Paarlamaan Itoophiyaa Haaraan Maqaa Filannoo
Dimookiraasi jedhuun hundeeffame Hojii Jalqabuuf qophii xumure jira
Biyyoota maqaa dimookiraasin paarlamaan bulaan keessa Itoophiyaan tokko. Haa ta'u malee dimookiraasin yeroo addunya irraatti biqilaa jiruuti Itoophiyaa keessatti ijii jamee jira. Filannoowwaan biyyitti keessatti adeemsifama turaan keessatti guutumaati yoo ta'u baate muraasni paarilee mana maree keessa teessoo qabachuun isaani beekamadha. Filannoo bara 2007/ 2015 booda kan hundeeffamu manni maree bakka bu’oota uummataa Itiyoopiyaa wiixata dhuftu wal ga’ii isaa duraa geggeessuuf jira. Erga mootummaan Dargii kufee kaase yeroo jalqabaaf teessoon paarlaamaa Itoophiya 547 paartii tokko qofaan ta'amuuf jira. Boqonnaa yeroo gannaa booda manni maree bakka bu’ootaa Itiyoopiyaa hojiitti deebi’uuf qophee irra jira. Wiixata dhuftu hojii jalqaba jedhamee kan eegamus filannoo bara 2007 booda kan hundeeffamu paarlaamaa isa haaraa dha. wiixata dhuftu kan geggeeffaamu wal ga’iin mana maree bakka bu’oota uummataa fi kan mana maree Federeeshinii ta’uun hojiirraa olchuuf jiru. Muummichi ministeeraa H/Maariyaam Dassaaleny waggoota shanan itti aananiif aangoo irra kan turan ta’uun hawaasa biyyitittif ni beeksiffama jedhamee kan eegamus mana maree kanaaan ta’a.