Monday, 3 October 2016

Uummaatni Oromoo Mirga Abbaa Biyyumma Isaa Mirkanneeffachuuf Maal Gochu Qabaa?

Suurra Warreegamtoota 02/10/2016 Bushooftu
Uummatni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachuu kan danda'uu kana booda tarkanfi dudeebii hin qabnee dinna irratti fudhachu qaba.
Jalqaba irratti tarkaanfiin fudhatamu qabu jalaa deemtu mootumma waayyaanee kan taate Dhaabba OPDO ummataa Oromoon bakka bu'ee ofiin jettu kana Oromiyaa keessa dhabamsisuudha. Akkuma Oromoon " mormii mata abbaa hin baane citee haa baduu" jedhamu kana booda OPDO obsa ummataa keenya fixaachiste jirti hundeen buqa'u qabdi.
Tarkaanfiin lammaaffaan Uummanni keenya tokkummaan fudhachu qabu gara hidhaannooti seenuun mootummaa faashisti waayyaannee ofi irra fonqolchuudha. Kunis waan qabaanin dinna dura dhabachuudha malee harkaa duwwaan kara nagaan sagalee ofi dhageessiffachuun erga du'a ta'e waan qabaanin itti duludhaan tarkanfi irratti fudhachuudha.
Uummaanni keenya hubachuu kan qabu kaayyoon waayyaanee inni guddaan uummata Oromoo xiqqeessuufi lafarra dhabamsisuun dachee Oromiyaa dhaalu akka ta'e gadi fageenyan hubaachuu nurra jira. Kun immoo gonkuma akka hin danda'aamnee waan argaanif yeroo gababaa keessatti balleessani gara Tigraayiti galuuf akka murteeffataan dhokataa miti.
                                    Injiffannoon Kan Uummata Oromooti