Dr.
Mararaa Guddinaa Adoolessa 5/1956 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayyee
magaalaa Gudariitti dhalatanii guddatan. Ijoolummaa isaanii irraa jalqabee Waan isaaniif hin
galle cimsanii gaafachuu fi Waan sammuun isaanii hin fudhanne hunda Mormuu
isaanii irraan kan ka’e Maatii isaanii fi namoota naannoo biratti maqaa
masoo(Nick Name) “Didaa” jedhamuun beekamu. Oromoota muraasa yeroo sana Carraa
barnootaa argatan keessaa tokko yoo ta’an Barnoota sadarkaa 1ffaa achuma
magaalaa Tokkee Kuttaayeetti Barnoota sadarkaa 2ffaa immoo Magaalaa Ambootti
haala gaariin hordofuu dhaan Qabxii Olaanaa galmeessisanii Yunversiitii
Finfinnee seenuudhaan barnoota Saayinsii Siyaasaa hordofuu jalqaban. haa ta’u
malee Carraan Hidhamuu, dararamuu fi Ajjeefamuu Barattoota Oromoo irra ga’aa
turee fi ga’aa jiru Dr Mararaa Guddinaa irras ga’uu dhaan Mootummaan dargii
badii tokko malee Mooraa barnootaa keessaa qabuu dhaan waggaa torbaa Oliif mana
hidhaa keessatti isaan darare. Bara Jireenya isaanii keessatti Abdii kutatanii
kan hin beekne Dr. Maraa Guddinaa waggaa torbaa Oliif badii tokko malee mana
hidhaa keessatti dararamanii erga ba’anii Booda gara Kaayiroo(Misira)tti Imaluu
dhaan barnoota addaan kutaan itti fufanii Yunversiitii Kaayiroo irraa barnoota
Saayinsii Siyaasaatiin Digirii Jalqabaa Fudhatan.
Barnootaaf bakka guddaa kan qabaan Dr Mararaa Guddinaa barnoota
isaanii itti fufuu dhaan bara 2002 yunversiitii Guddichaa fi Beekamaa
ta’e Yunversiitii Nitherland irraa barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Dooktarummaa
fudhatan.
Dr Mararaa Guddinaa bara
1986 Barsiisummaa dhaan Yunversiitii Finfinnee keessatti tajaajiluu kan
jalqaban yoo ta’u qabsoo Oromoo biyya keessaa bifa bittinnaa’een adeemsifamaa
ture daandii qabsiisuu dhaaf bara 1996 paartii koongirensii Biyyolessa Oromoo
hundeessuu dhaan qabsoo uummata Oromoof daandii haaraa banan.Sochii dinqisiisaa
fi fudhatamaa ta’e uummata Oromoo waliin taasisuu dhaanis filannoo bara 2005
irratti hojii guddaa dalaguu dhaan uummata irraa Jaalalaa fi Amantaa guddaa
argatan.Sababa kanaanis Oromiyaa bakka hedduu keessatti Injifatanii mana maree
Federaalaa(Paarlaamaa) seenuu dhaan Mirgi uummata Oromoo akka kabajamuuf
cimsanii Falmaa turan.
Haa ta’u malee Nama dhugaaf
falmuu fi uummata biratti fudhatama argate balleessuu dhaaf rafee kan hin bulle
Mootummaan Wayyaanee Miseensota garaa isaanii guuttachuuf Koongirensii
Biyyolessa Oromoo keessa seenan kanneen akka Tolasaa Tesfaayeett qarshii
muraasa hiixachuu dhaan daandii godhatee shira hin jirre paartii kana keessatti
uumuu dhaan hundeessaa fi Falmataa dhugaa paartii kanaa kan ta’e Dr Mararaa
Guddinaa taphaa ala gochuu dhaan Paartiin uummata Oromoo biratti jaallatamee fi
Abdatame Paartiin Biyyoolessa Oromoo warra abbaa garaaf dabarfamee laatame.
Afuuftichi Tolasaa Tasfaayee akka hooganuufis Aangoon kijibaa ni laatame!!
sochii yeroo mara godhan
keessatti Haala rakkisaa kam keessattuu Abdii kutatanii kan hin beekne Dr
Mararaa Guddinaa ammas adeemsa isaanii itti fufuu dhaan bara 2008/2009 paartii
Hayyuu Diinagdee obbo Bulchaa Dammaqsaatiin hundeeffame paartii Warraaqsa
Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo(WFDO) waliin walitti makamuu dhaan
Koongirensii Federaalawaa Oromoo(KFO,OFC) bifa haaraan Hundeessanii qabsoo
isaanii itti fufan.paartii kana qabachuu dhaanis uummata keenyatti gadi bu’anii
qabsoo rincicee ture dhoosuu dhaan uummata Dammaqsanii Diina hirriba
dhawwan.Filannoo guyyoota Muraasa dura adeemsifame irrattis Sagaleen isaanii
hattootaan Hatamus Oromiyaa guutuu naanna’uu dhaan uummata keenya Dammaqsanii
qabsoon Oromoo sadarkaa tokko fuulduratti akka tarkaanfatuuf Hojiin isaan dalagan
yoom iyyuu kan dagatamu miti!!!
Mirgi uummataa akka
kabajamuuf halkaniif guyyaa carraaquu irraan kan hafe waa’ee jireenya dhuunfaa
isaanii yaadanii kan hin beekne Dr. Mararaa Guddinaa hanga har’aatti mana hin
qaban,Maatii hin qaban,Ijoollee hin qaban.manni isaanii Dachee Oromiyaa
halkaniif Guyyaa Waardiyyaa dhaabbataniifi dha,Maatiin Isaanii uummata Oromoo
hunda dha, Ijoolleen isaanii dhaloota Qubee of jalaan horatani dha!!
Wanti yeroo ammaa kana
baayyee nama Gaddisiisu Garuu Dr Mararaa Guddinaa Osoo ammas dalaguuf humna
qabanii osoo Barattoota mooraa yunversiitii Finfinnee biratti daran
jaallatamanii Yunrversiitii Waggoota hedduu dhaaf tajaajilan irraa Tajaajilli
keessan dhumeera jedhamuu dhaan dirqamaan Soorata(Xoorataa) akka ba’aniif
dirqisiifamaniiru. kana qofa miti Tajaajjilli isaan waggoota hedduu dhaaf
biyyittii kana tajaajilan duwwaa dhaan baayyifamee manni jireenyaa Waggoota
hedduu dhaaf keessa ta’anii biyyittii kana tajaajilan harkaa Mulqamuu dhaan
yeroo ammaa kana Mina kiraatiif Saaxilamanii jiru. Dr. Mararaa Guddinaa Dura Taa’aan Paartii KFO sababii , Mootummaan Itiyoophiyaa, qajeelfama
labsii yeroo hatattamaa keessatti tumame cabsite jechuun Mudee 01/2016
mana-hidhaa Waaltaa Qorannaa Yakkaa, “Maa’ikelaawii” jedhamuuti hidhame. Maana hidhaa keessatti dararfamni erga irra
ga'e booda Ammajjii 17/01/2017 hidha gadi lakkiffame.Uumatni Oromoo kallattia
adda addaan sirna simanna ho'a ta'een simachuun gara maati isaatti gale jira.
Injiffannoon
Kan Uummata Oromooti.
No comments:
Post a Comment