Raabbiirraa
Kaayyoon Koo Inni Guddaan Oddeeffannoo kennuufi Wantoota Barnootaaf Ta'aan Maaxansuudha.
Friday, 1 April 2016
Oromiyaa Keessatti Namoota 2,600 Ol Tu Seeraa Ala Hidhamee Jira, Jedha MEDREK
Oromiyaa Keessatti Namoota 2,600 Ol Tu Seeraa Ala Hidhamee Jira, Jedha MEDREK
By
Obsaan Oromiyaa
on
April 1, 2016
|
Leave a comment
|
Edit
MEDREK, haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaa, keessumaa, mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessamuu fi tarkaanfii mootumman fudhate ilaalchisuudhaan tuta gaazzexeessotaaf har’a ibsa kennee
Gamtaan Paartiilee mormitootaa beekamaan,MEDREK, haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaa, keessumaa, mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessamuu fi tarkaanfii mootumman fudhate ilaalchisuudhaan tuta gaazzexeessotaaf har’a ibsa kennee jira. Hoogganonni Medrek tuta oduuf akka ibsanitti, mormii baatiilee afurii oliif Oromiyaa keessatti geggeessameen wal-qabatee namoonni 2,627 seeraa ala godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa qabamanii manneen hidhaa keessa jiran. “Mormii Oromiyaa keessaaf akka itti gaafatame fudhate ibsuun ka mootummaan deebii kenne fakkeessaa dha” ka jedhan, hoogganoonni MEDREK, dhugumatti gaaffiin uummataa sirrii ta’uu amanee, balleessaa isaa fudhatee yoo tahe, mootummichi namoota seeraa-ala hidhaatti guuramanii jiran kana walaba gad-lakkisuu, yakkamtoota seeraa-ala uummata hiriira bahetti dhukaasanii ajjeesan seeratti dhiheessuu fi maatiilee miidhamtootaaf gumaa baasuu akka qabu dubbatan. Rakkoo biyyattiif furmaata waaraa fiduuf immoo, paartiilee mormitootaa dhugaa uumataaf dhaabatan waliin gad-taa’ee dubbachuu qaba, jedhu – hoogganoonni MEDREK.
Gaaffii fi deebii barreessaa MEDREK waliin geggeessame dhaggeeffadhaa.
(4:51)
No comments:
Post a Comment
Newer Post
Older Post
Home
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment