Kaayyoon Koo Inni Guddaan Oddeeffannoo kennuufi Wantoota Barnootaaf Ta'aan Maaxansuudha.
Friday, 14 August 2015
Hagayyaa 14/8/2015 Namni Tokko Dhokatee Xayyaara Itophiyaa Keessatti Meeshaa Waliin Fe’amee Sweden gale.
Wednesday, 5 August 2015
“Rakkoon ummannii keenya keessa jiru hagam ulfaataa ta’ullee mirga keenya karaa nagaatiin kabachifachuuf mala hedduutti jira”
Oduu
“Rakkoon ummannii keenya keessa jiru hagam ulfaataa ta’ullee mirga keenya karaa nagaatiin kabachifachuuf mala hedduutti jira”
Obboo Beqqelee Garbaa
Soraa Halakee
05.08.2015 02:10
WASHINTON,DC—
tanallee caqasaa
- Playlist
- Download
Obboo Beqqelee Garbaa,itti aanaan itti gaafamtaa paartii Kongireesii Oromoo dhiyoo hidhaa bahe,Washington,DC kora OSA(Oromo studies association) Kora Qorannoo Oromo, irratti keesummaa ulfinnaa tahee dhufe.
Wannii Obbo Beqqeleen kora sun irratti dubbate ummatii Oromoo gama mirga namaatiin,gama dinageetiin,gama jireennatiiii fi gama hawasummaaitin maan keessa akka jiru ibse.
“Jiruu ummani keess jiru hagam akka ulfaatu mullisuu yaale, Oromoo irratti hagam akka xiyyeeffatan, barnoota gahaa argachaa akka hin jirreefi rakkoo hedduutti jira.Haa tahuuyyu malee gara fuulduraatti tarkaanfachuu malle.Kana gochuuf mala hedduutit jira mala nu(paartiin keenna) qamnu tokkichii karaa nagaatiin qabsaahuu.”
Amerikaa dhufuun ammoo, "akka ummatii qabsoo karaa nagaa kanaan nu gargaaru gaafachuuf dhufne.”
Gama kaaniin akka jecha obboo Beqqeleetti paartiin isaanii filannoo itti guutinsaa,ta ganna lamaan duubatti jalqabdullee irratti dorgomufu qophii jirti.
Waan obboo Beqqeleen jabeessee dhaamate keessaa tokko,”tana caalaatti ammoo wal ulfeessuuf tokkumma jabeessuu qamna.”
Monday, 3 August 2015
Sunday, 2 August 2015
Ji’a Tokko Keessatti Waraanni Humna Qilleensaa Itoophiyaa 40 Ol Ta'aan Mootummaa Waayyannee Gananii Ba'aan
Ji’a Tokko Keessatti Waraanni Humna Qilleensaa Itoophiyaa 40 Ol Ta'an mootummaa waayyannee Gananii Ba'an. Namoonii kuni, biyyoota addaa addaatti kan baqataan yoo ta'u kaayyoon isaani jibinsaa mootummaa waayyannee argaan mul'isuufidha.
Baatii takka keessatti, waraanni Humna Qilleensa Itoophiaa lakkoofsaan afurtamaa ol tahan biyyattii gananii bahuudhaan bakka addaatti kan baqattaan yommuu tahu, sababni isaanii sirna mootummaa ammaa kana waan balaaleffataniif tahuun himame. Akka ESAT madda isaanii Humna Qilleensaa keessa qaban wabeeffatanii himanitti, muummee Humna Qilleensaa Itoophiyaa Bishooftuu irraa hojjattootaa fi ogeeyyonni xayyaara Humna Qilleensaa kudha afurii fi paayleetonni lakkoofsaan hin beekamne ji’oota dabraniif hin mul'aanne jedhu.
Subscribe to:
Posts (Atom)