Maalummaa Odaa
Aadaafi Seenaa Oromoo keessatti Odaan akka madda nagaafi mallattoo eenyummaafi tokkummaa Oromootti ilaalama.
Odaan faayidaa amantiifi siyaasa Oromoo keessatti qaburra kan ka’e mukoota jiran keessa baay’ee kabajamaafi eebbifamaadha.
Odaan uumamaan muka lalisaa biftisaa harbuu ykn qilxuu fakkaatuufi umurii dheeraa qabuudha.
Muki kun yoo caamsaan dheeratelee hingogu. Kana malee uumamaan lafa jala bakka bishaan ykn jiidhinsi jirutti biqila.
Guddinnisaa hanga tokko ol ka’ee dameen isaa waan waggaa waggaan dalga dagaaguuf bal’atee gaaddisa ta’uun namaafi looniif madda qabbanaati.
Gaaddisni Odaa iddoo Ayyaanni Muudaa ittiraawwatamuufi miseensonni Gadaa Sirna Ayaana ce’umsaa itti sirneefatuudha.