Friday, 4 September 2015

Liibiyaan lammileen Paakistaan, Yamanii fi Iraan biyyattii akka hin-seenne dhorkite

Liibiyaan lammileen Paakistaan, Yamanii fi Iraan biyyattii akka hin-seenne dhorkite

Liibiyaan lammileen Paakistaan, Yamanii fi Iraan biyyattii akka hin-seenne dhorkite
 Mootummaan Liibiyaa beekamtii idil-addunyaa qabu lammileen Paakistaan, Yamanii fi Iraan biyyattii akka hin-seenne dhorke.
Qoqqobbiin kun kan kaa’ame sodaa lammileen biyyoota kanneenii garee IS’tti makamaa jiru jedhuuni. Mootummaan Liibiyaa kana duras sababuma wal-fakkaatuun lammileen Sudaan, Siiriyaa, Palastaayinii fi Baangilaadish biyyattii akka hin-galle qoqqobbii kaa’ee akka ture gabaasichi yaadachiiseera.
Mootummaan Liibiyaa beekamtii idil-addunyaa qabu - magaalaan Guddittiin biyyattii Tirippooliin mormitootaan qabamtee waan jirtuuf - kutaa biyyattii Bahaa Toobruukiin buufatee jira.
Liibiyaan kufaatii Muammar Gaadaafii booda nagaa dhabdee paarlaamaa lamaa fi mootummaa lamaan biyyya hogganamtu taatee jirti.

No comments:

Post a Comment