Friday, 30 October 2015

Tokkummaa Farsuufi Hawuun Qofti Bilisummaa Fiduu hin danda'u.


TOKKUUMMAA HAWUUN QOFTII BILISUMMAA FIDUU HIN DANDA’UU.

 1975085_684316171610350_1206316349_n
Tokkummaan jabina, humna, qabeenya wali galteedha jaalallaaf riqicha. Kallattii ittiin tokkummaan dhufufi tokkoo tahuun bilisummaan dhufaa malee hawiin fidu hin danda’uu.Kanaaf iddoo jiruutii tokkummaa uummuun dinoota keenyaafi dinoota saba keenyaa fulduurraa dhabbaachuu qabnaa.”Mari’chuun gowwumma miti” Yeroo amma kanaa biyya keenya keessatti dhiraafi dhalaan osoo wal hin qoodin tokkummaan waliin socho’aa jira. Haa ta’u maalee biyyoota alaa keessatti iddoo tokko tokkootti tokkummaan hin mul’aatu. Kun immoo dinaaf karaa saquun isaa namaa hin shakkisisuu. Osoo uummaannii keessafi alaa iddoo jiruuti tokkummaa qabaate dinaa hin qabnu ture. sababii tokkummaa hin qabneef dini ilmaan Oromoo giddu galee akka wal hin hubannee godha. Kanaaf namnii afaan tokko dubbaatu sabaan tokko ta’ee maalif tokko hin taanee? Gaaffi kana eenyumti keenya iyyuu of gaafachu qabnaa deebiisaas namaaf osoo hin ta’iin ofummaaf ofi deebisunun nurraa jira
                                                                                  BY: Raabbiirraa

Wednesday, 28 October 2015

‘Kan Nageenya Didee Humna Waraanaa fi Qawwee Filate Motummaa dha’ Jedhu Dura-taa’aan ABO

‘Kan Nageenya Didee Humna Waraanaa fi Qawwee Filate Motummaa dha’ Jedhu Dura-taa’aan ABO





                  
Muummichi-ministaraa Itiiyoophiyaa Obbo Hayile-maariyaam Desaaleyi, Wixata, Onkoloolessa 27 Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaatti gaaffiilee miseensota irraa dhihaataniif dhaabota mormitootaa “humnaan mootummaa gargalchuuf hojjetaa jiru” jedhan ilaalchisee ennaa dubbatan, “qabsoo hidhannootiin mootummaa garagalchuu yaaluun, waan faayidaa qabu miti” jechuun, gara karaa nagaatti deebi’an gaafachuun isaanii ni yaadatama. Dhaabota Obbo Haiyle Mariyaam maqaa dhahan keessaa tokko Adda Bilisummaa Oromoo yoo tahu, dhaabonni akkanaa qabsoo uummatni fi mootummaan waliin geggeesseen dadhabsiifamanii jiran.
Kanaaf ka deebii kennan dura-taa’aan Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa, “dhaabni keenyaa fi dhaabonni mormitootaa qabsoo hidhannoo geggeessan ka biroon, kanneen waggaa digdamii shan dura ennaa paartiin Itiyoophiyaa amma taayitaa dhuunfatee jiru gara aangootti dhufu mootummaa cehumsaatti waliin hirmaachuudhaan, fala karaa nagaa barbaachaa turan. Garuu, mootummichi karaa nagaa itti cufuudhaan waraanaa fi qawweedhaan waan itti bobba’eef jecha, qabsoo hidhannootti deebi’uuf dirqaman,” jedhan. Mariin nageenyaa dhugaan gareelee Itiyoophiyaa keessaa mara hirmaachisee fi mirga uummatootaa wal-qixa eegsisuutti fuuleffate ka geggeessamu taanaan dhaabni isaanii akka filannoo duraatti kan qooda fudhatu ta’uu dubbatan.
“Ka dhiheenya kana dhaabota ka biroo afur waliin hundeessine Tumsi Uummatoota ka Bilisummaa fi Dimookiraasiif jedhames, waamicha nagaa dhiheessee jira. Mootummaan kana ifatti simachuu qaba” jedhu.
Addi Bilisummaa Oromoo, Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogandenii fi dhaabonni hidhannoon mooutmmaa gargalchuuf hojjetan dadhabsiifaman, jechuun ka Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa dubbatanis, “dhugaa haaluun amala aangawoota mootummaa Itidyoophiyaa ti” jedhan.

Tuesday, 27 October 2015

Itiyoophiyaa Keessaatti Garee IS tti Makamuuf Yaalan jechuun himatamaan.

Lammiiwwan Itiyoophiyaa 20n garee 'IS’tti makamuuf yaalaniiru jedhaman himataman

Lammiiwwan Itiyoophiyaa 20n garee 'IS’tti makamuuf yaalaniiru jedhaman himataman
Finfinnee Onkololeessa 16,2008(FBC) Abbaan alangee Federaalaa dhaabbata shoroorkeessaa idila Addunyaa  garee ‘IS’(mootummaa Islaamaummaa) jedhuun of waamutti makamuuf wayita socha’an argeeraani kan jedheen lammaaiiwwn Itiyoophiyaa 20 irratti  himannaa yakka shoroorkeessitummaa dhiyeesse.
Namoonni 20n galmee Abdulawahib Abdallaafa’iin  himataman kunniin tokkoon tokkoon isaanii barsiisa kaawaarijaa jechuun sochii amantaa taasisaa turan jedheera himannaam dhiyaate.
Gochi shoroorkeessitummaa isaanii dhabama mallaqaatiin akka jalaa hin gufanneef naannawa Jimmaatti konkolaataa dhaabbsisuudhaan konkolaachisaa ajjeesuun maallaqaafi qabeenya saamuun galii akka argatanis himannaan abbaa alangee mul’iseera.
Himatamtoonni kun-
1.Abdulwahib Abadallaa
2.Naasir Dagguu
3.Redwaan Taa’ii
4.Sheek Indiriis Hasan
5.Abduu Mahammad
6.Zaayid Naasir
7. Niizaamuu sheek Abdulkariim
8.Ahimad Abdulahamiid
9.Tamaam Makonnin
10.Eeliyaas Yaasiin
11.Hamdee Yimaam
12.Shariif Baluudee
13.Indiriis Mahaammad
14.Hasan Huseen
15.Asiraar Hasan
16.Sheek Miiftaah Abbaa Raayyaa
17.Sheek Mahammad Abbaa warquu
18.Sheek Mahaammad Saalaah
19.Mahaammad Indiriisfi
20.Sa’iid Alii jedhamuudhaan beekamu.
Himatamtoonni kun jiraattoota Finfinnee kutaa magaalaa kolfee qaraanyoo,Jimma,Wallagga,Shawaa roobiit Kamisee,Sanbateefi magaalaa Jijjigaa akka ta’e eerameera.
Abbaan alangee himatamtoota hundumaa yakka shoroorkeessitummaa hoogganiiniru,karoorfataniiru,deeggaraniiru jechuun seera farra shoroorkaa keewwata 3(1),3(2)fi keewwata 4 akkasumas 7(1) wabeefafchuun himateen.
Himatamtoionni kun Itiyoophiyaatti mootummaa Islaamummaa hundeessuuf sochii gara garaa akka taasisanis himannaan abbaa alangee mul’iseera.
Barsiisa Kaawaarijaa isaan hordofaniin ala barsifanni amantaa kamiyyuu Itiyoophiyaa keessa jiraachuu hin qabu jechuun fagoo deemaniiru kan jedhe himannaan kun kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf ammoo Magaala Finfinnee teessoo gareee shoroorkeessaa taasisanii fayyadamuun Naannoo Oromiyaa Kibba,Amaaraa Sumaaleefi Naannolee biroottis caasaa shoroorkeessitummaa akka diriirfatan mul’iseeraa.
Mootummaa qabsoo hidhannootiin jigsuuf murteessuudhaan meeshaalee waraanaa bituun,iddoo leenjii filuun,kaayyoo kana galmaan ga’uufis adeemsa madda maallaqaa barbaaduurra akka turanis galmee himannaatiin eermeera.
Kaayyoon keenya dhaabbilee shoroorkieessitoota idila Addunya akka ta’an kan himamuuf al-Shabaabiifi IS wajjin tokkodha,waliin hojjechuu qabna jechuun akka socho’anis himameera.Himatmaan 1ffaan Abdulwahid Abdallaa amma yeroof kan hin qabamne hoogganaa garee shoroorkeessaa Jilaaloo Abdallaa bara 1999 miseesnsummaadhaan akka foo’ate himannaa dhiyaate kanaan eerameera.
Himatamaan kun bara 1999 hanga bara 2007 Magalaa Finfinnee kutaa magaalaa kolfee qaraaniyoo mana jireenyaa isaa naannawa loomii jedhamutti argamutti miseensoota garee shororkaa walitti qabuudhaan akka mari’achaa ture himannaa kanaan mul’ifameera.Abbaan alangee kanneeniifi gochawwan yakkaa kanneen biroos eeruudhaan himannaawwan sadi dhaddacha yakka 19ffaa mana murtee ol’aanaa Federaalaatti dhiyeesseera.
Himatamtoonni dhaddachicha duratti dhiyaachuun eenyummaan isaanii kan mirknaa’e yammuu ta’u turjumaana qopheessuun himannaa dubbisuuf Onkololeessa 18 bara 2008tti beellamameera.Xilaahuun Kaasaatu gabaase.

Sunday, 25 October 2015

Dhaabni OPDO Uumaata Oromoof Qabsa'ee moo Uumaata Oromoo Irraattii Qabsa'ee?


Jireenyi OPDO waayyannee umurii dheeresse

                             
Dhaabbaanni OPDO jedhamu Uummata oromoof bakka bu’een hojjedhaa kan jedhu maqaaf malee lubbuu hin qabu. Kana immoo uummatnii Oromoo ragaadha. Maqaa uummataan jiraacha uummataa Oromoofi lafa Oromoo waayyanneeti dabarsee gurguraachuun ofi garboomee Uummata oromoo garboomsuuf hojechaa jiraachuun isaa wal nama hin gaafachisu. Haa tahuu malee dhigaa barattoota Oromoo beektoota fi uummata Oromootif itti gaafatamummaa jala kan hin baanefi seenan kan isaa hin daganeedha. Biyya keenya keessati heerifi seeri jiru waraqaarra malee hojjiin kan hin jireedha. Waayyannees ta’ee OPDOn ofi tufaani ofumaa kan arabaan! kana jechuun seerrii isaan baasani addunyaatti of beeksisaanif kan isaan ittin hojettaan wal hin argu. Garuu, uummaanni keenya hanga yoomitti gowwoonfama? Maalif sobamaa? Bu’aa xiqqoon uummaanni keenya maalif midhamaa? Keessuma hojettootni OPDO Oromoo ta’aan maal ofiin jedhuu? Akkamitti of hubatuu? Kana of gaafachuun dirqamaa lamummaa isaani ba’uu qabu. Akka fakkeenyati yoo fudhaane dandiin uummataaf kan hojjettamuu yeroo filannoon ji’oota muraasati galtee? Ibsaan, bishaan dhugaati kan kana fakkaataan filannoo yeroo filannoo qofaa? Kan namaa dhibuu mootummaan Itoophiyaa jecha da’immaa dubbatee. Anii “Dandiin Finfinnee gara wallagaa namaa geessuu tokko tahuufi magaalaa Amboo keessatti dandiin dhiphaa akkasi jiraachuun isaa anaafu haaraadha” jedhee. Hin fakkaataree? kun moo wal gowwomsudhaa? Kan kaleessa hin yaadamiin buufata xayyaara isiinif ijaara jedhee dhagaa ka’uun hoo? Akka kootis ta’ee dhugaan addunyaa kanarra jiru dheerina umuriifi sammichaa qabeenya uummaata oromoof kan kaayyeeffate fakkaata. Kanarraatti olaantuma gudda kan qabu ummata keenya. Uumurii waayyannee gabaabsuuf yeroo isa amma.
OPDO dhaabbaa ilmaan oromoof dhaabbatee osoo hin ta’iin dhaabbata ilmaan Oromoo gurguruf kaayyeeffatedha. Haaraa guyya gara guyyaati ilmaan Oromoo mootumma abbaa hireetin hidhama, ajeefamafi reebama jiru. OPDOn erga uummataf dhaabbate maal eega jira? Maqaaf malee dubbachu danda’aa? Kan uummataa miti ofi isaanif dhimaa mirga isaani dubbachuu danda’uu? Erga hawaasa kana bulchuufi gaggeessu hin dandeenyee maalif waayyannee umurii dheeressu?
Dhimmoota kanaan wal qabatee yaadoota heddu kaasun hin danda’aama. Garuu, haaraa maaltu beektoota, barattootafi ummata keenyarra egamaa?
A) Beektoota ilmaan oromootif : Beektootni ilmaan oromoo ummata oromoof ijaadha yoo hawaasa keessanif quqamtaanif. Boruu seenan isiin gaafata yoo osoo beektani, argitaani lammiin keessan osoo mirgaasaf falmaatu hidhamu, ajeeffamufi biyyarra baqatee bineensaan nyaatamu. Kanaaf ogummaa qabdaanif waan gochuu dandeessanif ummata keessanif kallaatidhanis haa ta’u al kallattidhaan gargaraa. Ummaanni keenya human qabeenya qaba qindeessuun gahee keessan akka ta’ee beeka.
B) Barattoota Oromoof: Barattootni Oromoo abdii uummata Oromooti. Boruu biyyittin amma bilisummaa dhabdee akka bishaan gachaana raafamtu kun isiintu bulchaa. Akka haaraa dhitama ajeefamafi hidhaama jirtaan osoo hin taane aduun bilisummaa hin baati. Kun immoo yeroon ishee dhihoodha. Yeroo ishee gabaabsuuf immoo tokkummaan barattoota oromoo murteessadha. Kanaaf lafa jirtaanniti, hawaasa keessaan gorsuufi cimsuun akka eenyumma isaanitti boonan gochuun gahee keessani. Akkasumaas, isaa rafee damaqsa.
C) Uummata Oromoof: yoo qabeenya keenyati gargaraamne abbaan hangoo hawaasa. Kanaa jechuun abbaa barbaadee filachuu kan isaaf hin taane fonqolchuuf mirga guutu qabu. Tolaanis, lolaan of buusuf olaantummaan kan uummataati. Uummanni keenya waan xiqqoof gowwoomfamu hin qabnu. Xiqqoof jenne gudda hin baalleessinu itti yaadu qabna. Uummata keenya keessa oromoon lama tahuun isaa yommiiyyu hin dagataamu. Maalif yoo jettaan tokko abbaa garaa inni biro abbaa sabaati. Ati kam akka taatee situ beeka. Keessumma warrii ergamtoota waayyaannee taatani saba keenya baasasuufi gurguruu, ajeessuu irratti argamtaan abba garaa ta’uu keessan nama hin shakkisisu. Kanaaf kabajoomtootni uummatni keenya dhimma isaaf ta’uu irratti xiyyeeffannoo kennu qaba. Yeroo filannoo qofa sobamuu hin qabu. Dhagaa ka’uun biqiltuu dhabuu miti. Dhagaatu dhagaa dhabaa! guddina kan hin fene.
Waluma galati filannoo bara kana uummaanni keenya eenyuu akka filaatu ni beeka. Yoo sagaleen isaa hatamees addunyaaf ibsu qaba. Ga’e keenya ba’uun mirga keenya kabaachifachuun nurra eegama.
                                       
                                             Bonsaa Caalchisa
                    Email: abdiko398@gmail.com

Friday, 16 October 2015

Turkiin Xiyyuura(DRONE) Abbaa Hin Beenne, Seera Malee Biyya Seene Jette Dhooftee Buufte.

Turkiin Xiyyara(DRONE) Abbaa Hin Beenne, Seera Malee Biyya Seene Jette Dhooftee Buufte.


A Turkish Air Force fighter plane flies over the Incirlik Air Base, in Adana, southern Turkey(FILE)
Akka gabaasa Turkiitti xiyyarii kun marsa sadii hajaja ‘of eegadhuu’ xiyyara Turkii irraa fudhachuu dideef dhahaanii buusan. Xiyyarii hajaja kompuuteraatiin deemu paayleettiin keessa hin jirre kun daarii Tukrii Siiriyaatti dhiyaattu keessatti dhahanii buusan. Bulchoota Amerikaa keessaa tokkoo xiyyarii kun  kan Raashiyaa, (DRONE) jedhan.
Raashiyaan ammoo dharaa  dhugaa dubbii Kanaa hin mirkansine.Turkiin asiin duraati illee jeeti fi helekopeterii Siiriyaa seera malee daarii keenya seenan jettee dhooftee bubuufte. Turkii fi Raashiyaa lola Siiriyaa irratti wal dhabuutti jiran.Turkiin milishoota ISIS Siiriyaa keessatti hadhuutti jirtii,Raashiyaan ammoo mootummaa perzdaantii Siiriyaa Bashaar Al-Asaad gargaarti. 

Thursday, 15 October 2015

Uummanni Oromoo dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee irratti bahee akka mari’atuuf KFO’n Waamicha dabarse.

Uummanni Oromoo dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee irratti bahee akka mari’atuuf KFO’n Waamicha dabarse.


Qophiilee Ebla 9, 2014

Uummanni Oromoo dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee irratti bahee akka mari’atuuf KFO’n Waamicha dabarse.

OMN:Oduu Onk 14,2015 Paartiin Kongiressii Federaalistii Oromoo Dilbata dhufu dhimma Master pilaanii Finfinnee irratti marii Uummataa gaggeessuuf akka jiru dura taa’aan paartii kanaa Dr. Maraa Guddinaa OMN tti himan.
Paartiin Kongiressii Federaalistii Oromoo dhimma saamicha lafaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru fi Labsii Magaalota Oromiyaa jechuun Caffeen Oromiyaa baase irratti Ummata Mariisuuf sanbata guddaa dhufu waajjira isaanii Magaalaa Finfinnee Nannoo 6 kiiloo jirutti akka waame Hoogannaan paarichaa Dr Mararaa Guddinaa himan.
Dhimma Magaalota Oromiyaa ilaalchisuun labsiin caffeen jerjertiidhaan baase erga biraa akka qabu kan himan Dr Mararaan ummanni kana ciminaan akka hordofuu qabu himaniiru.
Caffeen Oromiyaa guyyaadhuma jalqabaatiin murtii mormii guddaa qabu fi ummata Oromoon mormame murteessuun saaminsaa lafaaf karaa akka saaqe Doktor Mararaa Guddinaa himaniiru.
Miseensota caffichaa haaraa Caffee seenaniif dhimmi kun utuu mariif hin dhihaatin murtiin akka darbuuf ajajani akka itti kennamee ture fi manneen hedduun seeraan ala jedhamnii akka diigaman kan godhamaa jiru qaama tarkaanfii haara fudhatamaa jiruu akka ta’e illee himaniiru.
Caffeen Oromiyaa bara hojii isa xumuruun deeme dhimma Master Pilaanii murteessuu hin dandeenye sababni isa immoo mormii bal’aa ummata irra ka’eef deebii kennuu waan dadhabaniif akka turee fi amma yeroo eegatanii warri utuu ummanni hin filatin filataman murteessaniiru jedhu.
Murtiin amma lafa Oromiyaa irratti kennamaa jiruAdeemsa sirna gita bitta nafxanyaa wagga 100 oliif humnaan lafa Oromoo saama turtu maqaa Misoomaa fi Investmentii jedhu jijjiratee hojii irra oola jiras jedhaniiru.

Tuesday, 13 October 2015

Biyyoonni miseensa gamtaa Awrooppaa baqattoota kuma 160tti tilmaaman qubsiisuuf walii galan.

Biyyoonni miseensa gamtaa Awrooppaa baqattoota kuma 160tti tilmaaman qubsiisuuf walii galan.

              
Biyyoonni Awrooppaa andaara galaana Mediteranian jiran keessumaa Xaaliyaanii fi Girikiin erga waraana addunyaa lammaffoo qabee namoonni hedduun qe’ee ofii irraa buqqa’anii fi godaanan yeroo rakkoon addunyaa mudatu biyyoota simannaa godhan kan jalqabaa ti.Kanaaf jecha biyyoonni miseensota gamtaa Awrooppaa 28 godaantota kuma 160tti tilmaaman biyyoota miseensa ta’an keessa qubsiisuuf walii galaniiru. Waggoota lamaan itti aanan keessa Girikii fi Xaaliyaanii keessa kan turan baqattoonni fi godaantonni kan dhimmi isaanii fudhatama argatee fi kanneen dahata siyaasaa gaafatan ta’a.Biyyoota andaara galaanaa jiran kana irraa godaantonni fi baqattoonni biyyoota ka biroo keessa akka qubatan gochuuf biyyoonni miseena gamtaa Awrooppaa waliin ta’uun itti gaafatama isaanii akka ba’an tattaaffiin jalqabamee jira. Jarmayaa baqattoota kan tokkummaa mootummootaatti dubbi himaan Awropa gama kibbaa Karlaataa Saamii baqattootaa fi godaantota kana qubsiisuuf karoorri jiru baatii dhiyoo keessa simannaa kan argate ta’uu beeksisaniiru. 

Tuesday, 6 October 2015

Muummichi Ministera Itoophiyaa, Haylamaaraam Dassaalenyi, Kaabinee miseensota 30 Of Keessaa Qabu Ifa Godhe. Kabineewwaan Mudamaan Keessa OPDO Namoota 8tu Argama.

Muummichi Ministera Itoophiyaa, Haylamaaraam Dassaalenyi, kaabinee miseensota 30 o fkeessaa qabu ifa godhe. Kabineewwaan mudamaan keessa OPDO  nama 8tu argama. Namoonnii kuni namoota hojiif ta'aan osaa hin taanee maqaaf kan ta'aanidha.


Guyyaa kalessaa Muummichi Ministeraa marsaa lammaffaaf biyyattii akka bulchu, itti aanaa   isaa Dammaqaa  Mokkoniniin  kaadhimamee sagalee paarlaamaa guutuun filameera.  Ob. Haylamaaram Dassaalenyi waggoottan shanan dhufaniif mataa mootummaa Itoophiyaa ta’ee tura. Bifuma wal fakkaatuun, Obboo  Abbaaduulaa Gammadaa, si’a lammaffaaf Afyaa’ii mana maree Itoophiyaa ta’uudhaan filatameera.
A. Maqaa ministerootaa:
1. Demeke Mekonnen (Amaara), itti-aanaa Muummicha Minsteraa fi itti gaafatamaa dhimmoota hawaasumama;
2. Debretsion G. Michael (Tigraay), itti-aanaa Muummicha Minsteraa fi ministera Odeeffannoo Teknolojii;
3. Aster Mamo (Oromoo), itti-aantuu Muummicha Minsteraa fi minister of tajaajila hawaasaa;
4. Sirag Fergessa (Silxee), ministera Ittisaa;
5. Tewodros Adhanom (Tigraay), ministera Haajaa Biyya-alaa;
6. Kassa T. Brehan (Agaawu), ministera Dhimmoota Federaalaa;
7. Getachew Ambaye (Amaaraa), ministera Haqaaa;
8. Abdulaziz Mohammed (Oromoo), ministera Maallaqaafi Diinagdee;
9. Tefera Derebew (Amaara), ministera Qonnaafi misooma Qabeeya uumaa;
10. Shiferaw Shigute (Sidaamaa), ministera Barnootaa;
11. Abiy Ahmed (Oromoo); ministera Saayinsiifi Teknolojii;
12. Ambachew Mekonnen (Amaaraa), ministera Ijaarsaa;
13. Ahmed Abetew (Amaaraa), ministera Industirii;
14. Worqneh Gebeyehu (Oromoo), ministera Geejjibaa;
15. Damitu Hambissa (Oromoo), ministera Worshaalee Mootummaa;
16. Yacob Yalla (Gaamoo), ministera Daldalaa;
17. Tollosa Shagi (Oromoo), ministera Albuudaa, Anniisaafi Boba’aa;
18. Sileshi Getaneh (Oromoo), ministera Misooma Horiifi Qurxummii;
19. Kesetebrehan Admasu (Guraagee), ministera Fayyaa;
20. Abdulfetah Abdulahi (Somaalee), ministera Hujiifi Dhimma Hawaasummaa;
21. Mekuria Haile (Guraagee), ministera Misooma Manaafi Magaalotaa;
22. Motuma Meqassa (Oromoo), ministera Bishaan, Jallisiifi Eletiriikii;
23. Aisha Moussa (Afaar), ministera Aadaafi Turizimii;
24. Shiferaw T. Mariam (Hadiyyaa), ministera Tika Naannooofi Bosonaa;
25. Zenebu Taddese, ministera Ijoolleefi Dubartii;
26. Redwan Hussien (Silxee), ministera Dargaggootaafi Ispoortii;


B. Daayireektaroota sadarkaa ministeraatti tajaajilan:
1.Beker Shalle (Oromoo), daayireektara Abbaa Taayitaa Galiiwwan Itoophiyaa
2. Getachew Reda (Tigraay), daayireektara dhimmoota Wolqunnamtii Mootummaa;
3. Yinager Dessie (Amaaraa), Komishinar Komishiinii karoora Biyyoolessaa;
4. Asmelash W. Sellasie (Tigraay), mataa Naamumsa Mootummaa.

Thursday, 1 October 2015

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman


Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman
Yaa’iin 2ffaan Caffee Oromiyaa obbo Muktaar Kadir Abbaa Bulguu bara hojii caffee itti aanutti akka tajaajilaniif sagalee guutuudhaan filateera.
Obbo Muktaar Kadir yeroo haaromsaa irraa eegalee sadarkaa hojii adda addaa irratti ummata tajaajilaa akka turan bakka bu’aan mootummaa obbo Dhaabaa Dabalee  wayita seenaafi bara tajaajilaa obbo Muktaar dhiyeessanitti dubbataniiru.
Obbo Muktaar  sadarkaa hooggansaa adda addaa irra kan turan yammuu ta’u waggaa tokkoofi walakkaaf pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.
Dura taa’aa dhaabbata Demookratawa Ummata Oromoo ta’uun dhiyeeya kana filataman obbo Muktaar Kadir sadarkaa baruumsaatiiniitiin Yuuniivarstii Siiviil Sarvisiifi yuuniivarstii biyya Ameerikaa tokko irraa digirii lammaffaa akka qabanis eerameera.
Pireezidaant Obbo Muktaar sagalee guutuu hirmaattoota yaa’ichaatiin erga filatamanii booda pireezidaantii mana murtee waliigalaa Oromiyaa obbo Damoozee Maammeetin waadaa galaniiru.
Pireezidaant Muktaar waadaa erga galanii booda haasawa dhageessiisaniin Imaanaa Ummata Naannoo Oromiyaatiin natti kenname ga'uumsaan ba'uuf kutannoodhaanan hojjedha jedhaniiru.
Caffichi muudama itti aanaa pireezidaantiifi hoogganaa biiroo siivil sarvisiifi bulchiinsa gaarii Oromiyaa hooggantoota biirooleefi ejensii akkasumas abbootii taayitaa gara garaa pireezidaant Muktaariin dhiyaataniifis raggaasiseera.
Akkaatuma kanaan:
1.obbo Isheetuu Dasee itti aanaa pireezidaantiifi hoogganaa biiroo siiviil sarvisiifi bulchiinsa gaarii 
2.Obbo Dhaabaa Dabalee sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti- itti waamamaa mootummaa
3.obbo Zalaalam Jamaanah sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti hoogganaa biiroo qonnaa
4.Obbo Umar Huseensadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti- hoogganaa biiroo Induusstiriifi mismma Magaalaa
5.Obbo Salamoon Kuchuu- hoogganaa biiroo bulchiinsaafi Nageenyaa
6.Obbo Shaalloo Dhaabaa-hooggnaa biiroo eegumsa fayyaa
7.Addee Aziizaa Abdii-hooggantoo biiroo dhimma Dargaggootaafi Ispoortii
8.Obbo Fiqaaduu Tasammaa hoogganaa biiroo dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa
9.Addee Loomii Badhoo-hooggantuu biiroo Daldalaafi misooma gabaa
10. Addee Mahaabuubaa Adam-hooggantoo Biiroo Haqaa
11.Adde Hiruut Biraasaa-hooggantuu biiroo dhimma Dubartootaafi Daa’imanii
12.Obbo Daanyaachaw Shifarraaw hoogganaa ejensii babal’ina waldaalee hojii gamtaa 
13 Obbo Dirribuu Jamaal-hoogganaa biiroo lafa baadiyaafi eegumsa naannoo
14.Obbo Wardii Hashim-hoogganaa biiroo Bishaan albuudaafi anniisaa
15.Obbo Eelamaa Qaammee-hoogganaa biiroo maallaqaafi misooma diinagdee
16.Obbo Geetuu Wayyeessaa-hoogganaa biiroo aadaafi turiizmii
17.Obbo Margaa Fayyisaa-hoogganaa Biiroo Barnootaa
18.Obbo Mahaammad Jiloo-hoogganaa biiroo dhimma hojjetaafi hawaasummaa
19.Dr.Saahiluu Muluu-hoogganaa biiroo  misooma beelladaafi qurxummii
20.Obbo Milkeessaa Jaagamaa hoogganaa ejensii intarpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa
21.Obbo Abarraa Ol’aanaa-koomishinara koomishiinii teeknikaafi baruumsa ogummaa
22.Obbo Jamaal Abbaasoo hoogganaa Abbaa taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa
23.Obbo Yohaannis Dinqaayyoo-hoogganaa Abbaa taayitaa galiiwwanii
24.Obbo Musxafa Kadir-hoogganaa Abbaa taayitaa geejibaa
25.Obbo Gutaa Laanchooree hooggnaa waajjira pireezidaantii Oromiyaa ta’uun sagalee guutuudhaan muudamaniiru