Jaarmiyaan Mirga namoomaa Awurooppanooti mirga baqattootaa akka kabajan gaafate.
Jaarmiyaan Mirga namoomaa Awurooppanooti mirga baqattootaa akka kabajan gaafate.
OMN:Oduu Fulb.11,2015 Jaarmiyaan Mirga Namaaf Falmu (Human Right Watch) Awurooppaa keessatti baqattooti akka bineensaatti ilaalamaatti jiru jechuun biyyoota miseensota Gamtaa Awurooppaa komate.
Haala baqattooti sun keessa jiran viidiyoon kan waraabaa turte ogeettiin Kaameera biyya Austriyaa, BBC’tti akka himtetti baqattooti kun biyyoota Awurooppaa keessatti akka dhala namaatti ilaalamaa hin jiranii jetti.
Jaarmiyaan Mirga Namaaf Falmu (Human right Watch) gama isaatiin baqattooti kun Hangaarii, Mooraa baqaa Rooszake keessatti akka looniitti dallaa tokkotti erga naqamaniin booda akka dhala namaatti otuu hintaane, akka bineensaatti kan isaan ilaalamaa jiranii jechuun Gamtaa Awurooppaa komate.
Angaa’oti Hangaarii gama isaaniitiin mudannoo Mooraa baqaa Rooszake keessatti baqattoota kanarra ga’aa jira jedhamu ni qorannaa jedhu.
Koomishiniin Awurooppaa baqattoota 160,000 ta’an biyyoota Miseensota Gamtaa Awurooppaa 28 keessaa biyyooti 23 hirmaachuuf karoora baasuyyuu, Ministerooti giddu galeessa biyyoota Awurooppaa garuu baqattoota kana hirmaachuuf fedhii agarsiisaa akka hin jirre kan BBC’n gabaase.
Ministiriin dhimma alaa biyya Cheek, Lubomir Za’oralek fi waahillan isaanii kan biyyoota akka Hangaarii Poolishii fi Sloovak akka jedhanitti, “Akka biyyaatti lakkoobsa baqattoota hirmaannuu fi gargaarsa isaaniif laannu ilaalchisee dhiibbaa tokko malee kan murteessuu qabu nudha” jechuun gaazexeesitootaaf ibsan.
Biyyooti giddu galeessa Awurooppaa, lakkoobsa xixiqqoon baqattoota kana ofitti fudhachaa jiraataniyyuu karoora Koomishiniin Awurooppaa biyyooti Gamtaa Awurooppaa baqattoota kana walqixa hirmaachuu qabu jedhu sana garuu ni morman.
Prezidantiin Mana marii Awurooppaa Donald Tusk akka jedhanitti Yoo Furmaati battala kanatti argamuudhaa baate xumura baatii kanaa irratti Yaa’ii Hatattamaa akka waamuuf jiran ibsan.
Nama abbaan warraa ishee miseensa Giriin Paartii Austriyaa ta’eef Mudannoo hamaa Baqattoota sanarra ga’aatti jiru viidiyoon kan waraabaa turte, Mikaa’ela Spritzendorii fi Gaazexeesitu fi akkasumas aktiivistii kan taate Klaa’us Kaafneriitu baqattoota sanaaf Mooraa baqaa Roszke keessatti gargaarsa dhiheessaa turee jedha BBC’n.
Mikaa’elaa Spritzendorfer akka jettutti baqattooti kun guyyaa biyya isaanii irraa dheessanii baqatanirraa jalqabee, baatiwwan sadii oliif takka galaana irratti, takkas baddaa fi daggala keessa, amma immoo dhufanii erga as ga’anii boodallee dararaa guddaa argaatti jiruu jetti.
Mikaa’elaan itti dabaluun waanti nama gaddisiisu erga as ga’aniin booda ammo akka bineensaa dallaa tokkotti isaan galchinee hiraarsaatti jirraa jechuun BBC tti himan. Amma garuu abbootiin siyaasaa Awurooppaa baqattoota kanaaf daangaa banuufiin dirqamaa jetti Mikaa’elaan.
Jaarmiyaan Mirga Namaaf Falmu (Human Right Watch) baqattooti kun haala baayyee hamaa ta’ee fi nyaata, dhugaatii fi waldhaansa fayya malee, mooraa baqaa Roszke keessatti ugguramanii jiruu jedha.
Human Right Watch Mooraan baqaa Hangaarii bakka itti baqattooti daangaa biyyattii irratti qabaman kumaataman lakka’aman keessatti hiraarsaman ta’ee jiraa jedha. Itti dabaluunis gaazexeesitooonni seenuu dhorkamaniiruu suuraaleen haala qabiyyee baqattoota Sanaa mullisuu fi nama suukaneessan garuu gareelee mirga namaaf falmaniin gadi ba’aatti jiruu jedha.
Mootummaan Hangaarii gama isaatiin waan kana irratti akka yaada hin laanne kan eere BBC’n, Suuraaleen garee mirga namoomaatiin gadi ba’aatti jiran akka Hangaariin qabiyyee baqattootaa ilaalchisee dirqama irra jiru ba’aatti hin jirre mullisaa jedha BBC’n.
Manni Marii Awurooppaa gama isaatiin, biyyootiin miseensa gamtaa awurooppaa baqattootaata sana akka hidhamtootaatti akka hinkeenyeef akeekachiiseera.
No comments:
Post a Comment