfinaa abbaatu of jalaa butaa” jedha oromoon kabajaa isiin qabdaan xiqqa ta’u isaa isiinumtu mirkanneeffatanitu. Ummaanni yeroon sin filaatu akka hojjeetanif malee akka garboonfatani lafa gurgurtaani barataa ajjeeftaanif miti.
C) “Mormii mataa abbaa hin baane cite haa baduu” OPDO bakka bu’aa uummataa Oromoo ta’ee tajajjilaa ergaa jedhee waggaa shaan ta’e jira. Waggoota kana keessatti uumata keessaan akka seerafi heerati bulchuu hin dandeenye. Mirgaa keessanis ta’ee kan uumataa Oromoo kabaachisuu hin dandeenye. Kana immoo isinuu beektu akka of hin dandeessani hin duubane. Walaltaani osoo hin ta’iin garaa keessaanif , dhimmaa dhunfaa keessanif bitamuu keessan ta’u hin dagaatina.
Dhuma irratti dhaabbaanni Dimookiraasi Ummaata oromoo Ummataa Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenya isaa duri caalaati bara kana keessa mirkanneeffachu dandeessu. Osoo uumataaf hojjetu ta’e
A) Qabeenya Oromiyaan qabdu hormaaf dabarsitaani hin laataan
B) Lafa Oromiyaa bahaaf dhihaan kabaaf kibbaan waayyaanneef hin hirtaan
C) Gaaffii barattotaaf hawaasa ilaaf ilaameen ilaaltaani deebistu. Garuu, ajjeechaaf hidhaati jijjiirtaani.
D) Naannoo Oromiyaa irraatti eenyuu osoo hin ta’iin mootumma Naannoo oromiyaatu dhimma kamirratu karoora baafata malee hormii sinirra darbee lafa Oromiyaa hiraachuuf hin karoorfaatu.
Walumaa galatti yeroo gababduu keessati yaada keessan jijjiirtaani gara uumatati hin deebinee yoo ta’ee isiin farraa ummata Oromoo ta’uu keessaan mirkanneeffadha. Akkasumaas, afaan qawee barattoota irra gara dinnaa ilmaan oromoo Mootumaa wayyaanneeti hin hagamnee yoo ta’e jiraati du’uu keessaan Mirkanneeffadha.

                                    Galatooma
                               Boonsaa Caalchisaa

                   Email: abdiko398@gmail.com

              Blooger:     http://abdiioromiyaa.blogspot.com.eg

BREAKING NEWS: OFC leaders Bekele Naga , Bekele Gerba Gurmesa Ayano has been arrested at Adama Rally #oromoprotests

BREAKING NEWS: OFC leaders Bekele Naga , Bekele Gerba Gurmessa Ayyano has been arrested at Adama Rally #oromoprotests

      


Oromiyaa Keeessa Aanaalee adda addaa keessaatti Shaggar, Salaalee,Kuyyuu, Jalduu , Shukutee, Garba Gurraachaa fi Aanaa Dagaam Keessatti FDG Itti Fufe,Bakka Hedduutti Karaan Cufamee Jira.

ShaggarHar’a Mudde 11, 2015 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG Godina Kaaba Shaggar(Godina Salaalee) Aanota garagaraa keessatti jabaachuun ittifufuun Guyyaa har’aa Aanaawwaan kanneen akka Kuyyuu Magaalaa Garba Gurraachatti hiriirrii Mormii guddaan Gootota uummata Oromoo Salaalee fi Qeerroo dargaggoota Barattoota Oromoon jabaate itti fufe jira,
Akkasumas Aanaa Dagaam keessatti warraaqsii haalaan jabaachuun Magaalaa Shanoo keessatti daandii bakkoota hedduutti cufamee
warraaqsii jabaate jira. Anaawwaan Kanneen Akka Wucaalee Magaalaa Muka Xurii fi Hidhabuu Abootee wajiraaleen mootummaa hundii cufamanii hojiin dhaabbatee jira., Uummatni fi dargaggootni Oromoo gaaffii keenyaaf deebii barbaadna, ilmaan Oromoo wareegamaa jiraanniif
Mootummaan itti gaafatamuu qaba jechuun dhaadannoo isaanii jabeessuun daandiiwwaan gara Garba Gurraachatti geessaan ganamarraa eegaluun bakkoota hedduutti cufamee jiraachuun ifa ta’ee jira. Hummni waraanaa gara Garba Gurraachaatti ramadamee karaa darbaa dhabuun hedduu rakkachaa jiraachuun gabaasaan…. itti fufa!!

Beellamni waliigalaa Aanaa Jalduu Harra'a Magaalaa Goojjoitti. Harra'aan guyyaa 5ffaadha Erga shukeen ofirraa kantiibaa hari'ee jaarsolii biyyaatiin buluu jalqabee. Kaleessa ummanni shukutee hanga Ganda Koluu galaan dhaqeet qabalee daaraa Dhaamsudhaaf yeroo jedhuu maanguddoon kadhateet dhoowween. Konkolaataan Gindibaratirraa ol dhufu hin jiru. Daandiin cuccufameera. Awuraagodaanaa keessaa Konkolaataa harkisanii Baasaniit daandii ittiin cufan. Jarreen Konkolaataa ittiin daandirraa kaasuuf tiraaktaraa fi humna dabalataa waliin fidataniiru. Kaleessa isaan humnaan kaasuuf deemnaan qoteebulaan osoo isaan shukutee hin ga'iin hari'ee ofirraa deebise. Cobiin Erga Alaabaashee dhaabbattee tutturtte. Kilbeen biyyi ilma Bookaa qabalee guggubde. Gaalessi kantibaa mataasaa muudateera. Sariitiinis akkasuma ofirraa qoleera. Konkolaataa Giincirraa dhufu dhaabsiseet yoo kaadireefi kaabineen keessa jiraattee shobotee sirbisiisaa jira. Boniin dinne didaa erga jedhee bubbule. Osoleenis hin callisne. Iddoo-Goraan biyyi Nuurasaa Walirraa hin dheesinu jedhu. Biichoon SAY NO jechuun afaaniin qofa osoo hin ta'iin gochaanis agarsiisaa jira. Koluun shukutee waliin Walirraa tumsaa jira.

Friday, 11 December 2015

Abdii Oromiyaa: Afaan Oromoo Magaalaa Teessoo Mootummaa Ameerikaa Kan Taate Washington DC Keessatti Afaan Tajaajilli Adda Addaa Itti Kennamu Ta'uuf Deema.

Abdii Oromiyaa: Afaan Oromoo Magaalaa Teessoo Mootummaa Ameerikaa Kan Taate Washington DC Keessatti Afaan Tajaajilli Adda Addaa Itti Kennamu Ta'uuf Deema.: Link

Older Post Home
Subsc

Afaan Oromoo Magaalaa Teessoo Mootummaa Ameerikaa Kan Taate Washington DC Keessatti Afaan Tajaajilli Adda Addaa Itti Kennamu Ta'uuf Deema.

Afaan Oromo in DC Office of Human Rights Language Access

More pictures added at the end
Participants of the event  from various immigrant communities in DC
Participants of the event from various immigrant communities in DC
July 1, 2014, WASHINGTON, D.C. (ayyaantuu) – On Saturday June 21, 2014 the DC Office of Human Rights (OHR) convened a multilingual community dialogue and resource fair where about 100 diverse limited and non-English proficient residents made recommendations for strengthening Language Access in the District. The recommendations were the result of two-hour simultaneous roundtable discussions that took place in 10 different languages. As the second installment in a series of events hosted by OHR to commemorate the 10 year anniversary of the DC Language Access Act, this unique community dialogue supplemented report findings from an Urban Institute study released in April, with direct community feedback on Language Access implementation over the last 10 years directly from the intended users.
“It’s truly incredible to be part of a city that welcomes, nurtures and enables its immigrant communities to thrive and contribute,” said OHR Language Access Program Director Winta Teferi. “As an immigrant myself, I know that Language Access is crucial for ensuring that those who speak little or no English can participate meaningfully in their government. Because DC is home to one of the most linguistically diverse populations, it is imperative that we engage and hear from all communities to ensure we meet the unique needs of all residents who speak little or no English.”
As a result of the discussion with a participation of a 15-member delegation of Oromo Community Organization of Washington DC, Afaan Oromo was recommended to be one of the language access in the District of Columbia. The participants of the event including officials of the various DC Government agencies understood very well the importance and the rights of Oromo residents needing such services in Afaan Oromo.
Because of the rapid growth of Oromo community in the Washington, D.C., there has been an increasing demand for Afaan Oromo translation services and Oromo participation in the affairs of the District.
Once the final work is finalized, the Language Access Department of the DC Office of Human Rights will declare the Afaan Oromo as an official language access in DC. Necessary signs will be translated and written in Qubee and placed in public quarters. Interpreters and translators in each and every DC government institution, hospital, school, DC government agency, etc. will be facilitated.
The Oromo Community Organization of Washington DC requests its members and supporters to support it in this effort.

10511367_837433439617398_1946387052803852061_n10378950_837433142950761_2946595859692935737_n10446348_837433162950759_703611500659073930_n10492147_837433109617431_3451806416300803781_n10300085_837433012950774_6334886333428303812_n10441145_837438559616886_7156178578325177448_n10410801_837435639617178_1195673361525991320_n10374460_837435409617201_5525327651731562486_n10384018_837434162950659_8210589759443857182_n
–You may find more pictures on DC Government Speaks facebook

Magaalaa Finfinnee Naannawa Masjiida Aniwaaritti Balaan Dhooyinsaa mudateen Lubbuun Ba'ee Hin Jiru.

Magaalaa Finfinnee Naannawa Masjiida Aniwaaritti balaan dhooyinsaa mudate

Magaalaa Finfinnee Naannawa Masjiida Aniwaaritti balaan dhooyinsaa mudate
 Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Naannawa Magaalaa Finfinneetti har’a balaan dhooyinsaa boombii mudateera.
Ministirri itti gaafatamaan dhimmoota koomunikeeshnii mootummaa obbo Getaachaw Raddaa balaan dhooyinsaa qaama Namaa irratti miidhaa akka geessise   himaniiru.
Balaa kanaan Namoota muraasarra balaan madaa’uu ga’uun ala balaan du’aa akka hin mudanne obbo Getaachoon dubbataniiru. Namoonni balaa kanaan miidhaman wiirtuu wal’aansaa naanichatti argamutti geeffamuudhaan wal’aanmaa jiru jedhan. Humnoonni tasgabbii sababa balaa kanaafi eenyuun akka raawwatame qulqulleessaa akka jiranis ministirichi himaniiru.

Odeeffannoo Ummataa Oromoo Biyya keessa jirtaan hundaaf Websayitii tiyeteri armaan gadii kanna iirraatti rakkoo Ummataa keenya irra ga'u Hundaa Tag Gochuun Addunyaaf Qddeeffannoo Qennu Qabna.

Odeeffannoo Ummataa Oromoo Biyya keessa jirtaan hundaaf
Akkuma beekamu Oromiyaa keessatti mormiin Maaster pilaanni naannoo finfinnee gaggeeffama kan jiru yoo ta'u bakkoota adda addaatti mootummaan humna warraanna barattootafi ummata ajjeessuu irratti tarkanfi gara jabinaa fudhate jira. Kanaaf rakkoo mootummaan ajjeechaafi hidhaa uummata keenyarraan gahuu Addunyaati beeksisuu qabna. Kanaaf weebsayittiwwaanifi midiyaa adda addaa irraatti Tag gochuun odeeffannoo kennuu qabna.
                       

Dhaabbilee Mirga Namoomaa kannenirratti tag godhaa.
@hrmagazine
@hrw_brasil
@UN_HRC
@amnesty
@AmnestyOnline
@AmnestyUK
@amNewYork
@The_Advocates
@humanrights1st
@State_DRL
@UNrightswire
Miidiyaalee armaan gadii irratti tag godhaa. Kanneen irraa hafan itti dabalaa.
1. Sky News - @SkyNews
2. CNN Africa- @CNNAfrica
3. CNN International -@CNN
4. BBC Africa -@BBCAfrica
5. BBC News - @BBC_News_Africa
6. Aljazeera - @AJEnglish
7. @France24_en
8. @FRANCE24
9. @PressTV
10. @ReutersTV
11. @citizentvkenya
12. @dwatchnews
13. @BBCWorld
14. @SkyNews
15. @Pressfreedom
16. africa@pressfreedom
17. @CCTVNews
18. @AJE_France
19. @AJStream
20. @Independent
21. @nytimes
22. @chicagotribune
23. @StribOpinion
24. @CNNPolitics
25.@VOAAfrica
Angawoota (government officials) kan USA fi kan biroolle:
1. President Obama - @POTUS
2. Vice President Biden @VP
2. @POTUSPressPool
3. Hillary Clinton - @HILLARY
4. POTUStudies
5. John Kerry - @JohnKerry
6. Congress man Tim Ryan (Ohio) - @RepTimRyan
7. Congressman Rep Buck (Colorado) @RepKenBuck
8. Senator Dik Durbin (Illinois). - @SenatorDurbin
9. @ SenAngusKing
10. @alfranken
11. @RepJoeHeck (Nevada)
12. @keithellison (Minnesota)
13. @amyklobuchar
14. @RepJimMcDermott (Seattle)
15. @RepBost (Illinois)
16. @senatorHeithkamp (North Dakota)
17. @SenatorSessions
18. International Criminal Court @intlCrimCourt
19. US Embassy Ethiopia - @USEmbassyAddis
20. State Department - @StateDept
21. African Affairs at Secretary of States - @StatesAfrica
22. @Ukenyatta
23. @kagutaMuseveni
24. @AUC_DPA
25. @_AfricanUnion
26. @CohenOnAfrica
27. @UKinEthiopia
28. NGRPresident
29. PM David Cameroon @Number10gov
30. @AmbassadorRice
Masterplan ilaalchisee kan gargaaraa jiran dhaabbilee kana waan ta'aniif isaanirratti tweet godhaa:
@WorldBank
@OnlyLyon
@Lyoncap
French Development Agency
French Foreign Relations
‪#‎OromoProtests‬ hin dagatinaa. Qubeelle akkuma barreeffame kanatti barreessaa.
#OromoProtests ‪#‎Oromo‬ ‪#‎Ethiopia‬

Hiriira Oromiyaa Keessaa Babal’ataa Deeme Irratti Lakkoobsi Namoota Ajjeesamanii Dabaluu tu Dubbatama


Hoogganoonni paartii mormituu, ka Koongiresa Federaalawa Oromoo, akka jedhanitti, hiriirawwan Kamisa , Mudde 10, bara 20015 geggeessame irratti qofa magaalaalee adda addaa keessatti yoo xiqqaate namoonni digdama ta’an humnoota poolsii mootummaan ajjeesaman.
Shawaa Lixaa, aanaa Calliyaa keessatti kanneen argaman magaalaalee Geedduu fi Baabbicha keessatti walumaa-galatti namoota toorba tu ajjeesame, jedhu, ka duraan aanicha bakka-bu’uun miseensa paarlaamaa turan – Obbo Dejenee Xaafaa.
Oromo Protest
Oromo Protest
Wallagga Lixaa, aanaa Laaloo Asaabii keessatti, Arsii, magaalaa Dodolaa keessattii fi Shawaa Kaaba-Lixaa, magaalaa Walisoo keessatti illee akkasuma lubbuun namaa dhabamuu fi hedduun ka biroon madaa’uu jiraattonnii fi hoogganoonni paartii mormituu kun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Magaalaalee akka Waliisoo, Baakkoo, Geedoo, Doddolaa fi Laaloo Asaabii keessatti uummatni barattoota waliin hiriira ba’uudhaan, mormiin Maaster Plaanii Finfinnee ka barattoonni karaa nagaa dhiheessan akka deebii karaa nagaa argatu gaafataa turan, jedhu. Magaalaalee ka biroo akka Kuyyuu, Aboomsaa, Laaloo Qilee, Kiiramuu, Eebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Naqamte, Baatuu, Dandii, Sandaafaa fi Beddellee keessatti hiriirri geggeessamuu illee Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran
http://av.voanews.com/clips/VAO/2015/12/10/6bcf1cc7-738e-43ae-94d8-68c2aaf56368.mp3?download=1

Thursday, 10 December 2015

Oduu Farreen Nageenyaatu Jeeqa jedhu Angawoonni Mootummaa Itoophiyaa

Sabaa himaa itiyoopiyaan kanneen tuqaman angawoonni Oromiyaa labsiin fooyya’iinsa magaalaa kan caffeen Oromiyaa dhiyeenya raggaasise guddina isaanii kan saffisu.
Labsiin sun ennaa hojii irra oolus magaalaaleen kun ulaagaa sadarkaa addunyaa akka guutan gargaara jedhan. Angawoonni kun akka jedhanitti labsiin sun magaalaaleen kun walii walii isaanii akka deggeran seera godhus of keessaa qaba.
Magaalaaleen sun galii argatan guutummaatti misooma bu’uuraa kan ofii isaanii babal’isuuf akka oolchan kan godhu ta’uu itti gaafatamaan waajjira industirii Oromiyaa obbo Nigusee Mengistuu beeksisaniiru. Kanaaf labsiin Caffee Oromiyaatiin ba’e Master planii Finfinnee waliin kan wal argu miti jedhan.
Heerri biyya keenyaa mul’inatti akka lafa kaa’eetti naannoleen seera ofii isaanii baasu. Seerri kun kan ba’e naannoo Oromiyaa irratti. Labsiin sunis kan inni hojii irra oolu magaalaalee Oromiyaa irratti. Malee Master plani waliin qaruma wal hin argu jedhan.
Labsii sanas ta’e master planiin sun magaalaalee misoomaan wal qabsiisa malee faallaa heeraa akka hin ta’in kan ibsan immoo itti gaafatamaa waajjira kominikeeshinii Oromiyaa obbo Fiqaaduu. Qabiyyeenis haa ta’u akeekaan naannoo mootummaan caaseffame tokko isa kaan waliiin kaayyoo walitti makuu qaruma hin qabu.
Humnoonni kanaaf kakaasanis gocha isaanii irraa akka of qusata mootummaan ni yaadachiisa. Hawaasichis kana hubatee olola humnoonni kun oofan kana duras eenyuun akka ta’an ni beeka waan ta’eef adeemsi baruu fi barsiisuu akka itti fufu akka godhu akka mootummaatti waamicha dabarsina jedhan.
Obbo Fekaaduun ibsa kana irratti magaalaalee Oromiyaa fi waaltaalee barnootaa tokko tokko keessatti jeequmsa uumameef humnootii Iityoopiyaa shorokeessota ittiin jedhan itti gaafatamoo taasisaniiru. Master Palan Finfinnee fi dhiyeenya kan raggaasiasme labsiin fooya’iinsa magaalaalee Oromiyaa uummata naannoo akka miidhu godhanii kan ololan humnootii kana ta’uu ibsaniiru.
Qaamonni siyaasaa adda addaa, humnoonni siyaasaa kanneen farreen nageenyaa ta’an keessaa fi alaa sabaa himaalee adda addaatiin olola kijibaa isaan oofani kun jedhan.
ABO FI Ginbot torba maqaa dha’uu dhaanis ragaa humnoonni kun tamsaasan ulaagaa isa kamiinuu yoo ilaalame hundee kan hin qabaanne jedhan obbo Fiqaaduun. Barattoonni barnoota dhaabanis gara hojii baruu fi barsiisuutti akka deebi’an waajjirri kominikeeshinii mootummaa kan yaadachiise ta’uu gabaasi sabaa himaa Itiyoopiyaa kun beeksiseera.

Wednesday, 9 December 2015

Hiriirri Oromiyaa Keessaa Daranuu Babal’atee Itti Fufe, Jedhu Jiraattonnii fi Hoogganoonni Mormituu

Hiriirri Oromiyaa Keessaa Daranuu Babal’atee Itti Fufe, Jedhu Jiraattonnii fi Hoogganoonni Mormituu

58 minutes ago
  • Namoo Daandii

Mormii Barattoota, Yunivaristii Haramaayaa
Mormii Barattoota, Yunivaristii Haramaayaa
Hiriirri mormii Oromiyaa keessaa har’as godinaalee adda adda keessatti geggeessamuu isaa, barattoonnii, jiraattonnii fi hoogganoonni mormitootaa ibsaa jiran. Shawaa Kaabaa, magaalaa Muka Xurrii, Godinaa Gujii, magaalaalee Nagellee Booranaa, Booree fi ka biroo keessatti, Wallagga Bahaa, Siree keessatti, Shawaa Lixaa, Gudar keessatti, Wallagga Lixaa, Waamaa Galaan keessattii fi magaalaalee ka biroo keessatti kan hiriirawwan geggeessaman. Jiraattoanni akka jedhanitti, magaalaalee haga tokko – akka Muka Xurrii fi Gudar faa – keessatti ummatni naannoo barattoota waliin hiriiruudhaan gaaffii barattootaaf deggersa agarsiisaa ture.
Mootummaan Oromiyaa hiriira har’aaf akka deebii kennu deddeebisnee bilbille iyyuu kan nuuf deebisu hin arganne. Torban dabre kan ibsa nuuf kennanii turan, sadarkaa Itti-aanaa Koomishinaraatti abbaan deemsa hojii fi dhimmoota koomiyunikeehsinii Koomishina Poolisii Oromiyaa, Solomoon Taaddesee, barattoota kana ka mormiif kakaasaa jiru dhaabota mormitootaa kasaaraan siyaasaa isaan mudatee fi qaamota nagaa biyyattii arguu hin feene, jedhanii turan.