Friday, 14 August 2015

Hagayyaa 14/8/2015 Namni Tokko Dhokatee Xayyaara Itophiyaa Keessatti Meeshaa Waliin Fe’amee Sweden gale.


              xayyaa-et
Namni Tokko Dhokatee Xayyaara Itophiyaa Keessatti Meeshaa Waliin Fe’amee Finfinneerraa Sweden gale.  Jimaata kana namni dhiiraa tokko dhokatee Xayyaara Itoophiyaa bakka meeshaan itti fe’amu seenuudhaan Finfinnee irraa gara biyya Sweden magaalaa Stockholm kan dhufe yemmuu ta’u, dirree xayyaara Arlanda tti xayyaarri Itoophiyaa qubatee yeroo meeshaan xayyaaricha keessaa buufamu, isaa taa’u arguun himame. Tilmaamaan Finfinneerraa hanga Stockholm deemsa saa’aa saddeetiiti. Fayyaan mucaa kana haala gaariirra kan jiru yoo  ta’uu ogeessonni fayyaa hordofaa  akka jiraan  himan. Namni kun umriin isaa mana diigdamaa yeroo ta’u, biyya Sweden koolau galtummaa ykn baqatummaa gaafachuuf akka dhufe illee dubbatan. Hojjataa dirree xayyaara Boolee waan tureef, carraa xayyaaricha keessa seenuu sababa saniin akka argate illee himu. Badiin biraa hanga ammaatti kan irratti hin argamin tahuu dubbatanii, yeroo ammaa kana too’annaa poolisootaa jala akka jirus ibsaan. Amma dura mudannoon akkanaa kun dirree xayyaara Sweden keessatti akka hin tahinis dubbatan.

No comments:

Post a Comment