Monday, 7 September 2015

Gamtaan Awuuroopa Naannessitoota Seeraan-alaa Kuma 30 Adamsuuf Duula Jalqabuusaa Beeksise.

Gamtaan Awuuroopa Naannessitoota Seeraan-alaa Kuma 30 Adamsuuf Duula Jalqabuusaa Beeksise

Gamtaan Yuuroop naannessitoota seeraan-alaa kuma 30 adamsuuf duula jalqabuusaa beeksise
Gamtaan Yuuroop naannessitoota namaa - biyyoota gara-garaarraa gara biyyoota miseensa gamtichaatti namoota karaa seeraan alaa naannessan - kuma 30 adamsuuf duula jalqabuusaa beeksiseera.
туристический онлайн-справочник
Лучшие Андроид планшетыEjansii Poolisii Gamtaa Awuurooppitti –(Europol) keessatti hogganaa kan ta’an Roobart Kiriipiinkoo Ajaans Firaans Pireesitti akka himanitti, nanneessitoota namaa seraan-alaa kuma 30 adamsuun wayita ammaatti ajandaa adda-duree biyyoota miseensa gamtichaa ta’eera.
Daa’ima lammii Siiriyaa qarqara galaanaa Tarkiitti du’ee argameen wal-qabateeti duulli kun akka cimuuf kan murteeffame. Wayita ammaatti dallaalonni karaa seeraan-alaa namoota naannessan mallaqa Doolaara biliyoonatti lakkaa’amu akka sochoosan himama. Gamtaamti kun ji’a Waxabajjii keessa kanneen Galaana Meeditiraaniyaaniirra bidiruun namoota karaa seeraan-alaa naannessan irratti duula jalqabuunsaa kan yaadatamudha. Jarmaanifi Ostiriyaan baqattoo Siriyaa kan  dangeessan kan fudhataan ta'u ibsafame.

No comments:

Post a Comment