Kaayyoon Koo Inni Guddaan Oddeeffannoo kennuufi Wantoota Barnootaaf Ta'aan Maaxansuudha.
Thursday, 21 January 2016
Wednesday, 20 January 2016
"Bareedina Gurraachaafi Dubbii gamnaa nama Bira Ga'eetu Hubata" Mootummaan TPLF dhimma masteer pilaani magaalaa Finfinnee wantin beeku Tokko hin jiru jechuun wakkacha jira.
Abbaay Tsehaayyee |
Dhimmaa Masteer Pilaani Finfinnee irraatti hirmanaa tokko ilee akka hin qabne Hundeessaa TPLF fi Gorsaan mootummaan Itiyoophiyaa Obbo Abbaay Tsehaayyee himaan. Akka yaada isaatti dhimmoota masteer pilaani magaalaa Finfinnee wantiin beeku tokko ilee hin jiru jedhu. Garuu, yeroo dhimmoonni kun ka'aan faayidaa akka qabu dubaadheera jedhu. Jaallatanis jibbitaanis, maasterin pilaanin magaalaa Finfinnee hoji irra oluu qaba kan jedhu jecha koo miti jedhu. Haa ta'u malee dhimaa maaster pilaani Magaalaa Finfinnee kantibaa magaalaa finfinneefi Bulchinsaa godinaalee addaatu keessa qaba Jedhu. Maalif akka maqaa TPLF baleessaan hin beeku jedhu. Waluma galati Kana hundumaa kan balleessan, kan saaman, kan saamsisan daldaltoota muraasaa fi qaama bulchitoota Oromiyaa kan godinaa addaa ti kan jedhan Obbo Abbaay warri akkasii kun akka itti gaafatamoo hin taaneef karaa tokko mastar plaanii gama kaaniin Motummaa Federaalaa fi Adda bilisummaa uummata Tigraay yknTPLF dha jedhu, jedhan.Uummanni Oromoo garuu eenyu lafa isaa akka fudhate eenyu akka isa miidhee rakkise eenyu akka isa saame , eenyu jireenya isaa irraa akka isa buqqise ni beeka jedhu Obbo Abbaay Tsehayyee.
Kaayyoo mootummaan TPLF karoorfaatefi maal gochuu akka fedhu yeroo gababaa keessati ibsa bal'aan kan dhiyaatu ta'a. Akkasumaas dhimma maaster pilaani magaalaa finfinnee haqame yoo jedhamu dhimmi lubbuu ba'aa jiruuf maaltu yaadame isaa jedhus itti yaadamu qaba.
Kaayyoo mootummaan TPLF karoorfaatefi maal gochuu akka fedhu yeroo gababaa keessati ibsa bal'aan kan dhiyaatu ta'a. Akkasumaas dhimma maaster pilaani magaalaa finfinnee haqame yoo jedhamu dhimmi lubbuu ba'aa jiruuf maaltu yaadame isaa jedhus itti yaadamu qaba.
Tuesday, 12 January 2016
Abdii Oromiyaa: Naannoo Yunivarsitii Haramaayaatti, Humnoonni Moot...
Abdii Oromiyaa: Naannoo Yunivarsitii Haramaayaatti, Humnoonni Moot...: WASHINGTON, DC — Dura Maaster Pilaanii Finfinnee fi sababaa sanaan qonnaan-bultoonni Oromoo naannawa sanaa fi naannawa magaalaalee...
Naannoo Yunivarsitii Haramaayaatti, Humnoonni Mootummaa Qonnaan-bultootatti Dhukaasan, Jedhu Barattoonni
WASHINGTON, DC —
Dura Maaster Pilaanii Finfinnee fi sababaa sanaan qonnaan-bultoonni Oromoo naannawa sanaa fi naannawa magaalaalee ka biroo jiran buqqifamuu mormuudhaan, booda immoo, barattoonni fi Oromonni kaan sababaa hiriira kanaaf hidhaman akka hiikaman, kanneen ajjeefamamiif akka mootummaan itti gaafatama fudhatuu fi walumaa-galatti humni waraanaa fi poolisiin addaa federaalaa akka Oromiyaa keessaa bahu gaafachuun Hiriirri godinaalee Oromiyaa keessatti geggeessamu har’a illee itti fufee jira. Godinaa Hararghee Lixaa, Yunivarsitii Haromaayaa keessattii, mormiin dheengadda jalqabame, kaleessaa fi Har’a illee itti fufuu isaa fi tarkaanfii humnoonni mootummaa fudhatan, barattoonni miidhamuu dubbatu – barattoonni achi irraa dubbisne.
Akka barattoonni, gandeen qotee-bulaa Yunivarsitii Haramaayaatti dhihoo jiran, kanneen Muudee fi Tuujii Gabbisaa jedhaman keessatti humnoota mootummaa fi qonnaan-bultoota gidduutti walitti-bu’insi uumamee, qonnaan-bultoonni rasaasaan haleelamanii jiran. Galma magaalaa Haromaayaa keessa jiru tokko keessatti, barattoonni dhibba tokkoo fi afurtama caalan walitti-qabamanitti akka barcuma irra taa’anitti akka bulan maddeen keessa beekan nuuf ibsanii jiran. Barattoonni 267 immoo, ka Bulchiinsa Hararii - magaalaa Harara keessa jiru, mana-hidhaa Godinaa Haraghee lixaatti guuraman, jedhu – maddeen kun.
Har’a ganama, barattoota Yunivarsitii Haromaayaa keessatti sochii barattootaa itti fufe irratti tarkaanfii humnoonni federaalaa fudhatanii barattoonni haga ja’aa ta’an madaa’uu isaanii maddeen kun nuuf ibsanii jiran. Barattoonnii fi qonnaan-bultoonni madaa’an irra hedduun, Hospitaala Haramaayaa, magaalaa Haramaayaa keessa jirutti geessamuu isaanii fi kaan Hospitaala Hiwoota Faanaa, ka damee Yunivarsitii Haramaayaa ta’ee fi magaalaa Harar keessa jiru keessatti ka yaalamaa jiran ta’uu dubbatu.
Gama biraatiin Godina wallaggaa Bahaa aanaa Kiiramuu keessa kanneen jiran barattoonni mana barnootaa sadarkaa duraa, lammaffaa fi qophaa’inaa har’a ganama sa’a 5 irraa eegalee hiriira mormii ba’anii jiran. “Barattoonni fi kanneen biroon hidhaman nuuf haa hiikaman” jechuudhaan barattoota mormii isaanii dhageessisaa turan sana humnoonni mootummaa dhufanii bittimsuu isaanii fi barattoota hidhuu isaanii, dubbatu.
Monday, 11 January 2016
Abdii Oromiyaa: Oduu : MEDREK:Nama nagaan hiriira bahe hidhuu fi r...
Abdii Oromiyaa: Oduu : MEDREK:Nama nagaan hiriira bahe hidhuu fi r...: Oduu MEDREK:Nama nagaan hiriira bahe hidhuu fi rakkisuun qabso karaa nagaa Oromoo duubatti hin deebisu MEDREK ...
Oduu : MEDREK:Nama nagaan hiriira bahe hidhuu fi rakkisuun qabso karaa nagaa Oromoo duubatti hin deebis
Oduu
MEDREK:Nama nagaan hiriira bahe hidhuu fi rakkisuun qabso karaa nagaa Oromoo duubatti hin deebisu
MEDREK
salamoon Abaataa
12.01.2016 00:41
WASHINTON,DC—
Paartiin mormituu mormii barattoota Oromoo irratti ibsa ejjannoo qabxii shan qabu baafte.
Ibsa ejjannoo gama bulchoota isaaniitiin kenname “paartiin biyya bulchitu humnaan biyya bulchuutti jiraachuu isaanii dhoffachuuf poropogaandaa oofuun mirga waan fedhan fudhachuu fi waan fedhan jibbuu seera biyyatti keessa jiru duubati hin deebisu.”
Seerii ADWUI, “dogogoraan biyyaan bulchitu ibsa kanaatti ji’a lamaan dabaran Oromiyaatti keessatti hojjachaan ture.”
MEDREK maqaa bulchoota paartii Kongireesii Federaalistii Oromoo(KFO) seera malee hidhaman jedhanii obboo Beqqelee Garbaa,ka manaa bahuu dhowwame obboo Beqqelee Nagaa, itti aanaa barreessaa KFO obboo Dejenee xaafaa,itti gaafatamtoota Liigii daragggoota KFO Oromoo obboo Destaa Dinqaa,obboo Gurmeessaa Ayyaanoo,obboo Addisuu Bualaallaa,obboo Derejjee Margaa, obboo Alemuu Abdiisaa fi maqaa miilota isaanii hedduu maqaa dhahan.
Jara kanaa fi ummatii karaa nagaatiin mormii dhageessifate seera malee hidhamee jedha gabaasii MEDREK.
Itti aanaan itti gaafatamaa fi itti gaafmataan saqunnamiti MEDREK obboo Xilahun Indeshawu akkana jedhee rakkoo Oromiyaan keessa jirtu VOAtti hime.
“Rakkoon tun dabalaa deemuutit jirti namii hidhamulleen durii dhibba hedduu turee ammaa kuma hedduu tahutti jira rakkon tun dabalaa deemuutit jirti. Ummata karaa nagaatiin gaafi gaafate irratti mootummaan rakkoo akkanaa fiduun seera malee.Maaster pilaaniin mootummaan Finfinnee baase seera qabeessaa miti.”
MEDREK nama hiriia Oromiya irratti lubbu dhabe jedhee teessoo fi maqaa isaanii walti qabachuutti jiraa haga ammaa maqaa nama 90 tahu argate.
Saturday, 2 January 2016
Ggambia-breaking-news-isis-massacred-over-300-west-african-migrants-in-libya-on-new-years-day-gambian-migrants-account-for-the-chunk-of-those-killed/
http://www.freedomnewspaper.com/gambia-breaking-news-isis-massacred-over-300-west-african-migrants-in-libya-on-new-years-day-gambian-migrants-account-for-the-chunk-of-those-killed/
Subscribe to:
Posts (Atom)