Tuesday, 29 November 2016

Maqaa Tokkummaan Gandummaa Ijaaruun Eenyuun Bilisaa Baasuufi? Qabsoon Isaa Kaami?

Ibsa Eejjeennoo Dhunfa
Dhaabbillee Siyaasafi Ilmaan Oromoo Biyyoota Diyaaspoora Keessa Jiraanif.
Dhimmi Kutaaleen Wal Ijaaruun Dogoggoora

 Naannoo fi amantaan akka wal qoodaan taassisuu fi akkasumas Oromoon sammuun isaa naannoo fi amantaan wal-qoodinsa kana keessatti kan hirmaatuu fi babalisu martu, farra qabsoo uummata Oromoo fi diinan kan waliif galeedha. Oromoon haara cunqurfamuu ilmaan isaaf garaan isaa kan gubatu, akkasumas wareegamuu ilmaan Oromoo fi gatii obbolloonni keenya, abbootiin keenya darban baasan kan yaada isaa keessaa qabu, tokko wal qoodinsa kana irratti samuun isaa boqonnaa hin qabu. Keessumatuu Oromummaan naannoodhaan wal-qoodinsa keessa hin jiru. Kuni maala mootummoonni Habaasha jarraa hedduuf ittin nu garboomsaanidha. Oromummaan dhiigani malee, Oromummaan bakkaan hin daangeffamu. Oromoon Aarsii,wallagaa Baalee, Booranaa, Harar, Shawaa, Jimmaa, Illuu waltumsee ykn gamtaadhaan mirga Oromoof falmuutu irraa eegama maalee dhaabba gandaafi qabsoo gandaa hin ijaaratu. Naannoon wal qoodinsa keessa garuu waan dhokate tokkotu jira. Keessatuu biyya ambaa keessa jiraacha yommuu wal qooduu, waanti dursi itti kennamu, lamii Oromummaa osoo hin taane, bakkatu iddoo olaanaa fudhata . Dinna baqaate ba’ee ofi dina walitti ta’aa. Ani Oromoodha, jechuun of ibsuu ni danda’a. Ani horroodha, Aarsiidha, Baaleedha, Shawaadha, Walagaa lixxaati, Haarari, walloo ……himni jedhu eenyummaa keenya hin ibsu. Namni sammuun isaa dhugumaan Oromummaatti amanu kanaan of hin ibsu. Namooni akkasitti wal qoodinsa kanatti hirkatanii Oromummaa wamachaa gandumaa leellistaan, eenyuun bilisaa baasuuf deemtu laata? Gama dhaabbaanis yoo ta’ee abbaan barbaadee dhaabba barbadee ijaarachuufi deegaru ni danda’a. Garuu, dantaa dhunfaafi gandumaa keessa ba’uun itti jira. Kanaaf, nun kan tokko nu taassisuu, Oromummaa keenya malee naannoon miti. Toftaan kanneen lammiin Oromoo hin taane itti fayyadamanis ta’ee, diinni Oromoo itti fayyadamu, akka Oromoon wal qooduuf kan gummaacha godhan carraa kanatti fayyadamuuni. Akkasumas, yeroo tokko namoota tokko tokkoo biraati Maqaa Oromoon socho’uunifi naannoo Oromiyaa himaachun kan socho’aantu jira. Isaan kun dubnii isaani Oromoo keessa isaani dinaa akka ta’aan wal namaa hin gaafachisu. Harras egaa mee Oromoo kan ta’ee martuu mee dhaabatee of haa illaalu. Tokkummaan keenya humna, Walii galteen Oromoo gidduu akka hin jiraanneef bakkaan akka wal qoodnu kanneen kana keessatti hirmaatanii fi kan kana babalisaan kaayyoo diinaa galamaan gahuu fi Oromummaa awwaaluuf kanneen qooda fudhataniidha. Namni yaada kana keessa jirus haaraa illaalcha isaa haa sirreeffatu. Kanaaf isa kana irratti damaqnee tokkummaa keenya haa ijaaru. Wallaalaa keenya haa gorfannuu, warra illaalcha akkasii qaban jijjiirama akka fidaniif haa barsifnu. 
Dhumaarraatti namoota Oromoo ta’aanii dantaa dhunfaaf jechaa Uumataa addaan facaasanif mirgaa uummataa keenya dhibaanif waamichi nuti goonu yaada isaani jijjiirachuun of akka ilaalanifi mirgaa uummata isaani akka kabajichisaanidha. Kana, malees, beektootni ilmaan Oromoos dhimma qoodinsa naannoofi dantaa keessa harkaa fudhaadha addarra uummataaf hojedha.
Galatooma!!
abdiko398@gmail.com

Friday, 18 November 2016

Ilmaan Oromoo Hundumtuu Lammii Keenyaa Du'aa Olchinu! Lammituu Lammif Dhigaa!!!

WAAMICHA OROMUMMAA
Namoonni armaan gaditti maqaan isaanii tarreeffamee jiran kunneen Oromoota yeroo ammaa kanatti gammoojjii Liibiyaa keessatti namoota qaama namaa ciranii gurguraniin qabamanii yeroo ammaa kanatti du'aafii jireenya gedduu jiru. Oromoonni kunneen tokkoon tokkoon isaanii maallaqa USD,$5500, kan gaafataman yoo ta'u namoonni kun waan kana kanfaluuf humnallee kan hin qabne ta';uu irraa kan ka'e warri isaan ukkamsanii jiran kun gara qaama isaanii ciranii gurgurachuutti deemaa jiru.
Kanarraa kan ka'e waamicha Oromoota addunyaalessa guutuu,kominiitiilee (dhaabbilee hawaasummaa) biyyoota addunyaa garaagaraa keessan jiran mara nu qaqqabaa jechuun waamicha deeggarsaa dhiyeeffachaa jiru.jalqabarra namoota 16 yoo ta'an lama kanfalanii bahuun 14 hafanii jiru.waan kana miidiyaaleen addunyaa marti dabarsaa jira.
Kanaaf qaamni namoota kana gargaaruu dandeessaniifi fedhii qabdan koree gargaarsa kanaaf biyya Masrii keessatti dhaabbate :
1. Obbo Yaazoo Kabbabaa Hordofaa(Qindeessaa kominiitii
CBTOBM/UORA) +201126784551
2. Obbo Abdoo Mahaammad (Qindeessaa kominitii
WBOBM/OSRA) +201117736848
3. Obbo Nasrallaa Abduu (+201156887433)
4. Obbo Hassan Huseen (+201145599188)
5. Obbo Gammachuu Bantii (+201115526948)
quunnamuu dandeechu.
Ulfaadhaa!
1.Birhane Bach ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
2.Jibril Hussein ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
3.Mujahid Ali ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
4.Mussa Halkano ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
5.Hussen Nagawo ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
6. Harun Kedir ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
7. Mohammed Mustefa ( wallaggaa dhihaa aanaa Beegii)
8. Ahmed Abdella (Baalee Annaa Gaasaraa)
9.Tajudin Adama (Baalee Annaa Gaasaraa)
10.Yusuf Tamam (Baalee Annaa Gaasaraa)
11.Abdureshid Usman (Baalee Annaa Gaasaraa)
12.Yunus Usmael (Baalee Annaa Gaasaraa)
13.Mahammed Abdirri (Baalee Annaa Gaasaraa)
14.Miftah Abdulkadir (Baalee Annaa Gaasaraa)

Saturday, 5 November 2016

Seenaa Sochii Barattoota Oromoo Kan Bara Wayyaanee Keessatti Yeroo Duraaf Fincilli Sadarkaa Biyyattii fi Alatti Dhagahamuu Danda'e Kan Eegale Yoom Irraati?

  Seenaasochii barattoota Oromoo kan bara Wayyaanee keessatti yeroo duraaf fincilli sadarkaa biyyattii fi alatti dhagahamuu danda'e kan eegale yoom irraa ti?
         
Boruu Barraaqaa
                    Seenaasochii barattoota Oromoo kan bara Wayyaanee keessatti yeroo duraaf fincilli sadarkaa biyyattii fi alatti dhagahamuu danda'e kan eegale yoom irraa ti?
1) Bara 2000 - Wayta san barattoonni yuniversiitii ibidda bosona Baalee, Booranaa, Harargee fi bakkoota birootti qabsiifame dhaamsina jedhanii bobba'uuf gaafannaan yoo mootummaan dhoorku fincila guutuu Oromiyaa geggeessan. 

2) Bara 2001 - Barataa Oromoo Yunivesiitii Maqaleetti ajjeefame tokkoon wal qabatee finicilli jabaan Yuniversiitii Finfinneetti dhalate. Barattoota Oromoo qofa osoo hin taane hundumatu fincile. Wayyaaneen wayta kana barattoota 41? ajjeefte. Fincilli sun guutuu Oromiyaatti babal'ate. Ani illee akka mataa kootti fincila san qindeessuudhaan yakkamee ji'a Bitootessaa keessa qabamee baatii 5 hidhamee biyyaa bahuu koofuu sanitu sababa tahe.
3) Bara 2002 - Barataan Oromoo tokko (yuniversitii kamitti akka tahe dagadheera) ajjeefamuu hordofee Oromiyaa mara keessati fincilli torbaanotaaf lafa raase barattootaan geggeeffame.
4) Bara 2004 - Magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamaa dabarsuu irratti fincila hanga yeroo sanitti morkataa hin qabnetu guutuu Oromiyaa keessatti torbaanotaaf deeme. Qoodni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa wayta kanatti akkaan olaanaa ture.
5. Bara 2005 - Filmaata barasii booda hudha wal qabuu Wayyaanee fi CUDtiin wal qabatee sagaleen qabsoo Oromoo biyyattii keessatti dagatamuu irraa ABOdhaan labsame. Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) jedhamee moggaafamee Sadaasa 9, 2005 labsame. Fincilli kun irra guddaatti laguu gabaatiin hojii irra oolaa ture. Akka waan fincilli diddaa Oromoo bara 2005 eegaletti warri kaasuu barbaaddan dhugaa kana akka of duuba deebitanii yaadattaniifi.
Finciloota barattoota Oromoo kan kaleessaa hanga har'aa hundumaa keessatti lubbuun gootota keenyaa ni yaadatamu.

Seenaa sochii barattoota Oromoo kan bara Wayyaanee keessatti yeroo duraaf fincilli sadarkaa biyyattii fi alatti dhagahamuu danda'e kan eegale yoom irraa ti?