Wednesday, 5 August 2015

“Rakkoon ummannii keenya keessa jiru hagam ulfaataa ta’ullee mirga keenya karaa nagaatiin kabachifachuuf mala hedduutti jira”

Oduu

“Rakkoon ummannii keenya keessa jiru hagam ulfaataa ta’ullee mirga keenya karaa nagaatiin kabachifachuuf mala hedduutti jira”

Obboo Beqqelee GarbaaObboo Beqqelee Garbaa
Soraa Halakee

tanallee caqasaa
Obboo Beqqelee Garbaa,itti aanaan itti gaafamtaa paartii Kongireesii Oromoo dhiyoo hidhaa bahe,Washington,DC kora OSA(Oromo studies association) Kora Qorannoo Oromo, irratti keesummaa ulfinnaa tahee dhufe.
Wannii Obbo Beqqeleen kora sun irratti dubbate ummatii Oromoo gama mirga namaatiin,gama dinageetiin,gama jireennatiiii fi gama hawasummaaitin maan keessa akka jiru ibse.
“Jiruu ummani keess jiru hagam akka ulfaatu mullisuu yaale, Oromoo irratti hagam akka xiyyeeffatan, barnoota gahaa argachaa akka hin jirreefi rakkoo hedduutti jira.Haa tahuuyyu malee gara  fuulduraatti tarkaanfachuu malle.Kana gochuuf mala hedduutit jira mala nu(paartiin keenna) qamnu tokkichii karaa nagaatiin qabsaahuu.”
 Amerikaa dhufuun ammoo, "akka ummatii qabsoo karaa nagaa kanaan nu gargaaru gaafachuuf dhufne.”
Gama kaaniin akka jecha obboo Beqqeleetti paartiin isaanii filannoo itti guutinsaa,ta ganna lamaan duubatti jalqabdullee irratti dorgomufu qophii jirti.
Waan obboo Beqqeleen jabeessee dhaamate keessaa tokko,”tana caalaatti ammoo wal ulfeessuuf tokkumma jabeessuu qamna.”

No comments:

Post a Comment