Kaayyoon Koo Inni Guddaan Oddeeffannoo kennuufi Wantoota Barnootaaf Ta'aan Maaxansuudha.
Saturday, 23 April 2016
Beekaan Guluma : Waaqa Uumaa Hundumaa
WAAQA UUMAA HUNDUMAA
Waaqa uumaa hundumaa
–
–
Isa hundaa dadeessuu
Sagalee keenya ol fuunee iyyina
Maalif nun dhageessuu?
Akka safeefadhee maatiikoorraa bareettoo
Garaamiidha sin jedhu Hamaa hin jaallattu atoo!
Humnikees guddaadha kan si gitu hin jiruu
hin uumamnee Ogumnikees guddaadha
qoratamee bira hin gaayamnee
Araaraa jaallatta qajeellummaa
Nagaas namaaf laatta Biliissummaa
Aboon martuu sirrka jiraa Hiree mara
situ hiraa Ifaaf dukkanni aangookeetin dabaree
waliif laatu Sababa arjjummaakeetiif namuu kan qotatee
naatu Kunoo nutis waaqa tahuukee
hundumaa caalaayyuu beekna bareechinee
Maarree yaa waaqayyoo yeroo kichuun ilmaan Oromoo cutu
waan addaa maaluma balleessinee?
Nutoo nii beekna humna guddaa qabdaa
Maarree yaa uumaakoo utuu sitti amannu
akkamiin dhugaan keenya badaa?
Utuu iyyinee sitti boonyuu yaa waaqyyoo
Maalif nu jechisiifta wayyoo?
Ilaa ammas abdi hin mirannuu sitti boonya
nutii Maaloo yaa waaqayyoo hirdhuu qaawwa keenyaa
atumti nuu guuti Pilaani afaan keenya ajjeesee
Nuunis dachee keenyarraa nu fageessuu
Duguuggaa Sanyii nurratti geggeessee
Humna badii hedhee maqaa nu moggaasu
Abbaa qawwee abbaa rasaasaa
Situ danda’aa situ nurraa kaasaa
Barataa daa’ima beekumssa dharrahee
barnootaaf imaluu Gufuu itti ta’anii
Abdiisaa cuqqaalu Maaloo yaa waaq
atumti nuuf dhimmii Qoricha nuuf tahii
nutti ciri silmii Fira ergama ormaatiif kufee kahuu
Maaloo of barsiisi maaddii ormaa dhiitee haa bahuu.
–
@Lalisaa Indiris Adam -dhidhiibba@gmail.com
Saturday, 2 April 2016
Ebla 02,2016) Miseensotaa fi Kaabinoota wayyaanee Godina Baha Shawaa keessatti barattoota fi ummata irraan miidhaa guddaa geessisan irratti tarkanfiin boombii fudhatame.
SBO/VOL – Ebla 02,2016) Miseensotaa fi Kaabinoota wayyaanee Godina Baha Shawaa keessatti barattoota fi ummata irraan miidhaa guddaa geessisan irratti tarkanfiin boombii fudhatame.
Bitootessa 31,2016 Godina Baha Shawaa magaalaa Bishooftuu ganda 01 keessatti kan argamu Hoteela Awaash jedhamu keessa qubachuun barattootaa fi ummata Oromoo irratti shira adda addaa xaxuun gidiraan akka isaan irra gahuuf kan hojjechaa turan kaabinootaa fi miseensota wayyaanee irratti tarkaanfii boombii fudhatameen haalaan gaaga’amaniiru.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame galgala keessa oggaa ta’u kaabinootni wayyaanee hoteela kana keessatti shira xaxaa turan 8 oggaa ta’an 7 hojiin ala ta’aniiru.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame galgala keessa oggaa ta’u kaabinootni wayyaanee hoteela kana keessatti shira xaxaa turan 8 oggaa ta’an 7 hojiin ala ta’aniiru.
Friday, 1 April 2016
Oromiyaa Keessatti Namoota 2,600 Ol Tu Seeraa Ala Hidhamee Jira, Jedha MEDREK
Oromiyaa Keessatti Namoota 2,600 Ol Tu Seeraa Ala Hidhamee Jira, Jedha MEDREK
Gamtaan Paartiilee mormitootaa beekamaan,MEDREK, haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaa, keessumaa, mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessamuu fi tarkaanfii mootumman fudhate ilaalchisuudhaan tuta gaazzexeessotaaf har’a ibsa kennee jira. Hoogganonni Medrek tuta oduuf akka ibsanitti, mormii baatiilee afurii oliif Oromiyaa keessatti geggeessameen wal-qabatee namoonni 2,627 seeraa ala godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa qabamanii manneen hidhaa keessa jiran. “Mormii Oromiyaa keessaaf akka itti gaafatame fudhate ibsuun ka mootummaan deebii kenne fakkeessaa dha” ka jedhan, hoogganoonni MEDREK, dhugumatti gaaffiin uummataa sirrii ta’uu amanee, balleessaa isaa fudhatee yoo tahe, mootummichi namoota seeraa-ala hidhaatti guuramanii jiran kana walaba gad-lakkisuu, yakkamtoota seeraa-ala uummata hiriira bahetti dhukaasanii ajjeesan seeratti dhiheessuu fi maatiilee miidhamtootaaf gumaa baasuu akka qabu dubbatan. Rakkoo biyyattiif furmaata waaraa fiduuf immoo, paartiilee mormitootaa dhugaa uumataaf dhaabatan waliin gad-taa’ee dubbachuu qaba, jedhu – hoogganoonni MEDREK.
Oromo TV: Ajaajja Warraan Bilisummaa oromo (WBO) Waligaala Jaal Abdii Raggaasaa
Ajajaa Waraana WBO wlii gala Ob. Abdii raggaasaa
YOUTUBE.COM/WATCH?FEATURE=…
Subscribe to:
Posts (Atom)