Monday, 15 January 2018

Dhimma Himana Addaan Citu Hidhamtoota Ilaalchisee Biyya tokkoofi Mootummaa Tokko Jalaati Yaada Wal Mormitu Gaggeeffama Jira






Dhimma hidhamtoota akkaataa murtee koree hoji raawwachiiftuu ADWUI'n gadi dhiifamanii irratti ibsa kan kennan Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Geetachew Ambaayee, mootummaan federaalaa hidhamtoota ulaagaa kaa'ame guutan 115 gadi dhiisuuf murteessuu isaa beeksisanii jiru.

"Galmee qulqulleessuun eegalamee jira, hanga Amajjii 12'tti qulqullaa'ee ni dhumata jennee yaadna," kan jedhan itti gaafatamaan koomunikeeshinii Biiroo Haqaa Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa, akka naannoo Oromiyaatti ulaagaa addaa baasnee namni irraa hambifnu hin jiru jechuun BBC'tti himaniiru.
"Siyaasa jedhamee yakki hin jiru waan ta'ef, sababni isaa siyaasa ta'ee yakka shororkeessummaas ta'e heera mootummaa humnaan diiguu dabalatee yakka kamiinuu warreen himataman ulaagaa malee gadhiisuuf qajeelfamni kaa'amee jira," jedhan Obbo Taayyeen.
Haa ta'u namootni dhunfaan nama ajjeesan yookan qaama namaa irraan miidhaa qaqqabsiisan kana keessa gadi dhiifamanii rakkoon biraa akka hin uumamne of-eeggannoon ni taasifama jedhan.

No comments:

Post a Comment