Thursday, 9 July 2015

Oduu / Qophii Addaa Jala bultii daawwannaa prezidaant Obamaa gaazexeessonni fi barattoonni mana hidhaa Itiyoophiyaa keessa turan gad dhiisaman

Oduu / Qophii Addaa

Jala bultii daawwannaa prezidaant Obamaa gaazexeessonni fi barattoonni mana hidhaa Itiyoophiyaa keessa turan gad dhiisaman

VOA
Gaazexeessotaa fi kanneen marsaa interneetii irratti barreessanii fi himannaan shorokeessummaa irratti dhiyaatee hidhaa keessa turan keessaa Riyoot Alamuu  VOAf ibsa kennitee jirti. Riyoota yoomiif attamiin akka gad dhiisamte waahila keenya Solomon Abatef akkas jechuun ibsite.
Ganama gara sa’a afurii natti fakkaata. Sa’aatii isaa sirriitti hin ilaalle. Dhufanii ba’I ennaa naan jedhan qoosaa natti fakkaate. Maaliif sababii maaliif jedheen gaafadhe. Ba’I naan jedhan.
Kana dura shaakalli akkasii namoota ka biroo irrattis waan raawwateef booda irra waan hin taane yoo jettan dhugaa isaa dubbachuun koo hin hafun jedheen Itti na deebistu yoo ta’e asuma turuu naa wayya. Yeroo AMEKIRO koo darbeera garuu isaafis hin iyyanne. Dhiifamas hin gaafanne. Yeroon ati itti hiikamtu darbeeraa kanaaf si hiikne deemi kan jedhu deebii gabaabaatu naa kenname. Akkasittan gad dhiisame jette.
Riyoota harmi ishee dhukkubsattee waggaa lama dura wal’aansa baqaqsanii hodhuu fudhattee turte. Harmi koo inni tokkos micireen waan keessatti argameef wal’aansa baqasanii hodhuu naan jedhan, as taa’ee kana gochuu hin barbaanne jette Riyoot. Amma garuu nan wal’aanama jetteetti. Haalli mana hidhaa isheen keessa turte maal akka fakkaatu Riyoot ennaa ibsitu
Akkuma hidhamtootaatti adda adda. Walumaa gala hidhamtoonni haalli itti qabamanii jiran gaarii dha jechuu utu hin ta’in addumaan hidhamtoonni polotiikaa isa kaan irraa haala amaa ta’een ilaalama.
Anaan yoo fudhatte waggaa fi ji’a 8f haadhaa fi abbaa koo qofan argaa ture. Seerri akka jedhutti abboota amantii, abukaatoo waliin wal agarsiisna jedha. Garuu abukaatoos ta’e ka biroo waliin wal hin argine. Nyaati mana hidhaa keessaas kan namatti tolu miti. Nuti warra utuu badii hin qabaatin hidhame hafee warrumti balleessaa qaban iyyuu gama nyaataan haa adabaman kan jedhu hin jiru. Kanaaf gaarii hin turre jette.
Angawoonni Ityiyoopiyaa yeroo hedduu hidhamtoonni siyaasaa kan jedhaman hin jiran jedhu gaaffii jedhuuf Riyoot ennaa deebistu kun kijiba ifa gala dha jette. Kanuti koo qofti ga’aa dha. Hidhamtoota siyaasaa hedduus beeka jette.
Gaazexeessota sadii fi kanneen interneetii irratti barreessanitti dabaluu dhaan kanneen mana hidhaatii gadhiisaman keessa barattooni universitii lammiiwwan Oromoo jiraachuu isaanii gaazexaan Addis Standard jedhu babaasee jira. Kanneen keessaa Addunyaa keessoo, Bilisummaa daammanaa, Leenjisaa alamayoo, Abdii Kamaal, Magarsaa Warquu fi Tofiq Rashiid Nimoonaa ykn Abbebee urgeessaa, Mo’iboon Beqqelee ennaa ta’an hedduun isaanii mana hidhaa Qilinxoo irraa hiikaman.
Martinuu barattoota ennaa ta’an universitiiwwan oromiyaa keessa jiran adda addaa keessaa qabaman. Waggaa tokkoo fi ji’a sadii hidhaman keessatti himannaan irratti dhiyaate hin turre.
Lakkoobsi isaanii kan hin beekamne barattoonni university lammiiwwan Oromoo ta’an kun humnoota poolisiin kan hidhaman Caamsaa bara 2014 master palaanii Finfinnee mormuu dhaan ennaa isaan hiriira mormii geggeessanitti ture.
Barattoonni kun karoora kanaan mormuu dhaan mootummaan federaalaa dhimma Oromiyaa jidduu seena jechuun mormii dhiyeessan. Xiinxaltoonni seeraas akka jedhanitti tarkaanfiin kun heera biyyattii keeyata 49(5)n kan Oromiyaan magaalaa Finfinnee irraa dantaa addaa argatti kan jedhuun morma.
Barataa Univiersitii kan ta’e Nimona Caalii irratti himannaan dhiyaate baatilee lamaan tokko dura ibsi utuu itti hin kennamin akka hafu ta’e. Barata Aslan Hassen mana hidhaa keessatti ennaa du’u, mootummaan immoo of ajjeese jedhee jira.
Haa ta’u malee hedduun akka amananitti saabaan du’a isaatii dararaa irratti raawwtameeni. Haala du’a isaa qorachuufis qorannaan dhuunfaan geggeessame hin jiru  jechuun gaazexaan Addis Standard gabaaseera. Gaazexeessonni fi kanneen mirga namaaf falman kanneen waggaa tokko oliif hidhaa keessa turan keessaa sadii hiikamuu isaaniis VOAn kaleessa madden isaa biraa adda baafateera.
Radio Fana immoo kanneen hiikaman shan jedhee jira. Himannana shorokeessummaa irratti dhiyaatee waggaa tokkoo fi ji’a laman kanneen hidhaman keessaa Tesfalem W/Yes, Asmaamaawo H/Giorgis akkasumas kanneen marsariitii irratti barreessan keessaa barsiisaa seeraa kan ta’e Zelalem Kibret kaleessa gad dhiisamaniiru. Abukaatoon isaanii obbo Amehaa Mekonnen hanga guyyaa kaleessaa gabaasi sun qindaa’etti kanneen hidhaa keessa jiran Edom Kasaayee fi Mahlet Faantaahun hidhaa dhaa hin gad dhiisamne.
Mana hidhaa Qilinxoo keessa kanneen turan namoonni kun kaleessa waaree booda gad dhiisamuu isaanii obbo Amheaaf ibsaniiru. maqaan isaanii meeshaa sagalee guddisuun waamamee murtiin kun itti himamuu isaa illee kanneen hidhaa dhaa gad dhiisaman kun naaf ibsaniiru jedhan obbo Amahaan.
Gareeleen mirga sabaa himaa fi falmsaniif hayyoonni seeraa mootummaan Itiyoophiyaa himannaalee gaazexeessotaaf kanneen marsariitii irratti barreessan haga tokko irratti dhiyeesse kaasuu isaa simatanii jiran.
Abukaatoon kanneen marsariitii irratti barreessan kanaa Ameha Mekonnen akka jedhanitti ajaji kun gaaffilee hedduu kan kaasise ennaa ta’u angawoonis seeri kun qixxummaa dhaan maraaf hojii irra akka oolu gaafataniiru.
Murtii kana simannee jirra. Gaaffii hedduun ka’uu qabantu jiru. Fakkeenyaaf maaliif kanneen marsariitii irratti barreessan ka biroon hin hiikamne. Gaazexeessonni sadii fi kanneen marsariitii irratti barreessan lama erga hiikaman ta’e seerri kun kanneen biroof hin hojjetuu? Kanaaf kanneen biroon sababiin hin hiikamneef natti hin mul’atu jedhan.
CPJtti bakka bu’aan gaanfa Afriikaa Tom Rhodes akka jedhanitti Jarmayaan isaanii sochii angawoonni Itiyoopiyaa godhan simateera, garuu haalli gaazexeessotaa fi kanneen marsaa interneetii irratti barreessan hidhaa jiranii nu yaaddessa jedhan.
Gaazexeessota mana hidhaa keessajiraniif nan yaadda’a. akka gabaasa jiruutti Befeqaaduu, Atnaaf, Abel fi Natna’el jechuu keenya.
Yeroo ammaa kan isaan jedhaa jiran namoonni kun namoota shira jiru qopheessan fi kanneen boron immoo gargaartota isaanii ti. Yeroon isaa lafa irra harkifamee kanneen hafan arfan murtii haqaa argatanii hikamninnaa soda jedhun qaba.
Mirga gaazexeessotaaf falmuu CPJn yoo xiqqaate gaazexeessota 12 ta’an kanneen biroon amma iyyuu hidhaa keessa jiru, irra hedduu isaanii irratti himannaa shorokeessummaatu irratti dhiyaate jedhee jira. Ertraatti aansuu dhaan Afriikaa keessaa Itiyoopiyaan biyya gaazexeessonni keessa jiraachuuf akkaan jamaa ta’e jedha CPJn.
gaazexxeessota fi kanneen interneetii irratti barreessan sagal keessaa sadii, hiikamuu isaanii simanneerra jechuu dhaan dhaaba mirga gaazexeessotaaf falmu “Freedom House”tti directorri sagantaa Afriikaa Vukasin Petrovic dubbataniiru. Gaazexeessonni kun kan hidhamaniif mirga heerri isaaniif eeyamu kan yaada ofii walabummaan ibsuu danda’uu waan shaakalaniif jecha jedhan.
Mootummaan Itiyoopiyaa himannaalee gaazexeessotaa fi kanneen interneetii irratti barreessan hafan ja’a irratti dhiyeesse kaasee hidhaa dhaa akka gad dhiisu gaafanna jedhan.
President Barack obaman xumura baatii kanaa Itiyoopiyaa daawwatuuf jiru. Wayita kanas angawoota biyyattii ol aanoo akkasumas addaan immoo hoogganoota gamtaa Afriikaa waliin wal argu jedhamuu eegama

Adooleessa 9/2015 Riik Maachaar pireezidaant Saalvaakiir hanga halkan har’aatti taayitaa akka gadilakkisaniif akeekkachiisan

Riik Maachaar pireezidaant Saalvaakiir hanga halkan har’aatti taayitaa akka gadilakkisaniif akeekkachiisan

Riik Maachaar pireezidaant Saalvaakiir hanga halkan har’aatti taayitaa akka gadilakkisaniif akeekkachiisan
Adoolessa  Pireezidaantiin Suudaan kibbaa Saalvaakiir hanga halkan har’aatti taayita akka gadilakkisaniif itti aanaan isaanii kanaan duraa Riik Maachaar akeekkachiisaniiru.
Maachaar Keeniyaa Naayiroobiitti  ibsa Gaazeexeessitootaaf kennaniin barri taayitaa pireezidaant Saaklvaakiir har’a akka xumuramu dubbataniiru.
Kanaafis Kiir hanga halkan har’aatti taayitaasaanii karaa Nagaatiin gadilakkisuudhaan biyyattiitti filannoon haqa qabeessi akka adeemsifamuuf karri banamuu qaba jedhaniiru.
Pireezidaant Saalvaakiir taayitaarra turuuf jecha  heera mootummaa fooyyessuuf carraaqaa jiru jechuudhaanis Riik Maachaar qeeqaniiru.
Pireezidaantichi taayitaasaanii karaa seera qabeessaan gadi lakkisuu hin barbaadan kan jedhan Maachaar jala bultii ayyaana waggaa 4ffaa biyyattiin Suudaan irraa fottoquun of danda’uun biyya itti taatetti yaaddoon akka uumames ibsa kennan kanaan Maachaar eeraniiru.

Wednesday, 8 July 2015

Loolta Garee ISIL Iraq Keessatti 45 Nyaatan Suummii Hedduun Nyaachuun Lubbuun isaani Darbee. Akka ibsaa "PressTV" ti Looltonni 45 Yoo Du'aan 100 Immoo Gara Hopsilaati Ergamaniru.

45 ISIL militants killed by poison, dozens others taken to hospital



A group of ISIL Takfiri terrorists eating a meal in an unidentified place (file photo)
A group of ISIL Takfiri terrorists eating a meal in an unidentified place (file photo)
Forty-five ISIL Takfiri terrorists have been killed by eating poisoned food in the Iraqi city of Mosul, while dozens of others have been taken to hospital.
A young man from Mosul doctored their iftar prepared for the terrorists with the deadly poison and managed to kill 45 of them and send 100 others to hospital, some of them reportedly in critical condition, Iraqi local sources said on Tuesday.
The incident reportedly occurred in the Wadi Hajar district, located in the southern part of the city, where popular resistant groups have recently formed to retaliate against ISIL atrocities.
The northern and western parts of Iraq have been plagued by violence ever since Takfiri ISIL militants began their march through Iraqi territory in June 2014. Army soldiers and volunteer fighters have joined forces, and are seeking to take back militant-held regions in joint operations.
The heavily-armed militants took control of Mosul before sweeping through parts of the country’s Sunni Arab heartland. They have been carrying out horrific acts of violence against all Iraqi communities such as Shias, Sunnis, Kurds and Christians.
RS/MHB/AS

Tuesday, 7 July 2015

Prezidaantiin Ameerikaa Baraack Obaamaan Itiyoophiyaa Daawwachufu jiru. Mormitoonni IHADEG qofa utuu hin taane Nuuniis haasofsiisuu qabu jedhu


Oduu

Prezidaantiin Ameerikaa Baraack Obaamaan Itiyoophiyaa Daawwachufu jiru. Mormitoonni IHADEG qofa utuu hin taane Nuuniis haasofsiisuu qabu jedhu

Eskinder Frew

Paartiin guutmmaa itiyoophiyaa MEAD paartiin dimokraasummaa Itiyoophiyaa EDEPA fi paartiin Ray ibsa har’aa kan kennan ba’ii filannoo baranaa akka hin fudhanne ifa taasisuuf jecha.
Filanno IHADEG guutummaatti injifadhe jedhe hin simannu jedhu paartileen kun. Haala rakkisuun nama dhibuun kan beeksisame ba’ii filannoo kanaa simachuun sirna dhablummaa jajjabeessuu fi abboota irree badhaatuu ta’ee argine jechuu dhaanis ibsa isaanii kanaan beeksisaniiru. Paartileen kun ba’ii filannoo ilaalchisuun ibsa baasanitti dabaluu dhaan koppii xalayaa embasii Ameerikaa kan Finfinnee jirutti galchan illee gaazexeessotaaf raabsaniiru.
Embasichaaf yeroo dhiyootti gara Finfinnee kan dhaqan presidenticha Ameerikaa Barack Obamaaf xalayaan barreeffame daawwannaan kun paartii biyya bulchu qofaa kan ofitti haammata akka hin taane kan gaafatu.
Presidentichi gara Itiyoophiyaa dhufuuf kan murteessan filannoon bara 2007 haala dimokraatawaan bifa hin xumuramnee fi mirgi namaa guutummaatti yeroo itti dhiitametti ta’uu paartileen kun gaazexeessotaaf ibsaniiru. dhfuun isaanii erga hin hafnee garuu presidentichi mormitootas haasofsiisuu qabu jedhan. Presidentiin EDEPA Dr. Caannee Kebedes isuma kana ibsan.
Filannoon bara 2007 ka nagaa fi dimokraasii utuu hin ta’in kan xumuramee fi uummata Itiyoopiyaa kan gaddisiise mirga namaa guutummaatti kan cabse waan ta’eef, haalli uumamee utuu jiruu Itiyooopiyaa daawwachuuf karoorfamuun dogoggora ta’uu isaa ibsuu feena.
Kanumti iyyuu ta’ee Itiyoopiyaa dhufu taanaan paartii biyya bulchu haasofsiisuun isaanii waan hin hafneef jecha nuunis kanneen kabajamuu mirga namaaf dhaabanneerra jennu humnootii mormitootaas gaaffii keenya dhaga’anii uummata Itiyoopiyaaf ibsa barbaachisu akka kennan gaafanna jedhan.
Presidenti Barack Obamaan mormitoota akka haasofisiisan kan nuti gaafanne nama marii geggeesseeutti amanan a’uu isaanii waan hubannuuf jechuu dhaan paartileen kun beeksisaniiru. Kanaaf jecha haala biyyattii waa’een Itiyooopiyaa nu galcha lammiiwwan jedhan mara biraa hubachuuf yaalii godhu abdii jedhu qabaachuu isaanii kan ibsan presidentii paartii Raiy Itiyoophiyaa obbo Teshale Sebru ti.
Mootummaa IHADEG akka haasofiisan beekameera. Ajendaanis qabamee jira. Biyyi Itiyoopiyaa jedhamtu kan mootummaa fi paartii biyya bulchuu-tii? jedhanii gaafachuun ni danda’ama.
Kanaaf qaama biyyattii kan taane jirra. Nuti mormitoonni akka heerri eeyamutti hundeeffamne. Qooda mormidtoonni fi waa’een Itiyoopiyaa nu galcha jedhan maraa ilaalchisee maal yaaddu? Jedhanii gaafachuun waan danda’amu  natti fakkaata jedhan.
Haalli mirga namaa Itiyoopoiyaa keessa jiru angawoota mootummaa Ameerikaa jalaa kan dhokate natt hin fakkaatu kan jedhan presisentiin MEAD obbo Abebqw Mehari ti. Gabaasi ministriin dhimma alaa Ameerikaa torbanneen darban keessa baase illee isuma kana kan cimsu jedhan. Presidentichi gara Finfinnee ennaa dhufan gabaasa ministrii isaanii kan dhimma alaa fidanii dhufu jedhanii kan abdatan ta’uu obbo Abebaw dubbataniiru.
President Obamaan ministeerri isaanii kan dhimma alaa dhiittaa mirga namaa hamaan Itiyoopioyaa keessatti geggeessamu isaa gabaasa baasee jira. Namoota gabaasa sana baasan hedduu galateeffanna. Eenyu hidhamee akka jiru, eenyu murtii haqaa akka dhabe, tokko tokkoon baasaniiru. Sun baay’ee gaarii dha. Kanaaf president Obamaan ennaa as dhufan gabaasa ministeerri dhimma alaa kan isaanii baase fidanii dhufu jedheen yaada jedhan.
Presidentiin Ameerikaa Barack Obamaan Ethiopia daawwachuun isaanii erga dhaga’amee qabee akkuma paartilee mormituu jaarmoliin mirga namaa kan sadarkaa addunyaa yaadawwan adda addaa kennaa jiran. Haalli mirga namaa Ethiopoiaa keessaa yaaddessaa dha jedhu jaarmoliin kun. President Obamaan Finfinnee ennaa dhaqanis mata duree kana akka kaasan gaafataa jiran.
Presidentichi Itiyooppiyaa daawwachuu isaani ilaalchisuun qeeqawwan dhiyaataa jiran ilaalchisee kan gaafataman dubbi himaan ministrii dhimma alaa Tewelde Mulugeta kun dhugaa jiru hin mul’isu jedhan.
Daawwannaa kana ilaalchisee yaada qaamotii adda addaa kennan kan ilaaleen sun dhimma isaanii ti. Sun murtii isaaniif dhiifamuu qaba. Waanti barbaachisaan himannaan haala qabatamaa jiru irraa adda ta’uu isaa ti. Kanaaf dhugaan jiru ofii isaaf ni dubbatan jedha ani jedhan.
Har’a ibsa kan kennan paartileen mormituu sadii yaadawwan walitti isaan fidu irratti waliin hojjechuu kan itti fufan ta’uu beeksisan.

Hidhaa laga Abbayyaa Ilaalchisee mariin tibbana Kaayirootti taa’ame waliigaltee malee xumurame.

Hidhaa laga Abbayyaa Ilaalchisee mariin tibbana Kaayirootti taa’ame waliigaltee malee xumurame.

OMN:Oduu Adol. 07,2015 Bakka buutoti biyyoota Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Masrii dhimma hidha Laga Abbayyaa Irratti Mari’achuuf kan biyya Masrii Magaalaa Kaa’iroo keessatti wal gahan tibba kana ture.
Kaa’iroo Irraa Talaviziyoonin China (CCTV) jedhamu akka gabaasetti biyyooti kun dhimma itti fayyadama laga Abbayyaa Irratti walii galtee xumuraatiif ture kan Kaa’irootti wal gahan. Hata’u malee Itti fayyadama laga Abbayyaa ilaalchisee kan silaa gabaasi tekinikaa biyyoota sadanii marii sana irratti dhihaachuu qabu ture, otuu bakka sana hingahin walii galtee malee addaan bahan.
Sudaanii fi Masrii bakka bu’uun rakkoo Hidhi sun Isaan Irraan ga’uu malu gabaasa Teekinikaa silaa kan dhiheessu malu biyyoota Dachii fi Faransaayii ta’uu CCTV’n gabaasee jira.
Gabaasaan Ministirii qabeenya bishaanii, Islam Farahat akka jedhutti, bakka buutoti gama Itiyoophiyaan jiran gabaasi tekinikaa sun akka dhihaatu kan barbaadan ta’uyyuu, sodaa isaan qaban garuu wa’ita ijaarsi marsaa jalqabaa xumuramee jiru kanatti Masriin gabaasi Tekinikaa sun akka dhihaatu waan barbaaddu hinfakkaattuu soda jedhu akka ta’e ifa godheera.
Biyyoota sadan irraa bakka hangaa’oti ol aanoon hin argamnetti ogeesoti rakkoolee jajjabduudha jedhaman furuu hindandeenye kan jedhu CCTV’n, Itti dabaluunis, Masriin hanga gabaasi Tekinikaa biyyoota sadanuun qophaa’ee dhihaatutti filannoon biraan akka dhihaatuuf dhiibaa jirtii jedha.
Islam Farahat akka jedhutti Ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa Marsaan duraa waan xumuramaatti jiruuf bara itti aanu kanatti haala kamiin bishaan sun kuufama isa jedhu biyyooti kun sadan marii kana irratti walii galuu qofaa osoo hintaane, haala ittiin biyyooti sadan kun waliif galanii waliin hidha sana to’atan irrattillee walii galuu qabu turan.
Akka CCTV’n gabaasetti Marii inni itti aanu guyyoota kudhaniin booda Sudaan kaartum Irratti kan taasifamu yoo ta’u, Marii kana irratti Ministiriin qabeenya bishaanii Masrii,Mariin sun Milkiin akka xumuramuuf gamasitti akka imalan gabaasee jira.
Gabaasa CCTV Abdii Fiixeetu qindeesse.

Pireezdantiin Ijipit Abdulfattaah Eelsiisii seera farra shororkeessummaa haaraa dhiyaatetorbee kana keessa ni raggaasisu.

Pireezidaantiin Ijipit seera farra shororkaa torban kana raggaasisu

                                    

pireezidanti Egypti

туристический онлайн-справочник
Лучшие Андроид планшетыwixineen haarofti ammaa kun kan barbaachise   gammoojii siinaayitti irra deddeebiin  haleelaa shoroorkeessitumma araawwachaa jiru ittisuufi jedhameera.

Pireezdantiin Ijipit Abdulfattaah Eelsiisii seera farra shororkeessummaa haaraa dhiyaatetorbee kana keessa ni raggaasisu

Biyyatiiti torbee darbe keessa namoonini 100 oliifi abukaatoon seeraa tokko ajjeefamuun ni yaadatama. Seeri haaraan  ba'uu kun  dhimoota shororkeessitootan wal qabaate ijoo  gurguddoo lamaa irraati kan xiyyeeffatudha.
1. poolisiin gocha shorokeessuummaa irratti ni hirmaata jedhee nama shake ajaja mana murtiitiin ala too'annaa jala oolchuudhaan qorannoo gaggeessuu akka danda'u kan heeyyamu dha
2. dhimma shororkeesitootaatiin wal qabatee odeeffaannoo dogogoraa kan kennu qondaalli mootummaa ol’aanaanis hidhaa waggaa lamaatu isa eeggata.
Akka seera haaraa kanaattis Ministirri dhimma haqaa biyyattii Ahmed al-ziidaan ajaans Franspreesitti akka himmanitti seerichi ragga'ee jennaan, lammiileen biyyatti haleellaa shoroorkeessitootaa irraa ittisuuf akkasumas odeeffannoo  sirrii akka argatan isaan taasisa.

Saturday, 4 July 2015

Daaw’annaan Obaamaa Gara Itoophiyaatti Saganteeffame Imaammata Sirna Dimokraasii Faallessa


(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)
asxaa_oromoABOn daaw’annaan Prezidant Obaamaan dhuma baatii Adoolessaa 2015-tti Itophiyaatti adeemsisuuf karoorfate, abbootii irree kan jajjabeessu, bittootni hacuuccaa fi saaminsa ummatoota irratti gaggeessan akka itti fufaniif kan hamilchiisu waan taheef jabeessee morma. Bara 1991 Itoophiyaa keessatti oggaa mootummaan Abbaa Irree Dargii qabsoo ummatootaan aangoo irraa darbamee Mootummaan Cehumsaa kan yeroo hundeeffamu waadaan US irraa dhagahamaa ture yoo sirni dimokiraatawaan mirkanaawe malee gargaarsi gama Ameerikaa irraa hin jiraatu (“No dimokraasii, no cooperation,”) kan jedhu ture. Waadaa US kana ifatti kan dubbatan I/A Gaafatamaa Haajaa Alaa US oggasii Herman J. Cohen turan.
Kan yeroo sanatti caalmaa humna waraanaa qabutti gargaaramee aangoo mootummaa kan dhuunfate Wayyaaneen (EPRDF) yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti farra dimokraasii tahuu isaa hojiidhaan mirkaneesse. Dhaabotni siyaasaa kanneen bilisummaa ummataa fi sirna dimokraasii dhugoomsuuf qabsaawan kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo oggasuma adeemsa farra dimokraasii Wayyaanee mormuudhaan irraa adda bahan.
Erga sanaa jalqabee waggoota 24 dabraniif sababaa adeemsa farra dimokraasii Wayyaaneen filateen hacuuccaan gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummatoota irra gahaa turee fi gahaa jiru kan salphaatti tarrifamee keessaa bahamu miti. Gabaasaan Dhaabbattootni mirga dhala namaa kanneen akka Amnesty International, Human Rights Watch, Human Rights League of the Horn of Africa, Country Report US State Department mataan isaa….fi kkf. hedduun yeroo adda addaatti baasan, roorroo Wayyaaneen (EPRDF) ummatoota irraan gahu hundas tahuu baatu hanga tokko ni mul’isu. Haa tahu malee sunuu miidhaa suukanneessaa Wayyaaneen dhoksaadhaan goleelee biyyattii iddoo caasaan miidiyaa kamuu hin dhaqqabnetti (keessattuu goleelee Oromiyaa hunda keessatti) raaw’atu hedduu isaa kan hin dabalannee dha.
Walumaa gala warreen maalummaa Itoophiyaa isa dhugaa hin beekne yookaan osoo beekanii haalan, miidhaa mootummaa Itoophiyaatiin ummatoota irra gahu akka cabiinsa mirgoota murtaawootti dhiheessuu yaalan iyyuu, dhugaan jiru garuu, Itoophiyaa keessa hundeedhumaan bilisummaa Ummatootaatu guutuutti sarbamee jira. Waggoota 24 dabaraniif (akkuma sana duras godhamaa turetti) Ummatootni biyyattii dirqama murna aangoo irra jiru deggeruu fi filuu qawweedhaan irratti fe’ame baadhachuu malee mirga abbaa barbaadan deggeruu fi filachuu gonfachuun hafnaan yaaduunuu yakka guddaa itti tahee gidiraa hedduuf kan saaxilu akka tahe “Filannoo” Wayyaaneen dhiheenya kana gaggeesseetin 100% mohadhe jedhe caalaa ragaa biraa dhiheessuun hin feesisu.
Osoo imaammatni sirna dimokraasii jajjabeessuu kan US nin hordofa jettu dhugaa tahee, yeroo ammaatti kan mootummaa US irraa eegamu President Obaamaan akka Itoophiyaa daaw’atan saganteessuu osoo hin taane, murna Wayyaanee kan bilisummaa Ummatootaa guutuutti sarbee afaan qawweetiin ummatootatti akka fedhe roorrisaa turee fi jiru yoo xiqqaate ifatti balaaleffachuudhaan akka inni karaa badii kana irraa deebi’u gaafachuufaa tahuu male. Faallaa kanaa garuu US dantaa yeroo kan mootummaa America qofa ilaaluudhaan gochaa Wayyaanee karaa badii inni hordofaa jiru irratti jajjabeessu raaw’achuu itti fufuun hedduu gaddisiisaa dha. Mootummaa akka poolisa addunyaatti of herreguu fi sirna dimokraatawaa hordofa ofiin jedhu irraa kan eegamus miti.
Akkuma beekamu jal-bultii “Filannoo” 5ffaa Wayyaanee dhiheenya adeemsifamee irratti aangawaan mootummaa Ameerikaa Wendy Sherman jedhamtu Finfinneetti argamuudhaan Itoophiyaa keessatti filmaatni adeemsifamu yeroo irraa gara yerootti wayyoomina argsiisaa deemuutti jira jettee ragaa bahuufiidhaan inni ammaa kunis dimokraatawaa akka tahu, iftummaa qabaatu, hunda hirmaachisuu fi nagaan kan gaggeeffamu akka tahu abdii qabna jechuudhaan filannoo doorsisa, hidhaa, dinniinaa fi hannaan geggeessuuf Wayyaaneen itti qophaa’aa ture eebbisteefii deebi’uun kan yaadatamuu dha. Kana irrattis dhaabbattoota mirga namoomaa hedduu fi jaarmayoota gara garaa irraa mormiin guddaan mudatee ture. Eebbi Wayyaaneen aangaawaa Ameerikaa kana irraa argates gochaa farrummaa filannoo irratti raawwatuuf karoorfate akka itti fufu onnachiisee haala addunyaa irratti mul’atee fi dhaga’amee hin beekneen dhibbaa-dhibbatti mo’atuu labsate. Daaw’annaan Prezidant Obbaamaa kan ammaa kunis kana eebbisuufiin alatti fayidaan biraa ummatoota Itophiyaa fi naannoo keenyaaf fidu hin jiru.
Daaw’annaan dhuma baatii Adoolessaatti saganteeffame kun, murna abbaa irree aangoo irra jiru caalaatti jajjabeessee, dhiittaan mirga namoomaa, preesii walaba ukkaamsuun, saamichaa fi roorroon ummatoota irra geessifamu biyyattii keessatti akka daran babal’atu kan taasisu dha. Hidhamtootaa Oromoo fi kanneen mirga falamatan biroo kuma kudhaniin lakkaawaman mana hidhaa keessatti akka tortoran irratti murtii gadi jabeessuu dha. Kana malees imaammatni Ameerikaan hordoftu kan dantaa ummatootaa fi mirga namoomaa herrega keessa galchu osoo hin taane dantaa Ameerikaa qofa kan dursu tahuu caalaatti hubachiisa.
ABOn daaw’annaan akkanaa abbootii irree kan jajjabeessu, bittootni hacuuccaa fi saaminsa ummatoota irratti gaggeessan akka itti fufaniif kan hamilchiisu waan taheef jabeessee morma. Hiree kanaanis mootummaan Ameerikaa karoora isaa kana akka irra deebi’ee ilaalu deddeebisee gaafata. Kanuma waliin dantaan Ameerikaas kan caalaatti tikfamuu fi iggitii qabaatu abbootii irree jajjabeessuudhaan osoo hin taane qabsoo haqaa ummatootni bilisummaa fi sirna dimokiraasii dhugoomsuuf gaggeessan deggeruu fi jajjabeessuudhaan akka tahe hubachiisa. Hundaan olitti ammoo daaw’annaan akkanaa abbootii irreef yeroof kan fayyadu tahus qabsoo ummatootaa kan boodatti deebisuu hin dandeenye tahuu hubachiisa. Seenaan qabsoo ummatootaa kan dhiheenyatti naannoo kanatti tahaa tures, ummatoota mirga isaaniif falmatuuf murteeffatan humni dhaabuu danda’u kan hin jirre tahuu mirkaneessan.
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 4, 2015

Galmee Seenaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa.Seenaa fi eenyummaan Ummata Oromoo gita-bittoota habashotatiin, awalamee, irra deemamaa ture, boolla keessaa basaanii bakka ganamatti deebisuuf, kutannodhan Mootummaa sirna H/Silasee keessatti wareegama barbachiisu mara, kaffalanii dhaloota harraa fi boritii karaa kan saaqan gotoonni Dacheen Oromiyaa biqilichiite heddudha. Isaan keessaa bu’ureesaa fi Presadaantiin Waldaa Maaccaa fi Tulamaa kan turan kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa nama durati.

Tolchaa Wagii irraa  

    Galmee Seenaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa

  Seenaa Alamuu Qixxeessaa 11 Oromo 2014
Seenaa Alamuu Qixxeessaa 10 Oromo 2014
Koloneel Alamuu Qixxeessaa dargaggummaa isaanii irraa eegalee, hanga gaafa adeemsa isaanii fixanitti (09/11/2001) Umani Oromoo gabrummaa Habashotaa jalaa ba’’ee abbaa biyya isaa akka ta’u, murannoodhan hojjataa akka turan dhaloonni ammaa kun ragadha. Kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa, abbaa isaanii obbo Qiixxeessaa Yaadate fi haadha isaanii addee Haayyuu Roobii irraa Bitooteessa 5, bara 1907 Walitaajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti dhalatan. Koloneel Alamuun Qixxeessaa bakki isaan itti dhalatanii guddatan, magalaa Jalduu fi nannoo biroo manni baruumsa hammayyaa, waan hin jirreef mana barnoota Qeesii seenanii barataniiru. Abban isaanii obbo Qixxeessaa yaadatee, ilmi isanii akka isanii baratu, waan barbadaniif, gara Finfinnetti eerganii akka raayyaa warana biyyitti keessatti qaxaramu godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa waranaa “Kubuur Zabanyaa” jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa fi afaan Faaransaayii barachuu eegalan.
Mootummaa sirna goonfoo keessatti qaxaramanii osoo hn bubbuliin maqaa ajajaa 50 gonfotanii osoo jiranii, gara warana “Maa’icaaw” akka duulan godhaman.Warana Maa’icaaw kan Xaalyaanii waliin godhame kana irratti, Koloneel Alamuun luka isaanii, rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jirataa jiranii, biyyittiin Warana Xaalyanitiin weeraramitte.
Koloneel Alamuun jaginummaa fi gotummaa umaman qabaniin warana Xaalyanii, isa hanga funyanitti hiidhatee jirun, diinni adii fi gurracha hinqabu? jechudhan warana Xaalyaanii qabsoo hiidhannotiin falmuutti qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana dhiibee qorchii, hin argaminneef kan ummata hedduu fiixaa ture dhiibee “Taasiboo “jedhamee beekamun qabaman.
Koloneel Alamuun dhiibee kan irraa akka caarraa ta’ee irraa fayyan illee, abban isaanii obbo Qiixxeessaa yadatee fi haatii isanii addee Haayyuu Roobii dhiibee kana irraa fayyuu hin dandeenye. Lameen isaani iyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii koophatti dhiisanii adunyaa kana irraa darban. Guyyaa tokkotti haadha fi abbaa isaanii kan dhaban, Koloneel Alamuu irratti gaddi, dachaa dhachadhaan irratti fe’ame. Obbolewwaniif maatii isaanii hunda jirachisun dirqii itti ta’e. Haala kanan maatii jirachiisaa osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaalyaniin lolaa jiran waliin walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka warana Xaalyanitti kufan.
Waranni Xaalyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti murittii du’aa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeeefamuu isanii osoo eeggachaa jiranii, Xaalyaniin gama tokkoon Jalduu keessatti Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan, gotoota Oromoo kan Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun akka harka isaanii keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Xalyanidhaan “nama kiyya qabiddanii kana isiin harka jiru, Alamuu Qixxeessaa gadi-lakkifiittan malee harka kiyya hin keennu! jedhe.
Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Faayyisaatiin hogganaman of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa kan duuti itti murtawe, mana hiidhaa isanii keessaa basanii gadi dhiisan.
Koloneel Alamuun akkuma mana hiidhatii hikkamaniin, gara birootti osoo hin goriin Warana Diribissaa Fayyisaatiin hogganamutti dabalama. Gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Alamuu Qixxeessaa eerga mana hidhatii hiiksifateen booda, gootota bara sana nannoo Jalduutti argaman, kan akka Xanqeessaa Keelloo, Mi’eessaa Jombaa, Niigissaa Faajjii, Diinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan Jalduu keessa Qubatee jiru irratti lola banudhan hanga dhumatti lolaa turaniiru.
Tafarii Mokonnoon (H/ Silaseen) akkuma Xaalyaniin biyya waggaa 5f qabattee turte gadi dhifiteen biyya itti baqate irraa gara angoo isaatti deebi’e. Gotonni Oromoo waggaa 5n guutuu kan Xaalyaniin falmaa turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa Angootti deebi’uu H/ Silasee mormaa akka turan keessa beekitonni ni dubatu.
Koloneel Alamuun akkuma Mootummaan Sirnni gonfoo dhabbateen mana barnoota akkadamii warana “Hoolotaa” seenaanii barataniiru. Bara 1944 gara kaaba Ithiopiyaa “Ambalagee” bakka jedhamutti akka duulan ajajamanii rasaasan rukutamaniiru. Koloneel Alamuun mana Barnoota akkadamii warana Hoolotattii barsiisaa ta’ani waggoota lamaa oliif hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/ Silasee keessatti sadarkaa gadii irraa egalee hanga Sadarkaa oliitti hojjataniiru. Hojii isanii kana keessatti, Mootumman sirnna gita-bitoota Habashootaa ilaalichi Oromoo fi lammii Oromotii qaban akka garitti hubataniiru. Koloneel Alamuun Oromoo ta’uu isaanii irraa kan ka’een, bulchiinsa mana warana biyyitti keessatti isaanifi Oromoota raayyaa ittisa biyyitti keessa jiran irratti, kan rawwatamaa ture haala qabatamadhan argaa turaniiru.

Maaccaa fi Tulamaa

Qabsoon Ummani Oromoo bilisummaa isaaf godhu kanaaf daandii kan saaqae, hundeeffama Maaccaa fi Tulamaa akka ta’e hubatamadha. Maaccaa fi Tuulamni Mootummaa sirna naafixanyootatiin gaggeefamu keessatti, ummata Oromoo magalaa fi baddiyyaa Oromiyaa keessatti Waroon saliphiinaa irratti diririfamee jiru jalaa basuuf, Wareeggama barbachiisu mara kaffalanii dhaloota harraa kana biran gaahaniiru.
Rakkoo Ummani Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf, misooma maqaa godhatee kan dhabbate kan keessatti, Koloneel Alamuun caalqaba irraa eegalalnii hanga gaafa adduyaa kana irraa darbanitti, gaafa tokkollee dadhabe osoo hin jedhiin Presedaantii Waldaa kanaa taanii halkani fi guyyaa hojjataa akka turan seenaan raggadha.
Koloneel Alamuun, Barreessaa Waldaa kanaa kan turan H/ Mariaam Gammadaa waliin ta’udhaan Oromoni bebeekkamoo ta’an akka waldaa kana keessatti miseensaa ta’an halaan irratti hojjataniiru. Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa Gammadaa Jeneraal Tolaa Badhadhee Jeeneeraal Jagamaa keelloo Dajazimaach Dani’eel Abbabaa (ilma Raas Abbabaa Haaragayi) Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa gochuun yeroo itti hin fudhanne.
Akkeekinni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa Beekumsaa fi qabeenya qaban wareeganii Ummata Oromoo duukkana keessa jira kana keessaa, gara ifaatti baasuu waan ta’eef, kan lafa qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti banamu waan walii galameef caalqaba duraatiif gochaan kun Koloneel Alamuu Qixeesatiin hojii irra ooleera.

Mana Barumsaa Jalduutti Banuu

Koloneel Alamuun bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu, manni barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen anaa Jalduu akka barnoota ammayyaa barattee ija banattu lafa magalaa Jalduu qaban irraa kaare meteera 10,000 ol eebbisaanii ummata Jalduuf keennudhan manni barumsaa kutaa 1-6 tti bananiiru. Haluma kanan, Kabbadaa Buzunash Misooma aada’aa bargaa fi goroo Makootii kaare meetra 20,000 yokeennan miseensonnii fi hogganoon Waldaa Maaccaa fi Tulamaa duursanii qabeenya fi huminna isanii waakki tokko malee wareeganiiru.
Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo yoo gaammachiisu, H/ Silasee fi kanneen isaan marsanii jiran mara ,yaddoo keessa isaan galicheera. Waldan Maaccaa fi Tulamaa Xiyyeeffannan isaa inni guddaan, Ummata Oromoo barisiisuu irratti waan ta’eef ummani Oromoo ammoo, yoo of bare, akka isaan harkaa ba’u, waan beekaniif adeemsa Waldaa kanaa gababiisuu akka qaban murteefataniiru.
Keessattuu Waldan kun of keeessatti hammatee kan qabu (Hoggantoota Waranaa, hojjatoota Motummaa, baratoota fi Qotee bulaa Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo cunquursaa habashootaa jala jiran Sidamaa, Walaitaa …) waliin ta’uun hedduu isaan yaddeeseera.
Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/ Silasee biratti ija hamadhan ilalaamaa turaniiru. Sababiin isaas yeroo Oromooni Raayyaa of irratti lolataa turan Waranni meeshaa ammayaa hidhate, itti duuluu hin qabu! kun biyyaa keessaa waan ta’eef kan biyyaa keessaa Poolisii ta’uu qaba waan jedhaniif, Mootummaa H/ Silasee biratti waamamanii diniin cimaam eerga keennameefiin booda, guddiin karaa seera mana waranatiin keennamuu malu hunda, hanga Waggaa 5 tti akka hin kennaminneef godhamanii, bakka duraan ramadamanii hojjataa turaan irraa gara biratti akka jijiraman godhamaniiru. Gara biroon ammoo haala Waldaa Maaccaa fi Tulamaatin wal qabateen H/ Silaseen hogganoota Waldaa kanaa Jeneeral Taddasaa Birruu fi Jaarsolii beebekamoo Arsii waliin H/ Silasee irra, yeroo dhiyatan Koloneel Alamuu Qiixxeessaa sodaa tokko malee H/ Silaseedham ati maa Oromummaan nu yakkitaa? ati Oromoo miti? yeroo jedhaniin, H/ Silaseen isa eenyutu nutti himi? siin jedhe jedheen jedhama.
Ajajaa Dhibbaa Abarraa Alamuu (Ilma isanii isa hangafa)
Ajajaa Dhibbaa Abarraa Alamuu (Ilma isanii isa hangafa)
Ajajaa dhibbaa Abarraa Alamuu ilma Koloneel Alamuu Qixxeesa isa durati. Abarraan ajajaa dhibbaa ta’ee Asmaratti ramadamee hojjataa osoo jiru, akka caarraa ta’ ee bara lola Jeeneeraal Mangistuu Niwaay, Finfinnee yeroo dhufu, lola kan afaan bu’e. Abarraan lola kana irratti gara Mootummaa H/ Silasee goree lolaa osoo jiruu warana Garmamee fatiin ajjeefame.
Koloneel Alamuun ilmi isanii lola isaa hin mallee, kana irratti du’uu isaa bayyee akka gaddan keessa bekitoonni ni dubatu. Dhimma Waldaa Maccaatiin yakkamanii yeroo Kaabinoota H/ Silasee irra dhiyatan, lola irratti yeroo lama rukutamanii waan turaniif “luuka koo yeroo lama isiniif keennera! Ilma koo Abbarraa isiniif kenneera akka lammii Oromoottii ijaaraminnee biyya keenya keeessatti misooma, guddisuun maaf yakka isiin biratti ta’e?” jechun gaaffii deebii hin argannee hoggantoota Mootummaa H/ Silasee tii dhiyeesaniiru. Ilmi isaani Abbarraan Mootummaa isaanitiif du’uu isaa hedduu akka gaddaan keessa bekitonni ni dubbatu. Hata’uu garuu Hogganummaa isanitiin kan dhalate waldan kun, akka dhabamee badu, kaabinoota H/ Silaseetiin hoggantoonno waldaa kanaa, soban yakkanii adabbiin adda addaa yeroo irratti murtawu, Koloneel Alamuu irratti murtiin adda addaa sadii (3) irratti muraweera Hiidhaa ciimaa waggaa 10 Maqaan isaanii Koloneelummaan akka irraa muliqamu.
Yeroo mana hiidhatii hiikkaman mirgi eenyummaa akka waggoota shaniif irraa mulqamu, kan jedhu itti raggasifame. Koloneel Alamuun akka Ummani Oromoo isaan arguu ykn gafachuu hin dandeenyeef faggeessanii Gondoor magalaa Dabira-taboritti akka hidhaman godhaman. Yeroo Mootummaa H/ Silasee kaabinoota isaa waliin wal qabatee gara awwala isati qajeelu, hoggantooni waldaa kanaa hundu mana hiidhati hikamaniiru.
Erga mana hiidhatii hikkamanis Ummani Oromoo akka blisummaa isaa gonfatee abba biyyaa isaa ta’u, bakkoota adda addatti analewwan fi kutalewwan Oromiyaa keessa nanawanii keessattuu bara 1991/1992 barsiisaa turaniiru. Ibsa isaan, waajiraa ABO yeroo sanaa, Gullallee jiru dabalatee isaan keennaa turan, Mootummaa wayyanee biratti isaan balaleefachiisu illee, sodaa tokko malee ummata kanaaf of keennanii hojjataa turaniiru.
Bara 1992 keessa, matan wayyanee Mallas Zenaawii bakka jirutti, wamamanii osoo waliga’ii irra jiranii bakka bu’aa OPDO yeroo sanaa kan ture, Kumaa Dammaqqisaa Ummata Oromoo kan diigu, kan akka keessanii kana yeroo jedhaniin Sodaa kan hin beekinne Alamuu Qiixxeessaa, “Yeroon ani mirga Oromooti falmuu calqabu ati hudduu kee hinxaraganne”! Jedhanii waliga’ii sana irratti kumaa saliphiisanii akka gadi teesisaan, namoonno walga’ii sana irratti argaman kan dubataniidha. Koloneel Alamuu bara jireenya isanii yeroo hedduu mana isanii dhaqee waliin dubbachuu caarraa argadheera. Abbaa kiyya waliin nannoo tokkotti waan waliin guddataniif walitti dhufeenya qabu. Akkuma ABOn Mootummaa Ce’uumsa keessaa ba’een ijoollee Oromoo rakkoon irra ga’ee hunda gargaraa turan. Anaafis gargarsa nagodhaniiru. Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera.
1. Oromon tokko ta’u malee, mirga isaa argachuu akka hin dandeenye, dhaabbilleewwan Oromoo blisummaa Oromootiif falman akka tokkoo ta’an irratti hedduu dhamaaniiru. Bakka deeman hundatti, Oromoon osoo lagaafi Amanitidhan wal-hinqodiin harka walqabatee ka’u malee, rakkoo amma jiru keessaa ba’uu akk hin dndeenye hubachiisaa akka turan bara jireenya isanii dubbii isaan godhaa turan Videoo ilaluun ga’adha.
Bara 1994 dhabbilee blisummaa Oromoof qabsa’an lameen walitti fiduuf hedduu akka yalaa turan afaan isaanii irraa dhagaeera. Keeniyaa Nairobii keessattii ABO fi IFLO walitti fiduuf beellama qabatanii yeroo isaan Oromiyaa irraa Naa iroobitti argaman, Gara ABO tiin Galaasaa Diilboo yeroo argaman, karaa IFLO amoo bakka bu’an Jaarraa argamaniiru. Hayya dureen ABO yeroo sanaa Galasaa Diilboo eerga Jaarraan hin argaminne, anis bakka bu’aa waliin hin dubadhu! jedhanii akka dhiisan na hubachisaniiru.
2. Wa’ee Qabsoo Balee ti. wa’een Qabsoo Balee yeroo ka’u namonni hedduun osoo hin beekiin ykn osoo beekanii, Qabsoo sana kan dhaamse J/ Jaagamaa Keelloo akka ta’eetti himu. Jaagamaa Keelloo Qabsoo diddaa garbummaa Balee akka hin dhamisine irraa hubadheera.
Koloneel Alamuu irraa jecha arman gadii kana dhagaheera “bara sna waggoota 8 oliif Mootummaa H/ Silaseen lolaa kan turan gotoota Baleetti, warani biyyittin qabiddu, dubaaf funduraan akka itti dulamu ajajinni H/ Silasee irraa darbee ture. Jaagamaan ajajaa warana waligalaa waan ta’eef, waan deemaa jiru waan beekuuf nu biira dhufee, Jaroonni kun barana dhumun isaanii akka hin ollee nu mirkanneesse. Duubafii funduraan akka marfaman godhameera. dhumuu irra, gara duraas ummani Oromoo ka’i! yoo jedhan ka’uu waan danda’uuf harkan keenisiisa nuun jedhe. nutis dhumuu isaani irra harka keennachuu isanii filanne.” J/ Jaagamaan ammoo H/ Silaseetti dubbatee Qabsa’aa Oromoo Waqoo Gutuu maqaa waliin nagan osoo naminni tokko isaan hin tuqiin harka isaa kennatan.
Namonni bayyeen osoo keessa hin bekiin akka J/ Jaagamaa Keelloo dhamiseetti ibsu. Seenaa Motummoota habashotaa darbanii yoo ilaallee, Oromoota finciila isaan irratti godhan sosobanii ykn kakatanii eerga harka keennachisaniin booda dhabamisiisaa akka turan seenaan ragadha.
Goota oromoo Habishee Garbbaa Meeshaa waranaa Ciibsaanii, kakatanii waadaa galanii eerga harka keennachisaniin booda, kakuu isaanii akka Biishanii dhuganii Abishee mana hiidhaa isanii keessaatti ajjesaniiru.
Gotoota Oromoo Dawwee kan Hasan Ameetiin hogganamu, akkuma sana, hoomitu isiin hin tuqu! jedhanii nagaan gara Qe’ee isanitti eerga deebi’aniin booda, qabanii hunda isanii faniisaniiru. Seenaa Qabsa’oota Oromoo keessatti habashootatti harka kennatanii kan irraa damdamatan yoo jirate Qabsa’oota Baleeti yoo jedhame dhugaa irraa fagachuu miti.
Jaagamaa Keelloo qabsa’oota Baalee harka kennisisaanii rakkoon tokko osoo isaan hin qunaminni, ykn irra hingayiin akka nagaan jiratan godhaniiru. yeroo ammaa Qabsoo Balee kan dhaamse Jaagamaa Keellooti, jechi jedhu sirrii akka hin taane hubataumuu qaba.
Waajjiira ABO Jalduu
Bara 1991/1992 yeroo ABOn Mootummaa Ce’uumsa Ithiopiya keessa jiru, waajironni ABO bakka adda addatti yeroo banaman, hoggantonni ABO fi Koloneel Alamuu bakka hedduu demanii ummata isaniif ibsa keennaa turaniiru. Baatii Onkoloolessa braa 1991 waajjirrii ABO Yeroo Jalduutti banamu, Koloneel Alamuu fi namoni beebekamoon ABO fi bakkoota biroo irraa argamaniiru. Waliga’ii kana nama qindeesse keessaa nama tokko waanan ta’eef Ummani Anaa Jalduu, Ginddabaratii fi Meettaa Roobii hedduminan akka argaman irratti hojjatameera.
Guyyaa seenaa qabeessa kana irratti kan argaman
Kloneel Alamuu Qiixxeessaa
Obboo Damisee Kabbadaa (ABO)
Girmaa W/ Giyoorgis Sooddoo Jiddaa bakka bu’dhan (Preezadantii)
J/ Jaagamaa Keelloo fi kan birooti. Jaagamaa Keelloo bara Xaalyaanii nannoo sanatti lolaa waan turaniif Ummata anaa Jalduu biratti maqaa guddaa qabu. Ummani Jalduu, Alamuu Qixxeessa fi Jaagamaa Keelloo maqadhan malee, arganii waan hin beekinneef isaan argudhaaf Oromoni dhufan heddudha.
Bakki walga’iin kun itti Qoophawe mana baruumsa Jalduu keessatti yoo ta’u, mana baruumsaa kana yeroo Waldaa-Walgargaarsa Maaccaaf Tulamaa hundeessan, calqaba duraatiif, lafa qaban keennanii kan Ummata Jalduuf ijaarsiisanii, Oromoota nannoo biroof fakkii goddaa kan ta’aniidha.
Hogganuma Koloneel Alamuutiin. dabaree dabareedhan haala yeroo irratti Obbo Damasee Kabbadaa fi bakka bu’aan Oromoota Sooddoo jiiddaa Girmaa W/ Giyorgis erga dubbataniin booda, Jeneeral Jaagamaa Keelloo akka dubatan caarran kennameef. Jaagamaa Keelloo yeroo gara waalittajjitti ol ba’an, Ummani anaa Jalduu, kabajaa isaniif jecha, lafaa ol ka’anii harka rukutuun isaan simatan. Jeeneeraal Jaagamaan Ummata Jalduu irraa kabajaa guddaa argatan.
Jeeneeraal Jaagamaan akkuma dubbii calqabaniin kabajaa Ummata fi Dargaggoota Jalduu irraa argatan mulqaman. Umani Jalduu Osoo Jeeneeraal Jaagaman dubbatanii hiinfiixiin, waalitajjii gadi dhiisanii akka bu’an godhaman. J/ Jaagamaan Dargaggoo Jaalduu kan Hawwiin Blisummaa onnee keessaa dhikkisu funduura dhabbatanii “Ani kalleessas haarras Ithiophiyaan tokkuman jedha” yeroo jedhan saliphiinaan waaltajjii irraa gadi bu’an. Ani bakka isaniin qanawe. Damisee Kabbadaa fi Koloneel Alamuun dubbii gochudhan dargagoota Jalduu dubbii Jaagamatti aaran akka qabbanseessuu godhan.
Waajiira ABO Jalduu Onkoloolessa 1991
Waajiira ABO Jalduu Onkoloolessa 1991
Alabaan ABO koloneel Koloneel Alamudhan eebbifamee yeroo fanniifaamu.
Alabaan ABO koloneel Koloneel Alamudhan eebbifamee
yeroo fanniifaamu.
Koloneel Alamuun Ummata anaa Jalduuf
Koloneel Alamuun Ummata anaa Jalduuf
Jeeneeraal Jaagamaa Keelloo fi Koloneel Alamuu Qiixeessaa
Jeeneeraal Jaagamaa Keelloo fi Koloneel Alamuu Qiixeessaa
Obbo Damisee Kabbadaa (bakka bu’aa ABO)
Obbo Damisee Kabbadaa (bakka bu’aa ABO)
Jeeneeraal Jaagamaa Keelloo fi Koloneel Alamuu Qiixeessaa
Jeeneeraal Jaagamaa Keelloo fi Koloneel Alamuu Qiixeessaa
Qabsaa Badhaadha Sarbeessaa Yeroo ammaa eessa akka jiru kan hin beekaminne
Qabsaa Badhaadha Sarbeessaa Yeroo ammaa eessa akka jiru kan hin beekaminne
Seenaan Koloneel Alamuu Qixxeeessaa bu’aa isaan Ummata Oromoof buusan gadi fageenyaan Qormani irratti godhamee kan barreefame miti. Seenaa isanii ammumaan beeku fi ammuman dhaga’e irran waan xinnoo barreessu yaale. Gara funduuraa barreesitioonni seenaa, Qabsoo ummata Oromoo keessatti Qooda addaa kan qaban, Koloneel Alamuu Qiixxeessaa fi gotoota biroo gadi fageenyaan seenaa isaan guutuu barreesanii akka ummata Oromoof dhiyeesan abdiin qaba.
Bitooteessa 5 bara 1907-Fuulbana 9 bara 2001
Bitooteessa 5 bara 1907-Fuulbana 9 bara 2001