Kaayyoon Koo Inni Guddaan Oddeeffannoo kennuufi Wantoota Barnootaaf Ta'aan Maaxansuudha.
Sunday, 4 December 2016
Komishiniin Gamta Awurooppaa Dhimma Hidhamu Dr. #Mararaa_Guddinaa Irratti Ibsa Baaseen Mootummaa Itiyoophiyaa Balalleeffate.
#OromoRevolution Komishiniin Gamtaa #Awurooppaa ibsa guyyaa har'aa baaseen tankaarfii mootummaa Itoophiyaa ummata irratti fudhataaru cimseee balaaleffate. Komishiniin Gamtaa Awurooppaa mootummaan Itoophiyaa Dr. #Mararaa_Guddinaa hidhuu isaa haalaan qeeqee jira. Akka Komishinii kanaatti, mootummaan Itoophiyaa gaafii ummataaf hidhaa fi ukkaamsaa osoo hin taane deebii quubsaa fi hatattamaati laatuu kan qabu. Hidhamuun Dr. Mararaa yaalii rakkoo biyyattiin keessa seente furuudhaafgodhamuuf gufuu guddaadha, jedha ibsi Komishinii Gamtichaa. Ibsi inni ammaa kuni isa kana dura bayaa ture hunda irra cimaa fi akeekkachisa kan uf keessaa qabuudha.
Hidhamuu Dr. Mararaatin yaaddoon guddaan isaan seenuu dubbata Komishiniin Gamtaa Awurooppaa. 'Yaaddoo keenna mootummaa Itoophiyaa biraan geenneerra', jette dubbi-himtuun Komishinichaa. 'Sa'aa kanatti Itoophiyaan kan barbaaddu mormitoota hidhuu osoo hin taane gaafii ummataaf deebii laatuudhaaf tankaarfii qabatamaa fudhachuu eegaluudha'. Labsii yeroo muddamsuun wolqabatee ukkamaasaa fi dhiittaan mirga namaa akka hin raawwanneef akkeekkachiisee ture Komishiniiin Awurooppaa. Hanga ammaatti mootummaan Itoophiyaa gorsas ta'ee akeekkachiisa Komishinii Gamtaa Awurooppaa kan dhagaye hin fakkaatu.
Komishiniin Gamtaa Awurooppaa qaama mootummaa Itoophiyaatiif gargaarsa diinagdee fi siyaasaa guddicha laatuudha. Humna qabu kanatti fayyadamuudhaan, Komishiniin kuni barbaade taanan, dhiibbaa guddaa mootummaa Itoophiyaa irraa kayuudhaan yaaliii jijjiirama bu'uraa biyyattii keessatti fiduudhaaf godhamu keessatti shoora guddaa taphachuu ni danda'a.
Thursday, 1 December 2016
Gaafif deebi Obboo Yaazoo Kabbabaa Raadiyoo Simbirtuu waliin godhe. Summiin Waraanamu isaa Ibsa kenne jira.
Dhimmi Summiin Waraanamuu Yaazoo Kabbabaa Ifa Taasifame |Simarsan
Dhimma hoogganaa Qeerroo Bilisummaa kan ture Obbo Yaazoo Kabbabaa summiin waranamuufi namoota shakkamaniin wal-qabatee yaada Yaazoo fi nam-biraa caqasaa.
Raadiyoon Simbirtuu haala kanaa gadiin haasofsiise
https://www.youtube.com/watch?v=4TtYWM3O9yY
Tuesday, 29 November 2016
Maqaa Tokkummaan Gandummaa Ijaaruun Eenyuun Bilisaa Baasuufi? Qabsoon Isaa Kaami?
Ibsa Eejjeennoo Dhunfa
Dhaabbillee Siyaasafi Ilmaan Oromoo Biyyoota Diyaaspoora Keessa Jiraanif.
Dhimmi Kutaaleen Wal Ijaaruun Dogoggoora
Naannoo fi amantaan akka wal qoodaan taassisuu fi akkasumas Oromoon sammuun isaa naannoo fi amantaan wal-qoodinsa kana keessatti kan hirmaatuu fi babalisu martu, farra qabsoo uummata Oromoo fi diinan kan waliif galeedha. Oromoon haara cunqurfamuu ilmaan isaaf garaan isaa kan gubatu, akkasumas wareegamuu ilmaan Oromoo fi gatii obbolloonni keenya, abbootiin keenya darban baasan kan yaada isaa keessaa qabu, tokko wal qoodinsa kana irratti samuun isaa boqonnaa hin qabu. Keessumatuu Oromummaan naannoodhaan wal-qoodinsa keessa hin jiru. Kuni maala mootummoonni Habaasha jarraa hedduuf ittin nu garboomsaanidha. Oromummaan dhiigani malee, Oromummaan bakkaan hin daangeffamu. Oromoon Aarsii,wallagaa Baalee, Booranaa, Harar, Shawaa, Jimmaa, Illuu waltumsee ykn gamtaadhaan mirga Oromoof falmuutu irraa eegama maalee dhaabba gandaafi qabsoo gandaa hin ijaaratu. Naannoon wal qoodinsa keessa garuu waan dhokate tokkotu jira. Keessatuu biyya ambaa keessa jiraacha yommuu wal qooduu, waanti dursi itti kennamu, lamii Oromummaa osoo hin taane, bakkatu iddoo olaanaa fudhata . Dinna baqaate ba’ee ofi dina walitti ta’aa. Ani Oromoodha, jechuun of ibsuu ni danda’a. Ani horroodha, Aarsiidha, Baaleedha, Shawaadha, Walagaa lixxaati, Haarari, walloo ……himni jedhu eenyummaa keenya hin ibsu. Namni sammuun isaa dhugumaan Oromummaatti amanu kanaan of hin ibsu. Namooni akkasitti wal qoodinsa kanatti hirkatanii Oromummaa wamachaa gandumaa leellistaan, eenyuun bilisaa baasuuf deemtu laata? Gama dhaabbaanis yoo ta’ee abbaan barbaadee dhaabba barbadee ijaarachuufi deegaru ni danda’a. Garuu, dantaa dhunfaafi gandumaa keessa ba’uun itti jira. Kanaaf, nun kan tokko nu taassisuu, Oromummaa keenya malee naannoon miti. Toftaan kanneen lammiin Oromoo hin taane itti fayyadamanis ta’ee, diinni Oromoo itti fayyadamu, akka Oromoon wal qooduuf kan gummaacha godhan carraa kanatti fayyadamuuni. Akkasumas, yeroo tokko namoota tokko tokkoo biraati Maqaa Oromoon socho’uunifi naannoo Oromiyaa himaachun kan socho’aantu jira. Isaan kun dubnii isaani Oromoo keessa isaani dinaa akka ta’aan wal namaa hin gaafachisu. Harras egaa mee Oromoo kan ta’ee martuu mee dhaabatee of haa illaalu. Tokkummaan keenya humna, Walii galteen Oromoo gidduu akka hin jiraanneef bakkaan akka wal qoodnu kanneen kana keessatti hirmaatanii fi kan kana babalisaan kaayyoo diinaa galamaan gahuu fi Oromummaa awwaaluuf kanneen qooda fudhataniidha. Namni yaada kana keessa jirus haaraa illaalcha isaa haa sirreeffatu. Kanaaf isa kana irratti damaqnee tokkummaa keenya haa ijaaru. Wallaalaa keenya haa gorfannuu, warra illaalcha akkasii qaban jijjiirama akka fidaniif haa barsifnu.
Dhumaarraatti namoota Oromoo ta’aanii dantaa dhunfaaf jechaa Uumataa addaan facaasanif mirgaa uummataa keenya dhibaanif waamichi nuti goonu yaada isaani jijjiirachuun of akka ilaalanifi mirgaa uummata isaani akka kabajichisaanidha. Kana, malees, beektootni ilmaan Oromoos dhimma qoodinsa naannoofi dantaa keessa harkaa fudhaadha addarra uummataaf hojedha.
Galatooma!!
abdiko398@gmail.com

Friday, 18 November 2016
Ilmaan Oromoo Hundumtuu Lammii Keenyaa Du'aa Olchinu! Lammituu Lammif Dhigaa!!!
WAAMICHA OROMUMMAA
Namoonni armaan gaditti maqaan isaanii tarreeffamee jiran kunneen Oromoota yeroo ammaa kanatti gammoojjii Liibiyaa keessatti namoota qaama namaa ciranii gurguraniin qabamanii yeroo ammaa kanatti du'aafii jireenya gedduu jiru. Oromoonni kunneen tokkoon tokkoon isaanii maallaqa USD,$5500, kan gaafataman yoo ta'u namoonni kun waan kana kanfaluuf humnallee kan hin qabne ta';uu irraa kan ka'e warri isaan ukkamsanii jiran kun gara qaama isaanii ciranii gurgurachuutti deemaa jiru.
Kanarraa kan ka'e waamicha Oromoota addunyaalessa guutuu,kominiitiilee (dhaabbilee hawaasummaa) biyyoota addunyaa garaagaraa keessan jiran mara nu qaqqabaa jechuun waamicha deeggarsaa dhiyeeffachaa jiru.jalqabarra namoota 16 yoo ta'an lama kanfalanii bahuun 14 hafanii jiru.waan kana miidiyaaleen addunyaa marti dabarsaa jira.
Kanaaf qaamni namoota kana gargaaruu dandeessaniifi fedhii qabdan koree gargaarsa kanaaf biyya Masrii keessatti dhaabbate :
1. Obbo Yaazoo Kabbabaa Hordofaa(Qindeessaa kominiitii
CBTOBM/UORA) +201126784551
2. Obbo Abdoo Mahaammad (Qindeessaa kominitii
WBOBM/OSRA) +201117736848
3. Obbo Nasrallaa Abduu (+201156887433)
4. Obbo Hassan Huseen (+201145599188)
5. Obbo Gammachuu Bantii (+201115526948)
quunnamuu dandeechu.
Ulfaadhaa!

1.Birhane Bach ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
2.Jibril Hussein ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
3.Mujahid Ali ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
4.Mussa Halkano ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
5.Hussen Nagawo ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
6. Harun Kedir ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
7. Mohammed Mustefa ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
8. Ahmed Abdella (Baalee Annaa Gaasaraa)
9.Tajudin Adama (Baalee Annaa Gaasaraa)
10.Yusuf Tamam (Baalee Annaa Gaasaraa)
11.Abdureshid Usman (Baalee Annaa Gaasaraa)
12.Yunus Usmael (Baalee Annaa Gaasaraa)
13.Mahammed Abdirri (Baalee Annaa Gaasaraa)
14.Miftah Abdulkadir (Baalee Annaa Gaasaraa)

Saturday, 5 November 2016
Seenaa Sochii Barattoota Oromoo Kan Bara Wayyaanee Keessatti Yeroo Duraaf Fincilli Sadarkaa Biyyattii fi Alatti Dhagahamuu Danda'e Kan Eegale Yoom Irraati?
Seenaasochii barattoota Oromoo kan bara Wayyaanee keessatti yeroo duraaf fincilli sadarkaa biyyattii fi alatti dhagahamuu danda'e kan eegale yoom irraa ti?
Boruu Barraaqaa

1) Bara 2000 - Wayta san barattoonni yuniversiitii ibidda bosona Baalee, Booranaa, Harargee fi bakkoota birootti qabsiifame dhaamsina jedhanii bobba'uuf gaafannaan yoo mootummaan dhoorku fincila guutuu Oromiyaa geggeessan.
2) Bara 2001 - Barataa Oromoo Yunivesiitii Maqaleetti ajjeefame tokkoon wal qabatee finicilli jabaan Yuniversiitii Finfinneetti dhalate. Barattoota Oromoo qofa osoo hin taane hundumatu fincile. Wayyaaneen wayta kana barattoota 41? ajjeefte. Fincilli sun guutuu Oromiyaatti babal'ate. Ani illee akka mataa kootti fincila san qindeessuudhaan yakkamee ji'a Bitootessaa keessa qabamee baatii 5 hidhamee biyyaa bahuu koofuu sanitu sababa tahe.
3) Bara 2002 - Barataan Oromoo tokko (yuniversitii kamitti akka tahe dagadheera) ajjeefamuu hordofee Oromiyaa mara keessati fincilli torbaanotaaf lafa raase barattootaan geggeeffame.
4) Bara 2004 - Magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamaa dabarsuu irratti fincila hanga yeroo sanitti morkataa hin qabnetu guutuu Oromiyaa keessatti torbaanotaaf deeme. Qoodni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa wayta kanatti akkaan olaanaa ture.
5. Bara 2005 - Filmaata barasii booda hudha wal qabuu Wayyaanee fi CUDtiin wal qabatee sagaleen qabsoo Oromoo biyyattii keessatti dagatamuu irraa ABOdhaan labsame. Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) jedhamee moggaafamee Sadaasa 9, 2005 labsame. Fincilli kun irra guddaatti laguu gabaatiin hojii irra oolaa ture. Akka waan fincilli diddaa Oromoo bara 2005 eegaletti warri kaasuu barbaaddan dhugaa kana akka of duuba deebitanii yaadattaniifi.
Finciloota barattoota Oromoo kan kaleessaa hanga har'aa hundumaa keessatti lubbuun gootota keenyaa ni yaadatamu.
Seenaa sochii barattoota Oromoo kan bara Wayyaanee keessatti yeroo duraaf fincilli sadarkaa biyyattii fi alatti dhagahamuu danda'e kan eegale yoom irraa ti?

Monday, 3 October 2016
Uummaatni Oromoo Mirga Abbaa Biyyumma Isaa Mirkanneeffachuuf Maal Gochu Qabaa?
Suurra Warreegamtoota 02/10/2016 Bushooftu |
Uummatni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachuu kan danda'uu kana booda tarkanfi dudeebii hin qabnee dinna irratti fudhachu qaba.
Jalqaba irratti tarkaanfiin fudhatamu qabu jalaa deemtu mootumma waayyaanee kan taate Dhaabba OPDO ummataa Oromoon bakka bu'ee ofiin jettu kana Oromiyaa keessa dhabamsisuudha. Akkuma Oromoon " mormii mata abbaa hin baane citee haa baduu" jedhamu kana booda OPDO obsa ummataa keenya fixaachiste jirti hundeen buqa'u qabdi.
Tarkaanfiin lammaaffaan Uummanni keenya tokkummaan fudhachu qabu gara hidhaannooti seenuun mootummaa faashisti waayyaannee ofi irra fonqolchuudha. Kunis waan qabaanin dinna dura dhabachuudha malee harkaa duwwaan kara nagaan sagalee ofi dhageessiffachuun erga du'a ta'e waan qabaanin itti duludhaan tarkanfi irratti fudhachuudha.
Uummaanni keenya hubachuu kan qabu kaayyoon waayyaanee inni guddaan uummata Oromoo xiqqeessuufi lafarra dhabamsisuun dachee Oromiyaa dhaalu akka ta'e gadi fageenyan hubaachuu nurra jira. Kun immoo gonkuma akka hin danda'aamnee waan argaanif yeroo gababaa keessatti balleessani gara Tigraayiti galuuf akka murteeffataan dhokataa miti.
Injiffannoon Kan Uummata Oromooti
Tuesday, 23 August 2016
Abdii Oromiyaa: Atileet Faayyisaa Leellisa Qabeenyaan Duromee Garb...
Abdii Oromiyaa: Atileet Faayyisaa Leellisa Qabeenyaan Duromee Garb...: Atileet Faayyiisaan Fakkeenya Nuuf Haa Ta'u Dhaloota Keenyaaf Warrii abbaa gara samaanni duroomani quufu dadhaabani. Atileeti gootich...
Atileet Faayyisaa Leellisa Qabeenyaan Duromee Garbummaan Jirachuu Irra Saba Koo Waliin Qabsa'e Bilisummaa Gonfachuu Filate. Mootummaa Itiyoophiyaaf Salphina Uummata Oromoof Jabina Qabsooti.
Atileet Faayyiisaan Fakkeenya Nuuf Haa Ta'u Dhaloota Keenyaaf
Warrii abbaa gara samaanni duroomani quufu dadhaabani. Atileeti gootichi Faayyisaan garuu, hojjate argate lammiidhaaf quqamee. Namnii kammiyyuu akka dhunfaati jireenya gaarii jirachuu ni danda'aa. Haa ta'u malee eenyuutu saba isaaf jedhe qabeenya isaaf maati isaa direetti dhisee quqamaa isaa ibsataa? Atileeti Faayisaan hundumaan fakkeenya dhaloota keenyaf waan ta'eef gudda galateefana.

Saturday, 20 August 2016
Hiriraa Gudda Godinaa Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu magaalaa Goojjoo Milkiin rawwaate
Hanga gaafa jimaataatti hundumtuu qophaa’aa ture. Kan alaabaa hojjatatu, kan dhaadannoo qopheeffatu, hundumtuu qoqophaa’era. Jimaata galgalaa jalqabanii Ummata Shukuee akka inni manaa hin baane mana manarra loltuu dhaabani. Ulaa ulaa hundumaa cuccufani. Hin bari’u ni bari’e. gafaa sanbataas akkatti walitti dhufu dhabe. Uummatni Jalduu marti qophaa’era. Jaldu qofaa miti Oromiyaa guutuurratti kan hin qophoofne hin jiru. Ummatni sagaleesaa dhageessisuuf yoo qophaa’u, Wayyaanenimmoo fashaleessuuf kuftee ka’aa jirti. Ofii diinni yoom ciisee bula. Danqaraa danqaruuf of qoqopheessaa male. Shukutee sochii dhorkani. Akka manaa gadi hin baane meeshaa waraanaan danqani. Akka hin gurmoofne godhan. Abbaan of hin arguu sareen gurra fixe yeroo jedhanii uummanni biraa bokkaa caamuu didee nyakkisu keessa gara goojjootti imale. Guyyaansaa guyyaa gabaa ta’us kan gabaaf kaatu hin jiru.
Ummatni walsassaabaa wal sassaabaa gara goojjoo yeroo deemuu wayyaaneen ergamtootashiitiin daandilee cuccufteetti. Hundumtuu kan gabaa deemu of fakkeessaa bira darba. Yoo gara magaalaa goojjotti dhiyaatanii kan alaabaa qabu alaabaasaa gadi luqifate. Alaabaa waggaa 25 guutuu laphee namaa keessa mirmirfamaa baatee fulduratti baatee mirmirfamnu dhorkamte. Hundumtuu alaabaa kana handhuura Oromiyaa Finfinneerratti mirmirsiisuuf hawwa. Qeerroon finfinnes gaafa sanbataa kanuma godhe. Kan dhaadannoolee qabu dhaadannoosaa baafate. Kanarra maalan sitti hima hundumtuu dhaadanoo isaa dhageessisaa karaa hoteela cobii karaa waajira imaaxaa gara maargajaatti ol qajeele.
Osoo hin bari’iin Goodaa maargajaa loltoonni wayyaanee fi Poolisiin Oromiyaa qabataniiru. Uummatni magaalaa Goojjoo goodaa abyootiitti wal arguu hin dandeenye. Yeroo namni lamaa sadi walitti qabame loltoonni dhufaniit hari’uun. Ijoolleen tooftaa uummatan. Bittinaniit walitti sassaabaman. Ulaawwan gara magaalaa nama galchan hundumtuu loltoota wayyaaneetiin cuccufamaniiru. Hin turra male hin urra akka jedhe boombiin ijoolleenis dhaadannoosaanii, alaabaa saanii iyyaannoo isaanii mara qabatanii humna oratanii tokkummaan cabsanii magaalaa goojjootti qajeeluuf karaa gabaa duriitti wal-ga’an. Humna tokkoome kan cabsu hin jiru. Loltoonni wayyaanee tokkummaa isaanii barraan ijoollee jalaa sokkani. Karaa sangaataraa keessa goranii karaa safara guraagee gara maargajaatti ol qajeelani. Gareen karaa koluu dhufes karaa baankii daldala xoophiyaa sana goree gara maargajaatti ol qajeele. Gareen lachanuu yeroo maargajaa ga’ani loltoonni wayyaanee Maargajaarra akka tuuta goondaa guutaniiru. Ijoolleen dhadannoo isaanii dhageessisaa alaabaa isaanii mirmirsiisaa gara cillaanqootti imalani. Garee cillaanqoon erga wal arganii booda gadi garagaranii gara magaalaatti gadi deebi’ani dhaadatani. Akka leencaa baroodanii hundumtu nagaan gale. Dhaadannoolee gaafas dhageessifamaa ture keessa tokko
OPDOn
bakka nu hin buutu
Dhaabni maxxantuu
Bakka nu hin buuti

Viidiyoon kun dhaadannoolee ijoolleen dhageessiste keessaa isa tokko!!!
Hiriyootnikoo hedduun erga gaafa sanbataatii isaan him agarre. Gamisni bakkabuteen isaanii dhabameera. Gamisni harka diinaa jiru. Yaadaa diinni hiriyoittankoo no kunuunsiti jedhe yaaduu baadhuus kiyya qabsoon duuwwatti him deebitu. Ijoollee Jalduu
Haqa qabna Ni injifanna!!!!
Haqa qabna Ni injifanna!!!!
Friday, 19 August 2016
Magaarsaa Dirribsaa Mootummaa Waayyaanneen Ukamsamee Iddoo Buuten Dhabame

August 15 2016 , Written by Raabbiirraa Oromiyaa
Published on #Iyaaffannoo
Dargaggoon magaarsaa godinaa shawaa lixaa Aanaa Jalduu Gandaa Koluu keessaatti dhalate. Dargaggoon kun namaa eenyumaa isaaf falmuufi quqqama lammii isaati qabuudha. Barnoota isaa ergaa xumuree bankii Awaash Inteernatiol finfinnee damee Shoolati hojechaa kan turedha. Hiriraa fincilaa didaa xumuraa garbumaa irratti argamuun sagalee isaa jiraattoota Oromoo magaalaa Finfinnee waliin naannoo Istaadiyoomiti argame hirmacha. Mootummaan waayyaannees humna warranna qabuun naoota hedduu ajjeessisuufi ukamsaa kan tureedha. Dargaggoon kunis, erga guyya sanaa bakka itti hidhamee maatifi hirriyyoonni isaa waan dhabaanif namoonni argitaan akka nuuf himtaanif nuf barbaadan jedhu.
Namoonni argitaan fulaa
Facebook kana irratti akka nuuf ibsitaan
Email: abdiko398@gmail.com nuuf barreessuun himu dandeessuu

Friday, 13 May 2016
Saturday, 23 April 2016
Beekaan Guluma : Waaqa Uumaa Hundumaa
WAAQA UUMAA HUNDUMAA
Waaqa uumaa hundumaa
–
–
Isa hundaa dadeessuu
Sagalee keenya ol fuunee iyyina
Maalif nun dhageessuu?
Akka safeefadhee maatiikoorraa bareettoo
Garaamiidha sin jedhu Hamaa hin jaallattu atoo!
Humnikees guddaadha kan si gitu hin jiruu
hin uumamnee Ogumnikees guddaadha
qoratamee bira hin gaayamnee
Araaraa jaallatta qajeellummaa
Nagaas namaaf laatta Biliissummaa
Aboon martuu sirrka jiraa Hiree mara
situ hiraa Ifaaf dukkanni aangookeetin dabaree
waliif laatu Sababa arjjummaakeetiif namuu kan qotatee
naatu Kunoo nutis waaqa tahuukee
hundumaa caalaayyuu beekna bareechinee
Maarree yaa waaqayyoo yeroo kichuun ilmaan Oromoo cutu
waan addaa maaluma balleessinee?
Nutoo nii beekna humna guddaa qabdaa
Maarree yaa uumaakoo utuu sitti amannu
akkamiin dhugaan keenya badaa?
Utuu iyyinee sitti boonyuu yaa waaqyyoo
Maalif nu jechisiifta wayyoo?
Ilaa ammas abdi hin mirannuu sitti boonya
nutii Maaloo yaa waaqayyoo hirdhuu qaawwa keenyaa
atumti nuu guuti Pilaani afaan keenya ajjeesee
Nuunis dachee keenyarraa nu fageessuu
Duguuggaa Sanyii nurratti geggeessee
Humna badii hedhee maqaa nu moggaasu
Abbaa qawwee abbaa rasaasaa
Situ danda’aa situ nurraa kaasaa
Barataa daa’ima beekumssa dharrahee
barnootaaf imaluu Gufuu itti ta’anii
Abdiisaa cuqqaalu Maaloo yaa waaq
atumti nuuf dhimmii Qoricha nuuf tahii
nutti ciri silmii Fira ergama ormaatiif kufee kahuu
Maaloo of barsiisi maaddii ormaa dhiitee haa bahuu.
–
@Lalisaa Indiris Adam -dhidhiibba@gmail.com
Subscribe to:
Posts (Atom)