Wednesday, 20 January 2016

"Bareedina Gurraachaafi Dubbii gamnaa nama Bira Ga'eetu Hubata" Mootummaan TPLF dhimma masteer pilaani magaalaa Finfinnee wantin beeku Tokko hin jiru jechuun wakkacha jira.

                     
Abbaay Tsehaayyee 
Dhimmaa Masteer Pilaani Finfinnee irraatti hirmanaa tokko ilee akka hin qabne Hundeessaa TPLF fi Gorsaan mootummaan Itiyoophiyaa Obbo Abbaay Tsehaayyee himaan. Akka yaada isaatti dhimmoota masteer pilaani magaalaa Finfinnee wantiin beeku tokko ilee hin jiru jedhu. Garuu, yeroo dhimmoonni kun ka'aan faayidaa akka qabu dubaadheera jedhu. Jaallatanis jibbitaanis, maasterin pilaanin magaalaa Finfinnee hoji irra oluu qaba kan jedhu jecha koo miti jedhu. Haa ta'u malee dhimaa maaster pilaani Magaalaa Finfinnee kantibaa magaalaa finfinneefi Bulchinsaa godinaalee addaatu keessa qaba Jedhu. Maalif akka maqaa TPLF baleessaan hin beeku jedhu. Waluma galati Kana hundumaa kan balleessan, kan saaman, kan saamsisan daldaltoota muraasaa fi qaama bulchitoota Oromiyaa kan godinaa addaa ti kan jedhan Obbo Abbaay warri akkasii kun akka itti gaafatamoo hin taaneef karaa tokko mastar plaanii gama kaaniin Motummaa Federaalaa fi Adda bilisummaa uummata Tigraay yknTPLF dha jedhu, jedhan.Uummanni Oromoo garuu eenyu lafa isaa akka fudhate eenyu akka isa miidhee rakkise eenyu akka isa saame , eenyu jireenya isaa irraa akka isa buqqise ni beeka jedhu Obbo Abbaay Tsehayyee.
Kaayyoo mootummaan TPLF karoorfaatefi maal gochuu akka fedhu yeroo gababaa keessati ibsa bal'aan kan dhiyaatu ta'a. Akkasumaas dhimma maaster pilaani magaalaa finfinnee haqame yoo jedhamu dhimmi lubbuu ba'aa jiruuf maaltu yaadame isaa jedhus itti yaadamu qaba.

No comments:

Post a Comment